< 1 Qorontos 1 >

1 Phaawulos isa akka ergamaa Kiristoos Yesuus taʼuuf fedhii Waaqaatiin waamamee fi obboleessa keenya Soosteenes irraa,
παυλος κλητος αποστολος ιησου χριστου δια θεληματος θεου και σωσθενης ο αδελφος
2 Gara waldaa Waaqaa ishee Qorontos keessa jirtuutti, gara warra Kiristoos Yesuusiin qulqulleeffamanii fi warra lafa hundaa kanneen maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos isa Gooftaa isaaniitii fi Gooftaa keenyas taʼe sanaa waammatan hunda wajjin qulqulloota taʼuuf waamamaniitti:
τη εκκλησια του θεου τη ουση εν κορινθω ηγιασμενοις εν χριστω ιησου κλητοις αγιοις συν πασιν τοις επικαλουμενοις το ονομα του κυριου ημων ιησου χριστου εν παντι τοπω αυτων τε και ημων
3 Ayyaannii fi nagaan Abbaa keenya Waaqaa fi Yesuus Kiristoos Gooftaa irraa isiniif haa taʼu.
χαρις υμιν και ειρηνη απο θεου πατρος ημων και κυριου ιησου χριστου
4 Ani yeroo hunda ayyaana Waaqaa isa Kiristoos Yesuusiin isinii kennameef waaʼee keessaniif Waaqa nan galateeffadha.
ευχαριστω τω θεω μου παντοτε περι υμων επι τη χαριτι του θεου τη δοθειση υμιν εν χριστω ιησου
5 Isinis karaa hundaan jechuunis dubbii fi beekumsa hundaan isaan badhaataniirtu;
οτι εν παντι επλουτισθητε εν αυτω εν παντι λογω και παση γνωσει
6 wanti nu waaʼee Kiristoos dhugaa baane sun isin gidduutti mirkaneeffameeraatii.
καθως το μαρτυριον του χριστου εβεβαιωθη εν υμιν
7 Kanaafuu utuu mulʼachuu Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos eeggachaa jirtanuu kennaan hafuuraa tokko iyyuu isin jalaa hin hirʼatu.
ωστε υμας μη υστερεισθαι εν μηδενι χαρισματι απεκδεχομενους την αποκαλυψιν του κυριου ημων ιησου χριστου
8 Akka isin guyyaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti warra mudaa hin qabne taataniifis inni hamma dhumaatti jabeessee isin eega.
ος και βεβαιωσει υμας εως τελους ανεγκλητους εν τη ημερα του κυριου ημων ιησου χριστου
9 Waaqni gara tokkummaa Ilma isaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoositti isin waame sun amanamaa dha.
πιστος ο θεος δι ου εκληθητε εις κοινωνιαν του υιου αυτου ιησου χριστου του κυριου ημων
10 Yaa obboloota, ani akka isin gidduu gargar baʼuun hin jiraannee fi akka qalbii fi yaada tokko qabaattanii hundi keessan walii galtaniif maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin isin kadhadha.
παρακαλω δε υμας αδελφοι δια του ονοματος του κυριου ημων ιησου χριστου ινα το αυτο λεγητε παντες και μη η εν υμιν σχισματα ητε δε κατηρτισμενοι εν τω αυτω νοι και εν τη αυτη γνωμη
11 Yaa obboloota ko, akka isin gidduu lolli jiru warri mana Kiloʼee jiraatan tokko tokko natti himaniiru.
εδηλωθη γαρ μοι περι υμων αδελφοι μου υπο των χλοης οτι εριδες εν υμιν εισιν
12 Wanti ani jedhus kana: Isin keessaa namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedha; inni kaan, “Ani kan Apholoos” jedha; kaanis, “Ani kan Keefaa ti” jedha; kaan immoo, “Ani kan Kiristoos” jedha.
λεγω δε τουτο οτι εκαστος υμων λεγει εγω μεν ειμι παυλου εγω δε απολλω εγω δε κηφα εγω δε χριστου
13 Kiristoos gargar qoodameeraa? Phaawulositu isinii fannifame ree? Yookaan maqaa Phaawulosiin cuuphamtanii?
μεμερισται ο χριστος μη παυλος εσταυρωθη υπερ υμων η εις το ονομα παυλου εβαπτισθητε
14 Ani Kiriisphoosii fi Gaayoosin malee isin keessaa nama tokko illee waan hin cuuphiniif Waaqa nan galateeffadha.
ευχαριστω τω θεω οτι ουδενα υμων εβαπτισα ει μη κρισπον και γαιον
15 Kanaaf namni akka isin maqaa kootiin cuuphamtan dubbachuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.
ινα μη τις ειπη οτι εις το εμον ονομα εβαπτισα
16 Eeyyee, ani warra mana Isxiifaanaas jiraatanis akkasuma cuupheera; sanaan alatti nama biraa tokko illee cuuphuu koo hin yaadadhu.
εβαπτισα δε και τον στεφανα οικον λοιπον ουκ οιδα ει τινα αλλον εβαπτισα
17 Kiristoos akka ani wangeela lallabuuf malee akka ani cuuphuuf na hin ergineetii; anis akka fannoon Kiristoos humna hin dhabneef dubbii ogummaa namaatiin hin lallabu.
ου γαρ απεστειλεν με χριστος βαπτιζειν αλλ ευαγγελιζεσθαι ουκ εν σοφια λογου ινα μη κενωθη ο σταυρος του χριστου
18 Dubbiin fannoo warra baduuf jiraniif gowwummaadhaatii; nu warra fayyinuuf garuu humna Waaqaa ti.
ο λογος γαρ ο του σταυρου τοις μεν απολλυμενοις μωρια εστιν τοις δε σωζομενοις ημιν δυναμις θεου εστιν
19 Kunis, “Ani ogummaa ogeeyyii nan balleessa; hubannaa hubattootaas nan fashaleessa” jedhamee barreeffameera.
γεγραπται γαρ απολω την σοφιαν των σοφων και την συνεσιν των συνετων αθετησω
20 Namni ogeessi eessa jira? Hayyuun eessa jira? Falaasamaan bara kanaa eessa jira? Waaqni ogummaa addunyaa kanaa gowwummaa hin goonee ree? (aiōn g165)
που σοφος που γραμματευς που συζητητης του αιωνος τουτου ουχι εμωρανεν ο θεος την σοφιαν του κοσμου τουτου (aiōn g165)
21 Sababii ogummaa Waaqaatiin addunyaan karaa ogummaa isheetiin Waaqa waan hin beekiniif, Waaqni gowwummaa lallabaatiin warra amanan fayyisuu jaallate.
επειδη γαρ εν τη σοφια του θεου ουκ εγνω ο κοσμος δια της σοφιας τον θεον ευδοκησεν ο θεος δια της μωριας του κηρυγματος σωσαι τους πιστευοντας
22 Yihuudoonni mallattoo fedhu; Giriikonni immoo ogummaa barbaadu;
επειδη και ιουδαιοι σημειον αιτουσιν και ελληνες σοφιαν ζητουσιν
23 nu garuu Kiristoos isa fannifame sana lallabna; innis Yihuudootatti gufuu dha; Namoota Ormaatiif immoo gowwummaa dha;
ημεις δε κηρυσσομεν χριστον εσταυρωμενον ιουδαιοις μεν σκανδαλον ελλησιν δε μωριαν
24 warra waamamaniif garuu Yihuudootaafis taʼu Giriikotaaf Kiristoos humna Waaqaatii fi ogummaa Waaqaa ti.
αυτοις δε τοις κλητοις ιουδαιοις τε και ελλησιν χριστον θεου δυναμιν και θεου σοφιαν
25 Gowwummaan Waaqaa ogummaa namaa caalaa ogeessaatii; dadhabbiin Waaqaas jabina namaa irra jabaa dha.
οτι το μωρον του θεου σοφωτερον των ανθρωπων εστιν και το ασθενες του θεου ισχυροτερον των ανθρωπων εστιν
26 Yaa obboloota, isin yeroo waamamtanitti maal akka turtan yaadadhaa. Akka ilaalcha namaatti baayʼeen keessan ogeeyyii hin turre; baayʼeen keessanis beekamoo hin turre; baayʼeen keessan immoo sanyii warra gurguddaa irraa hin dhalanne.
βλεπετε γαρ την κλησιν υμων αδελφοι οτι ου πολλοι σοφοι κατα σαρκα ου πολλοι δυνατοι ου πολλοι ευγενεις
27 Waaqni garuu ogeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti gowwaa taʼe filate; Waaqni warra jajjabeeyyii qaanessuuf jedhee waan addunyaa irratti dadhabaa taʼe filate.
αλλα τα μωρα του κοσμου εξελεξατο ο θεος ινα τους σοφους καταισχυνη και τα ασθενη του κοσμου εξελεξατο ο θεος ινα καταισχυνη τα ισχυρα
28 Waaqni waan jiru waan hin jirre gochuuf, waan addunyaa kana irratti gad aanaa fi tuffatamaa taʼe, waan iddoo hin qabnes filate;
και τα αγενη του κοσμου και τα εξουθενημενα εξελεξατο ο θεος και τα μη οντα ινα τα οντα καταργηση
29 kunis akka eenyu iyyuu isa duratti of hin jajneef.
οπως μη καυχησηται πασα σαρξ ενωπιον αυτου
30 Isin sababii isaatiin kan Kiristoos Yesuus taatan; inni ogummaa keenya kan Waaqa biraa dhufe jechuunis qajeelummaa keenya, qulqullummaa fi furii keenyaa dha.
εξ αυτου δε υμεις εστε εν χριστω ιησου ος εγενηθη ημιν σοφια απο θεου δικαιοσυνη τε και αγιασμος και απολυτρωσις
31 Kunis akkuma, “Namni boonu Gooftaadhaan haa boonu” jedhamee barreeffamee dha.
ινα καθως γεγραπται ο καυχωμενος εν κυριω καυχασθω

< 1 Qorontos 1 >