< 1 Seenaa 9 >

1 Israaʼeloonni hundinuu akkuma hidda dhaloota isaaniitti kitaaba mootota Israaʼel keessatti galmeeffaman. Sabni Yihuudaa sababii cubbuu isaatiif boojiʼamee Baabilonitti geeffame.
全以色列都統計了,且記載在以色列列王實錄上。[充軍後耶路撒冷的居民]猶大人因犯罪作惡被擄往巴比倫去。
2 Warri jalqabatti deebiʼanii lafaa fi magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan Israaʼeloota tokko tokko, luboota, Lewwotaa fi tajaajiltoota mana qulqullummaa ti.
最初回來住在自己城內復業的,是以色列人、司祭、肋未人和獻身者。
3 Saboonni Yihuudaa, kan Beniyaamii, kan Efreemii fi kan Minaasee warri Yerusaalem keessa jiraachaa turan:
遷回耶路撒冷的,有猶大、本雅明、厄弗辣因和默納協的子孫。
4 Uutaayi ilma Amiihuud, ilma Omrii, ilma Imrii, ilma Baanii ilmaan Faares ilma Yihuudaa.
猶大的子孫中有:阿米胡得的兒子烏泰;阿米胡得是敖默黎的兒子,敖默黎是依默黎的兒子,依默黎是巴尼的兒子,巴尼是猶大的兒子培勒茲的兒子。
5 Shelaanota keessaa: Asaayaa ilma isaa hangaftichaa fi ilmaan isaa.
舍拉人中,有長子阿撒雅和他的兒子們;
6 Zaaraahota keessaa: Yeʼuuʼeel. Saboonni Yihuudaa nama 690 turan.
則辣黑的子孫中,有耶烏耳。他們同族兄弟共計六百九十人。
7 Beniyaamota keessaa: Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Hoodayiwaa, ilma Hasenuuʼaa;
本雅明的子孫中,有默叔藍的兒子撒路;默叔藍是曷狄雅的兒子,曷狄雅是哈斯奴阿的兒子。
8 Bineeyaa ilma Yirooham; Eelaa ilma Uzii, ilma Mikrii; Meshulaam ilma Shefaaxiyaa, ilmaa Reʼuuʼeel, ilma Yibniyaa.
此外,尚有耶路罕的兒子依貝乃雅,烏齊的兒子厄拉;烏齊是米革黎的兒子;又有舍法提雅的兒子默叔藍,舍法提雅是勒烏耳的兒子,勒烏耳是依貝尼雅的兒子。
9 Sabni Beniyaam akka galmee hidda dhaloota isaanii irratti galmeeffametti nama 956 ture. Namoonni kunneen hundi hangafoota maatii isaanii turan.
按家系他們同族兄弟,共計九百五十六人:這些人都是各家族的族長。
10 Luboota keessaa: Yedaaʼiyaa; Yehooyaariib; Yaakiin;
司祭中,有耶達雅、約雅黎布、雅津,
11 Azaariyaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub qondaalticha itti gaafatamaa mana Waaqaa taʼe sanaa.
和希耳克雅的兒子阿匝黎雅;希耳克雅是默叔藍的兒子,默叔藍是匝多克的兒子、匝多克是默辣約特的兒子,默辣約特是阿希突布的兒子,阿希突布是天主聖殿之長。
12 Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaa; Maʼasaayi ilma Aadiiʼeel, ilma Yahizeeraa, ilma Meshulaam, ilma Meshileemiit, ilma Imeer.
此外,有耶洛罕的兒子阿達雅;耶洛罕是帕市胡爾的兒子,帕市胡爾是瑪耳基雅的兒子;還有阿狄耳的兒子瑪賽;阿狄耳是雅赫則辣的兒子,雅赫則辣是默叔藍的兒子,默叔藍是默史肋米特的兒子,默史肋米特是依默爾的兒子;
13 Baayʼinni luboota abbootii maatii turaniis 1,760 ture. Isaan kunneen namoota dandeettii qaban kanneen tajaajila mana Waaqaa keessatti itti gaafatamtoota taʼanii dha.
連他們同族的兄弟,家族的族長,共計一千七百六十人,為天主聖殿服務,都是有本領的人。
14 Lewwota keessaa: Shemaaʼiyaa ilma Hashuubii, ilma Azriiqaamii, ilma Hashabiyaa namicha gosa Meraarii sanaa;
肋未人中,有哈叔布的兒子舍瑪雅;哈叔布是阿次黎岡的兒子,阿次黎岡是哈沙彼雅的兒子:以上默辣黎的子孫。
15 Baqbaqar, Hereesh, Gaalaalii fi Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zikrii, ilma Asaafi;
還有巴刻巴卡、赫勒士、加拉耳和米加的兒子瑪塔尼雅;米加是齊革黎的兒子,齊革黎是阿撒夫的兒子;
16 Obaadiyaa ilma Shemaaʼiyaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun; Berekiyaa ilma Aasaa, ilma Elqaanaa kan gandoota Netoofotaa keessa jiraachaa ture sana.
還有舍瑪雅的兒子敖巴狄雅;舍瑪雅是加拉耳的兒子,加拉耳是耶杜通的兒子;還有阿撒的兒子貝勒基雅;阿撒是厄耳卡納的兒子;厄耳卡納居住在乃托法人的村莊內。
17 Eegdota balbalaa: Shaluum, Aquub, Talmoon, Ahiimanii fi obboloota isaanii; Shaluum hangafa gosa isaanii ture;
守門者中,有沙隆、阿谷布、塔耳孟和阿希曼;他們的兄弟沙隆為首,
18 innis hamma ammaatti Karra Mootii kan gama baʼaa biiftuutti ramadameera. Isaan kunneen eegdota balbala qubata Lewwotaa turan.
直到現今他們看守東面的王門;他們曾作過肋未營內的守門者。
19 Shaluum ilmi Qooraahi ilma Ebiyaasaaf, ilma Qoraahiitii fi maatiin isaa jechuunis gosti Qoraahii kanneen isa wajjin karra eegan sun akkuma abbootiin isaanii dur itti gaafatamtoota balbala mana bultii Waaqayyoo turan sana isaanis itti gaafatamtoota balbala dunkaanaa taʼan.
沙隆是科勒的兒子,科勒是阿彼雅撒夫的兒子,阿彼雅撒夫是科辣黑的兒子;他家族內的兄弟科辣黑人擔任敬禮的工作,看守會幕的門檻;他們的祖先曾在上主的軍營中防守營門。
20 Bara durii keessa Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar sun dura buʼaa eegdota balbalaa ture; Waaqayyos isa wajjin ture.
厄肋阿匝爾的兒子丕乃哈斯曾作過他們的首領。─願天主與他們同在!
21 Zakkaariyaas ilmi Mesheleemiyaa immoo eegduu balbala dunkaana wal gaʼii ture.
默舍肋米雅的兒子則加黎雅曾看守會幕的大門。
22 Namoonni akka balbala eeganiif filataman walumatti 212 turan. Isaanis akkuma hidda dhaloota isaaniitti gandoota isaanii keessatti galmeeffaman. Eegdota balbalaa kanneenis Daawitii fi Saamuʼeel raajichatu hojii isaaniitti isaan ramade.
被選看守門檻的,共計二百一十二人。他們曾在本村莊內登過記,達味和先見者撒慕爾給他們派定了這職務。
23 Isaanii fi sanyiiwwan isaanii itti gaafatamtoota eegumsa karra mana Waaqayyoo jechuunis manicha Dunkaana jedhamu sanaa turan.
他們和自己的子孫在天主的聖殿,即會幕門口任守衛之職,
24 Eegdonni balbalaa kunneen qixa afraniin jechuunis karaa baʼa biiftuu, karaa lixa biiftuu, karaa kaabaatii fi kibbaatiin turan.
守衛東西南北四方的大門。
25 Obboloonni isaaniis yeroo yerootti gandoota isaanii keessaa dhufanii bultii torba torba hojii isaan gargaaraa turan.
在村莊住的同族兄弟,每七天應依時來同他們換班,
26 Dura buutota eegdota balbalaa kanneen Lewwota turan afran garuu itti gaafatamummaa kutaalee fi qabeenya mana Waaqaa keessaatu itti kenname.
因為四位守門之長是肋未人,應常值班看守天主聖殿的廂房和庫房。
27 Isaanis sababii manicha eeguu qabaniif halkan halkan naannoo mana Waaqaa dhaabatanii bulu turan; ganama ganamas manicha banuuf itti gaafatamummaa qabu turan.
所以應在天主聖殿的四周過夜,因為他們有守護和每晨開門的職責。
28 Isaan keessaa namoonni tokko tokko toʼattoota miʼa mana qulqullummaa keessatti fayyaduu turan; isaanis miʼa kana yeroo inni gad baafamuu fi yeroo inni ol galfamu ni lakkaaʼu ture.
他們中有些人照著行禮的器皿,依數取出,原數送回;
29 Warri kaan immoo akka miʼoota mana qulqullummaa, daakuu isaa, daadhii wayinii isaa, zayitii isaa, ixaana isaatii fi urgooftuuwwan eeganiif ramadaman.
有些人照管用具,即聖所內的一切用具,以及麵粉、酒、油、乳香和香料;
30 Luboota keessaa tokko tokko immoo urgooftuuwwan walitti makanii qopheessu ture.
但用香料配製香液是司祭子孫的職務。
31 Lewwicha Matiitiyaa jedhamu, ilma Shaluum namicha gosa Qooraahi hangaftichatti immoo itti gaafatamummaa buddeena aarsaa tolchuutu kenname.
肋未人瑪提提雅,科辣黑族人沙隆的長子,負責照管烤餅的事。
32 Obboloota isaanii Qohaatota tokko tokkotti immoo itti gaafatamummaa buddeena guyyaa Sanbataa hunda minjaala irra kaaʼamu qopheessuutu kenname.
他們的兄弟刻哈特的子孫,每安息日照料備製供餅的事。
33 Faarfattoonni abbootii maatiiwwani Lewwotaa turan immoo waan halkanii fi guyyaa itti gaafatamummaa hojii qabaniif kutaa mana qulqullummaa keessaa hin baʼan; hojii biraattis hin waamaman ture.
這些是歌詠員......肋未家族的族長,住在廂房內,不做別的事,只日夜執行自己的職務。
34 Isaan kunneen hundinuu abbootii maatiiwwan Lewwotaa hangafoota gosaa kanneen akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffamanii dha; isaanis Yerusaalem keessa jiraatan.
以上是肋未家族按家系,在耶路撒冷的族長。[撒烏耳的祖先和後裔]
35 Yeʼiiʼeel abbaan Gibeʼoonis Gibeʼoon keessa jiraata ture. Maqaan niitii isaa Maʼakaa dha;
住在基貝紅的,有基貝紅的父親耶依耳,他的妻子名叫瑪阿加。
36 ilmi isaa hangafni Abdoon jedhama; kanneen isa booddee dhalatan immoo Zuuri, Qiish, Baʼaal, Neer, Naadaab,
他的長子阿貝冬、其次是族爾,克士、巴耳、乃爾、納達布、
37 Gedoor, Ahiiyoo, Zakkaariyaas fi Miiqlooti.
革多爾、阿希約、則加黎雅和米刻羅特。
38 Miiqlooti abbaa Shimeʼaam. Isaanis firoota isaanii wajjin Yerusaalem keessa jiraatan.
米刻羅特生史曼;他們兄弟彼此為鄰,住在耶路撒冷。
39 Neer abbaa Qiishii ti; Qiish abbaa Saaʼolii ti; Saaʼol immoo abbaa Yoonaataan, Malkii-Shuwaa, Abiinaadaabiitii fi Eshbaʼalii ti.
乃爾生克士,克士生撒烏耳,撒烏耳生約納堂、瑪耳基叔亞、阿彼納達布和依市巴耳。
40 Ilmi Yoonaataan: Meriibaʼaal abbaa Miikaa ti.
約納堂的兒子:默黎巴耳;默黎巴耳生米加、
41 Ilmaan Miikaa: Phiitoon, Meleek, Tahireeʼaa fi Aahaaz.
米加的兒子:丕東、默肋客、塔勒亞和阿哈茲。
42 Aahaaz abbaa Yaʼiraa ti; Yaʼiraan immoo abbaa Aalemeti, Azmaawetiitii fi Zimrii ti; Zimriin immoo abbaa Moozaa ti.
阿哈茲生約阿達,約阿達生阿肋默特、阿次瑪委特和齊默黎;齊默黎生摩匝,
43 Moozaan abbaa Biineʼaa ti; Refaayaan ilma isaa ti; Eleʼaasaan ilma isaa ti; Aazeelis ilma isaa ti.
摩匝生彼納;彼納的兒子勒法雅,勒法雅的兒子厄拉撒,厄拉撒的兒子阿責耳;
44 Aazeel ilmaan jaʼa qaba ture; maqaan isaaniis: Azriiqaam, Bookeruu, Ishmaaʼeel, Sheʼariyaa, Obaadiyaa fi Haanaan. Isaan kunneen ilmaan Aazeelii ti.
阿責耳有六個兒子,他們的名字是:阿次黎岡、波革魯、依市瑪耳、沙黎雅、敖巴狄雅和哈南:以上是阿責耳的兒子。

< 1 Seenaa 9 >