< 1 Seenaa 7 >

1 Ilmaan Yisaakor: Toolaa, Phuwaa, Yaashuubii fi Shimroon; walumatti nama afur turan.
以薩迦的兒子是陀拉、普瓦、雅述、伸崙,共四人。
2 Ilmaan Toolaa: Uzii, Refaayaa, Yiriiʼeel, Yaahimaayi, Yibsaamii fi Shemuuʼeel; isaan kunneen hangafoota maatii isaanii ti. Bara mootummaa Daawit keessa ilmaan Toolaa warri hidda dhaloota isaaniitiin akka loltoota jajjabootti galmeeffaman nama 22,600 turan.
陀拉的兒子是烏西、利法雅、耶勒、雅買、易伯散、示母利,都是陀拉的族長,是大能的勇士。到大衛年間,他們的人數共有二萬二千六百名。
3 Ilma Uzii: Yizrahiyaa. Ilmaan Yizrahiyaa: Miikaaʼel, Obaadiyaa, Yooʼeelii fi Yishiyaa. Shanan isaanii iyyuu hangafoota turan.
烏西的兒子是伊斯拉希;伊斯拉希的兒子是米迦勒、俄巴底亞、約珥、伊示雅,共五人,都是族長。
4 Isaanis waan niitotaa fi ijoollee hedduu qabaataniif akka hidda dhaloota maatii isaaniitti namoota lolaaf qophaaʼan 36,000 qabu ture.
他們所率領的,按着宗族出戰的軍隊,共有三萬六千人,因為他們的妻和子眾多。
5 Firoonni loltoota jajjaboo turan kanneen balbalawwan Yisaakorii keessaa dhalatan warri akkuma hidda dhaloota isaaniitti galmeeffaman walumatti nama 87,000:
他們的族弟兄在以薩迦各族中都是大能的勇士,按着家譜計算共有八萬七千人。
6 Ilmaan Beniyaam sadan: Belaa, Bekerii fi Yediiʼeel.
便雅憫的兒子是比拉、比結、耶疊,共三人。
7 Ilmaan Belaa: Esboon, Uzii, Uziiʼeel, Yeriimootii fi Iirii walumatti shan turan; hangafoonni mana abbootii isaaniis gootota jajjaboo turan; galmeen hidda dhaloota isaanii namoota 22,034 argisiisa.
比拉的兒子是以斯本、烏西、烏薛、耶利摩、以利,共五人,都是族長,是大能的勇士。按着家譜計算,他們的子孫共有二萬二千零三十四人。
8 Ilmaan Beker: Zemiiraa, Yooʼaash, Eliiʼezer, Eliiyooʼeenayi, Omrii, Yereemooti, Abiyaa, Anaatootii fi Alaameti. Isaan kunneen hundi ilmaan Beker turan.
比結的兒子是細米拉、約阿施、以利以謝、以利約乃、暗利、耶利摩、亞比雅、亞拿突、亞拉篾。這都是比結的兒子。
9 Hangafoota mana abbootii isaanii kanneen akka dhaloota isaaniitti hidda dhaloota isaaniitiin lakkaaʼaman gootota jajjaboo 20,200 turan.
他們都是族長,是大能的勇士。按着家譜計算,他們的子孫共有二萬零二百人。
10 Ilmi Yediiʼeel: Bilihaan. Ilmaan Bilhaanii: Yeʼuushi, Beniyaam, Eehuud, Keniʼaanaa, Zeetaan, Tarshiishii fi Ahiishahar.
耶疊的兒子是比勒罕;比勒罕的兒子是耶烏施、便雅憫、以忽、基拿拿、細坦、他施、亞希沙哈。
11 Ilmaan Yediiʼeel kunneen hundi hangafoota maatiiwwanii turan. Isaanis namoota waraana dhaquuf qophaaʼan 17,200 qaban ture.
這都是耶疊的兒子,都是族長,是大能的勇士;他們的子孫能上陣打仗的,共有一萬七千二百人。
12 Gosti Shufiimiitii fi Hufiim ilmaan Iiri turan; Hushiim immoo ilma Aheerii ti.
還有以珥的兒子書品、戶品,並亞黑的兒子戶伸。
13 Ilmaan Niftaalemii: Yahiziiʼeel, Guunii, Yeexerii fi Shaluum; isaan kunneen sanyii Bilihaa ti.
拿弗他利的兒子是雅薛、沽尼、耶色、沙龍。這都是辟拉的子孫。
14 Ilmaan Minaasee: Asriiʼeel kan saajjatoon isaa isheen Arraamii dhufte sun deesseef. Isheenis Maakiir abbaa Giliʼaad deesse.
瑪拿西的兒子亞斯列是他妾亞蘭人所生的,又生了基列之父瑪吉。
15 Maakiir immoo gosoota Hufiimiitii fi Shufiim keessaa niitii fuudhe. Maqaan obboleettii isaas Maʼakaa ture. Sanyiin isaa kan biraa immoo Salphaʼaad jedhama; Zelofehaad intallan qofa qaba ture.
瑪吉娶的妻是戶品、書品的妹子,名叫瑪迦。瑪拿西的次子名叫西羅非哈;西羅非哈但有幾個女兒。
16 Maʼakaan niitiin Maakiirii ilma deessee maqaa isaa Phereesh jettee moggaafte. Obboleessi isaa Sheresh jedhama; ilmaan isaa immoo Uulaamii fi Reqem jedhaman.
瑪吉的妻瑪迦生了一個兒子,起名叫毗利施。毗利施的兄弟名叫示利施;示利施的兒子是烏蘭和利金。
17 Ilmi Uulaam: Bedaan. Isaan kunneen ilmaan Giliʼaadii ilma Maakiirii, ilma Minaasee sanaa ti.
烏蘭的兒子是比但。這都是基列的子孫。基列是瑪吉的兒子,瑪吉是瑪拿西的兒子。
18 Hamolekeeti obboleettiin isaa Iisihood, Abiiʼezerii fi Mahilaa deesse.
基列的妹子哈摩利吉生了伊施荷、亞比以謝、瑪拉。(
19 Ilmaan Shemiidaa immoo: Ahiiyaan, Sheekem, Likihii fi Aniyaam turan.
示米大的兒子是亞現、示劍、利克希、阿尼安。)
20 Ilmaan Efreem: Shuutelaa, ilma isaa Bereed, ilma isaa Tahaat, ilma isaa Eleʼaadaa, ilma isaa Tahaat,
以法蓮的兒子是書提拉;書提拉的兒子是比列;比列的兒子是他哈;他哈的兒子是以拉大;以拉大的兒子是他哈;
21 ilma isaa Zaabaadii, ilma isaa Shuutelaa. Eezerii fi Eliʼaad yeroo loon warra Gaati kanneen achi jiraatan sanaa boojiʼuuf gad buʼanitti harka jaraatiin ni ajjeefaman.
他哈的兒子是撒拔;撒拔的兒子是書提拉。以法蓮又生以謝、以列;這二人因為下去奪取迦特人的牲畜,被本地的迦特人殺了。
22 Efreem abbaan isaanii guyyaa hedduu booʼeef; firoonni isaas isa jajjabeessuu dhufan.
他們的父親以法蓮為他們悲哀了多日,他的弟兄都來安慰他。
23 Sana booddees dhaqee niitii isaa wajjin ciise; isheenis ulfooftee ilma deesse. Innis sababii maatii isaa keessa rakkinni tureef Beriiyaa jedhee maqaa baaseef.
以法蓮與妻同房,他妻就懷孕生了一子,以法蓮因為家裏遭禍,就給這兒子起名叫比利亞。
24 Intalli isaa immoo Sheeraa jedhamti; namni magaalaawwan Beet Horoonii kan gad aanuu fi kan ol aanu, akkasumas magaalaa Uzeen Sheeraa hundeesse ishee dha.
他的女兒名叫舍伊拉,就是建築上伯‧和崙、下伯‧和崙與烏羨‧舍伊拉的。
25 Refaa ilma isaa, Resheef ilma isaa, Teelaa ilma isaa, Taahan ilma isaa,
比利亞的兒子是利法和利悉。利悉的兒子是他拉;他拉的兒子是他罕;
26 Laʼadaan ilma isaa, Amiihuud ilma isaa, Eliishaamaa ilma isaa,
他罕的兒子是拉但;拉但的兒子是亞米忽;亞米忽的兒子是以利沙瑪;
27 Nuuni ilma isaatii fi Iyyaasuu ilma isaa.
以利沙瑪的兒子是嫩;嫩的兒子是約書亞。
28 Biyyoonnii fi ardaan qubata isaaniis Beetʼeelii fi gandoota naannoo ishee, karaa baʼa biiftuutiin Naʼaraan, karaa lixa biiftuutiin immoo Geezirii fi gandoota ishee akkasumas Sheekemii fi gandoota ishee kanneen hamma Ayyaa fi gandoota isheetti jiran qabata ture.
以法蓮人的地業和住處是伯特利與其村莊;東邊拿蘭,西邊基色與其村莊;示劍與其村莊,直到迦薩與其村莊;
29 Daariiwwan Minaasee irra Beet Sheʼaan, Taʼanaak, Megidoo fi Dooritu gandoota isaanii wajjin ture. Sanyiiwwan Yoosef ilma Israaʼel sanaas magaalaawwan kanneen keessa jiraatan.
還有靠近瑪拿西人的境界,伯‧善與其村莊;他納與其村莊;米吉多與其村莊;多珥與其村莊。以色列兒子約瑟的子孫住在這些地方。
30 Ilmaan Aasheer: Yimnaa, Yishwaa, Yishwii fi Beriiyaa. Obboleettiin isaanii immoo Seraa jedhamti.
亞設的兒子是音拿、亦施瓦、亦施韋、比利亞,還有他們的妹子西拉。
31 Ilmaan Beriiyaa: Hebeerii fi Malkiiʼeel abbaa Birzaawitii.
比利亞的兒子是希別、瑪結;瑪結是比撒威的父親。
32 Hebeer immoo abbaa Yaafleexii, Shomeerii, Hootaamiitii fi obboleettii isaanii Shuuʼaa ti.
希別生雅弗勒、朔默、何坦,和他們的妹子書雅。
33 Ilmaan Yaafleex: Phaasaak, Biimihaalii fi Ashwaati. Isaan kunneen ilmaan Yaafleexii ti.
雅弗勒的兒子是巴薩、賓哈、亞施法。這都是雅弗勒的兒子。
34 Ilmaan Shemeer: Ahii, Rohigaa, Yehubaa fi Arraam.
朔默的兒子是亞希、羅迦、耶戶巴、亞蘭。
35 Ilmaan obboleessa isaa Heelem: Zoofaa, Yimnaa, Sheleeshii fi Aamaal.
朔默兄弟希連的兒子是瑣法、音那、示利斯、亞抹。
36 Ilmaan Zoofaa: Suuwaa, Harnefer, Shuuʼaali, Beerii, Yimraa,
瑣法的兒子是書亞、哈尼弗、書阿勒、比利、音拉、
37 Bezer, Hoodi, Shamaa, Shilshaa, Yitraanii fi Biʼeeraa.
比悉、河得、珊瑪、施沙、益蘭、比拉。
38 Ilmaan Yeteer: Yefunee, Fiisiphaa fi Eraa.
益帖的兒子是耶孚尼、毗斯巴、亞拉。
39 Ilmaan Ulaa: Aaraa, Haniiʼeelii fi Riiziyaa.
烏拉的兒子是亞拉、漢尼業、利寫。
40 Isaan kunneen hundi gosoota Aasheerii turan; isaanis hangafoota maatiiwwanii, namoota filatamoo, loltoota jajjaboo fi bulchitoota bebbeekamoo turan. Akka galmee hidda dhaloota isaanii keessatti galmeeffametti namoonni isaanii kanneen dandeettii waraanaa qaban 26,000 turan.
這都是亞設的子孫,都是族長,是精壯大能的勇士,也是首領中的頭目,按着家譜計算,他們的子孫能出戰的共有二萬六千人。

< 1 Seenaa 7 >