< 1 Seenaa 6 >

1 Ilmaan Lewwii: Geershoon, Qohaatii fi Meraar.
בני לוי גרשון קהת ומררי
2 Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
ובני קהת--עמרם יצהר וחברון ועזיאל
3 Ijoolleen Amraam: Aroon, Musee fi Miiriyaam. Ilmaan Aroon: Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.
ובני עמרם אהרן ומשה ומרים ובני אהרן--נדב ואביהוא אלעזר ואיתמר
4 Eleʼaazaar abbaa Fiinehaas; Fiinehaas immoo abbaa Abiishuuwaa ti;
אלעזר הוליד את פינחס פינחס הליד את אבישוע
5 Abiishuuwaan abbaa Buukii ti; Bukiin immoo abbaa Uzii ti;
ואבישוע הוליד את בקי ובקי הוליד את עזי
6 Uzii abbaa Zeraayaa ti; Zaraaʼiyaan abbaa Meraayootii ti;
ועזי הוליד את זרחיה וזרחיה הוליד את מריות
7 Meraayoot abbaa Amariyaa ti; Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti;
מריות הוליד את אמריה ואמריה הוליד את אחיטוב
8 Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti; Zaadoq abbaa Ahiimaʼazii ti;
ואחיטוב הוליד את צדוק וצדוק הוליד את אחימעץ
9 Ahiimaʼaz abbaa Azaariyaa ti; Azaariyaa abbaa Yoohaanaanii ti;
ואחימעץ הוליד את עזריה ועזריה הוליד את יוחנן
10 Yoohaanaan abbaa Azaariyaa ti; inni luba taʼee mana qulqullummaa kan Solomoon Yerusaalemitti ijaare keessa tajaajilaa ture.
ויוחנן הוליד את עזריה הוא אשר כהן בבית אשר בנה שלמה בירושלם
11 Azaariyaa abbaa Amariyaa ti; Amariyaan abbaa Ahiixuubii ti;
ויולד עזריה את אמריה ואמריה הוליד את אחיטוב
12 Ahiixuub abbaa Zaadoqii ti; Zaadoq abbaa Shaluumii ti;
ואחיטוב הוליד את צדוק וצדוק הוליד את שלום
13 Shaluum abbaa Hilqiyaa ti; Hilqiyaa abbaa Azaariyaa ti;
ושלום הוליד את חלקיה וחלקיה הוליד את עזריה
14 Azaariyaa abbaa Seraayaa ti; Seraayaan abbaa Yehoozaadaaqii ti.
ועזריה הוליד את שריה ושריה הוליד את יהוצדק
15 Yeroo Waaqayyo akka sabni Yihuudaatii fi Yerusaalem Nebukadnezariin boojiʼamu godhetti Yehoozaadaaqis boojiʼamee fudhatame.
ויהוצדק הלך--בהגלות יהוה את יהודה וירושלם ביד נבכדנאצר
16 Ilmaan Lewwii: Geershoom, Qohaatii fi Meraarii.
בני לוי גרשם קהת ומררי
17 Maqaan Ilmaan Geershoom kanaa dha: Loobeenii fi Shimeʼii.
ואלה שמות בני גרשום לבני ושמעי
18 Ilmaan Qohaati: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
ובני קהת--עמרם ויצהר וחברון ועזיאל
19 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Isaan kunneen Lewwota balbala balbala abbootii isaaniitiin lakkaaʼamanii dha:
בני מררי מחלי ומשי ואלה משפחות הלוי לאבתיהם
20 Balbala Geershoom keessaa: Ilma isaa Loobeen, ilma isaa Yahaati, ilma isaa Zimaati,
לגרשום--לבני בנו יחת בנו זמה בנו
21 ilma isaa Yooʼaa, ilma isaa Iddoo, ilma isaa Zeraa fi ilma isaa Yeʼaateraayi.
יואח בנו עדו בנו זרח בנו יאתרי בנו
22 Ilmaan Qohaati: Ilma isaa Amiinaadaab, ilma isaa Qooraahi, ilma isaa Asiir,
בני קהת--עמינדב בנו קרח בנו אסיר בנו
23 ilma isaa Elqaanaa, ilma isaa Ebiyaasaaf, ilma isaa Asiir,
אלקנה בנו ואביסף בנו ואסיר בנו
24 ilma isaa Tahaat, ilma isaa Uuriiʼeel, ilma isaa Uziyaa fi ilma isaa Shaawul.
תחת בנו אוריאל בנו עזיה בנו ושאול בנו
25 Ilmaan Elqaanaa: Amaasaayi, Ahiimooti,
ובני אלקנה--עמשי ואחימות
26 ilma isaa Elqaanaa, ilma isaa Zoofayi, ilma isaa Naahat,
אלקנה--בנו (בני) אלקנה צופי בנו ונחת בנו
27 ilma isaa Eliiyaab, ilma isaa Yeroohaam, ilma isaa Elqaanaa fi ilma isaa Saamuʼeel.
אליאב בנו ירחם בנו אלקנה בנו
28 Ilmaan Saamuʼeel: Ilma isaa Yooʼeel hangaftichaa fi ilma isaa lammaffaa Abiyaa.
ובני שמואל הבכר ושני ואביה
29 Ilmaan Meraarii: Mahilii, ilma isaa Loobeen, ilma isaa Shimeʼii, ilma isaa Uzaa,
בני מררי מחלי לבני בנו שמעי בנו עזה בנו
30 ilma isaa Shimeʼaa, ilma isaa Hagiyaa fi ilma isaa Asaayaa.
שמעא בנו חגיה בנו עשיה בנו
31 Namoonni erga taabonni dhufee achi boqotee booddee Daawit akka isaan faarfannaadhaan mana Waaqayyoo keessa tajaajilaniif muude kanneenii dha.
ואלה אשר העמיד דויד על ידי שיר--בית יהוה ממנוח הארון
32 Isaanis hamma Solomoon Yerusaalem keessatti mana qulqullummaa Waaqayyoo ijaaretti dunkaana qulqulluu, dunkaana wal gaʼii duratti faarfannaadhaan tajaajilaa turan. Isaanis akkuma seera isaaniif kenname sanaatti hojii isaanii hojjechaa turan.
ויהיו משרתים לפני משכן אהל מועד בשיר עד בנות שלמה את בית יהוה בירושלם ויעמדו כמשפטם על עבודתם
33 Maqaan namoota ilmaan isaanii wajjin tajaajilanii kanneenii dha: Ilmaan Qohaatotaa keessaa: Heemaan Faarfataa, ilma Yooʼeel, ilma Saamuʼeel,
ואלה העמדים ובניהם מבני הקהתי--הימן המשורר בן יואל בן שמואל
34 ilma Elqaanaa, ilma Yeroohaam, ilma Eliiʼeel, ilma Tooʼaa,
בן אלקנה בן ירחם בן אליאל בן תוח
35 ilma Zuufi, ilma Elqaanaa, ilma Mahat, ilma Amaasaayi,
בן ציף (צוף) בן אלקנה בן מחת בן עמשי
36 ilma Elqaanaa, ilma Yooʼeel, ilma Azaariyaa, ilma Sefaaniyaa,
בן אלקנה בן יואל בן עזריה בן צפניה
37 ilma Tahaat, ilma Asiir, ilma Ebiyaasaaf, ilma Qooraahi,
בן תחת בן אסיר בן אביסף בן קרח
38 ilma Yizihaar, ilma Qohaati, ilma Lewwii, ilma Israaʼel;
בן יצהר בן קהת בן לוי בן ישראל
39 akkasumas Asaaf obboleessi Heemaan karaa mirgaatiin dhaabata ture: Asaaf ilma Berekiyaa, ilma Shimeʼaa,
ואחיו אסף העמד על ימינו--אסף בן ברכיהו בן שמעא
40 ilma Miikaaʼel, ilma Baʼaseeyaa, ilma Malkiyaa,
בן מיכאל בן בעשיה בן מלכיה
41 ilma Etnii, ilma Zeraa, ilma Adaayaa,
בן אתני בן זרח בן עדיה
42 ilma Eetaan, ilma Zimaa, ilma Shimeʼii,
בן איתן בן זמה בן שמעי
43 ilma Yahaati, ilma Geershoom, ilma Lewwii;
בן יחת בן גרשם בן לוי
44 karaa bitaa isaatiin immoo warri isaan wajjin turan gosa Meraarii keessaa: Eetaan ilma Qiisaa, ilma Abdii, ilma Maluuk,
ובני מררי אחיהם על השמאול--איתן בן קישי בן עבדי בן מלוך
45 ilma Hashabiyaa, ilma Amasiyaa, ilma Hilqiyaa,
בן חשביה בן אמציה בן חלקיה
46 ilma Amzii, ilma Baanii, ilma Shemeer,
בן אמצי בן בני בן שמר
47 ilma Mahilii, ilma Muusii, ilma Meraarii, ilma Lewwii.
בן מחלי בן מושי בן מררי בן לוי
48 Obboloonni isaanii Lewwonni akka hojii dunkaana qulqulluu mana Waaqaa hunda hojjetaniif ramadamanii turan.
ואחיהם הלוים נתונים--לכל עבודת משכן בית האלהים
49 Aroonii fi ilmaan isaa garuu akkuma waan Museen garbichi Waaqaa sun ajajee ture hundaatti hojii Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatiif, sababii Israaʼeliitiifis araara buusuudhaaf iddoo aarsaa kan aarsaa gubamuutii fi iddoo aarsaa ixaanaa irratti aarsaawwan dhiʼeessaa turan.
ואהרן ובניו מקטירים על מזבח העולה ועל מזבח הקטרת לכל מלאכת קדש הקדשים ולכפר על ישראל ככל אשר צוה משה עבד האלהים
50 Ilmaan Aroon kanneenii dha: Ilma isaa Eleʼaazaar, ilma isaa Fiinehaas, ilma isaa Abiishuuwaa,
ואלה בני אהרן--אלעזר בנו פינחס בנו אבישוע בנו
51 ilma isaa Bukii, ilma isaa Uzii, ilma isaa Zeraayaa,
בקי בנו עזי בנו זרחיה בנו
52 ilma isaa Meraayoot, ilma isaa Amariyaa, ilma isaa Ahiixuub,
מריות בנו אמריה בנו אחיטוב בנו
53 ilma isaa Zaadoqii fi ilma isaa Ahiimaʼaz.
צדוק בנו אחימעץ בנו
54 Sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef iddoowwan kunneen Aroonii fi ilmaan isaa kanneen balbala Qohaati keessaa dhufaniif ni kennaman; iddoowwan qubata isaanii kanneen akka biyya isaanii taʼaniif isaaniif ramadamanii dha:
ואלה מושבותם לטירותם בגבולם--לבני אהרן למשפחת הקהתי כי להם היה הגורל
55 Kebroon isheen biyya Yihuudaa keessaatii fi lafti dheedaa kan naannoo isheetti argamtu isaaniif ni kennaman.
ויתנו להם את חברון בארץ יהודה ואת מגרשיה סביבתיה
56 Lafti qotiisaatii fi gandoonni naannoo Kebrooniitti argaman garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif ni kennaman.
ואת שדה העיר ואת חצריה--נתנו לכלב בן יפנה
57 Ilmaan Arooniif immoo magaalaawwan itti baqatan Kebroon, Libnaa, Yatiir, Eshtimoʼaa,
ולבני אהרן נתנו את ערי המקלט--את חברון ואת לבנה ואת מגרשיה ואת יתר ואת אשתמע ואת מגרשיה
58 Hiileen, Debiir,
ואת חילז ואת מגרשיה את דביר ואת מגרשיה
59 Ashaan, Yootaa fi Beet Shemeshitu lafa dheeda isaanii wajjin kenname.
ואת עשן ואת מגרשיה ואת בית שמש ואת מגרשיה
60 Qooda gosa Beniyaam keessaa immoo Gibeʼoon, Gebaa, Alemetii fi Anaatootittu lafa dheeda isaanii wajjin ni kennameef. Magaalaawwan balbalawwan Qohaatotaatiif kennaman kunneen walumaa galatti kudha sadii turan.
וממטה בנימן את גבע ואת מגרשיה ואת עלמת ואת מגרשיה ואת ענתות ואת מגרשיה כל עריהם שלש עשרה עיר במשפחותיהם
61 Ilmaan Qohaati kanneen hafaniif immoo balbala walakkaa gosa Minaasee irraa magaalaawwan kudhanitu ixaadhaan kennameef.
ולבני קהת הנותרים ממשפחת המטה ממחצית מטה חצי מנשה בגורל--ערים עשר
62 Ilmaan Geershoomiitiif immoo qooda Yisaakor irraa, qooda Aasheer irraa, qooda Niftaalemiitii fi qooda Minaasee kan Baashaanitti argamu irraa magaalaawwan kudha sadii akkuma gosa gosa isaaniitti kennaman.
ולבני גרשום למשפחותם ממטה יששכר וממטה אשר וממטה נפתלי וממטה מנשה בבשן--ערים שלש עשרה
63 Ilmaan Meraariitiif qooda gosa Ruubeen irraa, qooda gosa Gaadiitii fi qooda gosa Zebuuloon irraa magaalaawwan kudha lama akkuma balbala balbala isaaniitti ni kennaman.
לבני מררי למשפחותם ממטה ראובן וממטה גד וממטה זבלון בגורל--ערים שתים עשרה
64 Akkasiin Israaʼeloonni magaalaawwan kanneen lafa dheeda isaanii wajjin Lewwotaaf ni kennan.
ויתנו בני ישראל ללוים את הערים ואת מגרשיהם
65 Gosa Yihuudaa irraa, gosa Simiʼooniitii fi gosa Beniyaam irraa magaalaawwan maqaan isaanii armaan olitti dhaʼame sana ixaadhaan ni kennaniif.
ויתנו בגורל ממטה בני יהודה וממטה בני שמעון וממטה בני בנימן--את הערים האלה אשר יקראו אתהם בשמות
66 Maatiiwwan Qohaati tokko tokkos qooda gosa Efreem keessaa magaalaawwan jireenyaa argatanii turan.
וממשפחות בני קהת--ויהי ערי גבולם ממטה אפרים
67 Biyya gaaraa Efreem keessatti magaalaawwan itti baqatan Sheekem, Geezir,
ויתנו להם את ערי המקלט את שכם ואת מגרשיה--בהר אפרים ואת גזר ואת מגרשיה
68 Yoqemiʼaam, Beet Horoon,
ואת יקמעם ואת מגרשיה ואת בית חורון ואת מגרשיה
69 Ayaaloonii fi Gat Rimoon lafa dheeda isaanii wajjin kennaniif.
ואת אילון ואת מגרשיה ואת גת רמון ואת מגרשיה
70 Akkasumas Israaʼeloonni walakkaa qooda gosa Minaasee irraa Aanerii fi Bileʼaam lafa dheeda isaanii wajjin balbalawwan Qohaati kanneen hafaniif ni kennan.
וממחצית מטה מנשה את ענר ואת מגרשיה ואת בלעם ואת מגרשיה--למשפחת לבני קהת הנותרים
71 Ilmaan Geershoom immoo: Balbala walakkaa gosa Minaasee irraa Goolaan ishee Baashaan keessaa sanaa fi Ashtaaroti lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
לבני גרשום--ממשפחת חצי מטה מנשה את גולן בבשן ואת מגרשיה ואת עשתרות ואת מגרשיה
72 gosa Yisaakor irraa Qaadesh, Daaberaati,
וממטה יששכר את קדש ואת מגרשיה את דברת ואת מגרשיה
73 Raamootii fi Aanem lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
ואת ראמות ואת מגרשיה ואת ענם ואת מגרשיה
74 gosa Aasheer irraa Maashaal, Abdoon,
וממטה אשר את משל ואת מגרשיה ואת עבדון ואת מגרשיה
75 Huuqooqii fi Rehoob lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan;
ואת חוקק ואת מגרשיה ואת רחב ואת מגרשיה
76 gosa Niftaalem irraa immoo Qaadesh ishee Galiilaatti argamtu, Hamoonii fi Kiriyaataayimin lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
וממטה נפתלי את קדש בגליל ואת מגרשיה ואת חמון ואת מגרשיה ואת קריתים ואת מגרשיה
77 Namoonni gosa Meraarii jechuunis warri Lewwotaa kanneen hafan qooda kanaa gadii argatan: Gosa Zebuuloon irraa Yooqniʼaam, Qartaa, Rimoonii fi Taaboorin lafa dheeda isaanii wajjin argatan;
לבני מררי הנותרים--ממטה זבלון את רמונו ואת מגרשיה את תבור ואת מגרשיה
78 gosa Ruubeen kan baʼa Yerikootti Yordaanosiin gama jiru irraa Bezer ishee gammoojjii keessatti argamtu, Yaahizaa,
ומעבר לירדן ירחו למזרח הירדן--ממטה ראובן את בצר במדבר ואת מגרשיה ואת יהצה ואת מגרשיה
79 Qidemootii fi Meefiʼaati lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
ואת קדמות ואת מגרשיה ואת מיפעת ואת מגרשיה
80 Gosa Gaad irraa Raamooti ishee Giliʼaad keessaa, Mahanayiim,
וממטה גד--את ראמות בגלעד ואת מגרשיה ואת מחנים ואת מגרשיה
81 Heshboonii fi Yaʼizeer lafa dheeda isaanii wajjin ni argatan.
ואת חשבון ואת מגרשיה ואת יעזיר ואת מגרשיה

< 1 Seenaa 6 >