< 1 Seenaa 3 >
1 Isaan kunneen ilmaan Daawit Kebroonitti dhalchee dha: Ilmi isaa hangafni Amnoon kan Ahiinooʼam dubartiin Yizriʼeel deessee dha; inni lammaffaan immoo Daaniʼel kan Abiigayiil dubartiin Qarmeloos deessee dha;
And these were sons of David, who were born to him in Hebron: the firstborn Amnon, of Ahinoam the Jezreelitess; second Daniel, of Abigail the Carmelitess;
2 sadaffaan Abesaaloom isa Maʼakaan intalli Talmaay mooticha Geshuur deessee dha; afuraffaan Adooniyaa ilma Hagiit;
the third Absalom, son of Maachah daughter of Talmai king of Geshur; the fourth Adonijah, son of Haggith;
3 shanaffaan Shefaaxiyaa ilma Abiixaal; jaʼaffaan Yitreʼaam kan inni niitii isaa Eglaa irraa dhalchee dha.
the fifth Shephatiah, of Abital; the sixth Ithream, of his wife Eglah.
4 Isaan jaʼaan kunneen warra yeroo Daawit Kebroonitti waggaa torbaa fi walakkaa mootii turetti isaaf dhalatanii dha. Daawit Yerusaalemitti waggaa soddomii sadii mootii taʼee bulche;
Six have been borne to him in Hebron, and he reigns seven years and six months there, and he has reigned thirty-three years in Jerusalem.
5 ijoolleen achitti isaaf dhalatanis kanneenii dha: Shimeʼaa, Shobaab, Naataanii fi Solomoon. Ilmaan afran kunneen Batisheebaa intala Amiiʼeel irraa dhalatan.
And these were born to him in Jerusalem: Shimea, and Shobab, and Nathan, and Solomon—four, of Bathsheba daughter of Ammiel.
6 Akkasumas ilmaan biraa qaba ture; isaanis: Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi,
Also Ibhar, and Elishama, and Eliphelet,
7 Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
and Nogah, and Nepheg, and Japhia,
8 Eliishaamaa, Eliyaadaa fi Eliiphelexi; isaanis walumatti ilmaan sagal turan.
and Elishama, and Eliada, and Eliphelet—nine.
9 Ilmaan saajjatoowwan isaa irraa dhalataniin alatti isaan kunneen ilmaan Daawit turan. Taamaar immoo obboleettii isaanii turte.
All [are] sons of David, apart from sons of the concubines, and their sister Tamar.
10 Ilmi Solomoon Rehooboʼaam; ilmi Rehooboʼaam Abiyaa dha; ilmi Abiyaa Aasaa dha; ilmi Aasaa Yehooshaafaax;
And the son of Solomon [is] Rehoboam, Abijah his son, Asa his son, Jehoshaphat his son,
11 ilmi Yehooshaafaax Yehooraam; ilmi Yooraam Ahaaziyaa; ilmi Ahaaziyaa Yooʼaash;
Joram his son, Ahaziah his son, Joash his son,
12 ilmi Yooʼaash Amasiyaa; ilmi Amasiyaa Azaariyaa; ilmi Azaariyaa Yootaam;
Amaziah his son, Azariah his son, Jotham his son,
13 ilmi Yootaam Aahaaz; ilmi Aahaaz Hisqiyaas; ilmi Hisqiyaas Minaasee dha;
Ahaz his son, Hezekiah his son, Manasseh his son,
14 ilmi Minaasee Aamoon; ilmi isaa immoo Yosiyaas.
Amon his son, Josiah his son.
15 Ilmaan Yosiyaas: Inni hangafni Yoohaanaan, lammaffaan Yehooyaaqiim, sadaffaan Zedeqiyaa, afuraffaan immoo Shaluum.
And sons of Josiah: the firstborn Johanan, the second Jehoiakim, the third Zedekiah, the fourth Shallum.
16 Ilmaan Yehooyaaqiim: Ilma isaa Yehooyaakiinii fi ilma isaa Zedeqiyaa.
And sons of Jehoiakim: Jeconiah his son, Zedekiah his son.
17 Ilmaan Yehooyaakiin isa boojiʼame sanaa: Ilma isaa Sheʼaltiiʼeel,
And sons of Jeconiah: Assir; Salathiel his son;
18 Malkiiraam, Phedaayaa, Shenaaxaar, Yeqameyaa, Hooshaamaa fi Nedaabiyaa.
also Malchiram and Pedaiah, and Shenazzar, Jecamiah, Hoshama, and Nedabiah.
19 Ilmaan Phedaayaa: Zarubaabelii fi Shimeʼii. Ilmaan Zarubaabel: Meshulaamii fi Hanaaniyaa. Obboleettiin isaanii immoo Sheloomiit jedhamti.
And sons of Pedaiah: Zerubbabel and Shimei. And sons of Zerubbabel: Meshullam, and Hananiah, and their sister Shelomith,
20 Akkasumas ijoollee gara biraa shanitu ture; isaanis: Hashubaa, Oohel, Berekiyaa, Hasadiyaa fi Yooshab-Heseed.
and Hashubah, and Ohel, and Berechiah, and Hasadiah, Jushab-Hesed—five.
21 Ilmaan Hanaaniyaa: Phelaatiyaa fi Yeshaayaa; akkasumas ilmaan Refaayaa, ilmaan Arnaan, ilmaan Obaadiyaatii fi ilmaan Shekaaniyaa.
And sons of Hananiah: Pelatiah, and Jesaiah, sons of Rephaiah, sons of Arnan, sons of Obadiah, sons of Shechaniah.
22 Ilmaan Shekaaniyaa: Shemaaʼiyaa fi ilmaan isaa: Haxuush, Yigiʼaal, Baariiyaah, Naʼaariyaa fi Shaafaax; isaan walumatti jaʼa turan.
And sons of Shechaniah: Shemaiah; and sons of Shemaiah: Hattush, and Igeal, and Bariah, and Neariah, and Shaphat—six.
23 Ilmaan Naʼaariyaa: Eliiyooʼeenayi, Hisqiyaasii fi Azriiqaam; isaan walumatti sadii turan.
And sons of Neariah: Elioenai, and Hezekiah, and Azrikam—three.
24 Ilmaan Eliiyooʼeenayi: Hoodayiwaa, Eliyaashiib, Phelaayaa, Aquub, Yoohaanaan, Delaayaa fi Anaanii; isaan walumatti torba turan.
And sons of Elioenai: Hodaiah, and Eliashib, and Pelaiah, and Akkub, and Johanan, and Delaiah, and Anani—seven.