< 1 Seenaa 29 >
1 Ergasii Daawit mootichi yaaʼii guutuudhaan akkana jedhe; “Ilmi koo Solomoon inni Waaqni filate ijoollee fi nama muuxannoo hin qabnee dha. Manni qulqullummaa kun kan Waaqayyo Gooftaati malee waan kan namaa hin taʼiniif hojiin isaa guddaa dha.
And king David said unto all the assembly, Solomon, the only son of mine whom God hath made choice of, is yet young and tender, and the work is great; because not for man is the palace to be, but for the Lord God.
2 Anis waanan kennuu dandaʼu hunda mana qulqullummaa Waaqa kootiif, hojii warqeetiif warqee, kan meetiitiif meetii, kan naasiitiif naasii, kan sibiilaatiif sibiila, kan mukaatiif muka akkasumas waan bareedina duuba isaatiif oolu sardooniksii, keelqedoon, dhagaawwan babbareedoo fi dhagaa adii baayʼinaan qopheesseera.
But with all my might have I made ready for the house of my God, the gold for the things of gold, and the silver for the things of silver, and the copper for the things of copper, the iron for the things of iron, and the wood for the things of wood, onyx stones, and stones to be set, bright stones, and stones of divers colors, and all manner of precious stones, and marble stones in abundance.
3 Kana malees ani jaalalan mana Waaqa kootiif qabuun waanan duraan kennee turetti dabalee qabeenya ofii koo irraa warqee fi meetii mana qulqullummaa Waaqa kootiif nan kenna;
Moreover, because I have set my affection on the house of my God, have I acquired as my own property gold and silver; [and this] have I given to the house of my God, over and above all that I have prepared for the holy house:
4 kunis keenyan manichaatti uffisuuf warqee qulqulluu warqee, Oofiirii taalaantii kuma sadii fi meetii qulqulleeffame taalaantii kuma torba,
Three thousand talents of gold, of the gold of Ophir, and seven thousand talents of refined silver, to overlay the walls of the houses;
5 akka hojiin hundi ogeeyyii hojii harkaatiin hojjetamuuf warqee hojii warqeetiif, meetii illee hojii meetiif kenneera. Egaa harʼa eenyutu fedhii isaatiin Waaqayyoof addaan of baasa?”
All that is needed of gold and of silver, and for every manner of work [to be made] by the hands of artificers. And who [now] is willing to consecrate his hand this day unto the Lord?
6 Ergasii qajeelchitoonni maatii, ajajjoonni gosoota Israaʼel, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni hojii mootii toʼatan kennaa isaanii fedhiidhaan kennan.
Thereupon offered voluntarily the chiefs of the family divisions and the princes of the tribes of Israel, and the captains of the thousands and of the hundreds, with the supervisors of the king's work;
7 Isaanis hojii ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif warqee taalaantii kuma shan, warqee daariikii kuma kudhan, meetii taalaantii kuma kudhan, naasii taalaantii kuma kudha saddeetii fi sibiila taalaantii kuma dhibba tokko ni kennan.
And they gave for the service of the house of God of gold five thousand talents and ten thousand drachms, and of silver ten thousand talents, and of copper eighteen thousand talents, and of iron one hundred thousand talents.
8 Namni dhagaawwan gati jabeeyyii qabu hundinuus harka Yehiiʼeel namicha gosa Geershoonitti mankuusaa mana qulqullummaa Waaqayyootti ni galche.
And those with whom stones were found gave them to the treasury of the house of the Lord, under the supervision of Jechiel the Gershunite.
9 Kana irratti waan dura deemtonni isaa fedhii fi garaa guutuudhaan Waaqayyoof kennaniif sabni sun ni gammade. Daawit mootichis akka malee ni gammade.
Then did the people rejoice, because they had voluntarily offered: for with an undivided heart did they offer to the Lord: and also king David rejoiced with great joy.
10 Daawit yaaʼii guutuu duratti akkana jedhee Waaqayyo galateeffate; “Yaa Waaqayyo, Waaqa abbaa keenya Israaʼel bara baraa hamma bara baraatti galanni siif haa taʼu.
And David blessed the Lord before the eyes of all the congregation; and David said, Blessed be thou, O Lord the God of Israel our father, from everlasting even unto everlasting.
11 Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni, ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti. Yaa Waaqayyo mootummaan kan kee ti; ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.
Thine, O Lord, are the greatness, and the might, and the glory, and the victory, and the majesty, yea, all that is in the heavens and on the earth: thine, O Lord, is the kingdom, and thou art exalted as the head above all.
12 Badhaadhummaa fi kabajamuun si biraa argama; ati bulchaa waan hundaa ti. Ol ol guddisuu fi waan hundaaf jabina kennuuf, jabinnii fi humni si harka jira.
And riches and honor come from thee, and thou rulest over all; and in thy hand are power and might; and it is in thy hand to make great, and to give strength unto all.
13 Ammas yaa Waaqa keenya, si galateeffanna; maqaa kee ulfina qabeessa sanas ni jajanna.
And now, O our God, we give thanks unto thee, and praise thy glorious name.
14 “Garuu arjummaa akkasii gochuuf ani eenyu? Sabni koos eenyu? Wanni hundi si biraa dhufe; nu waanuma harka keetii dhufe sana qofa siif kennine.
For who am I, and what is my people, that we should possess the power to offer voluntarily after this sort? for from thee is every thing, and out of thy own have we given unto thee.
15 Nu akkuma abbootiin keenya hundi turan sana fuula kee duratti alagootaa fi keessummoota; barri jireenya keenyaas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti; abdii illee hin qabnu.
For strangers are we before thee, and sojourners, as were all our fathers: like a shadow are our days on the earth, and there is no hope [of abiding].
16 Yaa Waaqayyo Waaqa keenya, wanni nu Maqaa kee Qulqullichaaf mana qulqullummaa siif ijaaruuf kennine kun hundinuu harka keetii dhufe; hundi isaas keetuma.
O Lord our God! all this abundant store which we have prepared to build for thee a house for thy holy name, is out of thy own hand, and thine is all.
17 Yaa Waaqa koo akka ati garaa qortuu fi qajeelummaa jaallattu ani beeka. Anis waan kana hunda amanamummaa fi fedhiidhaanan kenne. Ammas akka sabni kee kan as jiru kun fedhiidhaan siif kenne ani argee gammadeera.
And I know, my God, that thou probest the heart, and uprightness thou receivest in favor. As for me, in the uprightness of my heart have I voluntarily offered all these things; and now thy people, that are present here, do I see with joy offering voluntarily unto thee.
18 Yaa Waaqayyo Waaqa abbootii keenyaa, Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaq, Waaqa Israaʼel fedhii kana bara baraan garaa saba keetii keessa tursi; akka garaan isaaniis amanamaa siif taʼu godhi.
O Lord, God of Abraham, Isaac, and of Israel, our father, preserve this for ever as the imagination of the thoughts of the heart of thy people, and direct their heart firmly unto thee.
19 Ilma koo Solomooniifis akka inni ajaja kee, qajeelchaa fi labsii kee eegu, akka inni waan kana hunda hojjetee mana qulqullummaa kan ani gumaata godheef kana illee ijaaruuf fedhii garaa guutuu kenniif.”
And unto Solomon my son do thou give an undivided heart to keep thy commandments, thy testimonies, and thy statutes, and to do all, and to build the palace, for which I have made preparation.
20 Sana booddees Daawit yaaʼii guutuudhaan, “Waaqayyo Waaqa keessan galateeffadhaa” jedhe. Kanaafuu hundi isaanii Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii ni galateeffatan; fuula Waaqayyootii fi fuula mootichaa duratti addaan gombifamanii ni sagadan.
And David said to all the assembly. Bless now the Lord your God. And all the assembly blessed the Lord the God of their fathers, and bent down their heads, and prostrated themselves to the Lord, and to the king.
21 Isaanis guyyaa itti aanutti Waaqayyoof qalma qalanii aarsaa gubamu dhiʼeessan; aarsaan maqaa Israaʼelootaatiin dhiʼaates: korommii loonii kuma tokko, korbeeyyii hoolaa kuma tokko, korbeeyyii hoolaa xixinnaa kuma tokko, dhibaayyuu fi aarsaawwan biraa baayʼee dha.
And they sacrificed sacrifices unto the Lord, and they offered burnt-offerings unto the Lord, on the morrow after that day, one thousand bullocks, a thousand rams, a thousand sheep, with their drink-offerings, and [other] sacrifices in abundance for all Israel;
22 Isaanis gaafa sana fuula Waaqayyoo duratti gammachuu guddaadhaan nyaatanii dhugan. Ergasii immoo Solomoon ilma Daawit mootii godhanii akka inni bulchaa taʼuuf fuula Waaqayyoo duratti yeroo lammaffaa diban; Zaadoqiin immoo luba godhan.
And they ate and drank before the Lord on that day with great joy. And they declared the second time Solomon the son of David to be king, and they anointed him unto the Lord as chief ruler, and Zadok as priest.
23 Kanaafuu Solomoon iddoo abbaa isaa Daawit mootii taʼee teessoo Waaqayyoo irra taaʼe. Ni milkaaʼes; Israaʼeloonni hundis isaaf ajajaman.
Then sat Solomon on the throne of the Lord as king instead of David his father, and he was prosperous; and all Israel obeyed him.
24 Ajajjoonni waraanaatii fi namoonni jajjaboon hundi akkasumas ilmaan Daawit mootichaa hundi amanamummaa isaanii Solomoon Mootichaaf mirkaneessan.
And all the princes, and the mighty men, and also all the sons of king David, submitted themselves unto king Solomon.
25 Waaqayyos Israaʼeloota duratti Solomoonin ol ol kaase; ulfina mootummaa kan mootonni isa dura turan tokko iyyuu Israaʼel keessatti hin qabaatin ni kenneef.
And the Lord made Solomon exceedingly great before the eyes of all Israel; and he bestowed upon him a royal majesty such as had not been on any king over Israel before him.
26 Daawit ilmi Isseey guutummaa Israaʼel irratti mootii ture.
Thus did David the son of Jesse reign over all Israel.
27 Innis waggaa afurtama Israaʼelin bulche; waggaa torba Kebroon taaʼee, waggaa soddomii sadii immoo Yerusaalem taaʼee ni bulche.
And the time that he reigned over Israel was forty years: in Hebron he reigned seven years, and in Jerusalem he reigned thirty and three [years].
28 Daawit bara dheeraa jiraatee, badhaadhummaa fi ulfina argatee dulloomee duʼe. Ilmi isaa Solomoon mootii taʼee iddoo isaa buʼe.
And he died in a good old age, full of days, riches, and honor: and Solomon his son became king in his stead.
29 Hojiin bara mootummaa Daawit Mootichaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba Seenaa Saamuʼeel namicha mulʼata argu sanaa keessatti, kitaaba seenaa Naataan raajichaa keessattii fi kitaaba seenaa Gaad namicha mulʼata argu sanaa keessatti,
And the acts of king David, the first and the last, behold, they are written in the history of Samuel the seer, and in the history of Nathan the prophet, and in the history of Gad the seer,
30 bulchiinsi isaa hundii fi humni isaa, barri inni, Israaʼelii fi mootummoonni biyyoota hundaa keessa darban barreeffameera.
Together with all his reign and his mighty deeds, and the times that passed over him, and over Israel, and over all the kingdoms of the [various] countries.