< 1 Seenaa 28 >

1 Daawit akka isaan Yerusaalemitti walitti qabamaniif hangafoota Israaʼel hunda ni waame; isaanis: Geggeessitoota gosootaa, tajaajila mootummaa keessatti ajajjoota kutaawwan loltootaa, ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa, warra qabeenyaa fi horii mootichaatii fi kan ilmaan isaa irratti itti gaafatamtoota taʼan, qondaaltota masaraa mootummaa, namoota jajjaboo fi gootota waraanaa hunda.
ויקהל דויד את כל שרי ישראל שרי השבטים ושרי המחלקות המשרתים את המלך ושרי האלפים ושרי המאות ושרי כל רכוש ומקנה למלך ולבניו עם הסריסים והגבורים ולכל גבור חיל אל ירושלם׃
2 Ergasii Daawit Mootichi kaʼee dhaabatee akkana jedhe: “Yaa obboloota koo fi yaa saba ko, mee na dhagaʼaa. Ani taabota kakuu Waaqayyootiif iddoo inni boqotu, Waaqa keenyaaf immoo iddoo inni miilla dhaabatu ijaaruu yaadee qophaaʼeera.
ויקם דויד המלך על רגליו ויאמר שמעוני אחי ועמי אני עם לבבי לבנות בית מנוחה לארון ברית יהוה ולהדם רגלי אלהינו והכינותי לבנות׃
3 Waaqni garuu, ‘Ati sababii lola hedduu loltee dhiiga baayʼee dhangalaafteef maqaa kootiif mana hin ijaartu’ naan jedhe.
והאלהים אמר לי לא תבנה בית לשמי כי איש מלחמות אתה ודמים שפכת׃
4 “Taʼus Waaqayyo, Waaqni Israaʼel akka ani bara baraan Israaʼel irratti mootii taʼuuf mana abbaa koo keessaa na filate. Akka inni dura buʼaa taʼuufis Yihuudaa filate; mana Yihuudaa keessaa maatii koo filate; ilmaan abbaa kootii keessaa immoo akka ani guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼu jaallate.
ויבחר יהוה אלהי ישראל בי מכל בית אבי להיות למלך על ישראל לעולם כי ביהודה בחר לנגיד ובבית יהודה בית אבי ובבני אבי בי רצה להמליך על כל ישראל׃
5 Waaqayyo ilmaan baayʼee naa kenneera; ilmaan koo hunda keessaa immoo akka inni teessoo mootummaa Waaqayyoo irra taaʼee saba Israaʼel bulchuuf ilma koo Solomoonin filate.
ומכל בני כי רבים בנים נתן לי יהוה ויבחר בשלמה בני לשבת על כסא מלכות יהוה על ישראל׃
6 Akkanas naan jedhe; ‘Kan mana koo fi oobdiiwwan koo naaf ijaaru ilma kee Solomoonii dha; ani akka inni ilma naa taʼuuf isa filadheeraatii; anis abbaa isaa nan taʼa.
ויאמר לי שלמה בנך הוא יבנה ביתי וחצרותי כי בחרתי בו לי לבן ואני אהיה לו לאב׃
7 Yoo inni akkuma ammaa kanatti ittuma fufee ajaja koo fi seera koo eege ani bara baraan mootummaa isaa jabeessee nan dhaaba.’
והכינותי את מלכותו עד לעולם אם יחזק לעשות מצותי ומשפטי כיום הזה׃
8 “Kanaafuu akka isin lafa gaarii kana dhaaltanii ilmaan keessaniif dhaala bara baraa dabarsitaniif, akka isin ajaja Waaqayyo Waaqa keessanii hunda eegdanii fi isa duukaa buutaniif ani amma fuula Israaʼeloota hundaa duratti, waldaa Waaqayyoo duratti, akkasumas utuu Waaqni keenya dhagaʼuu isinin ajaja.
ועתה לעיני כל ישראל קהל יהוה ובאזני אלהינו שמרו ודרשו כל מצות יהוה אלהיכם למען תירשו את הארץ הטובה והנחלתם לבניכם אחריכם עד עולם׃
9 “Yaa ilma koo Solomoon atis Waaqayyo Waaqa abbaa keetii beekii garaa tokkoo fi qalbii fedhii qabuun isa tajaajili; Waaqayyo waan garaa namaa keessa jiru hunda qoree karooraa fi yaada hunda hubataatii. Yoo ati isa barbaadde inni siif argama; yoo ati isa dhiifte garuu inni bara baraan si dhiisa.
ואתה שלמה בני דע את אלהי אביך ועבדהו בלב שלם ובנפש חפצה כי כל לבבות דורש יהוה וכל יצר מחשבות מבין אם תדרשנו ימצא לך ואם תעזבנו יזניחך לעד׃
10 Amma qalbeeffadhu; Waaqayyo akka ati mana iddoo qulqulluu taʼu tokko ijaartuuf si filateeraatii. Jajjabaadhuu hojjedhu.”
ראה עתה כי יהוה בחר בך לבנות בית למקדש חזק ועשה׃
11 Ergasii Daawit karoora gardaafoo mana qulqullummaa, kan ijaarsa isaa, kutaawwan miʼi keessa kaaʼamu, kan kutaawwan ol aananiitii fi kutaawwan keessaa, akkasumas karoora iddoo teessoo araaraa ilma isaa Solomoonitti kenne.
ויתן דויד לשלמה בנו את תבנית האולם ואת בתיו וגנזכיו ועליתיו וחדריו הפנימים ובית הכפרת׃
12 Akkasumas karoora waan Hafuurri qulqulluun isa yaachisee kan oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo, kan kutaawwan naannoo isaa jiranii, kutaawwan mana miʼa mana qulqullummaa Waaqaatii fi kan mankuusaa miʼoota Waaqaatiif addaan baafamanii hunda itti kenne.
ותבנית כל אשר היה ברוח עמו לחצרות בית יהוה ולכל הלשכות סביב לאצרות בית האלהים ולאצרות הקדשים׃
13 Karoora ramaddii hojii lubootaatii fi Lewwotaa, tajaajila mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti kennamuu maluu hunda, miʼoota mana qulqullummaa keessatti tajaajilaaf oolan irrattis qajeelfama ni kenneef.
ולמחלקות הכהנים והלוים ולכל מלאכת עבודת בית יהוה ולכל כלי עבודת בית יהוה׃
14 Ulfina warqee miʼoota warqee irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaatii fi ulfina meetii miʼoota meetii irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaas isa beeksise:
לזהב במשקל לזהב לכל כלי עבודה ועבודה לכל כלי הכסף במשקל לכל כלי עבודה ועבודה׃
15 Kunis ulfina baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetamaniitii fi ibsaawwan isaanii, ulfina warqee tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaa isaanii wajjin, akkasumas akkuma hojii tokkoo tokkoo baattuu ibsaa sanaatti ulfina meetii tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaawwan isaa,
ומשקל למנרות הזהב ונרתיהם זהב במשקל מנורה ומנורה ונרתיה ולמנרות הכסף במשקל למנורה ונרתיה כעבודת מנורה ומנורה׃
16 ulfina warqee tokkoo tokkoo minjaala buddeenni qulqulluun irra kaaʼamuu, ulfina meetii minjaalli irraa hojjetame,
ואת הזהב משקל לשלחנות המערכת לשלחן ושלחן וכסף לשלחנות הכסף׃
17 ulfina warqee qulqulluu falʼaana, waciitii fi kubbaayyaa, ulfina warqee tokkoo tokkoo caabii warqee irraa hojjetame; ulfina meetii tokkoo tokkoo caabii meetii irraa hojjetame;
והמזלגות והמזרקות והקשות זהב טהור ולכפורי הזהב במשקל לכפור וכפור ולכפורי הכסף במשקל לכפור וכפור׃
18 akkasumas ulfina warqee qulqulleeffame kan iddoo aarsaa ixaanaatiif qopheeffame. Karoora gaarii jechuunis kiirubeelii warqee irraa hojjetaman kanneen qoochoo isaanii babalʼisanii taabota kakuu Waaqayyoo haguugan itti kenne.
ולמזבח הקטרת זהב מזקק במשקל ולתבנית המרכבה הכרבים זהב לפרשים וסככים על ארון ברית יהוה׃
19 Daawitis, “Ani waan kana hunda harka Waaqayyoo kan narra jiru sanaan barreeffamaan argadhe; innis karoora hojii kanaa hunda irratti hubannaa naaf kenne” jedhe.
הכל בכתב מיד יהוה עלי השכיל כל מלאכות התבנית׃
20 Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe; “Cimi; jajjabaadhus; hojii sanas hojjedhu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin; Waaqayyo Gooftaan Waaqni koo si wajjin jiraatii. Inni hamma hojiin tajaajila mana qulqullummaa Waaqayyoo dhumutti si hin dhiisu yookaan si hin gatu.
ויאמר דויד לשלמה בנו חזק ואמץ ועשה אל תירא ואל תחת כי יהוה אלהים אלהי עמך לא ירפך ולא יעזבך עד לכלות כל מלאכת עבודת בית יהוה׃
21 Gareen lubootaatii fi Lewwotaa ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif qophaaʼoo dha. Namni fedhii qabu kan ogummaa hojii gosa kamii iyyuu qabu hundii hojii hunda si gargaara. Qondaaltonnii fi namoonni hundii ajaja kee hunda ni fudhatu.”
והנה מחלקות הכהנים והלוים לכל עבודת בית האלהים ועמך בכל מלאכה לכל נדיב בחכמה לכל עבודה והשרים וכל העם לכל דבריך׃

< 1 Seenaa 28 >