< 1 Seenaa 28 >

1 Daawit akka isaan Yerusaalemitti walitti qabamaniif hangafoota Israaʼel hunda ni waame; isaanis: Geggeessitoota gosootaa, tajaajila mootummaa keessatti ajajjoota kutaawwan loltootaa, ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa, warra qabeenyaa fi horii mootichaatii fi kan ilmaan isaa irratti itti gaafatamtoota taʼan, qondaaltota masaraa mootummaa, namoota jajjaboo fi gootota waraanaa hunda.
Dawuda ya sa aka kira dukan shugabannin Isra’ila su taru a Urushalima, shugabannin kabilu, manyan hafsoshin ɓangarorin hidimar sarki, manyan hafsoshin dubu-dubu da manyan hafsoshin ɗari-ɗari, da kuma shugabanni masu lura da dukan mallaka da dabbobin da suke na sarki da kuma’ya’yansa maza, tare da fadawa, jarumawa da kuma dukan mayaƙa masu kwarjini.
2 Ergasii Daawit Mootichi kaʼee dhaabatee akkana jedhe: “Yaa obboloota koo fi yaa saba ko, mee na dhagaʼaa. Ani taabota kakuu Waaqayyootiif iddoo inni boqotu, Waaqa keenyaaf immoo iddoo inni miilla dhaabatu ijaaruu yaadee qophaaʼeera.
Sarki Dawuda ya miƙe tsaye ya ce, “Ku saurare ni,’yan’uwana da kuma mutanena. Na yi niyya in gina gida a matsayin wurin hutu domin akwatin alkawarin Ubangiji, domin zatin Allahnmu, na kuma yi shiri don in gina shi.
3 Waaqni garuu, ‘Ati sababii lola hedduu loltee dhiiga baayʼee dhangalaafteef maqaa kootiif mana hin ijaartu’ naan jedhe.
Amma Allah ya ce mini, ‘Ba za ka gina gida domin Sunana ba, saboda kai mayaƙi ne ka kuma zub da jini.’
4 “Taʼus Waaqayyo, Waaqni Israaʼel akka ani bara baraan Israaʼel irratti mootii taʼuuf mana abbaa koo keessaa na filate. Akka inni dura buʼaa taʼuufis Yihuudaa filate; mana Yihuudaa keessaa maatii koo filate; ilmaan abbaa kootii keessaa immoo akka ani guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼu jaallate.
“Duk da haka Ubangiji, Allah na Isra’ila, ya zaɓe ni daga dukan iyalina don in zama sarki bisa Isra’ila har abada. Ya zaɓi Yahuda a matsayin shugaba, kuma daga gidan Yahuda ya zaɓi iyalina, daga’ya’yan mahaifina maza kuwa ya gamsu ya mai da ni sarki bisa dukan Isra’ila.
5 Waaqayyo ilmaan baayʼee naa kenneera; ilmaan koo hunda keessaa immoo akka inni teessoo mootummaa Waaqayyoo irra taaʼee saba Israaʼel bulchuuf ilma koo Solomoonin filate.
Cikin dukan’ya’yana maza, Ubangiji kuwa ya ba ni su da yawa, ya zaɓi ɗana Solomon yă zauna a kujerar mulkin Ubangiji a bisa Isra’ila.
6 Akkanas naan jedhe; ‘Kan mana koo fi oobdiiwwan koo naaf ijaaru ilma kee Solomoonii dha; ani akka inni ilma naa taʼuuf isa filadheeraatii; anis abbaa isaa nan taʼa.
Ya ce mini, ‘Solomon ɗanka shi ne wanda zai gina gidana da filayen da suke kewaye da shi, gama na zaɓe shi yă zama ɗana, ni kuma zan zama mahaifinsa.
7 Yoo inni akkuma ammaa kanatti ittuma fufee ajaja koo fi seera koo eege ani bara baraan mootummaa isaa jabeessee nan dhaaba.’
Zan kafa mulkinsa har abada in bai kauce ga kiyaye umarnaina da dokokina ba, yadda ake yi a wannan lokaci.’
8 “Kanaafuu akka isin lafa gaarii kana dhaaltanii ilmaan keessaniif dhaala bara baraa dabarsitaniif, akka isin ajaja Waaqayyo Waaqa keessanii hunda eegdanii fi isa duukaa buutaniif ani amma fuula Israaʼeloota hundaa duratti, waldaa Waaqayyoo duratti, akkasumas utuu Waaqni keenya dhagaʼuu isinin ajaja.
“Saboda haka yanzu ina umartanku a gaban dukan Isra’ila da na taron jama’ar Ubangiji, da kuma a kunnuwan Allahnmu. Ku yi hankali ku kiyaye dukan umarnan Ubangiji Allahnku don ku mallaki wannan kyakkyawar ƙasa ku kuma bar wa zuriyarku gādo har abada.
9 “Yaa ilma koo Solomoon atis Waaqayyo Waaqa abbaa keetii beekii garaa tokkoo fi qalbii fedhii qabuun isa tajaajili; Waaqayyo waan garaa namaa keessa jiru hunda qoree karooraa fi yaada hunda hubataatii. Yoo ati isa barbaadde inni siif argama; yoo ati isa dhiifte garuu inni bara baraan si dhiisa.
“Kai kuma ɗana Solomon, ka san Allah na mahaifinka, ka kuma yi masa hidima da dukan zuciya da kuma yardar rai, gama Ubangiji yana binciken zuciya, yana kuma gane dukan aniyar tunani. In ka neme shi, za ka same shi; amma in ka yashe shi, zai ƙi ka har abada.
10 Amma qalbeeffadhu; Waaqayyo akka ati mana iddoo qulqulluu taʼu tokko ijaartuuf si filateeraatii. Jajjabaadhuu hojjedhu.”
Ka lura fa, gama Ubangiji ya zaɓe ka don ka gina haikali a matsayin wuri mai tsarki. Ka yi ƙarfin hali ka kuma yi aiki.”
11 Ergasii Daawit karoora gardaafoo mana qulqullummaa, kan ijaarsa isaa, kutaawwan miʼi keessa kaaʼamu, kan kutaawwan ol aananiitii fi kutaawwan keessaa, akkasumas karoora iddoo teessoo araaraa ilma isaa Solomoonitti kenne.
Sa’an nan Dawuda ya ba ɗansa Solomon tsari domin shirayin haikalin, gine-ginensa, ɗakunan ajiyarsa, ɓangarorin bisansa, ɗakunan cikinsa da kuma wurin kafara.
12 Akkasumas karoora waan Hafuurri qulqulluun isa yaachisee kan oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo, kan kutaawwan naannoo isaa jiranii, kutaawwan mana miʼa mana qulqullummaa Waaqaatii fi kan mankuusaa miʼoota Waaqaatiif addaan baafamanii hunda itti kenne.
Ya ba shi tsarin dukan abin da Ruhu ya sa a zuciyarsa saboda filayen haikalin Ubangiji da ɗakunan kewaye, da ma’ajin haikalin Allah da kuma baitulmali na kayayyakin da aka keɓe.
13 Karoora ramaddii hojii lubootaatii fi Lewwotaa, tajaajila mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti kennamuu maluu hunda, miʼoota mana qulqullummaa keessatti tajaajilaaf oolan irrattis qajeelfama ni kenneef.
Ya ba shi tsari game ɓangarori na firistoci da Lawiyawa, da game dukan aikin hidima a cikin haikalin Ubangiji, da kuma game da dukan kayayyakin da za a yi amfani da su a hidima.
14 Ulfina warqee miʼoota warqee irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaatii fi ulfina meetii miʼoota meetii irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaas isa beeksise:
Ya kimanta yawan zinariya don dukan kayayyakin zinariyar da za a yi amfani a kowane irin hidima, da yawan azurfa don dukan kayayyakin azurfan da za a yi amfani a kowace irin hidima.
15 Kunis ulfina baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetamaniitii fi ibsaawwan isaanii, ulfina warqee tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaa isaanii wajjin, akkasumas akkuma hojii tokkoo tokkoo baattuu ibsaa sanaatti ulfina meetii tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaawwan isaa,
Da yawan zinariya don wurin ajiye fitilan fitilu da fitilunsu, da yawan zinariyan da za a yi amfani don kowace fitila da wurin ajiye fitilanta; da kuma yawan azurfa don kowane wurin ajiye fitila da fitilunsa bisa ga yadda za a yi amfani da kowane wurin ajiye fitila;
16 ulfina warqee tokkoo tokkoo minjaala buddeenni qulqulluun irra kaaʼamuu, ulfina meetii minjaalli irraa hojjetame,
yawan zinariya don kowane tebur saboda burodi mai tsaki; da kuma yawan azurfa saboda teburin azurfa;
17 ulfina warqee qulqulluu falʼaana, waciitii fi kubbaayyaa, ulfina warqee tokkoo tokkoo caabii warqee irraa hojjetame; ulfina meetii tokkoo tokkoo caabii meetii irraa hojjetame;
yawan zinariya zalla, don cokula masu yatsu, kwanonin yayyafawa ruwa da kuma tuluna; yawan zinariya don kowane kwanon zinariya; yawan azurfa don kowane kwanon azurfa;
18 akkasumas ulfina warqee qulqulleeffame kan iddoo aarsaa ixaanaatiif qopheeffame. Karoora gaarii jechuunis kiirubeelii warqee irraa hojjetaman kanneen qoochoo isaanii babalʼisanii taabota kakuu Waaqayyoo haguugan itti kenne.
da kuma yawan tacecciyar zinariya don bagaden turare. Ya kuma ba shi tsari don keken yaƙi, wato, kerubobin zinariyar da suka miƙe fikafikansu suka inuwantar da akwatin alkawarin Ubangiji.
19 Daawitis, “Ani waan kana hunda harka Waaqayyoo kan narra jiru sanaan barreeffamaan argadhe; innis karoora hojii kanaa hunda irratti hubannaa naaf kenne” jedhe.
Dawuda ya ce, “Dukan wannan, ina da shi a rubuce daga hannun Ubangiji zuwa gare ni, ya kuma ba ni ganewa cikin dukan tsarin fasalin, filla-filla.”
20 Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe; “Cimi; jajjabaadhus; hojii sanas hojjedhu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin; Waaqayyo Gooftaan Waaqni koo si wajjin jiraatii. Inni hamma hojiin tajaajila mana qulqullummaa Waaqayyoo dhumutti si hin dhiisu yookaan si hin gatu.
Dawuda ya kuma ce wa Solomon ɗansa, “Ka yi ƙarfin hali, ka kuma yi aikin. Kada ka ji tsoro ko ka fid da zuciya, gama Ubangiji Allah, Allahna, yana tare da kai. Ba zai bari ka ji kunya ko yă yashe ka ba, sai an gama dukan aikin saboda hidimar haikalin Ubangiji.
21 Gareen lubootaatii fi Lewwotaa ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif qophaaʼoo dha. Namni fedhii qabu kan ogummaa hojii gosa kamii iyyuu qabu hundii hojii hunda si gargaara. Qondaaltonnii fi namoonni hundii ajaja kee hunda ni fudhatu.”
Sassan firistoci da na Lawiyawa suna a shirye domin dukan aiki a haikalin Allah, kuma kowane gwani mai niyya a kowace sana’a, zai taimake ka a cikin dukan aikin. Shugabanni da dukan mutane za su yi biyayya da kowane umarninka.”

< 1 Seenaa 28 >