< 1 Seenaa 27 >

1 Lakkoobsi ijoollee Israaʼel hangafoonni maatii isaanii, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni isaanii warri waan kutaawwan loltootaa kanneen waggaa guutuu jiʼa jiʼaan hojiitti ramadaman sanaa ilaalu hunda irratti mooticha tajaajilan kanaa dha. Tokkoon tokkoon kutaawwan loltootaa kunis nama 24,000 of keessaa qaba ture.
Aya ndiwo mazita avaIsraeri, vakuru vemhuri, vatungamiri vezviuru navatungamiri vamazana, namachinda avo, vaishandira mambo mune zvose pamusoro pamapoka avarwi ainge ari pabasa mwedzi nomwedzi mugore rose. Boka rimwe nerimwe raiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
2 Jiʼa jalqabaatiif ajajaan kutaa loltootaa kan duraa Yaashobiʼaam ilma Zabdiiʼeel ture. Kutaa loltoota isaa keessas loltoota 24,000 ture.
Aitungamirira boka rokutanga mwedzi wokutanga, aiva Jashobheami mwanakomana waZabhidhieri. Muboka rake maiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
3 Innis sanyii Faaresii fi hangafa ajajjoota kutaa loltoota hundaa kan jiʼa jalqabaa ture.
Aiva chizvarwa chaPerezi uyewo ari mukuru wavakuru vavavarwi vose mumwedzi wokutanga.
4 Doodaayi namichi Ahooʼaa ajaja kutaa waraanaa kan jiʼa lammaffaaf ture; Miiqlooti hoogganaa kutaa waraana isaa ture. Kutaan waraana isaas namoota 24,000 of keessaa qaba ture.
Aitungamirira boka remwedzi wechipiri ainzi Dhodhai muAhohi; Mikiroti ndiye aiva mutungamiri weboka rake. Muboka rake maiva nezviuru makumi maviri nezvina.
5 Ajajaan kutaa waraanaa sadaffaan kan jiʼa sadaffaa immoo Benaayaa ilma Yehooyaadaa lubichaa ture. Innis hangafa; kutaan waraana isaa namoota 24,000 of keessaa qaba ture.
Mukuru wavarwi wechitatu mumwedzi wechitatu ainzi Bhenaya mwanakomana waJehoyadha muprista. Ndiye aiva mukuru uye muboka rake maiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
6 Benaayaa kun isuma warra soddoma keessaa nama jabaa fi ajajaa warra soddoma sanaa ture sanaa dha. Amiizaabaad ilmi isaa immoo ajajaa kutaa waraana isaa ture.
Uyu ndiye Bhenaya uya aiva mumwe woumhare pakati paMakumi Matatu uye aiva pamusoro paMakumi Matatu vacho. Mwanakomana wake Amizabhadhi ndiye aitungamirira boka rake.
7 Jiʼa afuraffaaf ajajaan kuta afuraffaa Asaaheel obboleessa Yooʼaab ture; kan iddoo isaa buʼe immoo ilma isaa Zebaadiyaa dha. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
Wechina pamwedzi wechina, aiva Asaheri mununʼuna waJoabhu; mwanakomana wake Zebhadhia ndiye akamutevera pakutungamirira boka iri. Muboka rake maiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
8 Jiʼa shanaffaaf ajajaan kutaa shanaffaa Shamhuuti namicha Yizraa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
Wechishanu pamwedzi wechishanu, aiva mutungamiri Shamihuti muIzirahi. Muboka rake maiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
9 Jiʼa jaʼaffaaf Iiraa ilmi Iqeesh namicha Teqooʼaa sanaa ajajaa jaʼaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
Wechitanhatu pamwedzi wechitanhatu, aiva Ira mwanakomana waIkeshi muTeko. Muboka rake maiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
10 Jiʼa torbaffaaf Heleez namichi Pheloonaa kan gosa Efreem sun ajajaa torbaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
Wechinomwe pamwedzi wechinomwe, aiva Herezi muPeroni, muEfuremu. Muboka rake maiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
11 Jiʼa saddeettaffaaf Siibekaay namichi biyya Hushaa kan gosa Zaarotaa ajajaa saddeettaffaa ture; kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
Worusere, pamwedzi worusere, aiva Sibhekai muHushati muZerahi. Muboka rake maiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
12 Jiʼa saglaffaaf Abiiʼezer namicha Anaatootii kan gosa Beniyaam sanattu ajajaa saglaffaa ture; kutaa isaa keessaa namoota 24,000 turan.
Wechipfumbamwe, mumwedzi wechipfumbamwe, aiva Abhiezeri muAnatoti, muBhenjamini. Muboka rake maiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
13 Jiʼa kurnaffaaf Maharaayi namicha Netoof kan gosa Zaaraa sanatu ajajaa kurnaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
Wegumi, mumwedzi wegumi, aiva Maharai muNetofati, muZerahi. Muboka rake maiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
14 Jiʼa kudha tokkoffaaf ajajaan kudha tokkoffaan Benaayaa namicha Phiraatoon kan gosa Efreem sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
Wegumi nomumwe, mumwedzi wegumi nomumwe, aiva Bhenaya muPiratoni, muEfuremu. Muboka rake maiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
15 Jiʼa kudha lammaffaaf ajajaan kudha lammaffaan Heldaayi namicha Netoof kan gosa Otniiʼeel sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
Wegumi navaviri, mumwedzi wegumi nemiviri, aiva Heridhai muNetofati, aibva mumhuri yaOtinieri. Muboka rake maiva navarume zviuru makumi maviri nezvina.
16 Hangafoonni gosoota Israaʼel: Gosa Ruubeen irratti: Eliiʼezer ilma Zikrii; gosa Simiʼoon irratti: Shefaaxiyaa ilma Maʼakaa;
Machinda pamusoro pamarudzi aIsraeri aiti: pamusoro pavaRubheni: Eriezeri mwanakomana waZikiri; pamusoro pavaSimeoni: Shefatia mwanakomana waMaaka;
17 gosa Lewwii irratti: Hashabiyaa ilma Qemuuʼeel; gosa Aroon irratti: Zaadoq;
pamusoro paRevhi: Hashabhia mwanakomana waKemueri; pamusoro paAroni: Zadhoki;
18 gosa Yihuudaa irratti: Eliihuu obboleessa Daawit; gosa Yisaakor irratti: Omrii ilma Miikaaʼel;
pamusoro paJudha: Erihu, mununʼuna waDhavhidhi; pamusoro paIsakari: Omiri mwanakomana waMikaeri;
19 gosa Zebuuloon irratti: Yishmaʼiyaaʼuu ilma Obaadiyaa; gosa Niftaalem irratti: Yeriimooti ilma Azriiʼeel;
pamusoro paZebhuruni: Ishimaya mwanakomana waObhadhia; pamusoro paNafutari: Jerimoti mwanakomana waAzirieri;
20 gosa Efreem irratti: Hoosheeʼaa ilma Azaziyaa; walakkaa gosa Minaasee irratti: Yooʼeel ilma Phedaayaa;
pamusoro pavaEfuremu: Hoshea mwanakomana waAzazia; pamusoro pehafu yorudzi rwaManase: Joere mwanakomana waPedhaya;
21 walakkaa gosa Minaasee kan Giliʼaad keessa jiraatuu irratti: Iddoo ilma Zakkaariyaas; gosa Beniyaam irratti: Yaʼisiiʼel ilma Abneer;
pamusoro pehafu yorudzi rwaManase muGireadhi: Idho mwanakomana waZekaria; pamusoro paBhenjamini: Jaasieri mwanakomana waAbhineri;
22 gosa Daan irratti: Azariʼeel ilma Yirooham. Hangafoonni gosoota Israaʼel isaan kanneen turan.
pamusoro paDhani: Azareri mwanakomana waJerohamu. Ava ndivo vaiva machinda pamusoro pamarudzi avaIsraeri.
23 Daawit sababii Waaqayyo saba Israaʼel akkuma urjiiwwan samiitti baayʼisuuf waadaa galeef dhiira waggaa digdamaatii fi digdamaa gad taʼe hin lakkoofne.
Dhavhidhi haana kuverenga varume vaiva namakore makumi maviri zvichidzika, nokuti Jehovha akanga avimbisa kuti vaIsraeri vaizowanda senyeredzi dziri mudenga.
24 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiirota lakkaaʼuu jalqabe malee lakkaaʼee hin fixne; sababii lakkoobsa kanaatiifis dheekkamsi Waaqaa Israaʼelitti dhufe; kanaafuu warri hedaman iyyuu galmee Daawit mootichaa keessatti hin galmeeffamne.
Joabhu mwanakomana waZeruya akatanga kuverenga varume ava asi haana kuzopedza. Kutsamwa kwakauya pamusoro peIsraeri nokuda kwokuverengwa uku, saka uwandu uhu hahuna kuiswa mubhuku renhoroondo dzegore negore raMambo Dhavhidhi.
25 Azmaawet ilmi Aadiiʼeel shuumii mankuusaa qabeenya mootii ture. Yoonaataan ilmi Uziyaa immoo shuumii miʼoota aanaalee, magaalaawwan, kan gandootaatii fi gamoowwan eegumsaa ture.
Azimavheti mwanakomana waAdhieri aiva muchengeti wamatura amambo. Jonatani mwanakomana waUzia aiva muchengeti wamatura kumaruwa okure, mumaguta, mumisha neshongwe dzavarindi.
26 Ezeriin ilmi Kiluub shuumii qonnaan bultootaa ture.
Eziri mwanakomana waKerubhi aiva mutariri pamusoro wavashandi vairima minda.
27 Shimeʼiin namichi Raamaatii sun itti gaafatamaa iddoo dhaabaa wayinii ture. Zabdiin namichi Shifaamii sun itti gaafatamaa mana cuunfaa wayinii iddoo dhaabaa wayinii keessaa ture.
Shimei muRamati aiva mutariri weminda yemizambiringa. Zabhidhi muShifimi aiva mutariri wezvibereko zveminda yemizambiringa zvokuzoisa muzvirongo zvewaini.
28 Baʼaal-Haanaan namichi Gedeeraa sun shuumii mukkeen ejersaatii fi harbuu tabbawwan gaarran gama lixa biiftuutti argamanii ture. Yooʼaash immoo shuumii mana zayitii ejersaa ture.
Bhaari-Hanani muGedheri aiva mutariri wemiorivhi nemionde yakanga iri mujinga mezvikomo zvokumadokero. Joashi aiva mutariri wamafuta omuorivhi.
29 Shitraayi namichi Shaaroon shuumii karra loonii kan Shaaroonitti bobbaʼuu ture. Shaafaax ilmi Aadilaay shuumii karra loowwan sulula keessa jiranii ture.
Shitirai muSharoni, aiva mutariri wemombe dzaifura muSharoni. Shafati mwanakomana waAdhirai ndiye aiva mutariri wemombe dzaiva mumipata.
30 Oobiil namichi gosa Ishmaaʼeel sun shuumii gaalawwanii ture. Yehideyaan namichi gosa Meeroonotaa shuumii harrootaa ture.
Obhiri muIshumaeri aiva mutariri wengamera. Jedheya muMeronoti aiva mutariri wembongoro.
31 Yaaziiz namichi gosa Aggaar itti gaafatamaa bushaayee ture. Isaan kunneen hundi shuumota qabeenya Daawit mootichaa turan.
Jazizi muHagiri aiva mutariri wamakwai. Ava ndivo vaiva vabati vaichengeta pfuma yaMambo Dhavhidhi.
32 Yoonaataan eessumni Daawit namichi beekaan barreessaan sun gorsituu ture; Yehiiʼeel ilmi Hakmoonii immoo eegduu ilmaan mootichaa ture.
Jonatani, babamunini vaDhavhidhi vaiva mupi wamazano, murume woruzivo nomunyori. Jehieri mwanakomana waHakimoni aiva muchengeti wavanakomana vamambo.
33 Ahiitofel gorsaa mootichaa ture. Huushaayi namichi gosa Arki immoo michuu mootichaa ture.
Ahitoferi aiva mupi wamazano kuna mambo. Hushai muAriki aiva shamwari yamambo.
34 Yehooyaadaan ilmi Benaayaatii fi Abiyaataar iddoo Ahiitofel buʼan. Yooʼaab immoo ajajaa eegdota mootummaa ture.
(Ahitoferi akazoteverwa pachinzvimbo naJehoyadha mwanakomana waBhenaya uye naAbhiatari.) Joabhu ndiye aiva mutungamiri wehondo yamambo.

< 1 Seenaa 27 >