< 1 Seenaa 27 >
1 Lakkoobsi ijoollee Israaʼel hangafoonni maatii isaanii, ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaatii fi qondaaltonni isaanii warri waan kutaawwan loltootaa kanneen waggaa guutuu jiʼa jiʼaan hojiitti ramadaman sanaa ilaalu hunda irratti mooticha tajaajilan kanaa dha. Tokkoon tokkoon kutaawwan loltootaa kunis nama 24,000 of keessaa qaba ture.
[軍隊組織]以色列子民、族長、千夫長、百夫長,以及所有的官員,都按照數目分定班次,每年按月輪流值班,事奉君王;每班二萬四千人。
2 Jiʼa jalqabaatiif ajajaan kutaa loltootaa kan duraa Yaashobiʼaam ilma Zabdiiʼeel ture. Kutaa loltoota isaa keessas loltoota 24,000 ture.
正月第一軍的軍長是匝貝狄爾的兒子依市巴耳,他這一軍有二萬四千人,
3 Innis sanyii Faaresii fi hangafa ajajjoota kutaa loltoota hundaa kan jiʼa jalqabaa ture.
他是培勒茲的後代,是正月各軍官的軍長。
4 Doodaayi namichi Ahooʼaa ajaja kutaa waraanaa kan jiʼa lammaffaaf ture; Miiqlooti hoogganaa kutaa waraana isaa ture. Kutaan waraana isaas namoota 24,000 of keessaa qaba ture.
二月第二軍的軍長是阿曷亞人多待的兒子厄肋阿匝爾,他這一軍有二萬四千人。
5 Ajajaan kutaa waraanaa sadaffaan kan jiʼa sadaffaa immoo Benaayaa ilma Yehooyaadaa lubichaa ture. Innis hangafa; kutaan waraana isaa namoota 24,000 of keessaa qaba ture.
三月第三軍的軍長是大司祭約雅達的兒子貝納雅,他這一軍有二萬四千人。
6 Benaayaa kun isuma warra soddoma keessaa nama jabaa fi ajajaa warra soddoma sanaa ture sanaa dha. Amiizaabaad ilmi isaa immoo ajajaa kutaa waraana isaa ture.
貝納雅是三十勇士之一,且為三十勇士之長;他的兒子阿米匝巴特指揮他的部隊。
7 Jiʼa afuraffaaf ajajaan kuta afuraffaa Asaaheel obboleessa Yooʼaab ture; kan iddoo isaa buʼe immoo ilma isaa Zebaadiyaa dha. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
四月第四軍的軍長是約阿布的兄弟阿撒耳,他以後是他的兒子則巴狄雅,他這一軍有二萬四千人。
8 Jiʼa shanaffaaf ajajaan kutaa shanaffaa Shamhuuti namicha Yizraa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
五月第五軍的軍長是依次辣黑人沙默胡特,他這一軍有二萬四千人。
9 Jiʼa jaʼaffaaf Iiraa ilmi Iqeesh namicha Teqooʼaa sanaa ajajaa jaʼaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
六月第六軍的軍長是特科亞人依刻士的兒子依辣,他這一軍有二萬四千人。
10 Jiʼa torbaffaaf Heleez namichi Pheloonaa kan gosa Efreem sun ajajaa torbaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
七月第七軍的軍長是厄弗辣因的後裔帕耳提人赫肋茲人,他這一軍有二萬四千人。
11 Jiʼa saddeettaffaaf Siibekaay namichi biyya Hushaa kan gosa Zaarotaa ajajaa saddeettaffaa ture; kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
八月第八軍的軍長是則辣黑族胡沙人息貝開,他這一軍有二萬四千人。
12 Jiʼa saglaffaaf Abiiʼezer namicha Anaatootii kan gosa Beniyaam sanattu ajajaa saglaffaa ture; kutaa isaa keessaa namoota 24,000 turan.
九月第九軍的軍長是本雅明足阿納托特人阿彼厄則爾,他這一軍有二萬四千人。
13 Jiʼa kurnaffaaf Maharaayi namicha Netoof kan gosa Zaaraa sanatu ajajaa kurnaffaa ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
十月第十軍的軍長是則辣黑族乃托法人瑪哈賴,他這一軍有二萬四千人。
14 Jiʼa kudha tokkoffaaf ajajaan kudha tokkoffaan Benaayaa namicha Phiraatoon kan gosa Efreem sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
十一月第十一軍的軍長是厄弗辣因的後裔丕辣通人貝納雅,他這一軍有二萬四千人。
15 Jiʼa kudha lammaffaaf ajajaan kudha lammaffaan Heldaayi namicha Netoof kan gosa Otniiʼeel sana ture. Kutaa isaa keessa namoota 24,000 turan.
十二月第十二軍的軍長是敖特尼耳族乃托法人赫耳特,他這一軍有二萬四千人。[各支派首領]
16 Hangafoonni gosoota Israaʼel: Gosa Ruubeen irratti: Eliiʼezer ilma Zikrii; gosa Simiʼoon irratti: Shefaaxiyaa ilma Maʼakaa;
以色列各支派的首領:勒烏本子孫的首領是齊革黎的兒子厄里厄則爾;西默盎子孫的首領是瑪加的兒子舍法提雅;
17 gosa Lewwii irratti: Hashabiyaa ilma Qemuuʼeel; gosa Aroon irratti: Zaadoq;
肋未子孫的首領是刻慕耳的兒子哈沙彼雅;亞郎子孫的首領是匝多克;
18 gosa Yihuudaa irratti: Eliihuu obboleessa Daawit; gosa Yisaakor irratti: Omrii ilma Miikaaʼel;
猶大子孫的首領是達味的一個兄弟厄里雅布;依撒加爾子孫的首領是米加耳的兒子敖默黎;
19 gosa Zebuuloon irratti: Yishmaʼiyaaʼuu ilma Obaadiyaa; gosa Niftaalem irratti: Yeriimooti ilma Azriiʼeel;
則步隆子孫的首領是敖巴狄雅的兒子依市瑪雅;納斐塔里子孫的首領是阿黎耳的兒子耶黎摩特;
20 gosa Efreem irratti: Hoosheeʼaa ilma Azaziyaa; walakkaa gosa Minaasee irratti: Yooʼeel ilma Phedaayaa;
厄弗辣因子孫的首領是阿匝齊雅的兒子曷舍亞;默納協半支派子孫的首領是培達雅的兒子約厄耳;
21 walakkaa gosa Minaasee kan Giliʼaad keessa jiraatuu irratti: Iddoo ilma Zakkaariyaas; gosa Beniyaam irratti: Yaʼisiiʼel ilma Abneer;
基肋阿得地方默納協另半支派子孫的首領是則加黎雅的兒子依多;本雅明子孫的首領是阿貝乃爾的兒子雅息耳;
22 gosa Daan irratti: Azariʼeel ilma Yirooham. Hangafoonni gosoota Israaʼel isaan kanneen turan.
丹子孫的首領是耶洛罕的兒子阿匝勒耳:以上是以色列各支派的首領。
23 Daawit sababii Waaqayyo saba Israaʼel akkuma urjiiwwan samiitti baayʼisuuf waadaa galeef dhiira waggaa digdamaatii fi digdamaa gad taʼe hin lakkoofne.
二十歲以下的,達味皆未予以統計,因為上主曾應許過使以色列的人數多如天上的星辰。
24 Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiirota lakkaaʼuu jalqabe malee lakkaaʼee hin fixne; sababii lakkoobsa kanaatiifis dheekkamsi Waaqaa Israaʼelitti dhufe; kanaafuu warri hedaman iyyuu galmee Daawit mootichaa keessatti hin galmeeffamne.
責魯雅的兒子約阿布開始統計過,但是沒有完成,因為上主曾向以色列大發忿怒,故此人口數字也沒有載在達味王實錄上。[財政的主管]
25 Azmaawet ilmi Aadiiʼeel shuumii mankuusaa qabeenya mootii ture. Yoonaataan ilmi Uziyaa immoo shuumii miʼoota aanaalee, magaalaawwan, kan gandootaatii fi gamoowwan eegumsaa ture.
掌管軍王府庫的是阿狄耳的兒子阿次瑪委特;掌管郊邑、村堡、貨倉的是烏齊雅的兒子約納堂;
26 Ezeriin ilmi Kiluub shuumii qonnaan bultootaa ture.
掌管耕田種地農人的是革路布的兒子厄次黎;
27 Shimeʼiin namichi Raamaatii sun itti gaafatamaa iddoo dhaabaa wayinii ture. Zabdiin namichi Shifaamii sun itti gaafatamaa mana cuunfaa wayinii iddoo dhaabaa wayinii keessaa ture.
掌管葡萄園的是辣瑪人史米;掌管葡萄園內酒倉的是史斐米人匝貝狄;
28 Baʼaal-Haanaan namichi Gedeeraa sun shuumii mukkeen ejersaatii fi harbuu tabbawwan gaarran gama lixa biiftuutti argamanii ture. Yooʼaash immoo shuumii mana zayitii ejersaa ture.
掌管平原的橄欖園和無花果園的是革德爾人巴耳哈南;掌管油庫的是約阿士;
29 Shitraayi namichi Shaaroon shuumii karra loonii kan Shaaroonitti bobbaʼuu ture. Shaafaax ilmi Aadilaay shuumii karra loowwan sulula keessa jiranii ture.
掌管仔沙龍平原所牧放的牛群的是沙龍人史特賴;掌管在山谷中所牧放的牛群的是阿德來的兒子沙法特;
30 Oobiil namichi gosa Ishmaaʼeel sun shuumii gaalawwanii ture. Yehideyaan namichi gosa Meeroonotaa shuumii harrootaa ture.
掌管駱駝的是依市瑪耳人敖彼耳;掌管驢群的是默洛諾特人耶赫狄雅;
31 Yaaziiz namichi gosa Aggaar itti gaafatamaa bushaayee ture. Isaan kunneen hundi shuumota qabeenya Daawit mootichaa turan.
掌管楊群的是哈革爾人雅齊:以上是掌管達味君王財政的主管。[中樞要員]
32 Yoonaataan eessumni Daawit namichi beekaan barreessaan sun gorsituu ture; Yehiiʼeel ilmi Hakmoonii immoo eegduu ilmaan mootichaa ture.
達味的叔父約納堂作參事,這人有智慧,又有學問,他與哈革摩尼的兒子耶希耳教導君王的兒子:
33 Ahiitofel gorsaa mootichaa ture. Huushaayi namichi gosa Arki immoo michuu mootichaa ture.
阿希托費耳為君王的顧問;阿爾基人胡瑟為君王的朋友;
34 Yehooyaadaan ilmi Benaayaatii fi Abiyaataar iddoo Ahiitofel buʼan. Yooʼaab immoo ajajaa eegdota mootummaa ture.
繼阿希托費耳之後的是貝納雅的兒子約雅達和厄耳雅塔;約阿布為君王軍隊的元帥。