< 1 Seenaa 26 >
1 Akka itti eegdonni karraa qoodaman: Gosa qoree keessaa: Ilmaan Asaaf keessaa Mesheleemiyaa ilma Qooraahi.
守门的班次记在下面:可拉族亚萨的子孙中,有可利的儿子米施利米雅。
2 Mesheleemiyaa ilmaan qaba ture; isaanis: Inni hangafti Zakkaariyaas, lammaffaan Yediiʼeel, sadaffaan Zabaadiyaa, Afuraffaan Yatniiʼeel,
米施利米雅的长子是撒迦利亚,次子是耶叠,三子是西巴第雅,四子是耶提聂,
3 inni shanaffaan Eelaam, jaʼaffaan Yehohaanaan, torbaffaan Eliihooʼeenayi.
五子是以拦,六子是约哈难,七子是以利约乃。
4 Oobeed Edoomis akkasuma ilmaan qaba ture; isaanis: Inni hangafti Shemaaʼiyaa, lammaffaan Yehoozaabaad, sadaffaan Yooʼaa, afuraffaan Saakaar, shanaffaan Naatnaaʼel,
俄别·以东的长子是示玛雅,次子是约萨拔,三子是约亚,四子是沙甲,五子是拿坦业,
5 jaʼaffaan Amiiʼeel, torbaffaan Yisaakor, saddeettaffaan Pheʼuletii; Waaqni Oobeed Edoomin eebbiseeraatii.
六子是亚米利,七子是以萨迦,八子是毗乌利太,因为 神赐福与俄别·以东。
6 Shemaaʼiyaan ilmi isaas ilmaan qaba ture; isaanis waan dandeettii guddaa qabaniif qajeelchitoota maatii abbaa isaanii turan.
他的儿子示玛雅有几个儿子,都是大能的壮士,掌管父亲的家。
7 Ilmaan Shemaaʼiyaa: Otnii, Raafaaʼeel, Oobeedii fi Elzaabaad; firoonni isaa Eliihuu fi Samaakiyaanis dandeettii guddaa qabu ture.
示玛雅的儿子是俄得尼、利法益、俄备得、以利萨巴。以利萨巴的弟兄是壮士,还有以利户和西玛迦。
8 Isaan kunneen hundi ilmaan Oobeed Edoom; isaan, ilmaan isaaniitii fi firoonni isaanii namoota jajjaboo dandeettii hojii qaban turan; ilmaan Oobeed Edoom; walumatti nama 62 turan.
这都是俄别·以东的子孙,他们和他们的儿子并弟兄,都是善于办事的壮士。俄别·以东的子孙共六十二人。
9 Mesheleemiyaa fi firoota dandeettii guddaa qaban qaba ture; isaanis walumatti nama 18 turan.
米施利米雅的儿子和弟兄都是壮士,共十八人。
10 Hoosaan inni gosa Meraarii sun ilmaan qaba ture; isaanis: Shimriin dura buʼaa ture; inni hangafa taʼuu baatu iyyuu abbaan isaa dura buʼaa isa godhee ture;
米拉利子孙何萨有几个儿子:长子是申利,他原不是长子,是他父亲立他作长子。
11 inni lammaffaan Hilqiyaa, inni sadaffaan Xibaliyaa, inni afuraffaan Zakkaariyaas. Ilmaanii fi firoonni Hoosaa walumatti nama 13 turan.
次子是希勒家,三子是底巴利雅,四子是撒迦利亚。何萨的儿子并弟兄共十三人。
12 Garee eegdota karraa kana keessaa hangafoota isaaniitiif hojiin akkuma firoonni isaanii hojjetan sanaa mana Waaqayyoo keessa tajaajiluu ni kennameef.
这些人都是守门的班长,与他们的弟兄一同在耶和华殿里按班供职。
13 Tokkoo tokkoo balbalaatiifis akkuma maatii maatii isaaniitti xinnaa guddaaf ixaan buʼe.
他们无论大小,都按着宗族掣签分守各门。
14 Ixaan Karra Baʼa Biiftuu Shelemiyaaf baʼe. Ergasii immoo Zakkaariyaas ilma isaa gorsituu ogeessa sanaaf ixaan buʼe; ixaan balbala kaabaa isaaf baʼe.
掣签守东门的是示利米雅;他的儿子撒迦利亚是精明的谋士,掣签守北门。
15 Ixaan Karra gama kibbaa Oobeed Edoomiif, kan mankuusaa immoo ilmaan isaatiif baʼe.
俄别·以东守南门,他的儿子守库房。
16 Ixaan Karra Lixa biiftuutii fi Karra Shaleekeet kan daandii olii irratti argamu Shufiimii fi Hoosaaf baʼe. Eegumsa tokko fuulleedhaan eegumsa biraatu ture:
书聘与何萨守西门,在靠近沙利基门、通着往上去的街道上,班与班相对。
17 Karaa baʼa biiftuutiin guyyaa guyyaatti Lewwota jaʼa, karaa kaabaatiin guyyaa guyyaatti afur, karaa kibbaatiin guyyaa guyyaatti afur karaa mankuusaa immoo yeroo tokkotti lamatu ture.
每日东门有六个利未人,北门有四个,南门有四个,库房有两个,又有两个轮班替换。
18 Oobdii gama lixa biiftuutiin jiruuf daandii irra afur, waltajjicha gubbaa immoo lamatu ture.
在西面街道上有四个,在游廊上有两个。
19 Isaan kunneen garee eegdota karraa kanneen ilmaan Qooraahiitii fi Meraarii keessaa dhufanii dha.
以上是可拉子孙和米拉利子孙守门的班次。
20 Lewwota keessaa Ahiiyaan itti gaafatamaa qabeenya mana Waaqaatii fi itti gaafatamaa miʼoota qulqulleeffamanii ture.
利未子孙中有亚希雅掌管 神殿的府库和圣物的府库。
21 Sanyiiwwan Laʼadaan kanneen karaa Laʼadaaniitiin Geershoonota taʼan warri hangafoota maatii Laʼadaan namicha gosa Geershoon sanaa turan: Yehiiʼeelii,
革顺族、拉但子孙里,作族长的是革顺族拉但的子孙耶希伊利。
22 ilmaan Yehiiʼeelii, Zeetaamii fi obboleessa isaa Yooʼeel. Isaan kunis itti gaafatamtoota qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyoo turan.
耶希伊利的儿子西坦和他兄弟约珥掌管耶和华殿里的府库。
23 Amraamota keessaa, Yizihaarota keessaa, Kebroonota keessaa, Uziiʼeel keessaa:
暗兰族、以斯哈族、希伯伦族、乌泄族也有职分。
24 Shebuuʼeel ilmi Geershoom ilma Musee sanaa itti gaafatamaa qabeenyaa hangafa ture.
摩西的孙子、革舜的儿子细布业掌管府库。
25 Namoonni karaa Eliiʼezeriitiin firoota isaa taʼan immoo: ilma isaa Rehaabiyaa, ilma isaa Isaayyaas, ilma isaa Yooraam, ilma isaa Zikrii fi ilma isaa Sheloomiit.
还有他的弟兄以利以谢。以利以谢的儿子是利哈比雅;利哈比雅的儿子是耶筛亚;耶筛亚的儿子是约兰;约兰的儿子是细基利;细基利的儿子是示罗密。
26 Sheloomiitii fi firoonni isaa mankuusaa miʼoota Daawit mootichi, hangafoonni maatiiwwanii kanneen ajajjuuwwan kumaatii fi ajajjuuwwan dhibbaa turan, akkasumas ajajjoonni loltootaa biraa Waaqaaf addaan baasan irratti itti gaafatamtoota turan.
这示罗密和他的弟兄掌管府库的圣物,就是大卫王和众族长、千夫长、百夫长,并军长所分别为圣的物。
27 Isaan boojuu waraanaan argame keessaa gara tokko haaromsuu mana qulqullummaa Waaqayyootiif addaan baasanii kennan.
他们将争战时所夺的财物分别为圣,以备修造耶和华的殿。
28 Waan Saamuʼeel namichi mulʼata argu sun, Saaʼol ilmi Qiish, Abneer ilmi Neerii fi Yooʼaab ilmi Zeruuyaa dhiʼeessanii fi waan Waaqaaf addaan baafame hunda Sheloomiitii fi firoota isaatu eega ture.
先见撒母耳、基士的儿子扫罗、尼珥的儿子押尼珥、洗鲁雅的儿子约押所分别为圣的物都归示罗密和他的弟兄掌管。
29 Yizihaarota keessaa: Kenaaniyaa fi ilmaan isaa hojii mana qulqullummaatiin ala taʼetti Israaʼeloota irratti qondaaltotaa fi abbootii murtii taʼanii ramadaman.
以斯哈族有基拿尼雅和他众子作官长和士师,管理以色列的外事。
30 Kebroonota keessaa: Hashabiyaa fi firoonni isaa kanneen dandeettii qaban kuma tokkoo fi dhibba torba biyya Israaʼel kan Yordaanosiin gama lixa biiftuu jirutti hojii Waaqayyoo hundaa fi tajaajila mootichaa irratti itti gaafatamtoota turan.
希伯伦族有哈沙比雅和他弟兄一千七百人,都是壮士,在约旦河西、以色列地办理耶和华与王的事。
31 Kebroonota keessaa akkuma galmee hiddaa dhaloota maatii isaaniitti Yeriyaan hangafa isaanii ture. Bara mootummaa Daawit keessa waggaa afurtamaffaatti galmeewwan ilaalamanii gosa Kebroon keessaa namoonni dandeettii qaban Yaʼizeer biyya Giliʼaadi keessaa sanatti argaman.
希伯伦族中有耶利雅作族长。大卫作王第四十年,在基列的雅谢,从这族中寻得大能的勇士。
32 Yiriiyaan firoota dandeettii qaban kanneen hangafoota maatii turan kuma lamaa fi dhibba torba qaba ture; Daawit mootichis waan kan Waaqaa taʼeef dhimma mootichaa hunda irratti gosa Ruubeen gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee toʼattoota godhe.
耶利雅的弟兄有二千七百人,都是壮士,且作族长;大卫王派他们在吕便支派、迦得支派、玛拿西半支派中办理 神和王的事。