< 1 Seenaa 25 >

1 Daawit ajajjoota loltootaa wajjin akka isaan kiraaraan, baganaa fi kililleetti fayyadamanii raajii dubbataniif maatii Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun keessaa namoota addaan baafate. Maqaan namoota tajaajila kana kennaa turaniis:
ויבדל דויד ושרי הצבא לעבדה לבני אסף והימן וידותון הנביאים (הנבאים) בכנרות בנבלים ובמצלתים ויהי מספרם אנשי מלאכה לעבדתם
2 Ilmaan Asaaf keessaa: Zakuur, Yoosef, Naataaniyaa fi Asareelaa. Ilmaan Asaaf qajeelcha Asaaf jala turan. Asaaf immoo qajeelcha mootichaa jalatti raajii dubbachaa ture.
לבני אסף זכור ויוסף ונתניה ואשראלה--בני אסף על יד אסף הנבא על ידי המלך
3 Ilmaan Yeduutuun keessaa: Gedaaliyaas, Zerii, Isaayyaas, Sameeʼi, Hashabiyaa fi Matiitiyaa. Isaan kunneen jaʼan qajeelcha abbaa isaanii Yeduutuun isa kiraaraan Waaqayyo galateeffachaa fi jajachaa raajii dubbachaa ture sanaa jala turan.
לידותון--בני ידותון גדליהו וצרי וישעיהו חשביהו ומתתיהו ששה על ידי אביהם ידותון בכנור הנבא על הדות והלל ליהוה
4 Ilmaan Heemaan keessaa: Bukiyaa, Mataaniyaa, Uziiʼeel, Shebuuʼeelii fi Yeriimooti; Hanaaniyaa, Hanaanii, Eliiʼaataa, Gidaltii fi Roomaamti-Ezer; Yoshibqaashaa, Malootii, Hootiirii fi Mahaaziyoo ti.
להימן--בני הימן בקיהו מתניהו עזיאל שבואל וירימות חנניה חנני אליאתה גדלתי ורממתי עזר ישבקשה מלותי הותיר מחזיאת
5 Isaan kunneen hundi ilmaan Heemaan namicha mootichaaf mulʼata argu sanaa turan. Isaan akka isa kabajaniif akkuma Waaqni abdachiise sanatti isaa ni kennaman. Waaqnis ilmaan kudha afurii fi intallan sadii Heemaaniif ni kenne.
כל אלה בנים להימן חזה המלך בדברי האלהים--להרים קרן ויתן האלהים להימן בנים ארבעה עשר--ובנות שלוש
6 Namoonni kunneen hundi tajaajila mana Waaqaa keessatti faarfannaa kililleedhaan, kiraaraa fi baganaadhaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti faarfatamu sanaaf qajeelcha abbootii isaanii jala turan. Asaaf, Yeduutuunii fi Heemaan immoo qajeelcha mootichaa jala turan.
כל אלה על ידי אביהם בשיר בית יהוה במצלתים נבלים וכנרות לעבדת בית האלהים--על ידי המלך אסף וידותון והימן
7 Isaanii fi firoonni isaanii kanneen hundi isaanii faarfannaa Waaqayyoof faarfatamuun leenjifamanii ogummaa qaban walumaa galatti 288 turan.
ויהי מספרם עם אחיהם מלמדי שיר ליהוה כל המבין--מאתים שמונים ושמונה
8 Jarris ramaddii isaanii beekuudhaaf xinnaa fi guddaan, barsiisaa fi barataan haaluma wal fakkaatuun ixaa buufatan.
ויפילו גורלות משמרת לעמת כקטן כגדול--מבין עם תלמיד
9 Ixaan jalqabatti Asaafiif buʼe sun Yoosefiif, ilmaan Yoosefiitii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaaniis kudha lama turan lammaffaan Gedaaliyaasiif, isaaf, firoota isaatii fi ilmaan isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
ויצא הגורל הראשון לאסף--ליוסף גדליהו השני--הוא ואחיו ובניו שנים עשר
10 sadaffaan Zakuuriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
השלשי זכור בניו ואחיו שנים עשר
11 afuraffaan Izriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
הרביעי ליצרי--בניו ואחיו שנים עשר
12 shanaffaan Naataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
החמישי נתניהו בניו ואחיו שנים עשר
13 jaʼaffaan Bukiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
הששי בקיהו בניו ואחיו שנים עשר
14 torbaffaan Yishiriʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
השבעי ישראלה בניו ואחיו שנים עשר
15 saddeettaffaan Yashaayaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
השמיני ישעיהו בניו ואחיו שנים עשר
16 saglaffaan Mataaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
התשיעי מתניהו בניו ואחיו שנים עשר
17 kurnaffaan Shimeʼiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
העשירי שמעי בניו ואחיו שנים עשר
18 kudha tokkoffaan Azariʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
עשתי עשר עזראל בניו ואחיו שנים עשר
19 kudha lammaffaan Hashabiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
השנים עשר לחשביה בניו ואחיו שנים עשר
20 kudha sadaffaan Shuubaaʼeeliif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
לשלשה עשר שובאל בניו ואחיו שנים עשר
21 kudha afuraffaan Matiitiyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
לארבעה עשר מתתיהו בניו ואחיו שנים עשר
22 kudha shanaffaan Yereemootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
לחמשה עשר לירמות בניו ואחיו שנים עשר
23 kudha jaʼaffaan Hanaaniyaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
לששה עשר לחנניהו בניו ואחיו שנים עשר
24 kudha torbaffaan Yoshibqaashaaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
לשבעה עשר לישבקשה בניו ואחיו שנים עשר
25 kudha saddeettaffaan Hanaaniif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii nama kudha lama turan
לשמונה עשר לחנני בניו ואחיו שנים עשר
26 kudha saglaffaan Malootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
לתשעה עשר למלותי בניו ואחיו שנים עשר
27 digdammaffaan Eliyaataaf, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
לעשרים לאליתה--בניו ואחיו שנים עשר
28 digdamii tokkoffaan Hootiiriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
לאחד ועשרים להותיר בניו ואחיו שנים עשר
29 digdamii lammaffaan Gidaltiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
לשנים ועשרים לגדלתי בניו ואחיו שנים עשר
30 digdamii sadaffaan Mahaaziyootiif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan
לשלשה ועשרים למחזיאות בניו ואחיו שנים עשר
31 digdamii afuraffaan Roomaamti-Ezeriif, ilmaan isaatii fi firoota isaatiif baʼe; baayʼinni isaanii kudha lama turan.
לארבעה ועשרים לרוממתי עזר בניו ואחיו שנים עשר

< 1 Seenaa 25 >