< 1 Seenaa 24 >

1 Ilmaan Aroon akka armaan gadiitti ramadaman: Ilmaan Aroon Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar turan.
ולבני אהרן מחלקותם בני אהרן--נדב ואביהוא אלעזר ואיתמר
2 Naadaabii fi Abiihuu garuu utuu ijoollee hin dhalchin abbaa isaanii dursanii duʼan; kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar luboota taʼanii tajaajilan.
וימת נדב ואביהוא לפני אביהם ובנים לא היו להם ויכהנו אלעזר ואיתמר
3 Daawitis gargaarsa Zaadoq sanyii Eleʼaazaar sanaatii fi Ahiimelek sanyii Iitaamaariin akkuma tajaajila isaaniitti garee gareen isaan ramade.
ויחלקם דויד--וצדוק מן בני אלעזר ואחימלך מן בני איתמר לפקדתם בעבדתם
4 Sanyiiwwan Iitaamaarii caalaa sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa hooggantoonni hedduun ni argaman; isaanis akkanatti ramadaman: sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa abbootii maatii kudha jaʼa, sanyiiwwan Iitaamaar keessaa immoo abbootii maatii saddeet.
וימצאו בני אלעזר רבים לראשי הגברים מן בני איתמר--ויחלקום לבני אלעזר ראשים לבית אבות ששה עשר ולבני איתמר לבית אבותם שמונה
5 Isaan sababii sanyiiwwan Eleʼaazaarii fi sanyiiwwan Iitaamaar keessa qondaaltonni mana qulqullummaatii fi qondaaltonni Waaqaa turaniif loogii malee ixaadhaan isaan ramadan.
ויחלקום בגורלות אלה עם אלה כי היו שרי קדש ושרי האלהים מבני אלעזר ובבני איתמר
6 Shemaaʼiyaan ilmi Naatnaaʼel namicha gosa Lewwii barreessaan sun fuula mootichaatii fi qondaaltotaa duratti maqaa isaanii Zaadoq lubicha, Ahiimelek ilma Abiyaataar, abbootii maatiiwwan lubootaatii fi Lewwotaa, innis gosa Eleʼaazaar keessaa maatii tokko, gosa Iitaamaar keessaa immoo maatii tokko fuudhee barreesse.
ויכתבם שמעיה בן נתנאל הסופר מן הלוי לפני המלך והשרים וצדוק הכהן ואחימלך בן אביתר וראשי האבות לכהנים וללוים--בית אב אחד אחז לאלעזר ואחז אחז לאיתמר
7 Ixaan jalqabaa Yehooyaariibiif, lammaffaan Yedaaʼiyaaf,
ויצא הגורל הראשון ליהויריב לידעיה השני
8 sadaffaan Haariimiif, afuraffaan Seʼooriimiif,
לחרם השלישי לשערים הרבעי
9 shanaffaan Malkiyaaf, jaʼaffaan Miyaamiiniif,
למלכיה החמישי למימן הששי
10 torbaffaan Haqoosiif, saddeettaffaan Abiyaaf,
להקוץ השבעי לאביה השמיני
11 saglaffaan Yeeshuuʼaaf, kurnaffaan Shekaaniyaaf,
לישוע התשעי לשכניהו העשרי
12 kudhan tokkoffaan Eliyaashiibiif, kudha lammaffaan Yaaqiimiif,
לאלישיב עשתי עשר ליקים שנים עשר
13 kudha sadaffaan Huphaaf, kudha afuraffaan Yeshebeʼaabiif,
לחפה שלשה עשר לישבאב ארבעה עשר
14 kudhan shanaffaan Bilgaaf, kudha jaʼaffaan Imeeriif,
לבלגה חמשה עשר לאמר ששה עשר
15 kudha torbaffaan Heeziiriif, kudha saddeettaffaan Haphizeeziif,
לחזיר שבעה עשר להפצץ שמונה עשר
16 kudha saglaffaan Phetaayaaf, digdammaffaan Hisqiʼeeliif,
לפתחיה תשעה עשר ליחזקאל העשרים
17 digdamii tokkoffaan Yaakiiniif, digdamii lammaffaan Gaamuuliif,
ליכין אחד ועשרים לגמול שנים ועשרים
18 digdamii sadaffaan Delaayaaf, digdamii afuraffaan Maʼaaziyaaf baʼe.
לדליהו שלשה ועשרים למעזיהו ארבעה ועשרים
19 Kun seera isaan yeroo mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanitti ittiin tajaajilanii dha; seera kanas abbaa isaanii Aroonitu akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel isa ajajetti isaaniif kenne.
אלה פקדתם לעבדתם לבוא לבית יהוה כמשפטם ביד אהרן אביהם כאשר צוהו יהוה אלהי ישראל
20 Ilmaan Lewwii warra hafan: Ilmaan Amraamii keessaa: Shuubaaʼeel; ilmaan Shuubaaʼeel keessaa: Yehideyaa.
ולבני לוי הנותרים לבני עמרם שובאל לבני שובאל יחדיהו
21 Ilmaan Rehaabiyaa keessaa: Yishiyaa hangafticha.
לרחביהו--לבני רחביהו הראש ישיה
22 Yizihaarota keessaa: Sheloomiit; ilmaan Sheloomiit keessaa immoo: Yahaati.
ליצהרי שלמות לבני שלמות יחת
23 Ilmaan Kebroon: Inni jalqabaa Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.
ובני יריהו אמריהו השני יחזיאל השלישי יקמעם הרביעי
24 Ilma Uziiʼeel: Miikaa. Ilmaan Miikaa keessaa: Shaamiir.
בני עזיאל מיכה לבני מיכה שמור (שמיר)
25 Obboleessa Miikaa: Yishiyaa; Ilmaan Yishiyaa keessaa: Zakkaariyaas.
אחי מיכה ישיה לבני ישיה זכריהו
26 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Ilma Yaʼaziyaa: Banoo.
בני מררי מחלי ומושי בני יעזיהו בנו
27 Ilmaan Meraarii: Yaʼaziyaa irraa: Banoo, Shohaam, Zakuurii fi Ibrii.
בני מררי--ליעזיהו בנו ושהם וזכור ועברי
28 Mahilii irra: Eleʼaazaar; namichi kun ilmaan hin qabu ture.
למחלי אלעזר ולא היה לו בנים
29 Qiish irraa: Yeramiʼeel ilma Qiish.
לקיש בני קיש ירחמאל
30 Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yeriimooti. Isaan kunneen akkuma mana abbootii isaaniitti ilmaan Lewwotaa ti.
ובני מושי מחלי ועדר וירימות אלה בני הלוים לבית אבתיהם
31 Isaanis akkuma obboloota isaanii ilmaan Aroon sana fuula Daawit Mootichaa duratti, fuula Zaadoq, Ahiimelek, fuula hangafoota maatii lubootaatii fi Lewwotaa duratti ixaa buufatan. Maatii obboleessa hangaftichaatiifis akkuma maatii obboleessa quxisuutti ixaan buʼe.
ויפילו גם הם גורלות לעמת אחיהם בני אהרן לפני דויד המלך וצדוק ואחימלך וראשי האבות לכהנים וללוים--אבות הראש לעמת אחיו הקטן

< 1 Seenaa 24 >