< 1 Seenaa 24 >

1 Ilmaan Aroon akka armaan gadiitti ramadaman: Ilmaan Aroon Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar turan.
Waɗannan su ne sassan’ya’yan Haruna maza.’Ya’yan Haruna maza su ne Nadab, Abihu, Eleyazar da Itamar.
2 Naadaabii fi Abiihuu garuu utuu ijoollee hin dhalchin abbaa isaanii dursanii duʼan; kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar luboota taʼanii tajaajilan.
Amma Nadab da Abihu sun mutu kafin mahaifinsu, ba su kuma haifi’ya’ya maza ba; saboda haka Eleyazar da Itamar suka yi hidimar firistoci.
3 Daawitis gargaarsa Zaadoq sanyii Eleʼaazaar sanaatii fi Ahiimelek sanyii Iitaamaariin akkuma tajaajila isaaniitti garee gareen isaan ramade.
Tare da taimakon Zadok zuriyar Eleyazar da Ahimelek wani zuriyar Itamar. Dawuda ya karkasa su zuwa ɓangarori don aikinsu bisa ga hidima.
4 Sanyiiwwan Iitaamaarii caalaa sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa hooggantoonni hedduun ni argaman; isaanis akkanatti ramadaman: sanyiiwwan Eleʼaazaar keessaa abbootii maatii kudha jaʼa, sanyiiwwan Iitaamaar keessaa immoo abbootii maatii saddeet.
Akwai ɗumbun shugabanni a cikin zuriyar Eleyazar fiye da zuriyar Itamar, aka kuma karkasa su haka, kawuna goma sha shida daga zuriyar Eleyazar da kuma kawuna iyalai takwas daga zuriyar Itamar.
5 Isaan sababii sanyiiwwan Eleʼaazaarii fi sanyiiwwan Iitaamaar keessa qondaaltonni mana qulqullummaatii fi qondaaltonni Waaqaa turaniif loogii malee ixaadhaan isaan ramadan.
Aka karkasa su babu sonkai ta wurin jifa ƙuri’a, gama akwai manyan ma’aikatan wuri mai tsarki da manyan ma’aikatan Allah a cikin zuriyar Eleyazar da Itamar.
6 Shemaaʼiyaan ilmi Naatnaaʼel namicha gosa Lewwii barreessaan sun fuula mootichaatii fi qondaaltotaa duratti maqaa isaanii Zaadoq lubicha, Ahiimelek ilma Abiyaataar, abbootii maatiiwwan lubootaatii fi Lewwotaa, innis gosa Eleʼaazaar keessaa maatii tokko, gosa Iitaamaar keessaa immoo maatii tokko fuudhee barreesse.
Shemahiya ɗan Netanel, wani Balawe ne marubuci, ya rubuta sunayensu a gaban sarki da kuma a gaban manyan ma’aikata. Zadok firist, Ahimelek ɗan Abiyatar da kuma kawunan iyalan firistoci da na Lawiyawa, iyali guda daga Eleyazar, guda kuma daga Itamar.
7 Ixaan jalqabaa Yehooyaariibiif, lammaffaan Yedaaʼiyaaf,
Ƙuri’a ta farko ta faɗa a kan Yehoyarib, na biyu a kan Yedahiya,
8 sadaffaan Haariimiif, afuraffaan Seʼooriimiif,
na uku a kan Harim, na huɗu a kan Seyorim,
9 shanaffaan Malkiyaaf, jaʼaffaan Miyaamiiniif,
na biyar a kan Malkiya, na shida a kan Miyamin,
10 torbaffaan Haqoosiif, saddeettaffaan Abiyaaf,
na bakwai a kan Hakkoz, na takwas a kan Abiya,
11 saglaffaan Yeeshuuʼaaf, kurnaffaan Shekaaniyaaf,
na tara a kan Yeshuwa, na goma a kan Shekaniya,
12 kudhan tokkoffaan Eliyaashiibiif, kudha lammaffaan Yaaqiimiif,
na goma sha ɗaya a kan Eliyashib, na goma sha biyu a kan Yakim,
13 kudha sadaffaan Huphaaf, kudha afuraffaan Yeshebeʼaabiif,
na goma sha uku a kan Huffa, na goma sha huɗu a kan Yeshebeyab,
14 kudhan shanaffaan Bilgaaf, kudha jaʼaffaan Imeeriif,
na goma sha biyar a kan Bilga, na goma sha shida a kan Immer,
15 kudha torbaffaan Heeziiriif, kudha saddeettaffaan Haphizeeziif,
na goma sha shida a kan Hezir, na goma sha takwas a kan Haffizzez,
16 kudha saglaffaan Phetaayaaf, digdammaffaan Hisqiʼeeliif,
na goma sha tara a kan Fetahahiya, na ashirin a kan Ezekiyel,
17 digdamii tokkoffaan Yaakiiniif, digdamii lammaffaan Gaamuuliif,
na ashirin da ɗaya wa Yakin, na ashirin da biyu a kan Gamul,
18 digdamii sadaffaan Delaayaaf, digdamii afuraffaan Maʼaaziyaaf baʼe.
na ashirin da uku wa Delahiya da kuma na ashirin da huɗu a kan Ma’aziya.
19 Kun seera isaan yeroo mana qulqullummaa Waaqayyoo seenanitti ittiin tajaajilanii dha; seera kanas abbaa isaanii Aroonitu akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel isa ajajetti isaaniif kenne.
Ga tsarin aikinsu na hidima sa’ad da suka shiga haikalin Ubangiji, bisa ga ƙa’idar da kakansu Haruna ya kafa, yadda Ubangiji, Allah na Isra’ila ya umarce shi.
20 Ilmaan Lewwii warra hafan: Ilmaan Amraamii keessaa: Shuubaaʼeel; ilmaan Shuubaaʼeel keessaa: Yehideyaa.
Game da sauran zuriyar Lawi kuwa, Daga’ya’yan Amram maza. Shubayel; daga’ya’yan Shubayel maza. Yedehiya.
21 Ilmaan Rehaabiyaa keessaa: Yishiyaa hangafticha.
Game da Rehabiya kuwa, daga’ya’yansa maza. Isshiya shi ne na fari.
22 Yizihaarota keessaa: Sheloomiit; ilmaan Sheloomiit keessaa immoo: Yahaati.
Daga mutanen Izhar, Shelomot; daga’ya’yan Shelomot maza, Yahat.
23 Ilmaan Kebroon: Inni jalqabaa Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.
’Ya’yan Hebron maza su ne, Yeriya na fari, Amariya na biyu, Yahaziyel na uku da Yekameyam na huɗu.
24 Ilma Uziiʼeel: Miikaa. Ilmaan Miikaa keessaa: Shaamiir.
Ɗan Uzziyel shi ne, Mika; daga’ya’yan Mika maza, Shamir.
25 Obboleessa Miikaa: Yishiyaa; Ilmaan Yishiyaa keessaa: Zakkaariyaas.
Ɗan’uwan Mika shi ne, Isshiya; daga’ya’yan Isshiya maza, Zakariya.
26 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Ilma Yaʼaziyaa: Banoo.
’Ya’yan Merari su ne, Mali da Mushi. Ɗan Ya’aziya shi ne, Beno.
27 Ilmaan Meraarii: Yaʼaziyaa irraa: Banoo, Shohaam, Zakuurii fi Ibrii.
’Ya’yan Merari su ne, daga Ya’aziya, Beno, Shoham, Zakkur da Ibri.
28 Mahilii irra: Eleʼaazaar; namichi kun ilmaan hin qabu ture.
Daga Mali, Eleyazar, wanda ba shi da’ya’ya maza.
29 Qiish irraa: Yeramiʼeel ilma Qiish.
Daga Kish, ɗan Kish shi ne, Yerameyel.
30 Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yeriimooti. Isaan kunneen akkuma mana abbootii isaaniitti ilmaan Lewwotaa ti.
Kuma’ya’yan Mushi maza su ne, Mali, Eder da Yerimot. Waɗannan su ne Lawiyawa bisa ga iyalansu.
31 Isaanis akkuma obboloota isaanii ilmaan Aroon sana fuula Daawit Mootichaa duratti, fuula Zaadoq, Ahiimelek, fuula hangafoota maatii lubootaatii fi Lewwotaa duratti ixaa buufatan. Maatii obboleessa hangaftichaatiifis akkuma maatii obboleessa quxisuutti ixaan buʼe.
Suka kuma jifa ƙuri’a, kamar dai yadda’yan’uwansu zuriyar Haruna suka yi, a gaban Sarki Dawuda da gaban Zadok, Ahimelek, da kuma a gaban kawunan iyalan firistoci da na Lawiyawa. Aka yi da iyalan wa daidai da iyalan ƙane.

< 1 Seenaa 24 >