< 1 Seenaa 23 >
1 Daawit erga waggaa hedduu jiraatee dulloomee booddee ilma isaa Solomoonin Israaʼel irratti mootii godhe.
Davide atakalamba, ali ndi zaka zambiri, anayika Solomoni mwana wake kukhala mfumu ya Israeli.
2 Akkasumas Daawit dura buutota Israaʼel hunda, lubootaa fi Lewwota illee walitti qabe.
Iye anasonkhanitsanso pamodzi atsogoleri onse a Israeli, pamodzi ndi ansembe ndi Alevi.
3 Lewwonni umuriin isaanii waggaa soddomaa fi hammasii olii ni lakkaaʼaman; baayʼinni dhiirotaa kuma soddomii saddeet taʼe.
Anawerenga Alevi kuyambira a zaka makumi atatu ndi kupitirirapo, ndipo chiwerengero cha amuna onse chinali 38,000.
4 Daawitis akkana jedhe; “Isaan kanneen keessaa kuma digdamii afur hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo haa toʼatan; namoonni kuma jaʼa qondaaltotaa fi abbootii murtii haa taʼan.
Davide anati, “Mwa amenewa, amuna 24,000 aziyangʼanira ntchito za mʼNyumba ya Mulungu ndipo 6,000 akhale akuluakulu ndi oweruza.
5 Kumni afur eegdota balbalaa haa taʼan; kumni afur immoo miʼoota faarfannaa kanneen ani kaayyoo kanaaf kenneen Waaqayyoon haa galateeffatan.”
Amuna 4,000 akhale alonda a pa zipata ndipo 4,000 azitamanda Yehova ndi zipangizo zoyimbira zimene ndazipereka ndi cholinga chimenecho.”
6 Daawitis Lewwota akkuma gosoota Lewwiitti garee gareen gargar ni qoode; isaanis: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
Davide anagawa Aleviwo mʼmagulumagulu motsatira ana a Levi awa: Geresoni, Kohati ndi Merari.
7 Gosa Geershoon keessaa: Laʼadaanii fi Shimeʼii.
Ana a Geresoni: Ladani ndi Simei.
8 Ilmaan Laʼadaanii: Yehiiʼeel hangafticha, Zeetaamii fi Yooʼeel; walumatti nama sadii turan.
Ana a Ladani: Mtsogoleri Yehieli, Zetamu ndi Yoweli. Onse analipo atatu.
9 Ilmaan Shimeʼii: Sheloomot, Haziiʼeelii fi Haaraan; walumatti nama sadii turan. Isaan kunneen hangafoota Maatii Laʼadaan turan.
Ana a Simei: Selomoti, Haziyeli ndi Harani. Onse analipo atatu. Awa anali atsogoleri a mabanja a Ladani.
10 Ilmaan Shimeʼii: Yahaati, Ziinaa, Yeʼuushii fi Beriiyaa. Isaan kunneen ilmaan Shimeʼii ti; walumatti nama afur turan.
Ndipo ana a Simei anali: Yahati, Zina, Yeusi ndi Beriya. Awa anali ana a Semei. Onse analipo anayi.
11 Yahaati hangafa; Ziinaan lammaffaa; Yeʼuushii fi Beriiyaan garuu ilmaan baayʼee hin qaban; kanaafuu isaan akkuma maatii tokkootti lakkaaʼaman.
Mtsogoleri anali Yahati, ndipo Ziza anali wachiwiri, koma Yeusi ndi Beriya analibe ana aamuna ambiri. Kotero iwo anawerengedwa ngati banja limodzi ndipo anapatsidwa ntchito imodzinso yofanana.
12 Ilmaan Qohaatii: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel; walumatti nama afur turan.
Ana a Kohati: Amramu, Izihari, Hebroni ndi Uzieli. Onse analipo anayi.
13 Ilmaan Amraam: Aroonii fi Musee. Aroon akka innii fi sanyiin isaa wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼan Waaqaaf qulqulleessaniif, akka fuula Waaqayyoo duratti aarsaa dhiʼeessaniif, akka fuula isaa dura tajaajilanii fi akka maqaa isaatiin eebba labsaniif bara baraan addaan baafaman.
Ana a Amramu: Aaroni ndi Mose. Aaroni ndi zidzukulu zake anapatulidwa kwamuyaya kuti azipereka zinthu zopatulika kwambiri monga nsembe pamaso pa Yehova, komanso kuti azitumikira pamaso pake ndi kumadalitsa anthu mʼdzina lake kwamuyaya.
14 Ilmaan Musee nama Waaqaa immoo gosa Lewwiitti dabalamanii lakkaaʼaman.
Ana a Mose munthu wa Mulungu anawerengedwa ngati gawo la fuko la Levi.
15 Ilmaan Musee: Geershoomii fi Eliiʼezer.
Ana a Mose: Geresomu ndi Eliezara.
16 Ilmaan Geershoomii: Shebuuʼeel hangafa.
Zidzukulu za Geresomu: Mtsogoleri anali Subaeli.
17 Ilmaan Eliiʼezerii keessaa: Rehaabiyaa hangafa. Eleʼaazaar ilmaan biraa hin qabu ture; ilmaan Rehaabiyaa garuu akka malee hedduu turan.
Zidzukulu za Eliezara: Mtsogoleri anali Rehabiya. Eliezara analibe ana ena aamuna, koma ana a Rehabiya anali ochuluka kwambiri.
18 Ilmaan Yizihaar keessaa: Sheloomiit hangafta.
Ana a Izihari: Mtsogoleri anali Selomiti.
19 Ilmaan Kebroon; hangaftichi Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.
Ana a Hebroni: Mtsogoleri anali Yeriya, wachiwiri anali Amariya, Yahazieli anali wachitatu ndipo Yekameamu anali wachinayi.
20 Ilmaan Uziiʼeel: hangaftichi Miikaa, lammaffaan Yishiyaa.
Ana a Uzieli: Mtsogoleri anali Mika ndipo wachiwiri anali Isiya.
21 Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Ilmaan Mahilii: Eleʼaazaarii fi Qiish.
Ana a Merari: Mahili ndi Musi. Ana a Mahili: Eliezara ndi Kisi.
22 Eleʼaazaar utuu ilmaan hin dhalchin duʼe; inni intallan qofa qaba ture. Durbiiwwan isaanii ilmaan Qiishitu isaan fuudhe.
Eliezara anamwalira wopanda ana aamuna. Iye anali ndi ana aakazi okhaokha. Abale awo, ana a Kisi, ndiwo amene anawakwatira.
23 Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yereemooti; walumatti nama sadii turan.
Ana a Musi: Mahili, Ederi ndi Yeremoti. Onse analipo atatu.
24 Isaan kunneen ilmaan Lewwii kanneen akkuma mana abbootii isaaniitti hangafoonni abbootii warri maqaa maqaadhaan galmeeffamanii tokko tokkoon lakkaaʼaman, hojjettoota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe warra mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tajaajilanii dha.
Izi zinali zidzukulu za Levi mwa mabanja awo, atsogoleri a mabanja monga momwe analembedwera mayina awo ndi monga momwenso anawerengedwera, banja lililonse pa lokha. Awa ndi anthu ogwira ntchito oyambira zaka makumi awiri zobadwa kapena kupitirirapo, amene amatumikira mʼNyumba ya Yehova.
25 Daawit akkana jedhee tureetii; “Waaqayyoo Waaqni Israaʼel saba isaatiif boqonnaa kenneera; bara baraanis Yerusaalem keessa ni jiraata;
Popeza Davide anati, “Pakuti Yehova Mulungu wa Israeli, wapereka mpumulo kwa anthu ake ndipo wabwera kudzakhala mu Yerusalemu kwamuyaya,
26 siʼachi Lewwonni dunkaana yookaan miʼoota achi keessatti itti fayyadaman hin baatan.”
sikofunikiranso kuti Alevi azinyamula tenti kapena zipangizo za chipembedzo.”
27 Akkuma qajeelcha Daawit dhuma irratti kenneetti, Lewwonni waggaa digdamaa fi sanaa olii hedamaniiruutii.
Potsata malangizo otsiriza a Davide, Alevi anawerengedwa kuyambira amuna a zaka makumi awiri zakubadwa kapena kupitirirapo.
28 Hojiin Lewwotaas tajaajila mana qulqullummaa Waaqaa keessatti sanyiiwwan Aroonii gargaaruu dha; kunis oobdiiwwanii fi kutaawwan mana qulqullummaa eeguu, miʼoota qulqulluu qulqulleessuu fi hojiiwwan biraas mana Waaqayyoo keessatti hojjechuu dha.
Ntchito ya Alevi inali kuthandiza zidzukulu za Aaroni pa ntchito yotumikira mʼNyumba ya Yehova monga kuyangʼanira mabwalo, zipinda zamʼmbali, kuyeretsa zinthu zonse zachipembedzo, ndiponso kuchita ntchito zina za mʼnyumba ya Mulungu.
29 Akkasumas buddeena minjaala irra kaaʼuu, daakuu kennaa midhaanii, buddeena utuu hin bukaaʼin tolfame, tolchuu fi waliin makuu, safartuu fi madaalii hunda irratti itti gaafatamtoota turan.
Iwo amayangʼanira buledi amene amayikidwa pa tebulo, ufa wa nsembe yachakudya, timitanda ta buledi wopanda yisiti: kuphika ndi kusakaniza, ndiponso miyeso yonse ndi kukula kwake.
30 Isaan guyyaa guyyaadhaan Waaqayyoon galateeffachuu fi jajachuuf ganama ganama fuula isaa dura ni dhaabatu; galgala galgalas akkasuma ni godhu;
Iwo amayimiriranso mmawa uliwonse kuthokoza ndi kutamanda Yehova. Amachitanso chomwecho madzulo,
31 yeroo aarsaan gubamu guyyaa Sanbataa Waaqayyoof dhiʼeeffamutti yeroo Ayyaana Baatii Haaraa fi gaafa ayyaana yeroon isaa murtaaʼe kamii iyyuu akkanuma ni godhu. Isaan yeroo hunda akkuma lakkoobsaa fi qajeelfama isaanii kennameetti fuula Waaqayyoo dura tajaajilu ture.
ndiponso popereka nsembe zopsereza kwa Yehova pa Sabata ndi pa chikondwerero cha Mwezi Watsopano, ndi pa nthawi yosankhidwa ya Chikondwerero. Iwo amatumikira pamaso pa Yehova nthawi zonse mwa chiwerengero chawo ndi momwe analangizidwira.
32 Lewwonni akkasiin itti gaafatama dunkaana wal gaʼii fi Iddoo Qulqulluu eeguuf qaban raawwatan; akkasumas ajaja obboloota isaanii sanyiiwwan Aroon jalatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti qaban raawwachaa turan.
Ndipo kotero Alevi anachita ntchito yawo ya ku tenti ya msonkhano ya ku Malo Opatulika ndiponso molamulidwa ndi abale awo, zidzukulu za Aaroni, pa ntchito ya mʼNyumba ya Yehova.