< 1 Seenaa 21 >

1 Seexanni Israaʼelitti kaʼee akka Daawit saba Israaʼel lakkaaʼuuf isa kakaase.
ויעמד שטן על ישראל ויסת את דויד למנות את ישראל
2 Kanaafuu Daawit Yooʼaabii fi ajajjoota loltootaatiin, “Dhaqaatii Bersheebaadhaa hamma Daaniitti Israaʼeloota lakkaaʼaa. Ergasii immoo akka ani akka isaan hammam akka baayʼatan beekuu dandaʼuuf deebiʼaatii natti himaa” jedhe.
ויאמר דויד אל יואב ואל שרי העם לכו ספרו את ישראל מבאר שבע ועד דן והביאו אלי ואדעה את מספרם
3 Yooʼaab garuu deebisee, “Waaqayyo loltoota isaa dachaa dhibba caalaa haa baayʼisu. Yaa gooftaa koo mooticha, isaan hundi garboota gooftaa kootiif bulan mitii? Gooftaan koo maaliif waan kana gochuu barbaade? Inni maaliif Israaʼelitti yakka fida?” jedhe.
ויאמר יואב יוסף יהוה על עמו כהם מאה פעמים--הלא אדני המלך כלם לאדני לעבדים למה יבקש זאת אדני למה יהיה לאשמה לישראל
4 Taʼus dubbiin mootichaa Yooʼaabin yaada geeddarachiise; kanaafuu Yooʼaab achii baʼee guutummaa Israaʼel keessa naannaʼee Yerusaalemitti deebiʼe.
ודבר המלך חזק על יואב ויצא יואב ויתהלך בכל ישראל ויבא ירושלם
5 Yooʼaabis lakkoobsa namoota loluu dandaʼanii Daawititti hime; namoota Yihuudaa keessa jiraatan kuma dhibba afurii fi torbaatama dabalatee namoota goraadee qabachuu dandaʼan miliyoona tokkoo fi kuma dhibba tokkootu guutummaa Israaʼel keessa ture.
ויתן יואב את מספר מפקד העם אל דויד ויהי כל ישראל אלף אלפים ומאה אלף איש שלף חרב ויהודה ארבע מאות ושבעים אלף איש שלף חרב
6 Sababii ajajni mootichaa Yooʼaabin jibbisiiseef inni gosoota Lewwiitii fi Beniyaam itti dabalee hin lakkoofne.
ולוי ובנימן לא פקד בתוכם כי נתעב דבר המלך את יואב
7 Ajajni kun fuula Waaqaa durattis waan hamaa ture; kanaafuu inni Israaʼelin rukute.
וירע בעיני האלהים על הדבר הזה ויך את ישראל
8 Kana irratti Daawit Waaqaan, “Ani waan kana gochuudhaan akka malee cubbuu hojjedheera. Amma garuu akka ati balleessaa garbicha keetii dhiiftuuf sin kadhadha. Ani hojii gowwummaa guddaa hojjedheeraa” jedhe.
ויאמר דויד אל האלהים חטאתי מאד אשר עשיתי את הדבר הזה ועתה העבר נא את עוון עבדך כי נסכלתי מאד
9 Waaqayyos Gaad raajii Daawit sanaan akkana jedhe;
וידבר יהוה אל גד חזה דויד לאמר
10 “Dhaqiitii Daawitiin, ‘Waaqayyo akkana siin jedha: Ani filannoo sadii siifin kenna. Akka ani isa sitti fiduuf, isaan keessaa tokko filadhu’ jedhi.”
לך ודברת אל דויד לאמר כה אמר יהוה שלוש אני נטה עליך בחר לך אחת מהנה ואעשה לך
11 Kanaafuu Gaad gara Daawit dhaqee akkana jedheen; “Waaqayyo akkana jedha: ‘Filannoo kee addaan baafadhu:
ויבא גד אל דויד ויאמר לו כה אמר יהוה קבל לך
12 Beela waggaa sadii yookaan jiʼa sadii fuula diinota keetii dura ariʼamuu fi goraadee isaaniitiin balleeffamuu yookaan guyyaa goraadee Waaqayyoo sadii jechuunis guyyoota dhaʼichi biyyattiitti buʼee ergamaan Waaqayyoo kutaa Israaʼel hunda balleessu.’ Egaa amma waan ani isa na erge sanaaf deebisu murteeffadhu.”
אם שלוש שנים רעב ואם שלשה חדשים נספה מפני צריך וחרב אויביך למשגת ואם שלשת ימים חרב יהוה ודבר בארץ ומלאך יהוה משחית בכל גבול ישראל ועתה ראה מה אשיב את שלחי דבר
13 Daawit immoo Gaadiin, “Ani akka malee dhiphadheera. Waan araarri isaa akka malee guddaa taʼeef ani harka Waaqayyoo seenuu naaf wayya; garuu akka ani harka namaa seenu na hin godhin” jedhe.
ויאמר דויד אל גד צר לי מאד אפלה נא ביד יהוה כי רבים רחמיו מאד וביד אדם אל אפל
14 Kanaafuu Waaqayyo Israaʼelitti dhaʼicha ergee namoonni Israaʼel kuma torbaatama ni dhuman.
ויתן יהוה דבר בישראל ויפל מישראל שבעים אלף איש
15 Waaqni akka inni Yerusaalem balleessuuf ergamaa isaa tokko erge. Garuu utuma ergamaan Waaqayyoo sun Yerusaalemin balleessuuf qophaaʼaa jiruu Waaqayyo balaa sana argee gaabbee ergamaa isaa kan saba balleessuuf ture sanaan, “Ni gaʼa! Harka kee deebifadhu” jedhe. Yeroo sana ergamaan Waaqayyoo sun oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa bira dhaabachaa ture.
וישלח האלהים מלאך לירושלם להשחיתה וכהשחית ראה יהוה וינחם על הרעה ויאמר למלאך המשחית רב עתה הרף ידך ומלאך יהוה עמד עם גרן ארנן היבוסי
16 Daawitis ol ilaalee ergamaa Waaqayyoo kan goraadee luqqifamee Yerusaalemitti diriirfame harka isaatti qabatee samii fi lafa gidduu dhaabachaa jiru tokko ni arge. Daawitii fi maanguddoonni wayyaa gaddaa uffatanii fuula isaa duratti addaan lafatti ni gombifaman.
וישא דויד את עיניו וירא את מלאך יהוה עמד בין הארץ ובין השמים וחרבו שלופה בידו נטויה על ירושלם ויפל דויד והזקנים מכסים בשקים על פניהם
17 Daawit immoo Waaqaan, “Namni akka loltoonni lakkaaʼaman godhe ana mitii? Namni cubbuu fi balleessaa hojjete anuma. Isaan kunneen garuu hoolotaa dha. Isaan maal godhan? Yaa Waaqayyo Waaqa koo harki kee anaa fi maatii koo irra haa buʼu; garuu akka dhaʼichi kun saba kee irra turu hin godhin” jedhe.
ויאמר דויד אל האלהים הלא אני אמרתי למנות בעם ואני הוא אשר חטאתי והרע הרעותי ואלה הצאן מה עשו יהוה אלהי תהי נא ידך בי ובבית אבי ובעמך לא למגפה
18 Ergasii ergamaan Waaqayyoo akka Daawit ol baʼee oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa keessatti iddoo aarsaa Waaqayyoof ijaaru akka inni Daawititti himu Gaadin ajaje.
ומלאך יהוה אמר אל גד לאמר לדויד כי יעלה דויד להקים מזבח ליהוה בגרן ארנן היבסי
19 Kanaafuu Daawit dubbii Gaad maqaa Waaqayyootiin isatti hime sanaaf ajajamee ol baʼe.
ויעל דויד בדבר גד אשר דבר בשם יהוה
20 Ornaan utuu qamadii dhaʼuutti jiruu ol jedhee ergamaa Waaqayyoo sana arge; ilmaan isaa warri isa wajjin turan afranis ni dhokatan.
וישב ארנן וירא את המלאך וארבעת בניו עמו מתחבאים וארנן דש חטים
21 Ergasii Daawit achi gaʼe; Ornaanis yommuu milʼatee isa argetti oobdii sana keessaa baʼee fuula Daawit duratti addaan lafatti gombifamee sagade.
ויבא דויד עד ארנן ויבט ארנן וירא את דויד ויצא מן הגרן וישתחו לדויד אפים ארצה
22 Daawitis, “Ani akka isa irratti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee akkasiin dhaʼichi saba irra buʼe kun dhaabatuuf oobdii kee naaf kenni. Gatii isaa guutuutti natti gurguri” jedheen.
ויאמר דויד אל ארנן תנה לי מקום הגרן ואבנה בו מזבח ליהוה בכסף מלא תנהו לי ותעצר המגפה מעל העם
23 Ornaanis Daawitiin, “Fudhadhu! Gooftaan koo mootichi waan isatti tolu kam iyyuu haa godhu. Kunoo ani aarsaa gubamuuf sangoota, qoraaniif ulee ittiin midhaan dhaʼan, kennaa midhaan dhiʼeeffamuufis qamadii nan kenna; ani waan kana hunda nan kenna” jedhe.
ויאמר ארנן אל דויד קח לך ויעש אדני המלך הטוב בעיניו ראה נתתי הבקר לעלות והמורגים לעצים והחטים למנחה--הכל נתתי
24 Daawit Mootichi garuu Ornaadhaan, “Kun hin taʼu; ani gatii isaa guutuu siifin kenna. Ani waan kan kee taʼe Waaqayyoof hin fudhadhu yookaan waan gatii na hin baasisin aarsaa gubamuuf hin dhiʼeessu” jedhe.
ויאמר המלך דויד לארנן לא כי קנה אקנה בכסף מלא כי לא אשא אשר לך ליהוה והעלות עולה חנם
25 Kanaafuu Daawit gatii lafa sanaa Ornaadhaaf warqee saqilii dhibbaa jaʼa kafale.
ויתן דויד לארנן במקום שקלי זהב משקל שש מאות
26 Daawitis achitti iddoo aarsaa Waaqayyoof tolchee aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeesse. Innis Waaqayyoon ni waammate; Waaqayyos samiidhaa ibiddaan iddoo aarsaa gubamuu irratti isaaf deebii kenne.
ויבן שם דויד מזבח ליהוה ויעל עלות ושלמים ויקרא אל יהוה ויענהו באש מן השמים על מזבח העלה
27 Sana booddee Waaqayyo ergamaa isaa sanatti dubbate; innis goraadee isaa manʼee isaatti ni deebise.
ויאמר יהוה למלאך וישב חרבו אל נדנה
28 Daawit yeroo sanatti akka Waaqayyo oobdii Ornaa namicha gosa Yebuus sanaa irratti deebii isaa kenne ni hubate; achittis aarsaa ni dhiʼeesse.
בעת ההיא--בראות דויד כי ענהו יהוה בגרן ארנן היבוסי ויזבח שם
29 Dunkaanni Waaqayyoo kan Museen gammoojjiitti hojjetee fi iddoon aarsaa gubamuu Gibeʼoon keessa gaara sagadaa irra ture.
ומשכן יהוה אשר עשה משה במדבר ומזבח העולה--בעת ההיא בבמה בגבעון
30 Daawit garuu sababii goraadee ergamaa Waaqayyoo sodaateef achi dhaqee fuula iddoo aarsaa sanaa duratti Waaqa kadhachuu hin dandeenye.
ולא יכל דויד ללכת לפניו לדרש אלהים כי נבעת--מפני חרב מלאך יהוה

< 1 Seenaa 21 >