< 1 Seenaa 20 >
1 Birraa keessa yeroo mootonni waraanaaf baʼanitti Yooʼaab humnoota waraanaa qajeelchee biyya Amoonotaa barbadeesse; ergasiis dhaqee Rabbaa marse; Daawit garuu Yerusaalemitti hafe. Yooʼaabis Raabbaa waraanee daaraa ishee godhe.
Через год, в то время когда цари выходят на войну, вывел Иоав войско и стал разорять землю Аммонитян, и пришел и осадил Равву. Давид же оставался в Иерусалиме. Иоав, завоевав Равву, разрушил ее.
2 Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture; gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Innis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee
И взял Давид венец царя их с головы его, и в нем оказалось весу талант золота, и драгоценные камни были на нем; и был он возложен на голову Давида. И добычи очень много вынес из города.
3 namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan.
А народ, который был в нем, вывел и умерщвлял их пилами, железными молотилами и секирами. Так поступил Давид со всеми городами Аммонитян, и возвратился Давид и весь народ в Иерусалим.
4 Ergasii immoo lafa Geezir jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni baname. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa sun Siifaay namicha gosa tokko Refaayin ajjeese; Filisxeemonnis ni bulaniif.
После того началась война с Филистимлянами в Газере. Тогда Совохай Хушатянин поразил Сафа, одного из потомков Рефаимов. И они усмирились.
5 Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaaʼiir sun Lahemii obboleessa Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu qabu sanaa ni ajjeese.
И опять была война с Филистимлянами. Тогда Елханам, сын Иаира, поразил Лахмия, брата Голиафова, Гефянина, у которого древко копья было, как навой у ткачей.
6 Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture. Innis sanyii Raafaa keessaa dhalate.
Было еще сражение в Гефе. Там был один рослый человек, у которого было по шести пальцев, всего двадцать четыре. И он также был из потомков Рефаимов.
7 Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis Yoonaataan ilmi Shimeʼaa obboleessi Daawit isa ajjeese.
Он поносил Израиля, но Ионафан, сын Шимы, брата Давидова, поразил его.
8 Isaan kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha; isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman.
Это были родившиеся от Рефаимов в Гефе, и пали от руки Давида и от руки слуг его.