< 1 Seenaa 20 >
1 Birraa keessa yeroo mootonni waraanaaf baʼanitti Yooʼaab humnoota waraanaa qajeelchee biyya Amoonotaa barbadeesse; ergasiis dhaqee Rabbaa marse; Daawit garuu Yerusaalemitti hafe. Yooʼaabis Raabbaa waraanee daaraa ishee godhe.
Da bazara, a lokacin da sarakuna kan tafi yaƙi, Yowab ya jagorance mayaƙa. Ya lalatar da ƙasar Ammonawa ya kuma tafi Rabba ya yi mata kwanto, amma Dawuda ya zauna a Urushalima. Yowab ya yaƙi Rabba, ya kuma bar ta kango.
2 Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture; gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Innis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee
Dawuda ya ɗauki rawani daga kan sarkinsu, nauyinsa ya kai talenti na zinariya, aka kuma yi masa ado da duwatsu masu daraja, sai Dawuda kuwa ya sa a kansa. Ya kuma kwashi ganima mai yawa daga birnin
3 namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan.
ya kuma fitar da mutanen da suke can, ya sa su aiki da zartuna da makamai masu kaifi da kuma gatura. Dawuda ya yi haka da dukan garuruwan Ammonawa. Sa’an nan Dawuda da mayaƙansa gaba ɗaya suka koma Urushalima.
4 Ergasii immoo lafa Geezir jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni baname. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa sun Siifaay namicha gosa tokko Refaayin ajjeese; Filisxeemonnis ni bulaniif.
Ana nan, sai yaƙi ya ɓarke a Gezer tsakanin Isra’ila da Filistiyawa. Sai Sibbekai mutumin Husha ya kashe Siffai, ɗaya daga cikin zuriyar Refahiyawa, ta haka kuma aka ci Filistiyawa da yaƙi.
5 Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaaʼiir sun Lahemii obboleessa Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu qabu sanaa ni ajjeese.
Yaƙi kuma ya sāke tashi tsakanin Isra’ilawa da Filistiyawa, Elhanan ɗan Yayir ya kashe Lahmi ɗan’uwan Goliyat mutumin Gat, wanda yake riƙe da māshi mai sandan masaƙa.
6 Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture. Innis sanyii Raafaa keessaa dhalate.
Aka sāke yin wani yaƙin kuma, wanda ya faru a Gat, akwai wani ƙaton mutum mai yatsotsi shida a kowane hannu da kuma yatsotsi shida a kowace ƙafa, yatsotsi ashirin da huɗu ke nan. Shi ma daga zuriyar Rafa ce.
7 Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis Yoonaataan ilmi Shimeʼaa obboleessi Daawit isa ajjeese.
Sa’ad da ya yi wa Isra’ila ba’a, sai Yonatan ɗan Shimeya, ɗan’uwan Dawuda ya kashe shi.
8 Isaan kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha; isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman.
Waɗannan su ne zuriyar Rafa a Gat, Dawuda da mutanensa sun kashe su.