< 1 Seenaa 2 >

1 Ilmaan Israaʼel warra kanneenii dha: Ruubeen, Simiʼoon, Lewwii, Yihuudaa, Yisaakor, Zebuuloon,
Voici les fils d’Israël: Ruben, Siméon, Lévi, Juda, Issachar, Zabulon,
2 Daan, Yoosef, Beniyaam, Niftaalem, Gaadii fi Aasheer.
Dan, Joseph, Benjamin, Nephthali, Gad et Aser.
3 Ilmaan Yihuudaa: Eeri, Oonaanii fi Sheelaa. Isaan kanneen sadanuu intala Shuuwaa, dubartii Kanaʼaan sanatu isaaf daʼe. Eer ilmi Yihuudaa hangaftichi fuula Waaqayyoo duratti hamaa ture. Kanaafuu Waaqayyo isa ajjeese.
Fils de Juda: Her, Onan et Séla; ces trois lui naquirent de la fille de Sué, la Chananéenne. — Her, premier-né de Juda, était méchant aux yeux de Yahweh, qui le fit mourir. —
4 Taamaar niitiin ilma Yihuudaa Faaresii fi Zaaraa Yihuudaaf deesse. Yihuudaan walumaa galatti ilmaan shan qaba ture.
Thamar, belle-fille de Juda, lui enfanta Pharès et Zara. — Tous les fils de Juda furent au nombre de cinq.
5 Ilmaan Faares: Hezroonii fi Hamuul.
Fils de Pharès: Hesron et Hamul. —
6 Ilmaan Zaaraa: Zimrii, Eetaan, Heemaan, Kalkoolii fi Daardaa. Isaan walumaa galatti dhiirota shan turan.
Fils de Zara: Zamri, Ethan, Eman, Chalchal et Dara: en tout, cinq. —
7 Ilma Karmii: Aakaar isa waan balleeffamuu qabu fudhachuudhaan Israaʼelitti rakkina fide.
Fils de Charmi: Achar, qui troubla Israël par une transgression au sujet d’une chose vouée à l’anathème. —
8 Ilma Eetaan: Azaariyaa.
Fils d’Ethan: Azarias.
9 Ilmaan Hezroon: Yeramiʼeel, Raamii fi Keluubaa.
Fils qui naquirent à Hesron: Jéraméel, Ram et Calubi.
10 Raam abbaa Abiinaadaab ture; Amiinaadaab immoo abbaa Nahishoon hoogganaa saba Yihuudaa ture.
Ram engendra Aminadab; Aminadab engendra Nahasson, prince des fils de Juda;
11 Nahishoon abbaa Salmaan; Salmaan immoo abbaa Boʼeez;
Nahasson engendra Salma; Salma engendra Booz;
12 Boʼeez abbaa Oobeedi; Yoobeed immoo abbaa Isseey.
Booz engendra Obed; Obed engendra Isaï;
13 Ilmaan Isseey: Ilmi isaa hangafni Eliiyaab, lammaffaan Abiinaadaab, sadaffaan Shimeʼaa,
Isaï engendra Eliab son premier-né, Abinadab, le deuxième, Simmaa le troisième,
14 Afuraffaan Naatnaaʼel, shanaffaan Raadaayi,
Nathanaël, le quatrième, Raddaï, le cinquième,
15 jaʼaffaan Oozem, torbaffaan Daawit.
Asom, le sixième, et David, le septième.
16 Obboleettonni isaanii immoo Zeruuyaa fi Abiigayiil turan. Ilmaan Zeruuyaa sadan Abiishaayi, Yooʼaabii fi Asaaheel turan.
Leurs sœurs étaient: Sarvia et Abigaïl. — Fils de Sarvia: Abisaï, Joab et Asaël, trois. —
17 Abiigayiil haadha Amaasaa kan abbaan isaa Yeteer nama gosa Ishmaaʼeel sanaa ti.
Abigaïl enfanta Amasa, dont le père fut Jéther, l’Ismaélite.
18 Kaaleb ilmi Hezroon niitii isaa Azuubaa fi Yeriʼooti irraa ijoollee dhalche. Ilmaan Aazubaa kanneen turan: Yeeser, Sobaabii fi Ardoon.
Caleb, fils de Hesron eut des enfants d’Azuba, sa femme, et de Jérioth. Voici les fils qu’il eut d’Azuba: Jaser, Sobab et Ardon.
19 Kaalebis Azuubaan duunaan Efraataa fuudhe. Isheenis Huurin isaaf deesse.
Azuba mourut, et Caleb prit pour femme Ephrata, qui lui enfanta Hur.
20 Huuri abbaa Uuri; Uuri immoo abbaa Bezaliʼeel.
Hur engendra Uri, et Uri engendra Bézéléel. —
21 Ergasii Hezroon yommuu umuriin isaa waggaa jaatama guutetti intala abbaa Giliʼaad intala Maakiir fuudhe; isheenis Seguubin isaaf deesse.
Ensuite Hesron s’unit à la fille de Machir, père de Galaad: il avait soixante ans quand il la prit; elle lui enfanta Ségub.
22 Seguub immoo abbaa Yaaʼiir ture; innis biyya Giliʼaad keessaa magaalaawwan digdamii sadii qaba ture.
Ségub engendra Jaïr, qui eut vingt-trois villes dans le pays de Galaad.
23 Geshuurii fi Arraam, magaalaa Yaaʼiir akkasumas Qeenaatii fi gandoota naannoo ishee jiraniin walitti magaalaawwan jaatama irraa fudhatan. Isaan kunneen hundi sanyii abbaa Giliʼaad sanyii Maakiir turan.
Les Gessuriens et les Syriens leur prirent les Bourgs de Jaïr, ainsi que Canath et les villes de sa dépendance: soixante villes. Tous ceux-là étaient fils de Machir, père de Galaad.
24 Hezroon erga Kaaleb Efraataatti duʼee booddee, niitiin isaa Abiyaan Ashihuur abbaa Teqooʼaa deesseef.
Après la mort de Hesron à Caleb-Ephrata, Abia, la femme de Hesron, lui enfanta Ashur, père de Thécua.
25 Ilmaan Yeramiʼeel ilma Hezroon hangafticha sanaa: Raam ilma isaa hangafticha, Buunaah, Ooren, Oozemii fi Ahiiyaa.
Les fils de Jéraméel, premier-né de Hesron, furent: Ram, le premier-né, Buna, Aran, Asom et Achia.
26 Yeramiʼeel niitii biraa kan Aaxaaraa jedhamtu qaba ture; isheenis haadha Oonaam turte.
Jéraméel eut une autre femme, nommée Athara, qui fut mère d’Onam. —
27 Ilmaan Raam ilma Yeramiʼeel hangafticha sanaa: Maʼaaz, Yaamiinii fi Eeqeer.
Les fils de Ram, premier-né de Jéraméel furent: Moos, Jamin et Acar. —
28 Ilmaan Oonaam: Shamaayii fi Yaadaa. Ilmaan Shamaayi: Naadaabii fi Abiishur.
Les fils d’Onam furent: Séméï et Jada. — Fils de Séméï: Nadab et Abisur.
29 Niitiin Abiishur Abiihaayil jedhamti; isheenis Ahibaanii fi Mooliid isaaf deesse.
Le nom de la femme d’Abisur était Abihaïl, et elle lui enfanta Ahobban et Molid.
30 Ilmaan Naadaab: Seleedii fi Afayiim. Seleed utuu ijoollee hin dhalchin duʼe.
Fils de Nadab: Saled et Apphaïm. Saled mourut sans fils.
31 Ilma Afayiim: Yisheʼii; Yisheʼiin abbaa Sheeshaan. Sheeshaan immoo abbaa Ahilayi.
Fils d’Apphaïm: Jési. Fils de Jési: Sésan. Fils de Sesan: Oholaï. —
32 Ilmaan Yaadaa kan obboleessa Shamaayi: Yeteerii fi Yoonaataan. Yeteer utuu ijoollee hin dhalchin duʼe.
Fils de Jada, frère de Séméï: Jéther et Jonathan. Jéther mourut sans fils.
33 Ilmaan Yoonaataan: Pheletii fi Zaazaa. Isaan kunneen sanyiiwwan Yeramiʼeel turan.
Fils de Jonathan: Phaleth et Ziza. — Ce sont là les fils de Jéraméel. —
34 Sheeshaan intallan malee ilmaan hin qabu ture. Innis tajaajilaa lammii Gibxi kan Yarihaa jedhamu tokko qaba ture.
Sésan n’eut pas de fils, mais il eut des filles. Il avait un esclave Égyptien, nommé Jéraa;
35 Sheeshaan tajaajilaa isaa Yarihaatti intala isaa ni heerumsiise; isheenis Ataayin deesseef.
il lui donna sa fille pour femme, et elle lui enfanta Ethéï.
36 Ataayi abbaa Naataan; Naataan immoo abbaa Zaabaadin;
Ethéï engendra Nathan; Nathan engendra Zabad;
37 Zaabaad abbaa Eflaal; Efelaal immoo abbaa Oobeedi;
Zabad engendra Ophlal; Ophlal engendra Obed;
38 Oobeedi abbaa Yehuu; Yehuun abbaa Azaariyaa;
Obed engendra Jéhu; Jéhu engendra Azarias;
39 Azaariyaa abbaa Heleez; Helees immoo abbaa Eleʼaasaa ti;
Azarias engendra Hellès; Hellès engendra Elasa;
40 Eleʼaasaan abbaa Sismaayi; Sismaayi abbaa Shaluum;
Elasa engendra Sisamoï; Sisamoï engendra Sellum;
41 Shaluum abbaa Yeqameyaa ti; Yeqameyaan immoo abbaa Eliishaamaa ti.
Sellum engendra Icamias, et Icamias engendra Elisama.
42 Ilmaan Kaaleb obboleessa Yeramiʼeel: Meeshaan ilmi isaa hangaftichi abbaa Ziif; Ziif abbaa Maareeshaa ti; Maareeshaan immoo abbaa Kebroon.
Fils de Caleb, frère de Jéraméel: Mésa, son premier-né, qui fut père de Ziph, et les fils de Marésa, père d’Hébron. —
43 Ilmaan Kebroon: Qooraahi, Tafuuʼaa, Reqemii fi Shemaa.
Fils d’Hébron: Coré, Thaphua, Récem et Samma.
44 Shemaan abbaa Raham; Raham immoo abbaa Yorqeʼaam. Reqem abbaa Shamaayi.
Samma engendra Raham, père de Jercaam; Récem engendra Sammaï. —
45 Shamaayi abbaa Maaʼoon; Maaʼoon immoo abbaa Beet Zuuri.
Fils de Sammaï: Maon; et Maon fut père de Bethsur. —
46 Eefaan saajjatoon Kaaleb sun haadha Haaraan, Moozaa fi Gaazeez. Haaraan immoo abbaa Gaazer.
Epha, concubine de Caleb, enfanta Haran, Mosa et Gézez. Haran engendra Gézez. —
47 Ilmaan Yaahidaay: Reegeem, Yootaam, Geeshaan, Phelet, Eefaa fi Shaʼaaf.
Fils de Jahaddaï: Regom, Joathan, Gosan, Phalet, Epha et Saaph. —
48 Maʼakaan saajjatoon Kaaleb sun haadha Shebeerii fi Tirhaanaa ti.
Maacha, concubine de Caleb, enfanta Saber et Tharana.
49 Isheen akkasumas Shaʼaaf abbaa Madmaanaa, Shewwaa abbaa Makbeenaa fi abbaa Gibeʼaa deesse. Kaaleb intala Aaksaa jedhamtu qaba ture.
Elle enfanta encore Saaph, père de Madména, Sué, père de Machbéna et père de Gabaa. La fille de Caleb était Achsa.
50 Isaan kunneen sanyiiwwan Kaaleb turan. Ilmaan Huuri ilma Efraataa hangaftichaa: Sobaal abbaa Kiriyaati Yeʼaariim,
Ceux-ci furent fils de Caleb. Fils de Hur, premier-né d’Ephrata: Sobal, père de Cariathiarim;
51 Salmaan abbaa Beetlihem, Haareef abbaa Beet Gaadeer.
Salma, père de Bethléem; Hariph, père de Bethgader. —
52 Sanyiiwwan Sobaal kan abbaa Kiriyaati Yeʼaariim: Walakkaan Menuhootaa, Haarooʼee,
Les fils de Sobal, père de Cariathiarim, furent: Haroé, Hatsi-Hamménuhoth.
53 akkasumas gosti Kiriyaati Yeʼaariim, Yitraawonni, Fuutonni, Shumaatonni, Mishiraawonni, Zoraatotaa fi Eshitaaʼoloonni gosoota isaan kanneen keessaa dhalatanii dha.
Les familles de Cariathiarim, furent: les Jethréens, les Aphuthéens, les Sémathéens et les Maséréens. D’eux sont sortis les Saréens et les Esthaoliens. —
54 Sanyiiwwan Salmaan: Beetlihem, Netoofota, Atroot Beet Yooʼaab, walakkaa Maanaheetotaa, Zoraatota faʼi;
Fils de Salma: Bethléem et les Nétophatiens, Ataroth-Beth-Joab, moitié des Manachtiens, les Saréens,
55 balbala barreessitootaa kanneen Yaabeex keessa jiraatan: Tiraatota, Shimeʼaatotaa fi Sukaatota. Isaan kunneen Qeenota mana abbaa Rekaab Hamaati keessaa dhalatanii dha.
ainsi que les familles des Scribes demeurant à Jabès, savoir, les Thiratiens, les Schimathiens et les Sucathiens. Ce sont les Cinéens, issus de Hamath, père de la maison de Réchab.

< 1 Seenaa 2 >