< 1 Seenaa 17 >

1 Daawit erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee booddee Naataan raajichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni kakuu Waaqayyoo garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.
大卫住在自己宫中,对先知拿单说:“看哪,我住在香柏木的宫中,耶和华的约柜反在幔子里。”
2 Naataan immoo deebisee Daawitiin, “Waaqni si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.
拿单对大卫说:“你可以照你的心意而行,因为 神与你同在。”
3 Halkan sana garuu dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Naataan dhufe:
当夜, 神的话临到拿单,说:
4 “Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyo akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼi miti.
“你去告诉我仆人大卫,说耶和华如此说:‘你不可建造殿宇给我居住。
5 Ani gaafan Israaʼelin Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani dunkaana tokkoo irraa gara isa kaaniitti, iddoo bultii tokkoo irraa gara iddoo bultii isa kaaniitti darbaan ture.
自从我领以色列人出埃及,直到今日,我未曾住过殿宇,乃从这会幕到那会幕,从这帐幕到那帐幕。
6 Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu hooggantoota akka isaan saba koo eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’
凡我同以色列人所走的地方,我何曾向以色列的一个士师,就是我吩咐牧养我民的说:你为何不给我建造香柏木的殿宇呢?’
7 “Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawititti himi; ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf, lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe.
现在你要告诉我仆人大卫,说万军之耶和华如此说:‘我从羊圈中将你召来,叫你不再跟从羊群,立你作我民以色列的君。
8 Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii nan godha.
你无论往哪里去,我常与你同在,剪除你的一切仇敌;我必使你得大名,好像世上大大有名的人一样。
9 Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi akka isaan siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan;
我必为我民以色列选定一个地方,栽培他们,使他们住自己的地方,不再迁移;凶恶之子也不像从前扰害他们,
10 akka yeroo ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan; ani diinota kee hundas siifin garboomsa. “‘Ani akka Waaqayyo mana siif ijaaru sittin hima:
并不像我命士师治理我民以色列的时候一样。我必治服你的一切仇敌,并且我—耶和华应许你,必为你建立家室。
11 Yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii keetti dabalamuuf dhaqxutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee keessaa, ilmaan kee keessaa tokko nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba.
你寿数满足归你列祖的时候,我必使你的后裔接续你的位,我也必坚定他的国。
12 Kan mana naaf ijaaru isa; anis teessoo isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba.
他必为我建造殿宇;我必坚定他的国位直到永远。
13 Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Ani akka namicha si dura ture sana irraa fudhadhe, jaalala koo gonkumaa isa irraa hin fudhadhu.
我要作他的父,他要作我的子;并不使我的慈爱离开他,像离开在你以前的扫罗一样。
14 Ani mana koo fi mootummaa koo irratti bara baraan isa nan muuda; teessoon isaas bara baraan jabaatee ni dhaabata.’”
我却要将他永远坚立在我家里和我国里;他的国位也必坚定,直到永远。’”
15 Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawititti hime.
拿单就按这一切话,照这默示告诉大卫。
16 Ergasii Daawit mootichi ol seenee fuula Waaqayyoo dura taaʼee akkana jedhe: “Yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, kan ati asiin na geesse, ani eenyu? Maatiin koos maali?
于是大卫王进去,坐在耶和华面前,说:“耶和华 神啊,我是谁,我的家算什么,你竟使我到这地步呢?
17 Yaa Waaqi, ati akka waan wanni kun fuula kee duratti quubsaa hin taʼiniitti ilaaltee waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duraa illee dubbatte. Yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati akka waan ani nama hunda caalaa kabajamaa taʼeetti na ilaalte.
神啊,这在你眼中还看为小,又应许你仆人的家至于久远。耶和华 神啊,你看顾我好像看顾高贵的人。
18 “Waan ati garbicha kee ulfeessiteef Daawit kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Ati garbicha kee ni beektaatii.
你加于仆人的尊荣,我还有何言可说呢?因为你知道你的仆人。
19 Yaa Waaqayyo, ati sababii garbicha keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana goote; akka waadaawwan gurguddaan kunneenis beekaman gooteerta.
耶和华啊,你行了这大事,并且显明出来,是因你仆人的缘故,也是照你的心意。
20 “Yaa Waaqayyo, kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Waaqni biraa hin jiru.
耶和华啊,照我们耳中听见,没有可比你的,除你以外再无 神。
21 Sabni akka saba kee Israaʼel kan Waaqni saba lafa irra jiraatu keessaa saba tokkicha ofii isaatiif furachuu fi ofii keetiitiifis maqaa tolfachuuf jettee fuula saba keetii duraa saboota ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa hojjechuudhaaf baʼe, kan ati Gibxii baafte sanaa tokko iyyuu jiraa?
世上有何民能比你的民以色列呢?你 神从埃及救赎他们作自己的子民,又在你赎出来的民面前行大而可畏的事,驱逐列邦人,显出你的大名。
22 Ati saba kee Israaʼelin bara baraan kan ofii keetii goote; Yaa Waaqayyo, ati Waaqa isaanii taateerta.
你使以色列人作你的子民,直到永远;你—耶和华也作他们的 神。
23 “Ammas yaa Waaqayyo, waadaan ati garbicha keetii fi mana isaatiif galte sun bara baraan jabaatee haa dhaabatu. Ati akkuma waadaa galte sana raawwadhu;
耶和华啊,你所应许仆人和仆人家的话,求你坚定,直到永远,照你所说的而行。
24 kunis akka maqaan kee jabaatee dhaabatee, bara baraanis guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Israaʼel irratti Waaqa; inni Waaqa Israaʼel!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawitis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.
愿你的名永远坚立,被尊为大,说:‘万军之耶和华是以色列的 神,是治理以色列的 神。’这样,你仆人大卫的家必在你面前坚立。
25 “Yaa Waaqa ko, ati akka mana isaaf ijaartu garbicha keetti mulʼifteerta. Kanaafuu garbichi kee si kadhachuudhaaf ija jabina argateera.
我的 神啊,因你启示仆人说,我必为你建立家室,所以仆人大胆在你面前祈祷。
26 Yaa Waaqayyo, ati Waaqa! Ati waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta.
耶和华啊,惟有你是 神,你也应许将这福气赐给仆人。
27 Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee taʼeera; yaa Waaqayyo sababii ati isa eebbifteef, inni bara baraan ni eebbifama.”
现在你喜悦赐福与仆人的家,可以永存在你面前。耶和华啊,你已经赐福,还要赐福到永远。”

< 1 Seenaa 17 >