< 1 Seenaa 16 >

1 Isaanis taabota Waaqaa fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqaa duratti ni dhiʼeessan.
Wakaleta ndani Sanduku la Mungu na kuweka katika ya hema ambalo Daudi aliandaa. Kisha wakatoa sadaka ya kuteketeza na sadaka ya ushirika mbele ya Mungu.
2 Daawitis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyootiin namoota ni eebbise.
Daudi alipo maliza kutoa dhabiu ya kuteketeza na sadaka za ushirika, aliwabariki watu kwa jina la Yahweh.
3 Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama Israaʼeliitiif, dhiiraa fi dubartiif buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne.
Alisambaza kwa kila Misraeli, mwanaume na mwanamke, kipande cha mkate, na kipande cha nyama, na keki ya mzabibu.
4 Innis akka isaan fuula taabota Waaqayyoo duratti tajaajilaniif, akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel waammataniif, akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Lewwota tokko tokko ni muuddate;
Daudi aliewapangia baadhi ya Walawi kutumika mbele ya sanduku la Yahweh, na kusheherekea, kushukuru na kumsifu Yahweh, Mungu wa Israeli.
5 isaanis Asaaf hangafticha, Zakkaariyaas itti aanaa isaa, itti fufees Yeʼiiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel faʼi turan. Jarri kunneen kiraaraa fi baganaa taphatu ture; Asaaf immoo kilillee dhageessisa ture;
Hawa Walawi walikuwa Asafu kiongozi, wa pili kutoka kwake Zekaria, Yeieli, Shemiramothi, Yehieli, Matithia, Eliabu, Benaia, Obedi Edomu, na Yeieli. Hawa walikuwa wacheze na vyombo vya uzi na vinubi. Asafu alikuwa apige upatu, kwa kelele.
6 Benaayaa fi Yahiziiʼeel luboonni yeroo hunda fuula taabota kakuu Waaqaa duratti malakata afuufu turan.
Benaia na Yahazieli walikuwa wakupiga tarumbeta kila mara, mbele sanduku la agano la Mungu.
7 Daawitis gaafa sana akka Asaafii fi michoota isaa faarfannaa galataa kana Waaqayyoof faarfataniif jalqabatti ajaja kenne:
Kisha katika hiyo siku Daudi akawachagua Asafu na kaka zake kuimba hii nyimbo ya shukurani kwa Yahweh.
8 Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa; waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
Mpeni shukurani Yahweh, liitieni jina lake; fahamisheni mataifa matendo yake.
9 Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa; waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
Mwiimbieni, imbeni sifa kwake; semeni matendo yake ya ajabu.
10 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa; garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
Jisifuni katika jina lake takatifu; mioyo ya wanao mtafuta Yahweh ishangilie.
11 Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa; yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
Mtafute Yahweh na nguvu zake; tafuteni uwepo wake siku zote.
12 Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
Kumbukeni matendo aliyo ya fanya kwenu, miujiza yake na amri za kinywa chake,
13 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Israaʼel taatan, isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
enyi uzao wa Israeli mtumishi wake, enyi watu wa Yakobo, wateule wake.
14 Inni Waaqayyo Waaqa keenya; murtiin isaas lafa hunda irra jira.
Yeye ni Yahweh, Mungu wetu. Amri zake zipo duniani kote.
15 Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
Tunzeni agano lake akilini mwenu milele, neno alilo liamuru kwa vizazi elfu moja.
16 inni kakuu Abrahaam wajjin gale, kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
Anakumbuka agano alilo lifanya na Ibrahimu, na nadhiri yake kwake Isaka.
17 Kanas Yaaqoobiif seera, Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera; innis:
Hili ndilo alilo lithibitisha kwa Yakobo kama amri maalumu, na kwa Israeli kama agano la milele.
18 “Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee, siif nan kenna” jedhe.
Alisema, “Nitakupa nchi ya Kanani kama sehemu ya urithi wako.”
19 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti, dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
Nilisema hili mlipo kuwa wachache kwa idadi, wachache sana, mlipo kuwa wageni katika nchi.
20 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara mootummaa biraatti jooran.
Walienda taifa hadi taifa, kutoka ufalme mmoja hadi mwingine.
21 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne; sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
Hakuwaruhusu yeyote awatese; aliwahadhibu wafalme kwa ajili yao.
22 “Dibamtoota koo hin tuqinaa; raajota koos hin miidhinaa.”
Alisema, “Msiwaguse wapakwa mafuta wangu, na msiwadhuru manabii wangu.”
23 Lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa; fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
Imbeni kwa Yahweh, dunia yote; tangazeni wokovu wake siku hadi siku.
24 Ulfina isaa saboota gidduutti, hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
Kirini utukufu wake kwa mataifa, matendo yake makuu kwa mataifa yote.
25 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala; inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
Kwa kuwa Yahweh ni mkuu na ni wakusifiwa sana, na ni wakuogopewa kuliko miungu yote.
26 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
Kwa kuwa miungu ya mataifa ni sanamu, lakini ni Yahweh aliye umba mbingu.
27 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru; jabinnii fi gammachuunis iddoo jireenya isaa jiru.
Uzuri wa ajabu na utukufu upo uweponi mwake. Uwezo na furaha upo kwake.
28 Yaa maatiiwwan sabootaa, Waaqayyoof kennaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
Mpeni sifa Yahweh, enyi koo za watu, mpeni sifa Yahweh utukufu na uwezo;
29 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa. Aarsaa fidaatii fuula isaa duratti dhiʼaadhaa. bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa.
Mpeni Yahweh utukufu upasao jina lake. Leta sadaka na mje kwake. Muinamieni Yahweh katika utakatifu wa uzuri wake.
30 Isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa! Addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.
Mtetemeke mbele zake, dunia yote. Dunia imeimarishwa; haiwezi kutikisika.
31 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; isaan saboota gidduutti, “Waaqayyo moʼeera!” haa jedhan.
Mbingu nazo ziwe nafuraha, na dunia ifurahi; na wasema kwa mataifa yote, “Yahweh anatawala.”
32 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu; dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadani!
Bahari na ingurume, na inayo ijaza ipige kelele kwa furaha. Mashamba yawe na furaha tele, na vyote vilivyomo ndani yake.
33 Mukkeen bosonaa haa faarfatan; isaan gammachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan; inni lafatti muruudhaaf ni dhufaatii.
Na miti iliyopo misituni ipige kelele kwa Yahweh, kwa kuwa anakuja kuhukumu dunia.
34 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Toeni shukurani kwa Yahweh, kwa kuwa ni mwema, uaminifu wa agano lake la dumu ata milele.
35 Akkana jedhaatii iyyaa; “Yaa Waaqayyo, Fayyisaa keenya, ati nu baasi; akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf, akka galata keetiin of jajnuufis, walitti nu qabiitii saboota ormaa jalaa nu oolchi.”
Kisha sema, “Tuokoe, Mungu wa wokovu wetu. Tukusanye pamoja na utuokoe kutoka kwa mataifa mengine, ilikwamba tutoe shukurani kwa jina lako takatifu na tufurahi katika sifa zako.”
36 Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiif bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu. Kana irratti namni hundinuu, “Ameen; Waaqayyo haa galatoomu” jedhe.
Na Yahweh, Mungu wa Israeli, asifiwe kutoka milele na milele. Watu wote wakasema, “Amina” na wakamsifu Yahweh.
37 Daawitis akka isaan fuula taabotaa dura yeroo hunda tajaajilaniif, Asaafii fi obboloota isaa achuma fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti isaan dhiise.
Hivyo Daudi akamwacha Asafu na kaka zake pale mbele ya sanduku la Yahweh, kutumika daima mbele ya sanduku, kama kazi za kila siku zilivyo itaji. Obedi Edomu pamoja na ndugu sitini na nane walijumuishwa.
38 Akkasumas Oobeed Edoomii fi warra isaan wajjin hojjetan jaatamii saddeettan akka isaan wajjin tajaajilaniif achitti dhiise. Oobeed Edoom ilmi Yeduutuuniitii fi Hoosaan eegdota balbalaa turan.
Obedi Edomu mwana wa Yeduthuni, pamoja na Hosa, walikuwa wawe walinzi wa lango.
39 Daawit Zaadoq lubichaa fi luboota isa wajjin hojjetan kaan dunkaana Waaqayyoo qulqulluu kan Gibeʼoon keessatti gaara sagadaa irratti argamu biratti dhiise;
Zadoki kuhani na makuhani wenzake walikuwa watumike mbele ya hema la Yahweh katika mahali pa juu huko Gibeoni.
40 kunis isaan akkuma waan Seera Waaqayyoo kan inni Israaʼeliif kenne hunda keessatti barreeffame sanaatti yeroo hunda galgalaa fi ganama iddoo aarsaa gubamuu irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof akka dhiʼeessaniif.
Walikuwa watoe sadaka za kuteketeza kwa Yahweh kwenye madhabahu ya sadaka za kuteketeza daima asubui na jioni, kwa mujibu wa yote yalio andikwa katika amri za Yahweh, aliyo wapa Waisraeli kama sheria.
41 Isaan wajjinis Heemaanii fi Yeduutuun akkasumas warra akka, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” jedhanii Waaqayyoof galata galchaniif filatamanii maqaan isaanii beekame biraatu ture.
Hemani na Yeduthuni walikuwa nao, pamoja na walio chaguliwa kwa jina, kumpa shukurani Yahweh, kwasababu uaminifu wa agano lake la dumu ata milele
42 Heemaanii fi Yeduutuun sagalee malakataatiif kilillee dhageessisuu fi akkasumas meeshaa muuziiqaa kan Waaqaa irratti itti gaafatamtoota turan. Ilmaan Yeduutuun immoo karra eegan.
Hemani na Yeduthuni walikuwa viongozi wa wao waliopiga tarumbeta, upatu, na vyombo vingine kwa muziki wa kumuabudu Mungu. Wana wa Yeduthuni walilinda lango.
43 Ergasii namoonni hundinuu achii kaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara mana ofii isaatti galan; Daawit immoo maatii ofii eebbisuuf gara manaatti ni deebiʼe.
Kisha watu wote walirudi nyumbani, na Daudi akarudi kubariki nyumba yake.

< 1 Seenaa 16 >