< 1 Seenaa 16 >

1 Isaanis taabota Waaqaa fidanii dunkaana Daawit dhaabeef keessa ni kaaʼan; aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa fuula Waaqaa duratti ni dhiʼeessan.
So they brought the ark of God and placed it inside the tent that David had pitched for it. And they presented burnt offerings and peace offerings before God.
2 Daawitis erga aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessee booddee maqaa Waaqayyootiin namoota ni eebbise.
When David had finished sacrificing the burnt offerings and peace offerings, he blessed the people in the name of the LORD.
3 Ergasiis inni tokkoo tokkoo nama Israaʼeliitiif, dhiiraa fi dubartiif buddeena tokko tokko, gumaa foonii tokko tokkoo fi bixxillee ija wayinii tokko tokko ni kenne.
Then he distributed to every man and woman of Israel a loaf of bread, a date cake, and a raisin cake.
4 Innis akka isaan fuula taabota Waaqayyoo duratti tajaajilaniif, akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel waammataniif, akka isa galateeffatanii fi akka isa jajataniif Lewwota tokko tokko ni muuddate;
David appointed some of the Levites to minister before the ark of the LORD, to celebrate, to give thanks, and to praise the LORD, the God of Israel.
5 isaanis Asaaf hangafticha, Zakkaariyaas itti aanaa isaa, itti fufees Yeʼiiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Matiitiyaa, Eliiyaab, Benaayaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel faʼi turan. Jarri kunneen kiraaraa fi baganaa taphatu ture; Asaaf immoo kilillee dhageessisa ture;
Asaph was the chief, Zechariah was second, then Jeiel, Shemiramoth, Jehiel, Mattithiah, Eliab, Benaiah, Obed-edom, and Jeiel. They were to play the harps and lyres, while Asaph sounded the cymbals
6 Benaayaa fi Yahiziiʼeel luboonni yeroo hunda fuula taabota kakuu Waaqaa duratti malakata afuufu turan.
and the priests Benaiah and Jahaziel blew the trumpets regularly before the ark of the covenant of God.
7 Daawitis gaafa sana akka Asaafii fi michoota isaa faarfannaa galataa kana Waaqayyoof faarfataniif jalqabatti ajaja kenne:
On that day David first committed to Asaph and his brothers this song of thanksgiving to the LORD:
8 Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa; waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.
“Give thanks to the LORD; call upon His name; make known His deeds among the nations.
9 Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa; waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.
Sing to Him, sing praises to Him; tell of all His wonders.
10 Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa; garaan warra Waaqayyoon barbaadanii haa gammadu.
Glory in His holy name; let the hearts of those who seek the LORD rejoice.
11 Waaqayyoo fi humna isaa barbaaddadhaa; yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
Seek out the LORD and His strength; seek His face always.
12 Dinqii inni hojjete, hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;
Remember the wonders He has done, His marvels, and the judgments He has pronounced,
13 isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Israaʼel taatan, isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaqoobis kana yaadadhaa.
O offspring of His servant Israel, O sons of Jacob, His chosen ones.
14 Inni Waaqayyo Waaqa keenya; murtiin isaas lafa hunda irra jira.
He is the LORD our God; His judgments carry throughout the earth.
15 Inni kakuu isaa bara baraan, waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;
Remember His covenant forever, the word He ordained for a thousand generations—
16 inni kakuu Abrahaam wajjin gale, kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.
the covenant He made with Abraham, and the oath He swore to Isaac.
17 Kanas Yaaqoobiif seera, Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera; innis:
He confirmed it to Jacob as a decree, to Israel as an everlasting covenant:
18 “Ani biyya Kanaʼaan qooda ati dhaaltu godhee, siif nan kenna” jedhe.
‘I will give you the land of Canaan as the portion of your inheritance.’
19 Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti, dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,
When they were few in number, few indeed, and strangers in the land,
20 sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo gara mootummaa biraatti jooran.
they wandered from nation to nation, from one kingdom to another.
21 Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne; sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:
He let no man oppress them; He rebuked kings on their behalf:
22 “Dibamtoota koo hin tuqinaa; raajota koos hin miidhinaa.”
‘Do not touch My anointed ones! Do no harm to My prophets!’
23 Lafti hundinuu Waaqayyoon faarfadhaa; fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.
Sing to the LORD, all the earth. Proclaim His salvation day after day.
24 Ulfina isaa saboota gidduutti, hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.
Declare His glory among the nations, His wonderful deeds among all peoples.
25 Waaqayyo guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala; inni waaqota hundaa olittis sodaatamuu qaba.
For great is the LORD, and greatly to be praised; He is to be feared above all gods.
26 Waaqonni saboota ormaa hundinuu waaqota tolfamoodhaatii; Waaqayyo garuu samiiwwan uume.
For all the gods of the nations are idols, but it is the LORD who made the heavens.
27 Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru; jabinnii fi gammachuunis iddoo jireenya isaa jiru.
Splendor and majesty are before Him; strength and joy fill His dwelling.
28 Yaa maatiiwwan sabootaa, Waaqayyoof kennaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof kennaa.
Ascribe to the LORD, O families of the nations, ascribe to the LORD glory and strength.
29 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa. Aarsaa fidaatii fuula isaa duratti dhiʼaadhaa. bareedina qulqullummaa isaatiin Waaqayyoon waaqeffadhaa.
Ascribe to the LORD the glory due His name; bring an offering and come before Him. Worship the LORD in the splendor of His holiness;
30 Isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa! Addunyaan jabaattee dhaabatteerti; sochoofamuus hin dandeessu.
tremble before Him, all the earth. The world is firmly established; it cannot be moved.
31 Samiiwwan haa ililchan; laftis haa gammaddu; isaan saboota gidduutti, “Waaqayyo moʼeera!” haa jedhan.
Let the heavens be glad, and the earth rejoice. Let them say among the nations, ‘The LORD reigns!’
32 Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu haa huursu; dirreewwanii fi wanni isaan irra jiran hundinuu haa gammadani!
Let the sea resound, and all that fills it; let the fields exult, and all that is in them.
33 Mukkeen bosonaa haa faarfatan; isaan gammachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan; inni lafatti muruudhaaf ni dhufaatii.
Then the trees of the forest will sing for joy before the LORD, for He is coming to judge the earth.
34 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Give thanks to the LORD, for He is good; His loving devotion endures forever.
35 Akkana jedhaatii iyyaa; “Yaa Waaqayyo, Fayyisaa keenya, ati nu baasi; akka nu maqaa kee qulqulluu sana galateeffannuuf, akka galata keetiin of jajnuufis, walitti nu qabiitii saboota ormaa jalaa nu oolchi.”
Then cry out: ‘Save us, O God of our salvation; gather and deliver us from the nations, that we may give thanks to Your holy name, that we may glory in Your praise.’
36 Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiif bara baraa hamma bara baraatti galanni haa gaʼu. Kana irratti namni hundinuu, “Ameen; Waaqayyo haa galatoomu” jedhe.
Blessed be the LORD, the God of Israel, from everlasting to everlasting.” Then all the people said, “Amen!” and “Praise the LORD!”
37 Daawitis akka isaan fuula taabotaa dura yeroo hunda tajaajilaniif, Asaafii fi obboloota isaa achuma fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti isaan dhiise.
So David left Asaph and his brothers there before the ark of the covenant of the LORD, to minister there regularly according to the daily requirements,
38 Akkasumas Oobeed Edoomii fi warra isaan wajjin hojjetan jaatamii saddeettan akka isaan wajjin tajaajilaniif achitti dhiise. Oobeed Edoom ilmi Yeduutuuniitii fi Hoosaan eegdota balbalaa turan.
along with Obed-edom and his sixty-eight relatives. Obed-edom son of Jeduthun, and also Hosah, were to be gatekeepers.
39 Daawit Zaadoq lubichaa fi luboota isa wajjin hojjetan kaan dunkaana Waaqayyoo qulqulluu kan Gibeʼoon keessatti gaara sagadaa irratti argamu biratti dhiise;
And David left Zadok the priest and his fellow priests before the tabernacle of the LORD at the high place in Gibeon
40 kunis isaan akkuma waan Seera Waaqayyoo kan inni Israaʼeliif kenne hunda keessatti barreeffame sanaatti yeroo hunda galgalaa fi ganama iddoo aarsaa gubamuu irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof akka dhiʼeessaniif.
to regularly present burnt offerings to the LORD on the altar of burnt offerings, morning and evening, according to all that was written in the Law of the LORD, which He had commanded Israel to keep.
41 Isaan wajjinis Heemaanii fi Yeduutuun akkasumas warra akka, “Jaalalli isaa bara baraan jiraata” jedhanii Waaqayyoof galata galchaniif filatamanii maqaan isaanii beekame biraatu ture.
With them were Heman, Jeduthun, and the rest of those chosen and designated by name to give thanks to the LORD, for “His loving devotion endures forever.”
42 Heemaanii fi Yeduutuun sagalee malakataatiif kilillee dhageessisuu fi akkasumas meeshaa muuziiqaa kan Waaqaa irratti itti gaafatamtoota turan. Ilmaan Yeduutuun immoo karra eegan.
Heman and Jeduthun had with them trumpets and cymbals for the music and instruments for the songs of God. And the sons of Jeduthun were stationed at the gate.
43 Ergasii namoonni hundinuu achii kaʼanii tokkoon tokkoon isaanii gara mana ofii isaatti galan; Daawit immoo maatii ofii eebbisuuf gara manaatti ni deebiʼe.
Then all the people departed for their homes, and David returned home to bless his household.

< 1 Seenaa 16 >