< 1 Seenaa 15 >

1 Daawit erga ofii isaatiif Magaalaa Daawit keessatti mana ijaarratee booddee taabota Waaqaatiif lafa qopheessee dunkaana dhaabe.
David constructed buildings for himself in the City of David, and he prepared a place for the ark of God and pitched a tent for it.
2 Ergasiis Daawit, “Waan Waaqayyo akka isaan taabota Waaqaa baatanii bara baraan fuula isaa dura tajaajilaniif isaan filateef, Lewwota malee namni biraa taabota Waaqayyoo hin baatin” jedhee ajaje.
Then David said, “No one but the Levites may carry the ark of God, because the LORD has chosen them to carry the ark of the LORD and to minister before Him forever.”
3 Daawitis taabota Waaqayyoo iddoo qopheesseef sanatti fiduuf Israaʼeloota hunda Yerusaalemitti walitti qabe.
And David assembled all Israel in Jerusalem to bring up the ark of the LORD to the place he had prepared for it.
4 Innis sanyiiwwan Aroonii fi Lewwota walitti waame; isaanis:
Then he gathered together the descendants of Aaron and the Levites:
5 Ilmaan Qohaati keessaa, Uuriiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 120;
From the Kohathites, Uriel the chief and 120 of his relatives;
6 ilmaan Meraarii keessaa, Asaayaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 220;
from the Merarites, Asaiah the chief and 220 of his relatives;
7 ilmaan Geershoom keessaa, Yooʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 130;
from the Gershomites, Joel the chief and 130 of his relatives;
8 ilmaan Eliisaafaan keessaa, Shemaaʼiyaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 200;
from the Elizaphanites, Shemaiah the chief and 200 of his relatives;
9 ilmaan Kebroon keessaa, Eliiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 80;
from the Hebronites, Eliel the chief and 80 of his relatives;
10 ilmaan Uziiʼeel keessaa, Amiinaadaab hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 112.
and from the Uzzielites, Amminadab the chief and 112 of his relatives.
11 Ergasiis Daawit luboota jechuunis Saadoqii fi Abiyaataar akkasumas Lewwota jechuunis Uuriiʼeel, Asaayaa, Yooʼeel, Shemaaʼiyaa, Eliiʼeelii fi Amiinaadaabin ni waame;
David summoned the priests Zadok and Abiathar and the Levites Uriel, Asaiah, Joel, Shemaiah, Eliel, and Amminadab.
12 akkanas isaaniin jedhe; “Isin hangafoota maatiiwwan Lewwotaa ti; isinii fi Lewwonni akka keessanii of qulqulleessaa; ergasiis taabota Waaqayyo Waaqa Israaʼel gara iddoo ani qopheesseefitti fidaa.
And he said to them, “You are the heads of the Levitical families. You and your relatives must consecrate yourselves so that you may bring the ark of the LORD, the God of Israel, to the place I have prepared for it.
13 Sababii isin Lewwonni yeroo jalqabaatti taabota sana hin fidiniif Waaqayyo Waaqni keenya nutti dheekkame. Nu akka seerri ajajutti isa hin barbaaddanneetii.”
It was because you Levites were not with us the first time that the LORD our God burst forth in anger against us. For we did not consult Him about the proper order.”
14 Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni taabota Waaqayyo Waaqa Israaʼel sana fiduuf of qulqulleessan.
So the priests and Levites consecrated themselves to bring up the ark of the LORD, the God of Israel.
15 Lewwonni akkuma kan Museen dubbii Waaqayyootiin ajajetti taabota Waaqaa sana danqaraadhaan gatiittii isaaniitti ni baatan.
And the Levites carried the ark of God on their shoulders with the poles, as Moses had commanded in accordance with the word of the LORD.
16 Daawitis akka isaan meeshaa muuziiqaatiin jechuunis kiraaraan, baganaa fi kililleedhaan faarfannaa gammachuu faarfataniif akka isaan obboloota isaanii muudaniif Lewwota dura deemtotatti ni hime.
David also told the leaders of the Levites to appoint their relatives as singers to lift up their voices with joy, accompanied by musical instruments—harps, lyres, and cymbals.
17 Kanaafuu Lewwonni Heemaan ilma Yooʼeel muudatan; obboloota isaa keessaa immoo Asaaf ilma Berekiyaa, obboloota isaanii gosa Meraarii keessaa Eetaan ilma Qushaayaa ni muuddatan;
So the Levites appointed Heman son of Joel; from his brothers, Asaph son of Berechiah; from their brothers the Merarites, Ethan son of Kushaiah;
18 isaan wajjinis obboloota isaanii kanneen isaanitti aannan: Zakkaariyaas, Yaʼaziiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaab, Benaayaa, Maʼaseyaa, Matiitiyaa, Eliipheleehuu, Miiqneyaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel eegdota balbalaa turan.
and with them their brothers next in rank: Zechariah, Jaaziel, Shemiramoth, Jehiel, Unni, Eliab, Benaiah, Maaseiah, Mattithiah, Eliphelehu, Mikneiah, and the gatekeepers Obed-edom and Jeiel.
19 Faarfattoonni Heemaan, Asaafii fi Eetaan jedhaman akka kilillee naasiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii faarfannaa dhageessisaniif ni muudaman;
The musicians Heman, Asaph, and Ethan were to sound the bronze cymbals.
20 Zakkaariyaas, Aziiʼeel Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaabi, Maʼaseyaanii fi Benaayaa immoo akka seera alamootiitti kiraaraan faarfatu ture;
Zechariah, Aziel, Shemiramoth, Jehiel, Unni, Eliab, Maaseiah, and Benaiah were to play the harps according to Alamoth.
21 akkasumas Matiitiyaan, Eliipheleehuu, Miiqneyaan, Oobeed Edoom, Yeʼiiʼeel, Azaaziyaan akka seera shiimiiniitiitti baganaa taphatu ture.
And Mattithiah, Eliphelehu, Mikneiah, Obed-edom, Jeiel, and Azaziah were to lead the music with lyres according to Sheminith.
22 Kenaaniyaan hangaftichi Lewwotaa itti gaafatamaa faarfannaa ture; innis itti gaafatamummaa kana sababii ogummaa isaa qabuuf fudhate.
Chenaniah the head Levite was the director of the music because he was highly skilled.
23 Berekiyaa fi Elqaanaan eegdota balbala taabotaa turan.
Berechiah and Elkanah were to be guardians of the ark.
24 Luboonni jechuunis, Shebaniyaan, Yooshaafaaxi, Naatnaaʼel, Amaasaayi, Zakkaariyaas, Benaayaanii fi Eliiʼezer fuula taabota Waaqaa duratti malakata afuufu ture. Oobeed Edoomii fi Yehiyaan immoo eegdota balbala taabotaa turan.
Shebaniah, Joshaphat, Nethanel, Amasai, Zechariah, Benaiah, and Eliezer—the priests—were to blow the trumpets before the ark of God. Obed-edom and Jehiah were also to be guardians of the ark.
25 Kanaafuu Daawitii fi maanguddoonni Israaʼel akkasumas ajajjuuwwan kumaa gammachuudhaan taabota kakuu Waaqayyoo sana mana Oobeed Edoomiitii fiduu dhaqan.
So David, the elders of Israel, and the commanders of thousands went with rejoicing to bring the ark of the covenant of the LORD from the house of Obed-edom.
26 Isaanis sababii Waaqni Lewwota taabota kakuu Waaqayyoo baatan gargaareef korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba aarsaa godhan.
And because God helped the Levites who were carrying the ark of the covenant of the LORD, they sacrificed seven bulls and seven rams.
27 Daawitis wandaboo haphii quncee talbaa irraa hojjetame kan akka uffata Lewwonni taabota sana baatan, kan akka faarfattoonnii fi Kenaaniyaan qajeelchaan faarfannaa faarfattootaa uffatan sanaa uffatee ture. Daawitis dirata quncee talbaa irraa hojjetames uffatee ture.
Now David was dressed in a robe of fine linen, as were all the Levites who were carrying the ark, as well as the singers and Chenaniah, the director of music for the singers. David also wore a linen ephod.
28 Akkasiinis Israaʼel hundi gaanfa korbeessa hoolaatii fi malakata afuufaa, kilillee dhageessisaa, kiraaraa fi baganaadhaan sirbaa taabota kakuu Waaqayyoo sana ni fidan.
So all Israel brought up the ark of the covenant of the LORD with shouting, with the sounding of rams’ horns and trumpets, and with cymbals and the music of harps and lyres.
29 Yeroo taabonni kakuu Waaqayyoo Magaalaa Daawit seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawit Mootichi shuubbisee gammadu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.
As the ark of the covenant of the LORD was entering the City of David, Saul’s daughter Michal looked down from a window and saw King David dancing and celebrating, and she despised him in her heart.

< 1 Seenaa 15 >