< 1 Seenaa 14 >
1 Yeroo kanatti Huuraam mootiin Xiiroos akka isaan Daawitiif masaraa mootummaa ijaaraniif ergamoota wajjin muka birbirsaa, warra dhagaa soofanii fi warra ogummaa hojii mukaa qaban gara Daawititti erge.
泰尔王希兰将香柏木运到大卫那里,又差遣使者和石匠、木匠给大卫建造宫殿。
2 Daawitis akka Waaqayyo saba Israaʼel irratti mootii godhee jabeessee isa dhaabee fi akka mootummaan isaas sababii saba Israaʼeliif akka malee guddate ni beeke.
大卫就知道耶和华坚立他作以色列王,又为自己的民以色列,使他的国兴旺。
3 Daawitis Yerusaalem keessatti niitota dabalee fuudhee ilmaanii fi intallan dabalataa dhalche.
大卫在耶路撒冷又立后妃,又生儿女。
4 Maqaan ijoollee isaa kanneen achitti isaaf dhalataniis: Shamuuʼaa, Shobaab, Naataan, Solomoon,
在耶路撒冷所生的众子是沙母亚、朔罢、拿单、所罗门、
5 Yibehaar, Eliishuuwaa, Eliiphelexi,
益辖、以利书亚、以法列、
6 Noogaa, Nefeg, Yaafiiyaa,
挪迦、尼斐、雅非亚、
7 Eliishaamaa, Beeliyaadaa fi Eliiphelexi jedhamu.
以利沙玛、比利雅大、以利法列。
8 Filisxeemonni yommuu akka Daawit dibamee guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼe dhagaʼanitti humna guutuudhaan isa barbaacha ol baʼan; Daawit garuu waan kana dhagaʼee isaanitti baʼe.
非利士人听见大卫受膏作以色列众人的王,非利士众人就上来寻索大卫。大卫听见,就出去迎敌。
9 Yeroo kanatti Filisxeemonni dhufanii Sulula Refaayim weeraran;
非利士人来了,布散在利乏音谷。
10 kanaafuu Daawit, “Ani baʼee Filisxeemota dhaʼuu? Ati dabarsitee harka kootti isaan kennitaa?” jedhee Waaqa ni gaafate. Waaqayyos, “Baʼi; ani dhugumaan Filisxeemota dabarsee harka keetti nan kennaatii” jedhee deebiseef.
大卫求问 神,说:“我可以上去攻打非利士人吗?你将他们交在我手里吗?”耶和华说:“你可以上去,我必将他们交在你手里。”
11 Kanaafuu Daawitii fi namoonni isaa gara Baʼaal Pheraaziim ol baʼan; achittis isaan moʼate. Innis, “Akkuma bishaan mana isaa cabsee yaaʼu sana Waaqni harka kootiin diinota koo cabsee baʼeera” jedhe. Kanaafuu iddoon sun Baʼaal Pheraaziim jedhamee waamame.
非利士人来到巴力·毗拉心,大卫在那里杀败他们。大卫说:“神借我的手冲破敌人,如同水冲去一般”;因此称那地方为巴力·毗拉心。
12 Filisxeemonni waaqota isaanii tolfamoo achitti ni dhiisan; Daawit immoo akka waaqonni sun ibiddaan gubaman ni ajaje.
非利士人将神像撇在那里,大卫吩咐人用火焚烧了。
13 Filisxeemonni amma illee deebiʼanii sulula sana weeraran;
非利士人又布散在利乏音谷。
14 kanaafuu Daawit ammas Waaqa gaafate; Waaqnis akkana jedhee deebiseef; “Qajeelumatti itti ol hin baʼin; garuu isaan marsiitii muka qilxuu duratti isaan waraani.
大卫又求问 神。 神说:“不要一直地上去,要转到他们后头,从桑林对面攻打他们。
15 Akkuma fiixee muka qilxuu irraan sagalee duulaa dhageesseen loluuf baʼi; Waaqni loltoota Filisxeem dhaʼuudhaaf si dura baʼeera jechuudhaatii.”
你听见桑树梢上有脚步的声音,就要出战,因为 神已经在你前头去攻打非利士人的军队。”
16 Kanaafuu Daawit akkuma Waaqni isa ajaje sana ni godhe; isaanis Gibeʼoonii jalqabanii hamma Geeziritti loltoota Filisxeem ni dhaʼan.
大卫就遵着 神所吩咐的,攻打非利士人的军队,从基遍直到基色。
17 Akkasiin maqaan Daawit biyya hunda keessatti beekame; Waaqayyos akka saboonni hundinuu isa sodaatan godhe.
于是大卫的名传扬到列国,耶和华使列国都惧怕他。