< 1 Seenaa 13 >

1 Daawit ajajjoota isaa hunda ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa wajjin ni mariʼate.
ויועץ דויד עם שרי האלפים והמאות לכל נגיד׃
2 Ergasii inni yaaʼii Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaatee fi yoo fedhii Waaqayyo Waaqa keenyaa taʼe, kottaa mee akka isaan dhufanii nutti dabalamaniif obboloota keenya kanneen guutummaa biyya Israaʼel keessatti hafanitti akkasumas lubootaa fi Lewwota isaan wajjin magaalaawwanii fi lafa dheeda isaanii keessa jiraatanitti ergaa haa erginu.
ויאמר דויד לכל קהל ישראל אם עליכם טוב ומן יהוה אלהינו נפרצה נשלחה על אחינו הנשארים בכל ארצות ישראל ועמהם הכהנים והלוים בערי מגרשיהם ויקבצו אלינו׃
3 Taabota Waaqa keenyaa deebifnee haa fidannu; nu bara mootummaa Saaʼol keessa isa hin barbaaneetii.”
ונסבה את ארון אלהינו אלינו כי לא דרשנהו בימי שאול׃
4 Sababii wanni kun saba hundatti waan qajeelaa fakkaateef guutummaan yaaʼii sanaa waan kana gochuudhaaf walii gale.
ויאמרו כל הקהל לעשות כן כי ישר הדבר בעיני כל העם׃
5 Kanaafuu Daawit taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii fiduudhaaf Israaʼeloota Laga Shihoorii kan biyya Gibxiitti argamuu jalqabee hamma karra Hamaatiitti jiran hunda walitti qabe.
ויקהל דויד את כל ישראל מן שיחור מצרים ועד לבוא חמת להביא את ארון האלהים מקרית יערים׃
6 Daawitii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqa kiirubeelii gidduu teessoo irra jiru sanaa jechuunis taabota Maqaa Waaqayyootiin waamamu sana achii fiduuf jedhanii gara Baʼaalaa jechuunis gara Kiriyaati Yeʼaariim ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan.
ויעל דויד וכל ישראל בעלתה אל קרית יערים אשר ליהודה להעלות משם את ארון האלהים יהוה יושב הכרובים אשר נקרא שם׃
7 Isaanis taabota Waaqaa sana gaarii haaraatti feʼanii mana Abiinaadaabiitii ni baasan; Uzaa fi Ahiiyoon gaarii sana oofaa turan.
וירכיבו את ארון האלהים על עגלה חדשה מבית אבינדב ועזא ואחיו נהגים בעגלה׃
8 Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaa fi baganaadhaan, kiraaraa fi dibbeedhaan, kilillee fi malakataan fuula Waaqaa duratti gammadanii shuubbisaa.
ודויד וכל ישראל משחקים לפני האלהים בכל עז ובשירים ובכנרות ובנבלים ובתפים ובמצלתים ובחצצרות׃
9 Yommuu isaan oobdii Kiidoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan taabota sana qabuuf harka isaa hiixate.
ויבאו עד גרן כידן וישלח עזא את ידו לאחז את הארון כי שמטו הבקר׃
10 Sababii Uzaan taabota irra harka isaa kaaʼeef dheekkamsi Waaqayyoo Uzaatti bobaʼe; innis isa rukute; kanaafuu inni achumatti fuula Waaqaa duratti ni duʼe.
ויחר אף יהוה בעזא ויכהו על אשר שלח ידו על הארון וימת שם לפני אלהים׃
11 Daawitis sababii Waaqayyo akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.
ויחר לדויד כי פרץ יהוה פרץ בעזא ויקרא למקום ההוא פרץ עזא עד היום הזה׃
12 Daawitis gaafa sana Waaqa sodaatee, “Ani akkamittan taabota Waaqaa gara mana kootti fiduu dandaʼa?” jedhee gaafate.
ויירא דויד את האלהים ביום ההוא לאמר היך אביא אלי את ארון האלהים׃
13 Innis akka taabonni isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti hin fudhanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse.
ולא הסיר דויד את הארון אליו אל עיר דויד ויטהו אל בית עבד אדם הגתי׃
14 Taabonni Waaqaas jiʼa sadii maatii Oobeed Edoom wajjin mana isaa keessa ture; Waaqayyos warra mana isaa jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise.
וישב ארון האלהים עם בית עבד אדם בביתו שלשה חדשים ויברך יהוה את בית עבד אדם ואת כל אשר לו׃

< 1 Seenaa 13 >