< 1 Seenaa 13 >
1 Daawit ajajjoota isaa hunda ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa wajjin ni mariʼate.
Sai Dawuda ya tattauna da kowane ɗaya daga cikin shugabanninsa, shugabannin sojoji na dubu-dubu da na ɗari-ɗari.
2 Ergasii inni yaaʼii Israaʼel guutuudhaan akkana jedhe; “Yoo wanni kun waan gaarii isinitti fakkaatee fi yoo fedhii Waaqayyo Waaqa keenyaa taʼe, kottaa mee akka isaan dhufanii nutti dabalamaniif obboloota keenya kanneen guutummaa biyya Israaʼel keessatti hafanitti akkasumas lubootaa fi Lewwota isaan wajjin magaalaawwanii fi lafa dheeda isaanii keessa jiraatanitti ergaa haa erginu.
Sa’an nan ya ce wa dukan taron Isra’ila, “In ya yi muku kyau kuma in nufin Ubangiji Allahnmu ne, bari mu aika da saƙo nesa da kuma ko’ina zuwa ga sauran’yan’uwanmu a duk iyakokin Isra’ila, da kuma zuwa ga firistoci da Lawiyawa waɗanda suke tare da su a garuruwansu da makiyayansu, su zo wurinmu.
3 Taabota Waaqa keenyaa deebifnee haa fidannu; nu bara mootummaa Saaʼol keessa isa hin barbaaneetii.”
Bari mu ɗauko akwatin alkawarin Allahnmu mu kawo wurinmu, gama ba mu neme shi a lokacin mulkin Shawulu ba.”
4 Sababii wanni kun saba hundatti waan qajeelaa fakkaateef guutummaan yaaʼii sanaa waan kana gochuudhaaf walii gale.
Dukan taron jama’a suka yarda su yi haka, domin ya yi daidai ga dukan mutane.
5 Kanaafuu Daawit taabota Waaqaa Kiriyaati Yeʼaariimii fiduudhaaf Israaʼeloota Laga Shihoorii kan biyya Gibxiitti argamuu jalqabee hamma karra Hamaatiitti jiran hunda walitti qabe.
Saboda haka Dawuda ya tattara dukan Isra’ilawa, daga Kogin Shihor a Masar zuwa Lebo Hamat, don su kawo akwatin alkawarin Allah daga Kiriyat Yeyarim.
6 Daawitii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi taabota Waaqa kiirubeelii gidduu teessoo irra jiru sanaa jechuunis taabota Maqaa Waaqayyootiin waamamu sana achii fiduuf jedhanii gara Baʼaalaa jechuunis gara Kiriyaati Yeʼaariim ishee Yihuudaa keessaa sanaa ni dhaqan.
Dawuda da dukan Isra’ilawa tare da shi suka tafi Ba’ala na Yahuda (Kiriyat Yeyarim) don su haura daga can su kawo akwatin alkawarin Allah Ubangiji, wanda yake zama tsakanin kerubobi, akwatin alkawarin da ake kira da Sunan.
7 Isaanis taabota Waaqaa sana gaarii haaraatti feʼanii mana Abiinaadaabiitii ni baasan; Uzaa fi Ahiiyoon gaarii sana oofaa turan.
Suka ɗauki akwatin alkawarin Allah daga gidan Abinadab a kan sabon keken shanu, Uzza da Ahiyo ne suke lura da shi.
8 Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaa fi baganaadhaan, kiraaraa fi dibbeedhaan, kilillee fi malakataan fuula Waaqaa duratti gammadanii shuubbisaa.
Dawuda da dukan Isra’ilawa suka yi shagali da dukan ƙarfinsu a gaban Allah, tare da waƙoƙi da garayu, molaye, ganguna, kuge da ƙahoni.
9 Yommuu isaan oobdii Kiidoon bira gaʼanitti waan sangoonni gufataniif Uzaan taabota sana qabuuf harka isaa hiixate.
Sa’ad da suka kai masussukar Kidon, Uzza ya miƙa hannunsa don yă gyara akwatin alkawarin, gama shanun sun yi tuntuɓe.
10 Sababii Uzaan taabota irra harka isaa kaaʼeef dheekkamsi Waaqayyoo Uzaatti bobaʼe; innis isa rukute; kanaafuu inni achumatti fuula Waaqaa duratti ni duʼe.
Sai fushin Ubangiji ya ƙuna a kan Uzza, ya kuma buge shi domin ya sa hannunsa a kan akwatin alkawarin. Sai ya mutu a can a gaban Allah.
11 Daawitis sababii Waaqayyo akka malee Uzaatti dheekkameef ni aare; iddoon sun hamma harʼaatti Phereez Uzaa jedhamee waamama.
Ran Dawuda ya ɓace domin Ubangiji ya husata a kan Uzza, kuma har wa yau ana ce da wannan wuri Ferez Uzza.
12 Daawitis gaafa sana Waaqa sodaatee, “Ani akkamittan taabota Waaqaa gara mana kootti fiduu dandaʼa?” jedhee gaafate.
Dawuda ya ji tsoron Allah a wannan rana ya kuma yi tambaya, “Yaya zan taɓa kawo akwatin alkawarin Allah gare ni?”
13 Innis akka taabonni isa wajjin Magaalaa Daawit keessa jiraatuuf ofitti hin fudhanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse.
Don haka bai ɗauki akwatin alkawarin ya kasance tare da shi a Birnin Dawuda ba. A maimakon haka, ya kai shi gidan Obed-Edom mutumin Gat.
14 Taabonni Waaqaas jiʼa sadii maatii Oobeed Edoom wajjin mana isaa keessa ture; Waaqayyos warra mana isaa jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise.
Akwatin Alkawarin Allah ya zauna tare da iyalin Obed-Edom a gidansa wata uku, Ubangiji kuwa ya albarkaci gidan Obed-Edom da kome da yake da shi.