< 1 Seenaa 12 >

1 Namoonni kunneen warra yeroo inni sababii Saaʼol ilma Qiish sanaatiif asii fi achi sochoʼuu dadhabetti Siiqlaagitti gara Daawit dhufanii dha. Isaanis loltoota jajjaboo kanneen lola irratti isa gargaaran keessaa tokkoo dha;
Now these are those who came to David to Ziklag, while he was still kept from the presence of Saul the son of Kish; and they were among the mighty men, his helpers in war.
2 isaan warra iddaa qabatanii harka mirgaatiin yookaan harka bitaatiin xiyya darbachuu yookaan dhagaa furrisuu dandaʼanii dha; isaanis gosa Beniyaam keessaa warra Saaʼoliif firootaa dhiigaa taʼanii dha.
They were armed with bows, and could use both the right hand and the left in slinging stones and in shooting arrows from the bow: they were of Saul's brothers of Benjamin.
3 Ahiiʼezer hangafa isaanii ture; sana booddee immoo Yooʼaashitu ture; lamaan isaanii iyyuu ilmaan Shemaaʼaa namicha Gibeʼaa sanaa turan. Ilmaan Azmaawet Yiziiʼeelii fi Phelet, Beraakiyaa, Yehuu namicha Anaatoot,
The chief was Ahiezer; then Joash, the sons of Shemaah the Gibeathite, and Jeziel, and Pelet, the sons of Azmaveth, and Beracah, and Jehu the Anathothite,
4 Yishmaʼiyaa namichi Gibeʼoonii sun jara Soddomman keessaa nama jabaa fi hoogganaa Soddomman isaanii ture; Ermiyaas, Yahiziiʼeel, Yoohaanaan, Yoozaabaad namicha Gedeeraa,
and Ishmaiah the Gibeonite, a mighty man among the Thirty, and over the Thirty, and Jeremiah, and Jahaziel, and Johanan, and Jozabad the Gederathite,
5 Elʼuuzay, Yeriimooti, Beʼaaliyaa, Shemaariyaa, Shefaaxiyaa namicha Haruufaa,
Eluzai, and Jerimoth, and Baaliah, and Shemariah, and Shephatiah the Haruphite,
6 Elqaanaa, Yishiyaa, Azariʼeel, Yoozerii fi Yaashobiʼaam jarreen gosa Qooraahi,
Elkanah, and Isshiah, and Azarel, and Joezer, and Jashobeam, the Korahites,
7 Yooʼelaa fi Zebaadiyaa ilmaan Yeroohaam namicha Gedoor.
and Joelah, and Zebadiah, the sons of Jeroham of Gedor.
8 Yeroo Daawit gammoojjiitti daʼoo keessa turetti namoonni gosa Gaad tokko tokko dhufanii isaatti ni dabalaman. Isaanis loltoota ciccimoo gaachanaa fi eeboo qabachuu dandaʼan kanneen waraanaaf qophaaʼan turan. Fuulli isaanii fuula leencaa fakkaata ture; isaan akkuma kuruphee tulluu gubbaa saffistoota turan.
Of the Gadites there separated themselves to David to the stronghold in the wilderness, mighty men of valor, men trained for war, that could handle shield and spear; whose faces were like the faces of lions, and they were as swift as the roes on the mountains;
9 Eezer hoogganaa isaanii ture; Obaadiyaan lamaffaa, Eliiyaab sadaffaa,
Ezer the chief, Obadiah the second, Eliab the third,
10 Mishmanaan afuraffaa, Ermiyaas shanaffaa,
Mishmannah the fourth, Jeremiah the fifth,
11 Ataayi jaʼaffaa, Eliiʼeel torbaffaa,
Attai the sixth, Eliel the seventh,
12 Yoohaanaan saddeettaffaa, Elzaabaad saglaffaa,
Johanan the eighth, Elzabad the ninth,
13 Ermiyaas kurnaffaa, Makibanaayi kudha tokkoffaa ture.
Jeremiah the tenth, Machbannai the eleventh.
14 Jarreen gosa Gaad kunneen ajajjoota loltootaa turan; isaan keessaa inni xinnaan akka ajajaa nama dhibbaatti, inni guddaan immoo akka ajajaa nama kumaatti hedama ture.
These of the sons of Gad were captains of the army: he who was least was equal to one hundred, and the greatest to one thousand.
15 Warri jiʼa jalqabaatti yeroo lagni Yordaanos guutee ededa isaa hunda irra dhangalaʼutti ceʼanii akka namoonni sululicha keessa jiraachaa turan gara baʼa biiftuutii fi gara lixa biiftuutti baqatan godhan namootuma kanneen turan.
These are those who went over the Jordan in the first month, when it had overflowed all its banks; and they put to flight all them of the valleys, both toward the east, and toward the west.
16 Namoonni Beniyaamiitii fi Yihuudaa tokko tokkos Daawit bira gara daʼannoo isaa ni dhufan.
There came of the people of Benjamin and Judah to the stronghold to David.
17 Daawitis isaan simachuudhaaf gad baʼee akkana jedheen; “Isin yoo na gargaaruudhaaf jettanii nagaadhaan dhuftanii jiraattan, ani ofitti isin dabalachuudhaaf qophaaʼaa dha. Garuu yoo isin utuu harki koo yakka hin hojjetin diinota kootti dabarsitanii na kennuudhaaf dhuftanii jiraattan, Waaqni abbootii keenyaa ilaalee murtii haa kennu.”
David went out to meet them, and answered them, "If you have come peaceably to me to help me, my heart shall be knit to you; but if you have come to betray me to my adversaries, since there is no wrong in my hands, may the God of our fathers look thereon, and rebuke it."
18 Ergasiis Hafuurri Qulqulluun Amaasaayi hoogganaa namoota Soddomman sanaa irra buʼe; innis akkana jedhe: “Yaa Daawit, nu kan kee ti! Yaa ilma Isseey, nu suma wajjin jirra! Milkaaʼi, milkaaʼi; warri si gargaaranis haa milkaaʼan; Waaqni kee si gargaaraatii.” Kanaafuu Daawit isaan simatee dura deemtota loltoota isaa isaan godhate.
Then the Spirit came on Amasai, who was chief of the Thirty, and he said, "We are yours, David, and on your side, you son of Jesse: peace, peace be to you, and peace be to your helpers; for your God helps you." Then David received them, and made them captains of the band.
19 Yeroo Daawit Saaʼolin loluuf jedhee Filisxeemota wajjin duuletti namoonni Minaasee tokko tokko fottoqanii gara Daawititti ni goran. Inni garuu sababii bulchitoonni Filisxeem mariʼatanii of irraa isa ariʼaniif innii fi namoonni isaa Filisxeemota hin gargaarre. Isaanis, “Yoo inni nu dhiisee gara gooftaa isaa gara Saaʼol deebiʼe wanni kun nu ficcisiisa” jedhanii turaniitii.
Of Manasseh also there fell away some to David, when he came with the Philistines against Saul to battle; but they did not help them; for the lords of the Philistines sent him away after consultation, saying, "He will fall away to his master Saul to the jeopardy of our heads."
20 Yeroo Daawit gara Siiqlaag deemetti namoonni Minaasee warri fottoqanii gara isaa goran kanneenii dha: Adinaahi, Yoozaabaad, Yediiʼeel, Miikaaʼel, Yoozaabaad, Eliihuu fi Ziletaayi; isaan kunneen gosa Minaasee keessatti ajajjuuwwan kumaa turan.
As he went to Ziklag, there fell to him of Manasseh, Adnah, and Jozabad, and Jediael, and Michael, and Jozabad, and Elihu, and Zillethai, captains of thousands who were of Manasseh.
21 Isaanis balaa buuftota dhaʼuu irratti Daawitin ni gargaaran; hundi isaanii loltoota jajjaboo fi ajajjoota loltoota isaa turaniitii.
They helped David against the band of rovers: for they were all mighty men of valor, and were captains in the army.
22 Hamma inni loltoota guddaa akka loltoota Waaqaa qabaatutti, namoonni Daawitin gargaaruudhaaf guyyaa guyyaadhaan gara isaa dhufaa ture.
For from day to day men came to David to help him, until there was a great army, like the army of God.
23 Baayʼinni namoota lolaaf hidhatanii akkuma Waaqayyo dubbatee turetti mootummaa Saaʼol gara Daawitiitti dabarsuudhaaf jedhanii Daawit bira gara Kebroonii dhufanii kanneenii dha:
These are the numbers of the heads of those who were armed for war, who came to David to Hebron, to turn the kingdom of Saul to him, according to the word of the LORD.
24 Namoonni Yihuudaa kanneen gaachanaa fi eeboo qabatanii lolaaf qophaaʼan 6,800;
The people of Judah who bore shield and spear were six thousand and eight hundred, armed for war.
25 namoonni Simiʼoonii loltoonni waraanaaf qophaaʼan 7,100;
Of the people of Simeon, mighty men of valor for the war, seven thousand and one hundred.
26 namoonni Lewwii 4,600;
Of the descendants of Levi four thousand and six hundred.
27 Yehooyaadaan hoogganaa maatii Aroon ture; namoonni 3,700 isa wajjin turan;
Jehoiada was the leader of the household of Aaron; and with him were three thousand and seven hundred,
28 Zaadoq dargaggeessa loltuu jagnaa sanaa fi maatii isaa keessaa ajajjoota waraanaa 22;
and Zadok, a young man mighty of valor, and of his father's house twenty-two captains.
29 namoonni Beniyaam kanneen firoota Saaʼolii taʼan 3,000; isaan keessaas hedduun isaanii hamma yeroo sanaatti mana Saaʼoliitiif amanamoo turan;
Of the people of Benjamin, the brothers of Saul, three thousand: for hitherto the greatest part of them had kept their allegiance to the house of Saul.
30 namoonni Efreem warri lolatti ciccimoo fi balbala isaanii keessatti bebeekamoo taʼan 20,800;
Of the people of Ephraim twenty thousand eight hundred, mighty men of valor, famous men in their fathers' houses.
31 walakkaa gosa Minaasee keessaa namoonni Daawitin mootii gochuudhaaf maqaan isaanii galmaaʼee dhufan 18,000;
Of the half-tribe of Manasseh eighteen thousand, who were mentioned by name, to come and make David king.
32 namoota Yisaakor keessaa warra haala yeroo hubatanii waan Israaʼeloonni gochuu qaban beekan hangafoota 200, firoota isaanii kanneen isaan jalatti bulan hunda wajjin;
Of the people of Issachar, men who had understanding of the times, to know what Israel ought to do, their heads were two hundred; and all their brothers were at their commandment.
33 namoota Zebuuloon keessaa loltoonni muuxannoo qaban warri meeshaa lolaa kamiin iyyuu loluuf qophaaʼan kanneen Daawitin gargaaruuf garaan isaanii tokko taʼe 50,000;
Of Zebulun, such as were able to go out in the army, who could set the battle in array, with all kinds of instruments of war, fifty thousand, to help David and were not of double heart.
34 namoota Niftaalem keessaa ajajjoota 1,000; namoota gaachanaa fi eeboo qabatan 37,000 wajjin;
Of Naphtali one thousand captains, and with them with shield and spear thirty-seven thousand.
35 namoota Daan kanneen lolaaf qophaaʼan 28,600;
Of the Danites who could set the battle in array, twenty-eight thousand six hundred.
36 namoota Aasheer keessaa loltoonni muuxannoo qaban kanneen lolaaf qophaaʼan 40,000;
Of Asher, such as were able to go out in the army, who could set the battle in array, forty thousand.
37 gama baʼa Yordaanosiitii namoota Ruubeen, namoota Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa namoota miʼa lolaa kan gosa hundaa hidhatan 120,000.
On the other side of the Jordan, of the Reubenites, and the Gadites, and of the half-tribe of Manasseh, with all kinds of instruments of war for the battle, one hundred twenty thousand.
38 Isaan kunneen hundinuu loltoota waraana keessa tajaajiluudhaaf of kennanii dha. Isaanis Israaʼel hunda irratti Daawitin mootii gochuuf kutatanii gara Kebroon ni dhufan. Israaʼeloonni hafan hundinuus Daawitin mootii gochuuf yaaduma tokko qabu turan.
All these being men of war, who could order the battle array, came with a perfect heart to Hebron, to make David king over all Israel: and all the rest also of Israel were of one heart to make David king.
39 Namoonnis sababii maatiin isaanii waan hunda isaaniif qopheessaniif nyaachaa dhugaa guyyaa sadii Daawit wajjin achi turan.
They were there with David three days, eating and drinking; for their brothers had made preparation for them.
40 Akkasumas olloonni isaanii kanneen hamma Yisaakoriitti, Zebuuloonittii fi Niftaalemiitti jiran harrootatti, gaalawwanitti, gaangolii fi sangootatti nyaata feʼanii fidanii ni dhufan. Sababii Israaʼel keessa gammachuun guddaan tureefis daakuun, bixxilleen ija harbuutii fi bixxilleen ija wayinii, daadhiin wayinii, zayitiin, loonii fi hoolonni akka malee baayʼeen dhiʼeeffamanii turan.
Moreover those who were near to them, as far as Issachar and Zebulun and Naphtali, brought bread on donkeys, and on camels, and on mules, and on oxen, food of meal, cakes of figs, and clusters of raisins, and wine, and oil, and cattle, and sheep in abundance: for there was joy in Israel.

< 1 Seenaa 12 >