< 1 Seenaa 11 >

1 Israaʼeloonni hundinuu Kebroonitti Daawit biratti walitti dhufanii akkana jedhan; “Nu foonii fi dhiiga kee ti.
Kisha Waisraeli wote walikuja Hebroni kwa Daudi na kusema, “Angalia, sisi ni nyama na mifupa yako.
2 Duraan, yeroo Saaʼol mootii turetti iyyuu namni duula loltoota Israaʼel hoogganu siʼi ture. Waaqayyoo Waaqni kees, ‘Situ saba koo Israaʼelin tiksa; bulchaa isaaniis ni taata’ siin jedhee ture.”
Katika wakati uliopita, Sauli alipoo kuwa mfalme juu yetu, ni wewe uliye ongoza jeshi la Israeli. Yahweh Mungu wako alisema kwako, 'utawachunga watu wangu wa Isaraeli, na utakuwa mtawala wa watu wangu wa Israeli”'.
3 Yommuu maanguddoonni Israaʼel hundi Kebroonitti Daawit Mooticha bira dhufanitti, inni Kebroonitti fuula Waaqayyoo duratti isaan wajjin kakuu gale. Isaanis akkuma Waaqayyo karaa Saamuʼeeliin abdachiise sanatti dibanii Israaʼel irratti mootii isa godhan.
Kwaiyo wazee wote wa Israeli wakamjia mfalme huko Hebroni, na Daudi akafanya agano nao mbele ya Yahweh. Wakampaka mafuta Daudi kuwa mfalme wa Israeli. Kwa namna hii, neno la Yahweh lilo nenwa na Samweli likawa kweli.
4 Daawitii fi Israaʼeloonni hundinuu gara Yerusaalemitti jechuunis Yebuusiitti ni qajeelan. Yebuusonni achi jiraatan garuu
Daudi na Israeli yote wakaenda Yerusalemu (yani, Yebusi). Sasa Wayebusi, wakazi wa nchi, walikuwa pale.
5 Daawitiin, “Ati as hin seentu” jedhan. Taʼus Daawit daʼannoo Xiyoon jechuunis Magaalaa Daawit ni qabate.
Wakazi wa yebusi wakamwabia Daudi, “Hautakuja humu.” Lakini Daudi alichukuwa ngome ya Sayuni, mji wa Daudi.
6 Daawitis, “Namni duraan dursee dhaqee Yebuusota lolu ajajaa loltootaa taʼa” jedhee ture. Yooʼaab ilmi Zeruuyaa jalqabatti baʼe; kanaafuu inni ajajaa waraanaa taʼe.
Daudi alisema, “Yeyote atakaye washambulia Wayebusi wa kwanza atakuwa mkuu wa jeshi” kwaiyo Yoabu mwana wa Zeruia akashambulia wa kwanza, hivyo akafanywa mkuu wa jeshi.
7 Daawitis iddoo jireenya isaa daʼannoo sana keessa godhate; kanaafuu daʼannoon sun Magaalaa Daawit jedhamee waamame.
Daudi akaanza kuishi katika hiyo ngome. Kwaiyo wakaiita mji wa Daudi.
8 Innis Miiloodhaa jalqabee naannoo isheetti dallaa dhagaa ni ijaare; Yooʼaab immoo kutaa Magaalaa sanaa kan hafe deebisee ijaare.
Akaimarisha mji kutoka Milo na hadi mpaka ukuta unao zunguka. Yoabu akaimairisha mji wote uliyo baki.
9 Daawitis sababii Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isa wajjin tureef yeruma yeroon jabaachaa dhufe.
Daudi akawa mkuu na mkuu kwa sababu Yahweh wa Majeshi alikuwa naye.
10 Namoota Daawit warra jajjaboo keessaa hangafoonni kanneenii dha; isaanis akkuma Waaqayyo waaʼee Israaʼel dubbate sanatti mootii isa gochuuf jedhanii saba Israaʼel hunda wajjin mootummaa isaa keessatti gargaarsa guddaa godhaniif.
Hawa walikuwa viongozi Daudi aliyo kuwa nao, waliyo jionyesha imara katika ufalme wake, pamoja na Israeli, kumfanya mfalme, kutii neno la Yahweh kuhusu Israeli.
11 Maqaan namoota Daawit warra jajjaboo kanaa dha: Yaashobiʼaam namichi gosa Hakmooni hangafa ajajjoota sanaa ture; innis lola tokko irratti eeboo mirmirsee namoota dhibba sadii fixe.
Hii ni orodha ya wanajeshi shupavu wa Daudi. Yashobeami, mwana wa Mhakimoni, alikuwa mkuu wa kikosi cha thelathini. Aliwaua wanaume mia tatu na mkuki wake katika sehemu moja.
12 Kan isatti aanu immoo Eleʼaazaar namicha gosa Ahooʼaa, ilma Doodoo ture; innis namoota jajjaboo sadan sana keessaa tokko ture.
Baada ya yeye alikuwa Eleazari mwana wa Dodo, Mahohi, aliyekuwa mmoja wa wanaume watatu hodari.
13 Eleʼaazaar yeroo Filisxeemonni waraanaaf walitti qabamanii turanitti Daawit wajjin Phaas Damiim ture. Loltoonnis lafa qotiisaa kan garbuudhaan guutame tokko biratti Filisxeemota duraa baqatan.
Alikuwa na Daudi huko Pasidamimu, na pale Wafilisti wakakusanyika pamoja kwa mapambano, ambapo palikuwa na uwanja wa ngano na jeshi liliwakimbia Wafilisti.
14 Innii fi Daawit garuu lafa qotiisaa walakkaatti iddoo qabatan. Isaanis irraa ittisuudhaan Filisxeemota fixan; Waaqayyos moʼannaa guddaa isaaniif kenne.
Walisimama katikati ya uwanja. Wakautetea na kuwakata Wafilisti na Yahweh akawaokoa na ushindi mkubwa.
15 Utuma gareen Filisxeemotaa Sulula Refaayim keessa qubatee jiruu hangafoota soddomman sana keessaa namoonni sadii gara kattaa holqa Adulaamitti gara Daawit gad buʼan.
Kisha watatu wa viongozi thelathini wakashuka chini kwenye mwamba wa Daudi, katika pango la Adulamu. Jeshi la Wafilisti walieka kambi katika bonde la Refaim.
16 Yeroo sanatti Daawit daʼannoo cimaa keessa ture; loltoonni Filisxeem immoo Beetlihem turan.
Kwa wakati huo Daudi alikuwa katika ngome yake, pangoni, Wafilisti walikita kambi yao Bethilehemu.
17 Daawitis dheebotee, “Utuu namni tokko boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan dhugaatii naa fidee hoo!” jedhe.
Daudi alikuwa na kiu ya maji na akasema, “Laiti mtu akanipatia maji ya kunywa kutoka kisima kilicho Bethilehemu, kisima kilicho pembeni mwa lango!”
18 Kanaafuu namoonni Sadan sun qubata Filisxeemotaa keessaan darbanii boolla bishaanii kan karra Beetlihem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan. Inni garuu dhuguu ni dide; qooda kanaa bishaan sana fuula Waaqayyoo duratti dhangalaase.
Hawa wanaume hodari watatu wakatoboa kupita jeshi la Wafilisti na kuchota maji kwenye kisima cha Bethilehemu, kisima pembeni mwa lango. Wakachukuwa maji na kumletea Daudi, lakini alikataa kunywa. Badala yake, akamwaga chini kwa Yahweh.
19 Innis, “Akka ani waan kana hin goone Waaqni narraa haa fageessu! Ani dhiiga namoota lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqan kanaa nan dhugaa?” jedhe. Sababii isaan lubbuu ofii isaaniitti muranii dhaqanii fidaniif Daawit bishaan sana hin dhugne. Egaa wanni namoonni jajjaboon sadan sun hojjetan kana ture.
Kisha akasema, “Yahweh, iwe mbali na mimi, kwamba ni yanywe haya maji. Je ninywe damu ya wanaume walio hatarisha maisha yao?” Kwa sababu wameeka maisha ya hatarini, akakataa kunywa. Haya ni mambo wanaume hodari watatu walio fanya.
20 Abiishaayi obboleessi Yooʼaab hoogganaa Sadan isaanii ture. Innis namoota dhibba sadiitti eeboo isaa ol kaafatee isaan fixe; akkasiin innis akkuma namoota Sadan sanaa beekamaa taʼe.
Abishai kaka wa Yoabu, alikuwa kiongozi wa watatu. Alitumia mkuki wake dhidi ya watu mia tatu na kuwaua. Ametajwa pamoja na wale watatu.
21 Inni yoo isaan keessaa tokko taʼuu baate iyyuu warra Sadan caalaa ulfina argatee ajajaa isaanii taʼe.
Kati ya wale watatu, yeye alipewa heshima mara mbili na akawa kiongozi wao. Japo hakuwa mmoja wa miongoni mwao.
22 Benaayaa ilmi Yehooyaadaa loltuun cimaan biyya Qabziʼeel sunis loltuu moʼannaa gurguddaa argamsiise ture. Innis loltoota Moʼaab kanneen akka malee jajjaboo taʼan lama ajjeese. Gaafa cabbiin roobe tokkos boolla keessa seenee leenca ajjeese.
Benaia mwana wa Yehoiada alikuwa mwanaume mwenye nguvu aliye fanya mambo makuu. Aliua wana wawili wa Arieli wa Moabu. Pia alishuka chini ya shimo na kumuua simba wakati theluji ikianguka.
23 Namicha biyya Gibxi kan dhundhuma shan dheeratu tokko illee ni ajjeese. Namichi Gibxi sun eeboo akka danqaraa wayya dhooftuu harkaa qabaatu iyyuu Benaayaa bokkuudhaan isatti baʼe. Innis harka namicha Gibxi sanaatii eeboo butatee eeboodhuma isaatiin isa ajjeese.
Alimua hadi Mmisri, mwanaume mwenye mita mbili na theluthi moja. Mmisri alikuwa na mkuki kama gongo la mshonaji, lakini alimfuata chini na fimbo tu. Akakamata mkuki katika mkono wa Mmisri na kumuua na mkuki wake.
24 Hojiiwwan gootummaa kanneen Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hojjete kana faʼi; innis akkuma namoota jajjaboo sadan sanaa nama beekamaa ture.
Benaia mwana wa Yehoiada alifanya haya matukio, na akatajwa miongoni mwa wale wanaume hodari watatu.
25 Inni namoota Soddomman sana keessaa nama kam iyyuu caalaa ulfina guddaa argate; garuu namoota Sadan sanatti hin dabalamne. Daawitis ajajaa eegdota ofii isaa isa godhate.
Alisifika zaidi ya wale wanajeshi thelathini kwa ujumla, lakini hakuwa pewa hadhi ya wale wanajeshi watatu hodari. Daudi alimueka kiongozi wa walinzi wake.
26 Namoonni jajjaboon sunis kanneenii dha: Asaaheel obboleessa Yooʼaab, Elhaanaan namicha Beetlihem ilma Doodoo,
Wanaume hodari walikuwa Asaheli kaka wa Yoabu, Elhanani mwana wa Dodo wa Bethilehemu,
27 Shamoot namicha gosa Haroor, Heleez namicha gosa Pheloonaa,
Shamothi Mherori, Helezi Mpeloni,
28 Iiraa ilma Iqeesh nama Teqooʼaa, Abiiʼezer nama Anaatoot,
Ira mwana wa Ikeshi Mtekoi, Abi Eza Manathothi,
29 Siibekaay nama biyya Hushaa, Iilaayi nama Ahooʼaa,
Sibekai Mhushathite, Ilai Mahohite,
30 Maharaayi nama Netoofaa, Heeled ilma Baʼanaa nama Netoofaa,
Maharai Mnetofathi, Heledi mwana wa Baana Mnetofathite,
31 gosa Beniyaam keessaa Iitaayi ilma Riibaay, namicha Gibeʼaa, Benaayaa nama Phiraatoon,
Itai mwana wa Ribai wa Gibea uzao wa Benjamini, Benaia Mpirathoni,
32 Huuraayi namicha sululoota Gaʼaash, Abiiʼeel namicha biyya Arbaa,
Hurai wa mabonde ya Gaashi, Abieli Marbathi,
33 Azmaawet namicha Baharuum, Eliiyaabaa namicha Shaʼalboon,
Azmavethi Mbaharumi, Eliaba Mshaalboni,
34 ilmaan Haasheem namicha Gizoon, Yoonaataan ilma Shaagee namicha Haraaraa,
Mwana wa Hashemu Mgizoni, Yonathani mwana wa Shagee Mhararite,
35 Ahiiʼaam ilma Saakaar namicha Haraaraa, Eliifaal ilma Uuri,
Ahiamu mwana wa Sacari Mhararite, Elifali mwana wa Uri,
36 Heefer namicha Mekeeraataa, Ahiiyaa namicha Pheloonaa,
Hefa Mmekarathi, Ahija Mpeloni,
37 Hezroo nama Qarmeloos, Naʼaraayi ilma Ezbayi,
Hezro Mcarmeli, Maarai mwana wa Ezibai,
38 Yooʼeel obboleessa Naataanii, Mibehaar ilma Hagrii,
Yoeli kaka wa Nathani, Mibhari mwana wa Hagiri,
39 Zeleq namicha gosa Amoon, Nahaaraay namicha Biʼeeroot kan Yooʼaab ilma Zeruuyaatiif miʼa lolaa baatu sana,
Zeleki Mamoni, Naharai Mberothi ( mbeba ngao ya Yoabu mwana wa Zeruia),
40 Iiraas namicha gosa Yitraa, Gaareeb namicha gosa Yitraa,
Ira Mithire, Garebu Mithire,
41 Uuriyaa namicha Heet, Zaabaad ilma Ahilayi,
Uria Mhiti, Zabadi mwana wa Ahlai,
42 Aadiinaa ilma Shiizaa namicha gosa Ruubeen, inni hoogganaa Ruubeenotaatii fi kan namoota Soddomman isa wajjin turanii ti;
Adina mwana wa Shiza Mreubeni ( kiongozi wa Wareubeni) na thelathini pamoja nae,
43 Haanaan ilma Maʼakaa, Yooshaafaaxi namicha Miitinaa,
Hanani mwana wa Maaka, na Yoshafati Mmithini,
44 Uziyaa namicha Ashteraati, Shaamaaʼii fi Yeʼiiʼeel ilmaan Hootaam namicha Aroʼeer,
Uzia Mashiterathi, Shama na Yeieli wana wa Hothamu Waaroeri,
45 Yediʼyaaʼeel ilma Shimrii, obboleessa isaa Yoohaa namicha Tiizii,
Jediaeli mwana wa Shimri, Joha ( kaka yake Mtize),
46 Eliiʼeel namicha Mahawaa, Yeriibaayii fi Yooshabiyaa ilmaan Elnaʼam, Yitmaa namicha Moʼaab,
Elieli Mmahavi, Yeribai na Yoshavia mwana wa Elnaamu, Ithima Mmoabi,
47 Eliiʼeel, Oobeedii fi Yaʼisiiʼel namicha Mezoobaa.
Elieli, Obedi, na Yaasieli Wamezobai.

< 1 Seenaa 11 >