< 1 Seenaa 10 >

1 Filisxeemonni yeroo kanatti Israaʼelitti waraana kaasan; Israaʼeloonnis isaan duraa baqatan; hedduun isaaniis Tulluu Gilboʼaa irratti dhuman.
And the Philistines fought against Israel; and the men of Israel fled from before the Philistines, and fell down slain on mount Gilboa.
2 Filisxeemonni ittuma jabeessanii Saaʼolii fi ilmaan isaa ariʼan; isaanis ilmaan isaa jechuunis Yoonaataan, Abiinaadaabii fi Malkii-Shuwaa ajjeesan.
And the Philistines followed hard after Saul and after his sons; and the Philistines smote Jonathan, and Abinadab, and Malchi-shua, Saul's sons.
3 Lollis naannoo Saaʼolitti baayʼee cime; warri xiyyaan lolanis isa qaqqabanii isa madeessan.
And the battle went sore against Saul, and the archers came up with him, and he was terrified by the archers.
4 Saaʼolis namicha miʼa lolaa isaa baatuun, “Goraadee kee luqqifadhuutii na waraani; yoo kanaa achii namoonni dhagna hin qabamin kunneen dhufanii natti taphatuu” jedhe. Namichi miʼa lolaa baatuuf sun garuu waan akka malee sodaateef isa hin waraanne; kanaafuu Saaʼol goraadee ofii isaa luqqifatee irratti kufe.
Then said Saul to his armour-bearer, Draw thy sword, and thrust me through with it; lest these uncircumcised come and abuse me. But his armour-bearer would not; for he was much afraid. So Saul took the sword and fell on it.
5 Namichi miʼa lolaa baatu sun yommuu akka Saaʼol duʼe argetti innis goraadee ofii isaa irratti kufee duʼe.
And when his armour-bearer saw that Saul was dead, he fell likewise on the sword, and died.
6 Kanaafuu Saaʼolii fi ilmaan isaa sadan ni duʼan; warri mana isaa hundinuus walumaan dhuman.
So Saul died, and his three sons, and all his house died together.
7 Israaʼeloonni sulula keessa turan hundi yommuu akka loltoonni baqatan, akka Saaʼolii fi ilmaan isaas dhuman arganitti magaalaawwan isaanii dhiisanii baqatan. Filisxeemonni immoo dhufanii keessa qubatan.
And when all the men of Israel that were in the valley saw that they fled, and that Saul and his sons were dead, they forsook their cities and fled; and the Philistines came and dwelt in them.
8 Filisxeemonnis guyyaa itti aanutti yommuu warra dhuman irraa hidhannaa hiikkachuu dhufanitti akka Saaʼolii fi ilmaan isaa Tulluu Gilboʼaa irratti kukkufanii jiran argan.
And it came to pass the next day, that the Philistines came to strip the slain, and they found Saul and his sons fallen on mount Gilboa.
9 Isaanis erga hidhata Saaʼolii hiikkatanii mataa isaan irraa kutanii booddee akka isaan waaqota tolfamoo fi namoota isaaniitti oduu gaarii labsaniif guutummaa Filisxeemiitti ergamoota ni ergan.
And they stripped him, and took his head, and his armour, and sent [them] into the land of the Philistines round about, to announce the glad tidings to their idols, and to the people.
10 Ergasii immoo miʼa lolaa isaa mana waaqota tolfamoo isaanii keessa, mataa isaa immoo mana Daagon waaqicha tolfamaa sanaa keessatti ni fannisan.
And they put his armour in the house of their god, and fastened his head in the house of Dagon.
11 Jiraattonni Yaabeesh Giliʼaad hundi yommuu waan Filisxeemonni Saaʼolin godhan dhagaʼanitti,
And when all they of Jabesh-Gilead heard of all that the Philistines had done to Saul,
12 namoonni jajjaboon isaanii hundi dhaqanii reeffa Saaʼolii fi reeffa ilmaan isaa guuranii gara Yaabeeshitti ni fidan. Ergasii immoo reeffa isaanii muka guddaa Yaabeesh keessaa tokko jalatti awwaalan; guyyaa torbas ni sooman.
all the valiant men arose, and took up the body of Saul and the bodies of his sons, and brought them to Jabesh, and buried their bones under the terebinth of Jabesh, and fasted seven days.
13 Saaʼol sababii Waaqayyoof amanamaa hin taʼiniif duʼe; inni dubbii Waaqayyootiif hin ajajamne; qooda kanaa ilaaltuu gorsa gaafate;
And Saul died for his unfaithfulness which he committed against Jehovah, because of the word of Jehovah which he kept not, and also for having inquired of the spirit of Python, asking counsel of it;
14 Waaqayyoon gorsa hin gaafanne. Kanaaf Waaqayyo isa ajjeese; mootummaa isaas dabarsee Daawit ilma Isseeyiitiif kenne.
and he asked not counsel of Jehovah; therefore he slew him, and transferred the kingdom to David the son of Jesse.

< 1 Seenaa 10 >