< Salmenes 94 >
1 Herre, du hemns Gud, du hemns Gud, syn deg i herlegdom!
Yaa Waaqayyo, Waaqa haaloo baaftu, Yaa Waaqa haaloo baaftu, ifii mulʼadhu.
2 Statt upp, du domar yver jordi, lat dei ovmodige få lika for si gjerning!
Yaa Abbaa Murtii lafa kanaa kaʼi; of tuultotaaf illee waan isaanii malu kenni.
3 Kor lenge skal ugudlege, Herre, kor lenge skal ugudlege fegnast?
Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti warri hamoon, warri hamoon hamma yoomiitti burraaqu?
4 Dei gøyser or seg og fører skamlaus tale; dei skrøyter, alle ugjerningsmenner.
Isaan dubbii of tuulummaa gad roobsu; jalʼoonni hundinuu of dhiibuudhaan guutaman.
5 Ditt folk, Herre, krasar dei, og din arv plågar dei.
Yaa Waaqayyo, isaan saba kee miidhu; handhuuraa kees ni hacuucu.
6 Enkja og den framande slær dei i hel, og dei myrder dei farlause.
Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu; ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu.
7 Og dei segjer: «Herren ser ikkje, og Jakobs Gud merkar det ikkje.»
Isaan, “Waaqayyo hin argu; Waaqni Yaaqoob hin qalbeeffatu” jedhu.
8 Merka då, de uvituge i folket! Og de vitlause, når vil de taka til vitet?
Warri saba keessaa raatoftan mee hubadhaa; isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu?
9 Han som hev sett inn øyra, skulde han ikkje høyra? Han som hev laga til auga, skulde han ikkje sjå?
Inni gurra uume sun hin dhagaʼuu? Inni ija uume hin argu?
10 Han som tuktar heidningar, skulde han ikkje refsa, han som gjev menneski kunnskap?
Inni saboota sirreessu sun hin adabuu? Inni nama barsiisu sun beekumsa hin qabuu?
11 Herren kjenner mannsens tankar, at dei er fåfengd.
Waaqayyo yaada namaa beeka; akka yaadni namaa faayidaa hin qabnes ni beeka.
12 Sæl er den mann som du, Herre, tuktar, og som du gjev lærdom or lovi di,
Yaa Waaqayyo, namni ati adabdu, namni ati seera kee irraa barsiiftu eebbifamaa dha;
13 til å gjeve honom ro for vonde dagar, til dess det vert grave ei grav for den ugudlege.
hamma hamootaaf boolli qotamutti, guyyaa rakkinaatti ati boqonnaa kennitaaf.
14 For ikkje støyter Herren burt sitt folk, og arven sin forlet han ikkje.
Waaqayyo saba isaa hin gatuutii; inni akkana illee jedhee handhuuraa ofii isaa hin dhiisu.
15 For domen skal venda um att til rettferd, og alle ærlege i hjarta skal halda med honom.
Murtiin qajeelummaa irratti hundeeffama; toloonni hundinuus isa faana buʼu.
16 Kven stend upp for meg imot dei vonde? Kven stig fram for meg mot deim som gjer urett?
Eenyutu hamootatti naa kaʼa? Eenyutu na cina dhaabatee warra jalʼina hojjetaniin morma?
17 Dersom ikkje Herren var mi hjelp, so vilde sjæli mi snart bu i stilla.
Utuu Waaqayyo na gargaaruu baatee, silaa yoona lubbuun koo boolla duʼaa keessa jirti.
18 Når eg segjer: «Foten min er ustød, då held di miskunn meg uppe, Herre.»
Yaa Waaqayyo yeroo ani, “Miilli koo mucucaateera” jedhetti, araarri kee ol qabee na dhaabe.
19 Når det kjem mange tunge tankar i mitt hjarta, då huggar dine trøystarord mi sjæl.
Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti, jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.
20 Er vel tynings-domstolen i samlag med deg, der dei lagar urett i hop til rett?
Bulchitoonni hamoon, warri seeratti fayyadamanii jalʼina hojjetan si wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼuu?
21 Dei flokkar seg i hop mot sjæli åt den rettferdige, og dei fordømer uskuldigt blod.
Isaan tokkummaadhaan nama qajeelaatti kaʼanii nama yakka hin qabnetti duʼa muru.
22 Då vert Herren ei borg for meg, og min Gud vert eit berg som eg flyr til.
Waaqayyo garuu daʼoo, Waaqni koos, kattaa ani itti baqadhu naa taʼeera.
23 Og han let deira urett koma attende yver deim, og for deira vondskap skal han gjera ende på deim, ja, Herren, vår Gud, skal gjera ende på deim.
Inni gatii cubbuu isaanii isaanumatti deebisa; sababii hammina isaaniitiif illee isaan balleessa; Waaqayyo Waaqni keenya isaan barbadeessa.