< Amos 2 >

1 So segjer Herren: For trifald misgjerd av Moab, for firfald eg ikkje meg attrar. For di dei brende beini åt Edom-kongen til kalk,
Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Moʼaab sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii inni lafee mootii Edoom gubee daaraa godheef,
2 so sender eg eld imot Moab, han skal øyda Kerijots borgar. Og i ståket Moab skal døy, med hergny og luraljod skrell.
ani ibidda daʼannoo Keriiyooti barbadeessu tokko Moʼaabitti nan erga. Moʼaab iyya waraanaatii fi sagalee malakataatiin duʼa.
3 Domaren deira eg tynar, alle hovdingarn’ likeins eg drep, segjer Herren.
Ani bulchaa ishee ajjeesee qondaaltota ishee hundas isa wajjinin fixa” jedha Waaqayyo.
4 So segjer Herren: For trifald misgjerd av Juda, for firfald eg ikkje meg attrar. Då dei vanvyrde Herrens lov og heldt ikkje bodordi hans, men let seg av lygn-gudar dåra, som federne fyrr hadde fylgt,
Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Yihuudaa sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Sababii isaan seera Waaqayyoo didanii ajaja isaas hin eeginiif, sababii isaan waaqota sobaa, waaqota abbootiin isaanii duukaa buʼan sanaan karaa irraa jalʼataniif,
5 so sender eg eld imot Juda, han skal øyda Jerusalems borger.
ani ibidda daʼannoo Yerusaalem barbadeessu tokko Yihuudaatti nan erga.”
6 So segjer Herren: For trifald misgjerd av Israel og for firfald eg ikkje meg attrar. For sylv dei sel ein skuldlaus og ein arming for eit par skor,
Waaqayyo akkana jedha: “Ani cubbuu Israaʼel sadiif, afuriifis dheekkamsa koo duubatti hin deebisu. Isaan qajeeltota meetiitti, rakkattoota immoo kophee cimdii tokkotti gurguratan.
7 dei som helst ser mold på ein stakkars hovud, og rengjer småfolks rett. Til same gjenta gjeng far og son til vanhelging for mitt heilage namn.
Isaan akkuma biyyoo lafaatti mataa hiyyeeyyii irra ijaajjanii cunqurfamaas murtii qajeelaa dhowwatan. Abbaa fi ilmi durba tokkotti galanii akkasiin maqaa koo qulqulluu xureessan.
8 Og på pantsette klæde ved kvart eit altar dei ligg, og skadebots-vin dei drikk i huset til sin Gud.
Isaan uffata qabdiidhaan nama irraa fudhatan irra iddoo aarsaa hunda bira ciciisan. Isaan daadhii wayinii kan warra adabaman biraa dhufe, mana waaqa isaanii keessatti dhugu.
9 Det var då eg som dreiv amoritarne frå deim, som høge som cedertre var, og sterke som eiker, men eg tynte alda i topp og roti i jord.
“Inni akkuma birbirsaa dheeratee akka qilxuu jabaatu iyyuu, ani namicha Amoor sana fuula isaanii duratti galaafadheera. Ani gubbaadhaa ija isaa, jalaan immoo hidda isaa balleesseera.
10 Det var eg som dykk førde frå Egyptarland og dykk leidde i villmarki fram gjenom fyrti år til å vinna Amorit-landet.
“Ani biyya Amoorotaa isiniif kennuuf jedhee, biyya Gibxiitii isin baasee waggaa afurtama gammoojjii keessa isinan geggeesse.
11 Eg vekte profetar av dykkar søner, naziræarar bland dykkar ungdomar. Er det’kje so, de Israels-born? Segjer Herren.
“Akkasumas ani ilmaan keessan gidduudhaa raajota, dargaggoota keessan gidduudhaa immoo Naaziroota kaaseera. Yaa saba Israaʼel, wanni kun dhuguma mitii?” jedha Waaqayyo.
12 Men de gav naziræaran’ vin, og baud profetarn’ og sagde: «Profetera ikkje!»
“Isin garuu Naaziroota daadhii wayinii obaaftanii akka raajonnis raajii hin dubbanne ajajjan.
13 Sjå no skal eg lata det dynja under dykk som under ei full-lest kornvogn.
“Ani akkuma gaariin yommuu midhaaniin guutamu caccabu sana, amma isinan caccabsa.
14 Og den rappe kjem ingen stad av, og den sterke fær’kje bruka si magt, og kjempa skal’kje berga sitt liv.
Saffisaan hin miliqu; namoonni jajjaboon humna isaanii hin jabeeffatan; loltuunis lubbuu isaa hin oolfatu.
15 Mannen med bogen er magtlaus, og lett på fot kann’kje berga seg, og mannen på hest skal’kje berga sitt liv.
Abbaan xiyyaa jabaatee dhaabachuu hin dandaʼu; loltuun saffisaan fiigee jalaa hin baʼu; abbaan fardaas lubbuu isaa oolfachuu hin dandaʼu.
16 Hugdjervaste kjempa ho lyt naken røma på dagen den, segjer Herren.
Loltoonni akka malee jajjaboon iyyuu gaafas qullaa isaanii baqatu” jedha Waaqayyo.

< Amos 2 >