< Salmenes 79 >
1 En salme av Asaf. Gud! Hedninger har trengt inn i din arv, de har gjort ditt hellige tempel urent, de har gjort Jerusalem til grushoper.
Faarfannaa Asaaf. Yaa Waaqi, namoonni ormaa handhuuraa kee qabataniiru; mana qulqullummaa kee qulqullicha xureessaniiru; Yerusaaleminis barbadeessaniiru.
2 De har gitt dine tjeneres lik til føde for himmelens fugler, dine helliges kjøtt til ville dyr.
Akka isaan nyaata isaaniif taʼaniif, reeffa garboota keetii allaattii samiitiif, foon qulqulloota keetii immoo bineensota lafaatiif kennaniiru.
3 De har utøst deres blod som vann rundt omkring Jerusalem, og der var ingen som la dem i graven.
Dhiiga isaaniis naannoo Yerusaalemitti akkuma bishaanii dhangalaasan; namni isaan awwaalu tokko illee hin argamne.
4 Vi er blitt til skam for våre naboer, til spott og hån for dem som er omkring oss.
Ollaa keenya biratti maqaan nu badeera; warra naannoo keenya jiran birattis nama tuffii fi kolfaa taane.
5 Hvor lenge, Herre, vil du være vred evindelig? Hvor lenge skal din nidkjærhet brenne som ild?
Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti? Ati hamma bara baraatti aartaa? Hinaaffaan kees hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
6 Utøs din harme over hedningene, som ikke kjenner dig, og over de riker som ikke påkaller ditt navn!
Dheekkamsa kee sana saboota si hin beekne irratti, mootummoota maqaa kee hin waammanne irratti gad dhangalaasi;
7 For de har fortært Jakob og lagt hans bolig øde.
isaan Yaaqoobin liqimsaniiruutii; iddoo jireenya isaas balleessaniiru.
8 Tilregn oss ikke våre forfedres misgjerninger! La din miskunn snarlig komme oss i møte, for vi er såre elendige!
Cubbuu abbootii keenyaa nutti hin herregin; waan nu baayʼee gad deebifamneef, araarri kee dafee nu bira haa gaʼu.
9 Hjelp oss, vår frelses Gud, for ditt navns æres skyld, og fri oss og forlat oss våre synder for ditt navns skyld!
Yaa Waaqi Fayyisaa keenya, ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari; maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi; cubbuu keenya illee nuu dhiisi.
10 Hvorfor skal hedningene si: Hvor er deres Gud? La det for våre øine kjennes blandt hedningene at dine tjeneres utøste blod blir hevnet,
Ormoonni maaliif, “Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu ree? Dhiiga tajaajiltoota keetii kan dhangalaafame sanaaf, akka haaloo baaftu ija keenya duratti saboota gidduutti beeksisi.
11 la den fangnes sukk komme for ditt åsyn, la dødens barn bli i live efter din arms styrke,
Aaduun hidhamtootaa fuula kee dura haa gaʼu; jabina irree keetiitiin warra duuti itti murame oolchi.
12 og betal våre naboer syvfold i deres fang den hån som de har hånet dig med, Herre!
Yaa Gooftaa, arraba isaan ittiin si arrabsan, dachaa torba godhiitii ollaa keenyatti deebisi.
13 Og vi, ditt folk og den hjord du før, vi vil love dig evindelig; fra slekt til slekt vil vi fortelle din pris.
Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii, bara baraan si jajanna; dhalootaa hamma dhalootaattis, galata kee ni odeessina.