< Johannes 16 >
1 Dette har jeg talt til eder forat I ikke skal ta anstøt.
“Ani akka isin hin gufanneef jedhee wantoota kanneen isinitti himeera.
2 De skal utstøte eder av synagogene; ja, det kommer en tid da hver den som slår eder ihjel, skal tro at han viser Gud en dyrkelse.
Isaan mana sagadaa keessaa isin ariʼu; dhugumaan yeroon itti namni isin ajjeesu kam iyyuu akka waan Waaqa tajaajiluutti yaadu tokko ni dhufa.
3 Og dette skal de gjøre fordi de ikke kjenner Faderen og heller ikke mig.
Isaanis waan Abbaa yookaan na hin beekiniif wantoota kanneen godhu.
4 Men dette har jeg talt til eder, forat I, når timen kommer, da skal minnes at jeg sa eder det; men dette sa jeg eder ikke fra begynnelsen av, fordi jeg da var hos eder.
Anis akka isin yommuu yeroon sun gaʼutti isaan yaadattaniif wantoota kanneen isinitti himeera. Ani waanan isin wajjin tureef jalqabatti wantoota kanneen isinitti hin himne.
5 Men nu går jeg bort til ham som har sendt mig, og ingen av eder spør mig: Hvor går du hen?
“Amma garuu ani gara isa na ergee nan dhaqa; taʼus isin keessaa namni, ‘Ati eessa dhaqxa?’ jedhee na gaafatu tokko iyyuu hin jiru.
6 Men fordi jeg har talt dette til eder, har sorg fylt eders hjerte.
Garuu waan ani wantoota kanneen isinitti himeef garaan keessan gaddaan guutameera.
7 Men jeg sier eder sannheten: Det er til gagn for eder at jeg går bort; for går jeg ikke bort, da kommer talsmannen ikke til eder; men går jeg bort, da skal jeg sende ham til eder.
Ani garuu dhuguman isinitti hima; deemuun koo buʼaa isiniif qaba; yoo ani deeme malee Jajjabeessaan sun gara keessan hin dhufu; ani yoon deeme garuu isa isiniif nan erga.
8 Og når han kommer, skal han overbevise verden om synd og om rettferdighet og om dom:
Innis yommuu dhufutti akka addunyaan waaʼee cubbuu, waaʼee qajeelummaatii fi waaʼee murtii dogoggoree jiru mirkaneessa;
9 om synd, fordi de ikke tror på mig;
waaʼee cubbuu, sababii namoonni natti hin amanneef;
10 om rettferdighet, fordi jeg går til Faderen, og I ser mig ikke lenger;
waaʼee qajeelummaa, sababii ani gara Abbaa dhaquu fi sababii isinis siʼachi na hin argineef;
11 om dom, fordi denne verdens fyrste er dømt.
waaʼee murtii immoo sababii bulchaa addunyaa kanaatti murameef.
12 Ennu har jeg meget å si eder; men I kan ikke bære det nu;
“Ani amma iyyuu waanan isinitti himu baayʼee qaba; isin garuu amma baachuu hin dandeessan.
13 men når han, sannhetens Ånd, kommer, skal han veilede eder til hele sannheten; for han skal ikke tale av sig selv, men det som han hører, skal han tale, og de tilkommende ting skal han forkynne eder.
Hafuurri dhugaa sun yommuu dhufutti gara dhugaa hundaatti isin geessa. Inni waan dhagaʼu qofa dubbata malee ofuma isaatiin hin dubbatu; waan dhufuuf jirus isinitti hima.
14 Han skal herliggjøre mig; for han skal ta av mitt og forkynne eder.
Inni sababii waanuma koo fuudhee isinitti beeksisuuf ulfina naa kenna.
15 Alt det Faderen har, er mitt; derfor sa jeg at han tar av mitt og forkynner eder.
Wanni Abbaan qabu hundinuu kan koo ti. Inni waanuma koo fuudhee isinitti beeksisa jechuun koos kanumaaf.
16 Om en liten stund ser I mig ikke lenger, og atter om en liten stund skal I se mig.
“Isin yeroo muraasa booddee na hin argitan; yeroo muraasa booddee immoo deebitanii na argitu.”
17 Nogen av hans disipler sa da til hverandre: Hvad er dette han sier til oss: Om en liten stund ser I mig ikke, og atter om en liten stund skal I se mig; og: Jeg går til Faderen?
Barattoota isaa keessaas tokko tokko, “Inni, ‘Isin yeroo muraasaaf na hin argitan; yeroo muraasaaf immoo deebitanii na argitu’ akkanumas ‘Ani waanan gara Abbaa dhaquuf’ nuun jechuun isaa maal jechuu isaa ti?” waliin jedhan.
18 De sa da: Hvad er dette han sier: Om en liten stund? Vi forstår ikke hvad han mener.
Isaanis, “‘Yeroo muraasaaf’ jechuun isaa maal jechuu isaa ti? Maal jechuu isaa akka taʼe nu hin beeknu” jedhan.
19 Jesus visste at de vilde spørre ham, og han sa til dem: Grunder I på dette med hverandre at jeg sa: Om en liten stund ser I mig ikke, og atter om en liten stund skal I se mig?
Yesuus immoo akka isaan isa gaafachuu barbaadan beekee akkana jedheen; “Wanni ani, ‘Isin yeroo muraasaaf na hin argitan; yeroo muraasaaf immoo deebitanii na argitu’ jedhe sun maal jechuu koo akka taʼe wal gaafachaa jirtuu?
20 Sannelig, sannelig sier jeg eder: I skal gråte og jamre eder, men verden skal glede sig; I skal ha sorg, men eders sorg skal bli til glede.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin ni boossu; ni gadittus. Addunyaan garuu ni gammada. Isin ni gadditu; gaddi keessan garuu gammachuutti ni geeddarama.
21 Når kvinnen føder, har hun sorg, fordi hennes tid er kommet; men når hun har født sitt barn, kommer hun ikke lenger sin trengsel i hu, av glede over at et menneske er født til verden.
Dubartiin yommuu ciniinsifattu, waan yeroon ishee gaʼeef ni gadditi; erga daaʼima deessee booddee garuu waan addunyaa irratti namni dhalateef, isheenis waan gammadduuf dhiphina sana hin yaadattu.
22 Således har også I nu sorg; men jeg skal se eder igjen, og eders hjerte skal glede sig, og ingen tar eders glede fra eder.
Isinis akkasuma amma gadditaniirtu; ani garuu deebiʼeen isin ilaala; garaan keessanis ni gammada. Gammachuu keessanis eenyu iyyuu isin irraa hin fudhatu.
23 Og på den dag skal I ikke spørre mig om noget. Sannelig, sannelig sier jeg eder: Alt det I beder Faderen om, skal han gi eder i mitt navn.
Gaafas isin homaa na hin kadhattan. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kenna.
24 Hitinntil har I ikke bedt om noget i mitt navn; bed, og I skal få, forat eders glede kan bli fullkommen!
Isin hamma ammaatti maqaa kootiin homaa hin kadhanne. Akka gammachuun keessan guutuu taʼuuf kadhadhaa ni argattu.
25 Dette har jeg talt til eder i lignelser; det kommer en tid da jeg ikke lenger skal tale til eder i lignelser, men fritt ut forkynne eder om Faderen.
“Ani wantoota kanneen fakkeenyaan isinitti himeera; garuu yeroon ani deebiʼee fakkeenyaan isinitti hin dubbanne ni dhufa; yommus ani waaʼee Abbaa koo ifaan ifatti isinittin hima.
26 På den dag skal I bede i mitt navn, og jeg sier eder ikke at jeg skal bede Faderen for eder;
Isin gaafas maqaa kootiin ni kadhattu. Ani Abbaa isiniif nan kadhadha isiniin hin jedhu.
27 for Faderen selv elsker eder, fordi I har elsket mig og trodd at jeg er utgått fra Gud.
Isin waan na jaallattaniif, Waaqa biraa baʼuu koo waan amantaniif Abbaan mataan isaa isin jaallata.
28 Jeg er utgått fra Faderen og kommet til verden; jeg forlater verden igjen og går til Faderen.
Ani Abbaa biraa baʼee gara addunyaa dhufeera; ammas addunyaa dhiisee gara Abbaa nan dhaqa.”
29 Hans disipler sa: Se, nu taler du fritt ut og sier ingen lignelse;
Barattoonni isaas akkana jedhan; “Kunoo, ati amma iyyuu fakkeenyaan utuu hin taʼin ifaan ifatti dubbachaa jirta.
30 nu vet vi at du vet alt og ikke trenger til at nogen spør dig; derfor tror vi at du er utgått fra Gud.
Akka ati waan hunda beektuu fi akka namni tokko iyyuu gaaffii si gaafachuu hin barbaachifne nu amma ni beekna. Kanaanis nu akka ati Waaqa biraa baate ni amanna.”
31 Jesus svarte dem: Nu tror I;
Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Isin amma ni amantuu?
32 se, den stund kommer, og er kommet, da I skal spredes hver til sitt og late mig alene; men jeg er ikke alene, for Faderen er med mig.
Kunoo yeroon isin itti kophaatti na dhiiftanii tokkoon tokkoon keessan gara feetanitti bittinnooftan tokko ni dhufa. Ammuma iyyuu dhufeera. Garuu waan Abbaan koo na wajjin jiruuf ani kophaa koo miti.
33 Dette har jeg talt til eder forat I skal ha fred i mig. I verden har I trengsel; men vær frimodige! jeg har overvunnet verden.
“Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa.”