< Hebreerne 8 >
1 Men en hovedsak ved det som her sies, er dette: Vi har en sådan yppersteprest som satte sig ved høire side av Majestetens trone i himlene,
Waan nu dubbannu keessaa ijoon kana: Nu luba ol aanaa samii irra karaa mirga teessoo Isa Ulfina Qabeessa Samii keessaa sanaa taaʼe akkasii qabna.
2 med prestelig tjeneste i helligdommen, det sanne tabernakel, som Herren har reist, og ikke et menneske.
Innis iddoo qulqullummaa fi dunkaana isa dhugaa kan utuu namaan hin taʼin Gooftaadhaan dhaabame keessa tajaajila.
3 For hver yppersteprest innsettes jo til å frembære både gaver og slaktoffer, hvorfor det er nødvendig at også denne har noget å frembære.
Lubni ol aanaan kam iyyuu kennaa fi aarsaa dhiʼeessuuf muudama; kanaafuu lubni kun waan dhiʼeessu tokko qabaachuu qaba.
4 Var han nu altså på jorden, da var han ikke engang prest, da der er prester som efter loven bærer frem gavene,
Waan luboonni akka seeraatti kennaa dhiʼeessan duraanuu jiraniif, inni utuu lafa irra jiraatee silaa luba hin taʼu ture.
5 de som tjener ved et avbillede og en skygge av det himmelske, efter den forskrift som Moses fikk da han skulde gjøre tabernaklet; for han sier; Se til at du gjør alt efter det billede som blev vist dig på fjellet.
Isaanis iddoo qulqullummaa kan fakkeenyaa fi gaaddidduu wantoota samii tajaajilu. Waaqnis yommuu Museen dunkaana qulqulluu dhaabuuf kaʼetti, “Waan hunda akkuma fakkeenya tulluu irratti sitti argisiifame sanaatti hojjechuu kee mirkaneeffadhu!” jedhee isa akeekkachiisuun isaa kanumaaf.
6 Men nu har han fått en så meget bedre prestetjeneste som det og er en bedre pakt han er mellemmann for, da den er grunnlagt på bedre løfter.
Garuu akkuma kakuun inni Yesuus gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii.
7 For hadde hin første vært ulastelig, da var det ikke søkt rum for en annen;
Utuu kakuun jalqabaa sun mudaa qabaachuu baatee silaa kakuun lammaffaan hin barbaachisu ture.
8 det er jo lastende ord han taler til dem når han sier: Se, de dager kommer, sier Herren, da jeg vil oprette en ny pakt med Israels hus og med Judas hus,
Waaqni garuu saba sana irratti balleessaa argee akkana jedha; “Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, mana Yihuudaa wajjinis, kakuu haaraa galu ni dhufa jedha Gooftaan.
9 ikke efter den pakt som jeg gjorde med deres fedre på den dag da jeg tok dem ved hånden for å føre dem ut av Egyptens land; for de blev ikke i min pakt, og jeg brydde mig ikke om dem, sier Herren.
Kakuun kunis kakuu ani, yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale sanaan tokko miti; isaan kakuu kootti jabaatanii waan hin dhaabatiniif, ani isaan irraa gara galeera, jedha Gooftaan.
10 For dette er den pakt som jeg vil oprette med Israels hus efter hine dager, sier Herren: Jeg vil gi mine lover i deres sinn, og jeg vil skrive dem i deres hjerte, og jeg vil være deres Gud, og de skal være mitt folk,
Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan. Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.
11 og de skal ikke lære hver sin landsmann og hver sin bror og si: Kjenn Herren! for de skal alle kjenne mig, fra den minste til den største iblandt dem;
Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘Gooftaa beeki’ jedhee, ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu.
12 for jeg vil være nådig mot deres urettferdigheter og ikke mere komme deres synder i hu.
Ani daba isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
13 Idet han sier: en ny, har han dømt den første å være gammel; men det som blir gammelt og foreldes, er nær ved å bli borte.
Innis kakuu kanaan “haaraa” jedhee kakuu jalqabaa sana moofesseera; wanni moofaʼee fi wanni dulloome dafee bada.