< Matendu 3 >

1 Ligono limonga, lukumbi lwa saa tisa ya muhi, Petili na Yohani vavi mukuhamba Kunyumba ya Chapanga lukumbi lwa kumuyupa Chapanga.
Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo kadhannaatti jechuunis waaree booddee saʼaatii sagalitti mana qulqullummaatti ol baʼaa turan.
2 Hinu mundu mmonga mweavi ngagenda tangia peavelekiwi. Kila ligono vandu vamgegayi na kumvika pamlyangu wa Nyumba ya Chapanga weukemelewa “Mlyangu Wabwina.” Muni avayupayi vindu kwa vala veviyingila Munyumba ya Chapanga.
Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan “Miidhagaa” jedhamuutti geessu turan.
3 Peavawene Petili na Yohani viyingila Munyumba ya Chapanga, avayupili vampela mashonga.
Innis utuu Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaa seenanuu argee horii isaan kadhate.
4 Vene vakamlolokesa takataka, ndi Petili akamjovela, “Utilola!”
Phexrosis Yohannis wajjin namicha hubatee ilaalee, “Mee nu ilaali!” jedheen.
5 Ngagenda yula akavalola, ahololela ipewa chindu kuhuma kwavi.
Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale.
6 Nambu Petili akamjovela, “Nivii lepi na mashonga amala zahabu, nambu chenivi nachu yati nikukupela. Kwa uhotola wa Yesu Kilisitu wa ku Nazaleti, yima ugendayi!”
Phexrosis, “Ani meetii yookaan warqee hin qabu; ani garuu waan qabu siifin kenna. Maqaa Yesuus Kiristoos isa Naazreetiin ol kaʼii deemi!” jedhe.
7 Hinu akamkamula chiwoko cha kulyelela, akamyinula. Bahapo magendelu na mafugamilu gaki gakavya na makakala.
Phexrosis harka isaa mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miillaa fi gulubiin isaa ni jabaate.
8 Akahumba, akayima na kutumbula kugenda. Ndi akayingila nawu pamonga Munyumba ya Chapanga, igenda na kuhumba humba kuni akumlumbalila Chapanga.
Innis utaalee kaʼee miillaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa, Waaqas galateeffachaa isaan wajjin mana qulqullummaa seene.
9 Vandu voha vevavi penapo vamuwene igenda na kumlumbalila Chapanga,
Namoonni hundinuu yommuu deemuu isaatii fi Waaqa galateeffachuu isaa arganitti,
10 pavammanyili kuvya mwene ndi yula mweatama papipi na Mlyangu Wabwina Wa Nyumba ya Chapanga, na kuyupa vakakangasa neju hati nakugamanya gegamkolili.
akka inni namicha karra mana qulqullummaa kan, “Miidhagaa” jedhamu sana bira taaʼee kadhachaa ture sana taʼe hubatan; isaanis waan isaaf taʼe sanaaf akka malee raajeffatan; ni dinqifatanis.
11 Lukumbi pavamuwene mundu yula alongosini na Petili na Yohani, vandu voha vakavya mumkangaso ndi vajumbalili pandu pepakemeliwi “Libanji la Solomoni.”
Namoonni hundinuu yeroo namichi fayye sun Phexrosii fi Yohannis biraa deebiʼuu didetti dinqisiifatanii utuu isaan iddoo gardaafoo Solomoon jedhamu keessa jiranuu fiigaa isaanitti dhufan.
12 Hinu, Petili peavawene vandu, akavajovela, vandu va Isilaeli, ndava kyani mwikangaswa na lijambu ili? Kyani mukutilolokesa takataka ngati kwa makakala gitu amala ndava ya umsopi witu tavete timuhengili mundu uyu ahotola kugenda?
Phexrosis yommuu waan kana argetti akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel wanni kun maaliif isin dinqa? Akka waan nu humna yookaan qulqullummaa mataa keenyaatiin akka namichi kun deemu gooneetti maaliif ija nutti babaaftu?
13 Chapanga wa Ibulahimu na Izaki na Yakobo, ndi Chapanga wa vagogo vitu ampeli amulumbalili mtumisi waki Yesu. Nambu nyenye mwamkamwili na kumgotola kwa vachilongosi na kumng'anamukila na kumbela palongolo ya Pilatu, hati peamwili kumdindulila.
Waaqni abbootii keenyaa, Waaqni Abrahaam, Waaqni Yisihaaqii fi Waaqni Yaaqoob tajaajilaa isaa Yesuusin kabajeera. Isin garuu akka inni ajjeefamuuf dabarsitanii isa kennitan; Phiilaaxoos gad isa dhiisuu murteessu iyyuu isin fuuluma Phiilaaxoos duratti isa haaltan.
14 Mwene avili mweikita geigana Chapanga na msopi, nambu nyenye mwambelili ndi mwayupili mundu yungi mweavimkomaji adinduliwa.
Isinis isa qulqulluu fi qajeelaa sana gantanii akka namichi nama ajjeese sun gad isinii dhiifamu kadhattan.
15 Nyenye mwamkomili chanzu cha wumi, nambu Chapanga amyukisi kuhuma kwa vafwili, tavete taliwene lijambu lenilo.
Isin burqaa jireenyaa ajjeeftan; Waaqni garuu warra duʼan keessaa isa kaase; nus dhuga baatota waan kanaa ti.
16 Makakala na kumsadika Yesu ndi vyevi mpeli makakala mundu uyu mwemukumlola na kummanya. Sadika kwa Yesu ndi yeyimlamisi hotohoto mundu uyu ngati mwavoha chemukumlola.
Namichi isin argitanii fi isa beektan kun maqaa Yesuusitti amanuudhaan jabaate. Maqaa Yesuusii fi amantii karaa isaatiin dhufutu akkuma isin hundi argitan kana namicha kanaaf fayyaa guutuu kenne.
17 “Hinu, valongo vangu, nimanyili kuvya nyenye na vachilongosi vinu mwahengili ago ndava mwamanyili lepi.
“Ammas yaa obboloota, akka isinis utuu hin beekin akkuma bulchitoonni keessan gochaa turan sana gootan ani nan beeka.
18 Nambu Chapanga agahengili ago goha geajovili munjila ya vamlota va Chapanga voha kuvya yamganili Kilisitu ang'aika.
Waaqni garuu waan akka Kiristoos dhiphachuuf jiru duraan dursee karaa raajota hundaatiin dubbate sana akkanaan raawwate.
19 Muleka kubuda na mumuwuyila Chapanga, ndi mwene avalekekesa kumubudila.
Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Waaqaatti deebiʼaa;
20 Mukita genago, muni Bambu avapela lusenje lwa kupoleswa mitima na kuvaletela Kilisitu mweavahagulili ndi Yesu.
kunis akka inni Kiristoos isiniif filatame sana jechuunis Yesuusin erguuf.
21 Yikumgana mwene kusigalila kunani kwa Chapanga mbaka palubwela lukumbi vindu vyoha kukitwa vya mupya, ngati Chapanga cheajovili munjila ya vamlota vaki vamsopi vevatamili kadeni. (aiōn g165)
Innis hamma yeroon Waaqni itti waan hunda iddootti deebisu sun gaʼutti samii irra turuu qaba; Waaqnis bara dheeraadhaan dura karaa raajota isaa qulqullootaatiin waan kana dubbatee ture. (aiōn g165)
22 Muni, Musa ajovili, ‘Bambu Chapanga winu akuvayinulila mlota wa Chapanga ngati nene kuhuma kwa nyenye mwavene. Mumyuwanila mwene mu mambu goha geakuvajovela nyenye.
Museen akkana jedheeraatii; ‘Waaqni keessan Gooftaan sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa; isinis waan inni isinitti himu hunda dhagaʼaa.
23 Mundu yoyoha mwangamyuwanila mlota wa Chapanga mwenuyo, yati ibaguliwa kutali na vandu va Chapanga na kukomewa.’
Namni raajii sana hin dhageenye kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.’
24 Vamlota voha va Chapanga kuhuma Samueli na vangi vevagelekili, vakokwisi mambu aga gegihumila magono aga.
“Saamuʼeel irraa jalqabee raajonni isa duubaan dhufanii waa dubbatan hundi duraan dursanii waaʼee yeroo sanaa labsaniiru.
25 Na Chapanga alagazili vamlota vaki ndava yinu, na muyingila mu lilaganu leahengili na vagogo vitu, ngati chamjovili Ibulahimu, ‘Mu chiveleku chaku na vandu voha va pamulima yati vimotisiwa.’
Isin immoo ilmaan raajotaatii fi ilmaan kakuu Waaqni abbootii keessan wajjin seene sanaa ti. Innis Abrahaamiin, ‘Sabni lafa irraa hundi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama’ jedhe.
26 Ndi Chapanga amyukisi mtumisi waki, amtumili hoti kwa nyenye, avamotisa na kumkita kila mmonga winu alekana na uhakau waki.”
Waaqni yeroo Ilma isaa duʼaa kaasetti, tokkoo tokkoo keessan hammina irraa isin deebisuudhaan isin eebbisuuf jedhee jalqabatti gara keessanitti isa erge.”

< Matendu 3 >