< 1 Vakolinto 7 >
1 Hinu tilola mambu gala gamwaniyandili, chabwina mgosi akotoka kugega.
Waaʼee waan isin naa barreessitan sanaa, namni tokko utuu fuudhuu baatee isaaf gaarii dha.
2 Nambu ndava ya kuyepa ukemi, ndi kila mgosi avyai na mdala waki mwene, na kila mdala avyai na mgosi waki mwene.
Garuu waan halalummaan jiruuf dhiirri hundi niitii ofii isaa haa qabaatu; dubartiin hundis dhirsa ofii ishee haa qabaattu.
3 Mgosi amuhengelayi mdala waki chayiganikiwa, na mdala amuhengelayi mgosi waki chayiganikiwa.
Dhirsi waan niitii isaatiif malu haa guutuuf; niitiinis akkasuma dhirsa isheetiif haa guuttu.
4 Mdala kawaka uhotola ndava ya higa yaki mwene, nambu avili nawu mgosi waki, mewawa mgosi kawaka uhotola ndava ya higa yaki mwene, nambu mdala waki avili nawu.
Niitiin dhagna ofii ishee irratti aangoo hin qabdu; kan aangoo qabu dhirsa. Akkasuma immoo dhirsi dhagna ofii isaa irratti aangoo hin qabu; kan aangoo qabdu niitii dha.
5 Mkoto kunyimana, nambu ngati muyelewini kukita chenicho kwa lukumbi luhupi ndu, ndi mupatayi nafwasi yabwina ya kumuyupa Chapanga. Ndi muwuyilanayi kavili, Setani akotoka kuvalinga ndava muhotola lepi kudivalila mitima hinu.
Yoo kadhannaatti jabaachuuf jettanii yeroof itti walii galtan malee wal hin didinaa. Ergasiis akka of qabuu dadhabuu keessaniin Seexanni isin hin qorreef deebiʼaa wajjin jiraadhaa.
6 Malovi aga genikuvajovela malagizu lepi, nambu ndi nivalekekisi muhotola kuhagula.
Kanas ani eeyyamaan malee ajajaaf hin dubbadhu.
7 Chakaka, niganili vandu voha vavyai ngati nene, nambu kila mundu apewili njombi yaki mwene na Chapanga, yungi njombi iyi na yungi yila.
Ani utuu namni hundumtuu akkuma koo taʼee nan hawwa ture. Garuu namni hundi kennaa ofii isaa kan Waaqni isaaf kenne qaba; inni tokko kennaa tokko, kaan immoo kennaa biraa qaba.
8 Hinu, kwa vala vangagega na vala valipwela, nikuvajovela kuvya chabwina kuyendelela kutama vene ngati nene.
Ani warra hin fuudhinii fi warra hin heeruminiin, haadhota hiyyeessaatiin illee akkanan jedha: Isaan yoo akkuma koo fuudhaa fi heeruma malee hafan isaaniif wayya.
9 Nambu ngati mundu ihotola lepi kujidivalila. Chabwina mundu uyo agega kuliku kuvya na mnogo.
Yoo of qabuu dadhaban garuu haa fuudhan yookaan haa heeruman; hawwiin gubachuu irra fuudhuu yookaan heerumuu wayyaatii.
10 Kwa vala vevagegili niwusa mhilu uwu, lepi ya nene ndi kuhuma kwa BAMBU Chapanga. Mdala iganikiwa lepi kulekana na mgosi waki.
Warra fuudhanii fi warra heerumaniifis ajajni ani kennu kana: Ajaja kanas Gooftaatu kenna malee ana miti; niitiin dhirsa isheetiin gargar hin baʼin.
11 Ndi ngati alekini nayu, ndi asigalila changali kugegewa, ngati naha lepi, vamtepulanisa na mgosi waki. Na mgosi akotoka kumleka mdala waki.
Yoo gargar baate garuu utuu hin heerumin haa jiraattu; yoo kanaa achii dhirsa isheetti haa araaramtu. Dhirsis niitii isaa hin hiikin.
12 Kwa vangi, Nijova nene lepi BAMBU Ngati mgosi msadika ana mdala mwangasadiki, na mdala mwenuyo ayidikili kutama nayu, na mgosi mwenuyo akoto kumleka mdala waki.
Warra hafaniinis ani akkanan jedha: Kana immoo anatu jedha malee Gooftaa miti; obboleessi kam iyyuu yoo niitii amantii hin qabne qabaate, yoo isheenis isa wajjin jiraachuuf fedhii qabaatte, inni ishee hin hiikin.
13 Na ngati mdala mweisadika ana mgosi mwanga sadika, na mgosi mwenuyo akayidakila kutama nayu, ndi akotoka kumleka mgosi waki.
Dubartiin tokkos yoo dhirsa amantii hin qabne qabaatte, yoo innis ishee wajjin jiraachuuf fedhii qabaate, isheen isa hin hiikin.
14 Muni mgosi mwenuyo mwangasadika iyidikiliwa na Chapanga kwa kuwungana na mdala waki, na mdala uyo mwangasadika iyidikiwa na Chapanga kwa kuwungana na mgosi waki. Ngati ngayikotoka kuvya naha vana vavi ngavavi ngati vana va vandu vangammaya Chapanga, nambu hinu ndi vana va Chapanga.
Dhirsi amantii hin qabne karaa niitii isaatiin qulqulleeffameeraatii; niitiin amantii hin qabnes karaa dhirsa isheetiin qulqulleeffamteertii. Yoo kanaa achii ijoolleen keessan xuraaʼoo taʼu; amma garuu qulqulloota.
15 Nambu ngati mwangasadika igana kumuleka muyaki mwaisadika, ndi amuleka ndu. Penapo mgosi amala mdala mwaisadika yati ivya hulu. Muni Chapanga avakemili mutama kwa uteke.
Namni amantii hin qabne garuu yoo gargar baʼuu fedhe gargar haa baʼu. Obboleessi tokko yookaan obboleettiin tokko haala akkasii keessatti hin hidhaman; Waaqni akka isin nagaan jiraattaniif isin waameeraatii.
16 Veve mdala mwausadika, umanya wuli ngati kuvya ukumsangula mgosi waku? Amala veve mgosi mwausadika umanya wuli ngati kuvya ukumsangula mdala waku?
Yaa niitii, ati dhirsa kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta? Yookaan yaa dhirsa, ati niitii kee ni fayyifta taʼaatii maal beekta?
17 Kila mundu ayendelela kutama muwumi weapewili na BAMBU ngati cheatamayi pala peakemeliwi na Chapanga, chenichi ndi chanikuvajovela vandu voha kwa msambi wa vandu vevakumsadika Kilisitu woha.
Tokkoon tokkoon namaa garuu akkuma jireenya Gooftaan kenneefiitti, akkuma Waaqni isa waamettis haa jiraatu. Waldoota Kiristaanaa hunda keessattis ajajni koo kanuma.
18 Ngati mundu akemeliwi kuni adumwili jandu, ndi akotoka kukupakisa kuvya adumwili lepi jandu, na ngati pakemeliwi avili akona kudumula jandu, ndi akotoka kudumula.
Namni tokko waamamuu isaatiin dura dhagna qabatee ture? Inni nama dhagna hin qabatin taʼuu hin qabu. Namni tokko waamamuu isaatiin dura dhagna hin qabannee? Inni dhagna hin qabatin.
19 Muni, kudumula jandu amala changasindimala jandu chindu lepi, chechiganikiwa kuyidakila mihilu ya Chapanga.
Ajaja Waaqaa eeguutu faayidaa qaba malee dhagna qabachuun yookaan qabachuu baachuun faayidaa hin qabu.
20 Hinu, kila mundu avyai ngati cheavili peakemeliwi Chapanga.
Tokkoon tokkoon namaa haaluma yeroo Waaqni isa waametti keessa ture keessa haa jiraatu.
21 Wu, veve wavili wamvanda pewakemeliwi na Chapanga? Koto kuyoma, nambu ngati ukapatayi fwasi ya kuvya waka kita chenicho.
Ati yeroo waamamtetti garba turtee? Yoo akkas taʼe inni si hin yaaddessin; yoo bilisa baʼuu dandeesse garuu itti fayyadami.
22 Muni mwene mwakemeliwi na BAMBU kuni avili mvanda, mwenuyo ndi ilekeswa kwa BAMBU. Mewawa mwakemeliwi kuni alekiswi, ndi ivya mvanda wa Kilisitu.
Namni yeroo Gooftaadhaan waamametti garba ture inni gooftaadhaaf bilisa; akkasuma immoo namni yeroo waamametti bilisa ture inni garbicha Kiristoos.
23 Voha muguliwi kwa mashonga gamahele, ndi mkoto kuvya vavanda va vandu.
Isin gatiidhaan bitamtan; garboota namootaa hin taʼinaa.
24 Valongo vangu, kila mmonga winu atamayi wumi wulawula ngati cheakemeliwi, muni Chapanga avi pamonga na nyenye.
Yaa obboloota, tokkoon tokkoon namaa haaluma yeroo itti waamametti keessa tureen fuula Waaqaa dura haa jiraatu.
25 Hinu, kugavala gala gemwaniyandikili ndava ya vasongolo vangagega na vasikana vangagegewa kawaka malagizu kuhuma kwa BAMBU, nambu nikuvapela maholo gangu kwa lipyana la BAMBU niganikiwa kusadikiwa.
Ani waaʼee dubarran qulqulluu ajaja Gooftaan natti kenne hin qabu; garuu akka nama amanamaa taʼuuf araara Gooftaa argate tokkootti yaada koo nan kenna.
26 Ndi, ndava ya mang'ahiso ga magono aga, hinu chabwina mundu asigalila ngati cheavi.
Sababii rakkina ammaatiif jettanii akkuma jirtanitti turuun isiniif gaarii natti fakkaata.
27 Wu, ugegili mdala? Hinu koto kulekana na mdala waku. Wakona wangagega? Ndi ukoto kugega.
Ati niitiitti hidhamteertaa? Ishee hiikuu hin barbaadin. Ati niitii irraa hiikamteertaa? Niitii hin barbaadin.
28 Nambu ngati ukagegayi ukumbudila lepi Chapanga, kamwali akagegewayi akumbudila lepi Chapanga. Vevigegana yati ving'ahika muwumi wavi, nambu nene nigana ng'ani yikoto kuvakolela nyenye.
Ati garuu yoo fuute cubbuu hojjechuu kee miti; durbis yoo heerumte cubbuu hojjechuu ishee miti. Taʼus addunyaa kana irratti warra fuudhanii fi warra heeruman rakkinatu argata; ani immoo rakkina kana jalaa isin baasuun barbaada.
29 Valongo vangu, lukumbi lwalusigalili ndi luhupi: Kutumbula lelu vala vevagegili vatamayi ngati vagegili lepi,
Yaa obboloota, wanti ani jedhu kana; yeroon murteeffame sun gabaabateera; siʼachi warri niitii qaban akka waan hin qabaatiniitti haa jiraatan;
30 Vevivemba vavyai ngati vivemba lepi, veviheka vavyai ngati nakuheka, vevigula vavyai ngati kawaka chindu,
warri booʼan akka waan hin booʼiniitti, warri gammadan akka waan hin gammadiniitti, warri waa bitatan akka waan wanni bitatan sun kan isaanii hin taʼiniitti,
31 vevavi hengela vindu vya mulima uwu vavyai ngati vakuhihengela lepi. Muni mulima uwu uvi papipi kupita.
warri waan addunyaa kanaatti fayyadamanis akka waan itti hin fayyadaminiitti haa hedan. Bifti addunyaa kanaa ni badaatii.
32 Nigana nyenye mukoto kuvya na wogohi. Mundu angagega mdala mwene igana kuhenga lihengu la BAMBU muni ilinga kumganisa BAMBU.
Ani akka isin yaaddoo malee jiraattan nan hawwa. Namni hin fuudhin tokko Gooftaa gammachiisuuf dhimma Gooftaatti dhimma.
33 Nambu mgosi mweagegili ilola neju mambu ga mulima, kulonda kumganisa mdala waki,
Namni fuudhe garuu niitii isaa gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimma;
34 ndi akujibagula mwene chihiga na chimpungu. Mdala mwangagegewa ing'ahika na mambu ga BAMBU ndi awusayi higa na mpungu waki kwa BAMBU. Nambu mdala mwagegiwi ing'ahika na mambu ga mulima ndava ya kumganisa mgosi waki.
fedhiin isaas gargar qoodameera. Dubartiin hin heerumin yookaan durbi qulqulluun dhagnaa fi hafuuraan qulqulluu taʼuuf dhimma Gooftaatti dhimmiti. Dubartiin heerumte garuu dhirsa ishee gammachiisuuf dhimma addunyaatti dhimmiti.
35 Nikuvajovela genaga kwa chiyonjokesu chinu, lepi kuvadivalila kwa gala gemugana kuhenga. Nigana muhenga gegiganikiwa, mpata kumuhengela BAMBU kwa mtima woha changali kuhutwa na mambu gangi.
Kana jechuun koos isin fayyaduuf malee kiyyootti isin galchuuf miti; qooda kanaa akka isin yaada gargar hin hiraminiin karaa qajeelaa irra Gooftaaf jiraattan nan hawwa.
36 Ngati mundu ilola kuvya akumuhengela lepi chabwina mchumba waki kwa kuhamula kuleka kumugega na lukumbi lupita, kangi mnogu waki nakuuhotola ndi akitayi chaihotola, amugegayi ndu, ivya nakumbudila Chapanga.
Namni kam iyyuu yoo durba kaadhimate sirriitti qabuu baate, yoo umuriin ishee dabalaa deemee innis akka ishee fuudhuu qabu yaade, akkuma fedhii isaa haa godhu. Inni cubbuu hojjechuu isaa miti. Isaan wal fuudhuu qabu.
37 Nambu ngati mgosi uyo ahamwili kuhuma mumtima waki changali kung'ang'aniswa kuleka kugega, na ihotola lepi kuyileka minogu yaki, ikita chabwina, kuleka kumgega mdala uyo.
Garuu namni waan kana yaada ofii isaatiin murteesse, kan dirqama tokko illee jala hin jirree fedhii ofii isaa moʼachuu dandaʼu, kan akka durba sana hin fuune murteeffate, innis waan qajeelaa hojjete.
38 Mundu mweamwili kugega mdala ikita chabwina, mewa mweangagega mdala ikita chabwina neju.
Kanaafuu namni durba fuudhu waan qajeelaa hojjete; kan ishee fuudhuu dhiise immoo caalaa waan qajeelaa hojjete.
39 Mdala mweagegiwi ivya akungiwi na mgosi waki kwa lukumbi lwoha mgosi uyo lwaivya mumi. Nambu ngati mgosi waki afwili, mdala uyo ihotola kugegewa na mundu yoyoha, nambu kwa mgosi mweammanyili BAMBU Yesu Kilisitu.
Dubartiin tokko hamma dhirsi ishee jirutti isatti hidhamteerti. Yoo dhirsi ishee duʼe garuu isheen abbaa barbaaddetti heerumuuf bilisa; garuu inni nama Gooftaa taʼuu qaba.
40 Nambu chenihololela nene, mdala yati ivya na luheku neju ngati isigalila changali kugegewa, niholalela nene mewa nina Mpungu wa Chapanga.
Akka yaada kootti garuu isheen yoo utuu hin heerumin hafte caalaa gammaddi; anis Hafuura Waaqaa of keessaa nan qaba jedheen yaada.