< UDutheronomi 31 >

1 UMozisi wasehamba wakhuluma lamazwi kuIsrayeli wonke,
Ergasiis Museen dhaqee dubbii kana Israaʼel hundatti dubbate:
2 wathi kubo: Ngileminyaka elikhulu lamatshumi amabili lamuhla; kangiselamandla okuphuma lokungena. LeNkosi yathi kimi: Kawuyikuyichapha le iJordani.
“Ani amma nama waggaa dhibbaa fi digdamaa ti; siʼachis isin hoogganuu hin dandaʼu. Waaqayyo, ‘Ati Yordaanos hin ceetu’ naan jedheera.
3 INkosi uNkulunkulu wakho, yona izachapha phambi kwakho, yona izachitha lezizizwe zisuke phambi kwakho, ukuze udle ilifa lazo. UJoshuwa, yena uzachapha phambi kwakho, njengokutsho kweNkosi.
Waaqayyo Waaqni kee mataan isaa si dura ni ceʼa. Inni saboota kanneen fuula kee duraa ni barbadeessa; atis biyya isaanii ni dhaalta. Akkuma Waaqayyo jedhetti, Iyyaasuunis si dura ni ceʼa.
4 LeNkosi izakwenza kuzo njengokwenza kwayo kuSihoni lakuOgi, amakhosi amaAmori, lelizweni lawo, ewachithileyo.
Waaqayyo akkuma Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa sana biyya isaanii wajjin balleesse sana isaan kanneenis ni balleessa.
5 INkosi izazinikela-ke phambi kwenu, ukuze lenze kuzo njengokwemilayo yonke engililaye yona.
Waaqayyo dabarsee harka keessanitti isaan kenna; isinis waan ani isin ajaje hunda isaan gochuu qabdu.
6 Qinani, lime isibindi, lingesabi, lingatshaywa luvalo ngenxa yazo; ngoba iNkosi uNkulunkulu wakho, yiyo ehamba lawe; kayiyikukulahla, kayiyikukudela.
Cimaa; jabaadhaa. Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin deemaatii isin sababii isaaniitiif jettanii hin sodaatinaa yookaan hin rifatinaa; inni gonkumaa isin hin dhiisu yookaan isin hin gatu.”
7 UMozisi wasembiza uJoshuwa, wathi kuye phambi kwamehlo kaIsrayeli wonke: Qina, ume isibindi; ngoba wena uzangena lalababantu elizweni iNkosi eyalifungela oyise ukubanika lona; uzabenza badle ilifa lalo.
Kana irratti Museen Iyyaasuu ofitti waamee fuula Israaʼel hundaa duratti akkana jedheen; “Ati sababii biyya Waaqayyo isaaniif kennuuf abbootii isaaniitiif kakatetti galuuf saba kana wajjin deemtuuf cimi; jabaadhus; biyyattiis akka dhaalan godhi.
8 Njalo iNkosi, yiyo ehamba phambi kwakho; yona izakuba lawe, ingakulahli, ingakudeli; ungesabi, ungakhathazeki.
Waaqayyo mataan isaa si dura ni deema; si wajjinis ni jiraata; inni si hin dhiisu yookaan si hin gatu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin.”
9 UMozisi wasewubhala lumlayo, wawunika abapristi, amadodana kaLevi, ababethwala umtshokotsho wesivumelwano seNkosi, lakubo bonke abadala bakoIsrayeli.
Museenis seera kana barreessee ilmaan Lewwii kanneen luboota taʼanii taabota kakuu Waaqayyoo baatanii fi maanguddoota Israaʼel hundatti kenne.
10 UMozisi wasebalaya esithi: Ekupheleni kweminyaka eyisikhombisa, ngesikhathi esimisiweyo somnyaka wenkululeko, emkhosini wamadumba,
Ergasiis Museen akkana jedhee isaan ajaje; “Dhuma waggaa torbaffaatti, yeroo itti gatiin dhiifamutti, yeroo itti Ayyaanni Daasii ayyaaneffamutti,
11 lapho uIsrayeli wonke esefike ukubonakala phambi kweNkosi uNkulunkulu wakho endaweni ezayikhetha, uwubale lumlayo phambi kukaIsrayeli wonke endlebeni zabo.
yommuu Israaʼel hundi fuula Waaqayyo Waaqa keetii duratti mulʼachuuf lafa inni filatu dhufanitti akka isaan dhagaʼaniif fuula isaanii duratti seera kana isaanii dubbifta.
12 Buthanisa abantu, abesilisa labesifazana labantwana, lowemzini wakho ophakathi kwamasango akho, ukuze bezwe, lokuze bafunde, bayesabe iNkosi uNkulunkulu wenu, bagcine ukwenza wonke amazwi alumlayo.
Akka isaan dubbii seera kanaa hunda dhagaʼanii Waaqayyo Waaqa kee sodaachuu baratanii fi of eeggannaadhaan faana buʼaniif namoota jechuunis dhiirota, dubartoota, ijoollee fi alagoota magaalaawwan kee keessa jiraatan walitti qabi.
13 Labantwana babo abangaziyo bezwe, bafunde ukuyesaba iNkosi uNkulunkulu wenu, zonke izinsuku zokuphila kwenu, elizweni elichapha iJordani lisiya kulo ukudla ilifa lalo.
Bara isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan keessa jiraattan guutuu ijoolleen isaanii kanneen seera kana hin beeknes dhagaʼuu fi Waaqayyo Waaqa isaanii sodaachuu barachuu qabu.”
14 INkosi yasisithi kuMozisi: Khangela, insuku zakho zokufa sezisondele; biza uJoshuwa, zimiseni ethenteni lenhlangano ukuze ngimlaye. UMozisi loJoshuwa bahamba-ke, bazimisa ethenteni lenhlangano.
Waaqayyo Museedhaan, “Yeroon ati duutu dhiʼaateera. Akka ani waan inni hojjechuu malu itti himuuf Iyyaasuu waamiitii dunkaana wal gaʼii biratti dhiʼaadhaa” jedhe. Musee fi Iyyaasuunis dhufanii dunkaana wal gaʼii duratti dhiʼaatan.
15 INkosi yasibonakala ethenteni ensikeni yeyezi; lensika yeyezi yema phezu komnyango wethente.
Waaqayyo utubaa duumessaatiin dhufee dunkaanicha keessatti mulʼate; duumessi sunis balbala dunkaanichaa dura dhaabate.
16 INkosi yasisithi kuMozisi: Khangela, uzalala laboyihlo; lalababantu bazasukuma baphinge ngokulandela onkulunkulu bezizweni belizwe, lapho abaya khona phakathi kwabo, bangitshiye, bephule isivumelwano sami engisenze labo.
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; “Ati abbootii kee wajjin ni boqotta; sabni kun immoo yommuu suma biyya dhaaluuf itti galutti waaqota Namoota Ormaa duukaa buʼee sagaagaluu jalqaba. Isaan na dhiisanii kakuu ani isaan wajjin gale ni cabsu.
17 Lentukuthelo yami izabavuthela ngalolosuku, ngibatshiye, ngibafihlele ubuso bami, ukuze babe yikudla, behlelwe ngokubi okunengi lezinhlupheko, baze bathi ngalolosuku: Angithi lobububi busehlele ngoba uNkulunkulu wethu kakho phakathi kwethu?
Gaafas ani isaanitti aaree isaan nan dhiisa; fuula koos isaan duraa nan dhoksa; isaanis ni barbadeeffamu. Badiisaa fi rakkoo baayʼeetu isaanitti dhufa; isaanis gaafasi, ‘Badiisni kun waan Waaqni keenya nu wajjin hin jirreef nutti dhufe mitii?’ jedhanii gaafatu.
18 Lami ngizafihla lokufihla ubuso bami ngalolosuku ngenxa yobubi bonke ababenzileyo, ngoba bephendukele kwabanye onkulunkulu.
Waan isaan gara waaqota biraatti garagalaniif ani sababii hammina isaanii hundaatiif guutumaan guutuutti fuula koo isaan duraa nan dhokfadha.
19 Ngakho-ke zibhaleleni lingoma, uyifundise abantwana bakoIsrayeli; uyifake emlonyeni wabo ukuze lingoma ibe yibufakazi kimi obumelene labantwana bakoIsrayeli.
“Akka isaanitti ragaa naa taʼuuf, faarfannaa kana barreeffadhuutii akka isaan faarfataniif Israaʼeloota barsiisi.
20 Lapho sengibangenisile elizweni engalifungela oyise, eligeleza uchago loluju, sebedlile basutha, bazimuka, bazaphendukela kwabanye onkulunkulu, babakhonze, bangidelele, bephule isivumelwano sami.
Yommuu ani biyya aannanii fi dammi keessaa burqu kan ani abbootii isaaniitiif kakuudhaan waadaa galetti isaan fidutti isaan nyaatanii quufanii narraa garagaluudhaan waaqota biraa waaqeffatu; na dhiisaniis kakuu koo ni cabsu.
21 Kuzakuthi-ke, nxa sebehlelwe ngokubi okunengi lezinhlupheko, lingoma izaphendula phambi kobuso babo ibe yibufakazi; ngoba kayiyikukhohlakala emlonyeni wenzalo yabo. Ngoba ngiyawazi amacebo abo abawenzayo lamuhla, ngingakabangenisi elizweni engifunge ngalo.
Faarfannaan kunis yommuu badiisnii fi rakkinni isaanitti dhufuti ragaa isaanitti taʼa; kun sanyii isaanii keessatti hin irraanfatamuutii. Ani utuu biyya kakuudhaan waadaa isaanii galetti isaan hin fidin iyyuu waan isaan gochuuf yaadan nan beekaatii.”
22 UMozisi wasebhala lingoma ngalolosuku, wayifundisa abantwana bakoIsrayeli.
Kanaafuu Museen gaafas faarfannaa kana barreessee Israaʼeloota barsiise.
23 Yasilaya uJoshuwa indodana kaNuni yathi: Qina, ume isibindi, ngoba wena uzabangenisa abantwana bakoIsrayeli elizweni engabafungela lona; lami ngizakuba lawe.
Waaqayyos Iyyaasuu ilma Nuunitiif ajaja, “Ati sababii biyya ani kakuudhaan waadaa isaanii galetti Israaʼeloota galchituuf cimi, jabaadhu; ani mataan koo si wajjin jiraa” jedhu kenne.
24 Kwasekusithi uMozisi eseqedile ukubhala amazwi alumlayo egwalweni, aze aphela,
Museen erga dubbii seera kanaa jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba irratti barreessee fixee booddee,
25 uMozisi walaya amaLevi ayethwala umtshokotsho wesivumelwano seNkosi esithi:
Lewwota taabota kakuu Waaqayyoo baataniif ajaja kana kenne:
26 Thathani lolugwalo lomlayo, lilubeke eceleni komtshokotsho wesivumelwano seNkosi uNkulunkulu wenu, ukuze lube khona, kube yibufakazi obumelene lawe.
“Kitaaba Seeraa kana fudhuutii taabota kakuu Waaqayyo Waaqa keetii bira kaaʼi. Kunis akka inni achuma taaʼee ragaa isinitti taʼuuf.
27 Ngoba mina ngiyazi umvukela wakho, lentamo yakho elukhuni; khangelani, ngisaphila lani lamuhla, belingabavukeli beNkosi; pho, kangakanani emva kokufa kwami?
Ani akka isin finciltootaa fi mata jabeeyyii taatan nan beekaatii. Isin yoo utuma ani jiruu Waaqayyotti finciltan, erga ani duʼee booddee immoo hammam caalaa haa finciltan ree!
28 Buthanisani kimi bonke abadala bezizwe zenu lenduna zenu ukuze ngikhulume lamazwi endlebeni zabo, ngibize amazulu lomhlaba ukuba ngabafakazi bamelane labo.
Akka ani akka isaan dhagaʼaniif dubbii kana isaanitti hime akka isaanitti ragaa taʼuuf samii fi lafa waammachuu dandaʼuuf maanguddoota gosoota keessanii hundaa fi qondaaltota keessan hunda fuula koo duratti walitti qabaa.
29 Ngoba ngiyazi ukuthi emva kokufa kwami lizakona lokona, liphambuke endleleni engililaye yona; lizakwehlelwa ngokubi ngensuku ezizayo, ngoba lizakwenza okubi emehlweni eNkosi, liyithukuthelise ngomsebenzi wezandla zenu.
Ani akka isin erga ani duʼee booddee guutumaan guutuutti xurooftanii ajaja ani isinii kenne irraa garagaltan nan beekaatii. Baroota dhufuuf jiran keessa rakkinni isinitti dhufa; isin fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjettanii hojiidhuma harka keessaniitiin dheekkamsaaf isa kakaaftuutii.”
30 UMozisi wasekhuluma amazwi alingoma endlebeni zebandla lonke lakoIsrayeli, aze aphela.
Museenis jalqabaa hamma dhumaatti dubbii faarfannaa kanaa guutummaa waldaa Israaʼelitti akkana jedhee dhageessise:

< UDutheronomi 31 >