< 1 KwabaseKhorinte 3 >
1 Lami-ke, bazalwane, bengingelakukhuluma lani njengabakomoya, kodwa njengakwabakwenyama, njengakwabayizingane kuKristu.
Yaa obboloota, ani akka namoota foonii warra Kiristoositti daaʼimman taataniitti malee akka namoota Hafuuraatti isinitti dubbachuu hin dandeenye.
2 Ngalinathisa uchago, kungeyisikho ukudla okuqinileyo; ngoba belingakenelisi, yebo lakhathesi kalikenelisi;
Waan isin nyaata jabaa nyaachuu hin gaʼiniif ani aannan isiniif kenne malee nyaata cimaa isinii hin kennine. Dhugumaan isin amma iyyuu nyaachuu hin dandeenye.
3 ngoba lisengabenyama; ngoba lokhu kukhona phakathi kwenu umhawu lokuphikisana lokwehlukana, kalisibo abenyama, lihamba ngokwabantu yini?
Isin amma iyyuu nama foonii ti. Sababii hinaaffaa fi wal qoccoluun isin gidduu jiruuf isin nama foonii mitii? Akkuma namoota kaaniitti jiraattu mitii?
4 Ngoba nxa omunye esithi: Mina ngingokaPawuli, lomunye athi: Mina okaApolosi, kalisibo yini abenyama?
Namni tokko, “Ani kan Phaawulos” jedhee, inni kaan immoo, “Ani kan Apholoos” yoo jedhe isin namuma qofa mitii ree?
5 Kanti uPawuli uyini, loApolosi uyini, kodwa izisebenzi elakholwa ngazo, lanjengoba iNkosi yanika kulowo lalowo?
Egaa Apholoos eenyu? Phaawulosis eenyu? Isaan warra akkuma hojii Gooftaan tokkoo tokkoo isaaniitiif kenneetti tajaajilanii dha; isin immoo karaa isaaniitiin amantan.
6 Mina ngahlanyela, uApolosi wathelela, kodwa uNkulunkulu wakhulisa.
Ani nan dhaabe; Apholoos bishaan obaase; Waaqni garuu ni guddise.
7 Ngakho ohlanyelayo kasilutho, loba othelelayo, kodwa uNkulunkulu okhulisayo.
Kanaafuu Waaqa isa guddisu sana malee namichi dhaabu yookaan inni bishaan obaasu sun homaa miti.
8 Ohlanyelayo kanye lothelelayo banye; kodwa ngulowo lalowo uzakwemukela owakhe umvuzo njengowakhe umsebenzi.
Inni dhaabus, inni bishaan obaasus tokkuma; tokkoon tokkoon isaaniis akkuma dadhabbii isaaniitti gatii ni argatu.
9 Ngoba siyizisebenzi zikaNkulunkulu kanye laye; liyinsimu kaNkulunkulu, liyisakhiwo sikaNkulunkulu.
Nu warra Waaqa wajjin hojjennuu dha; isin lafa qotiisaa Waaqaa ti; ijaarsa Waaqaatis.
10 Ngokomusa kaNkulunkulu engiwuphiweyo, njengomakhi omkhulu ohlakaniphileyo ngabeka isisekelo, lomunye wakha phezu kwaso. Kodwa kakube ngulowo lalowo abone ukuthi wakha njani phezu kwaso.
Anis ayyaana Waaqni naa kenneen akkuma ogeessa ijaarsaa tokkootti hundee buuseera; namni kaan immoo isa irratti ijaaraa jira. Garuu tokkoon tokkoon namaa akkamitti akka ijaaru of eeggachuu qaba.
11 Ngoba akulamuntu ongabeka esinye isisekelo ngaphandle kwaleso esibekiweyo, esinguJesu Kristu.
Namni tokko iyyuu hundee duraan buufame sana malee kan biraa buusuu hin dandaʼuutii; hundeen sunis Yesuus Kiristoos.
12 Kodwa uba umuntu esakhela phezu kwalesisisekelo igolide, isiliva, amatshe aligugu, izigodo, utshani, inhlanga,
Namni kam iyyuu yoo hundee sana irratti warqeen, meetiin, dhagaa gatii guddaatiin, mukaan, citaan yookaan hoffaan ijaare,
13 umsebenzi walowo lalowo uzavela obala; ngoba usuku luzawudalula, ngoba luzavezwa emlilweni; umlilo uzahlola umsebenzi walowo lalowo ukuthi unjani.
guyyaan sun waan ifatti isa baasuuf hojiin isaa maal akka taʼe ni beekama. Innis ibiddaan ifatti baafama; ibiddi sunis qulqullina hojii nama hundaa ni qora.
14 Uba umsebenzi womuntu awakhe phezulu usima, uzakwemukela umvuzo.
Yoo wanni inni ijaare utuu hin gubatin hafeef inni gatii isaa ni argata.
15 Uba umsebenzi womuntu uzatshiswa, uzalahlekelwa; kodwa yena uqobo ezasindiswa, kodwa ngokunjalo njengangomlilo.
Namni hojiin isaa jalaa gubate kam iyyuu gatii isaa ni dhaba; inni mataan isaa garuu ni oolfama; taʼus akka nama ibidda keessa darbeetti oolfama.
16 Kalazi yini ukuthi lilithempeli likaNkulunkulu, lokuthi uMoya kaNkulunkulu uhlala kini?
Isin akka mana qulqullummaa Waaqaa taatanii fi akka Hafuurri Waaqaa isin keessa jiraatu hin beektanii?
17 Uba umuntu echitha ithempeli likaNkulunkulu, uNkulunkulu uzamchitha yena; ngoba ithempeli likaNkulunkulu lingcwele, eliyilo lina.
Eenyu iyyuu yoo mana qulqullummaa Waaqaa balleesse, Waaqni isa ni balleessa; manni qulqullummaa Waaqaa qulqulluudhaatii; manni qulqullummaa sunis isin.
18 Kakungabi khona ozikhohlisayo; uba umuntu phakathi kwenu ecabanga ukuthi uhlakaniphile kulumhlaba, kumele abe yisithutha, ukuze ahlakaniphe. (aiōn )
Eenyu iyyuu of hin gowwoomsin. Isin keessaa namni tokko yoo addunyaa kana irratti ogeessa of seʼe, inni akka ogeessa taʼuuf gowwaa haa taʼu. (aiōn )
19 Ngoba inhlakanipho yalumhlaba iyibuthutha kuNkulunkulu. Ngoba kulotshiwe ukuthi: Ubamba abahlakaniphileyo ebuqilini babo;
Ogummaan addunyaa kanaa fuula Waaqaa duratti gowwummaadhaatii. Kunis isa, “Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba” jedhamee barreeffamee dha.
20 njalo lokuthi: INkosi iyayazi imicabango yabahlakaniphileyo, ukuthi iyize.
Akkasumas, “Gooftaan akka yaadni ogeeyyii faayidaa hin qabne ni beeka” jedhameera.
21 Ngakho kakungabi khona ozincoma ngabantu; ngoba zonke izinto ngezenu,
Kanaafuu eenyu iyyuu namaan hin booniin! Wanni hundinuu keessaniitii;
22 loba uPawuli, loba uApolosi, loba uKefasi, loba umhlaba, loba impilo, loba ukufa, loba izinto ezikhona, loba izinto ezizayo; konke ngokwenu,
Phaawulosis taʼu Apholoos yookaan Keefaan yookaan addunyaan yookaan jireenyi yookaan duuti yookaan wanti amma jirus taʼu wanti dhufu hundinuu keessan;
23 lina-ke lingabakaKristu, loKristu ungokaNkulunkulu.
isin kan Kiristoos; Kiristoos immoo kan Waaqaa ti.