< Bhaloma 13 >

1 Kila mundu aukunde upalume utagwala gula, pabha gwakwa upalume gogowe ukabhikwa na a Nnungu, na ukulungwa gogowe upali gula ushibhikwa na a Nnungu.
Namni kam iyyuu warra taayitaa bulchiinsaa irra jiran jalatti buluu qaba; yoo Waaqa irraa taʼe malee taayitaa qabaachuun hin dandaʼamuutii. Warra taayitaa qaban Waaqatu muude.
2 Kwa nneyo akuntauka kalongolele anatauka ya kupinga a Nnungu, numbe bhaatendanga nneyo shibhaukumulwanje.
Kanaafuu namni abbootii taayitaatiin mormu sirna Waaqaatiin morma; warri akkas godhanis murtii ofitti fidu.
3 Pabha bhakwetenje ukulungwa bhakakwaajogoyanga bhatendanga ya mmbone, ikabhe bhatendanga itendi yangali ya mmbone. Bhai bhuli nnipinga nnaajogope bhakwete ukulungwa? Ntende ya mmbone, penepo shibhannumbilile.
Bulchitoonni warra waan hamaa hojjetan malee warra waan gaarii hojjetan hin sodaachisan. Ati akka nama taayitaa qabu hin sodaanne ni barbaaddaa? Egaa waan gaarii hojjedhu; inni iyyuu si galateeffataatii.
4 Pabha bhenebho ni bhatumishi bha a Nnungu kwa ligongo lya kuntendela mmwe ya mmbone. Ikabheje, ntendaga yangali ya mmbone, penepo shumwaajogope, pabha bhashikola mashili ga ukumula. Bhenebho bhanakwatumishila a Nnungu kwa kwaaukumulanga mboteko bhatendanga yangali ya mmbone.
Inni waan gaarii siif gochuudhaaf tajaajilaa Waaqaatii. Ati garuu yoo waan hamaa hojjette sodaadhu; inni akkasumaan goraadee hin qabatuutii. Inni tajaajilaa Waaqaa kan warra waan hamaa hojjetan irratti dheekkamsa fiduun haaloo baasuu dha.
5 Kwa nneyo inapinjikwa kwaakundanga bhakwetenje ukulungwa gogowe, nngabha kwa ligongo lya jogopa ukumu ja mboteko, ikabhe kwa ligongo lya ng'aniyo ya muntima.
Kanaafuu sababii dheekkamsaa qofaaf utuu hin taʼin, yaada qulqulluudhaan warra taayitaa irra jiran jalatti buluun barbaachisaa dha.
6 Kwa ligongo lyolyo nnalipanga koli, pabha bhanganyabho ni bhakamula liengo bha a Nnungu na mubhalonjeyanga nniengo lyolyo.
Isinis kanumaaf qaraxa baaftu; abbootiin taayitaa tajaajiltoota Waaqaa warra yeroo isaanii guutuu hojii bulchiinsaatiif kennaniidhaatii.
7 Mumpanganje kila mundu malinga shiikupinjikwa. Nkamula koli, apegwe koli. Nkulonga upambi, apegwe upambi. Apinjikwa kuishimiwa, aishimiwe. Apinjikwa kukuywa, akuywe.
Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa.
8 Nnakolanje ligambo kuka mundu jojowe, ikabhe ligambo lya pinganape, pabha akumpinga nnjakwe anakamula shalia ja Musha.
Isin wal jaallachuu malee gatii tokko illee of irraa hin qabaatinaa; namni nama biraa jaallatu kam iyyuu seera raawwateeraatii.
9 Pabha yene amulii, “Unalabhelabhe eu Unabhulaje eu Unalokolile,” na amuli ina yowe, inamalila kwa kamula amuli jimo, “Gumpinje ntami nnjako malinga shukwiipinga gwamwene.”
Ajajawwan, “Hin ejjin; hin ajjeesin; hin hatin; hin hawwin” jedhanii fi ajajni biraas seera, “Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu” jedhu kanaan walitti guduunfamu.
10 Pabha gumpingaga ntami nnjako, ukantendela yangali ya mmbone. Bhai, kupingana ni kutimilila kwa shalia.
Jaalalli ollaa isaa hin miidhu. Kanaafuu jaalalli raawwii seeraa ti.
11 Mmumanyanje kuti malanga ga jumuka gaishe, na nnaino malanga ga ntapulo gwetu gabhandishile kwa kaje, kupunda mobha gutwatandwibhe kulupalila.
Yeroon isin hirribaa dammaqxan amma akka taʼe hubadhaa. Yeroo nu itti amanne sana caalaa fayyinni keenya amma nutti dhiʼaateeraatii.
12 Shilo shikakabha mala, na mui unabhandishila, bhai tuileshe itendi ya nnubhindu, niwala ikomanilo ya nshilangaya.
Halkan bariʼuu gaʼeera; guyyaanis dhiʼaateera. Kanaafuu hojii dukkanaa of irraa gannee miʼa lolaa kan ifaa haa hidhannu.
13 Malinga shiikupinjikwa tenda mui, tutame kwa tungamana, nngabha kwa doka, kolelwa, kwetela, labhalabha, mipwai na lupimililo.
Kottaa akka yeroo guyyaatti amala gaariin haa jiraannu; addaggummaa fi machiidhaan miti; jireenya sagaagalummaa fi gad dhiisiitiin miti; wal loluu fi hinaaffaadhaan miti.
14 Ikabhe nnundananje na Bhakulungwa a Yeshu Kilishitu mbuti shiwalo shenunji, wala nnaganishiyanje ga ilokoli ya nshiilu ikumpinganga ntendanje yambi.
Qooda kanaa Yesuus Kiristoos Goofticha uffadhaa; akka itti hawwii foonii gammachiiftan hin yaadinaa.

< Bhaloma 13 >