< Hakaraia 1 >

1 I te waru o nga marama, i te rua o nga tau o Tariuha, ka puta mai te kupu a Ihowa ki a Hakaraia, tama a Perekia, tama a Iro poropiti; i mea ia,
Bara Daariyoos keessa, jiʼa saddeettaffaa waggaa lammaffaatti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Zakkaariyaas raajicha ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe:
2 Nui atu te riri o Ihowa ki o koutou matua.
“Waaqayyo akka malee abbootii keessanitti aaree ture.
3 Na mea atu ki a ratou, Ko te kupu tenei a Ihowa o nga mano: Tahuri mai ano ki ahau, e ai ta Ihowa o nga mano, a ka tahuri atu ano hoki ahau ki a koutou, e ai ta Ihowa o nga mano.
Kanaafuu akkana jedhii sabatti himi; Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Gara kootti deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu; ‘Anis gara keessanitti nan deebiʼaa’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
4 Kei rite koutou ki o koutou matua, i karanga ra nga poropiti o mua ki a ratou, i mea, Ko te kupu tenei a Ihowa o nga mano, Tahuri mai inaianei i o koutou ara kino, i a koutou mahi kino: otiia kihai ratou i rongo, kihai hoki i whai taringa ki ahau, e ai ta Ihowa.
Isin akka abbootii keessan kanneen raajonni durii, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, ‘Karaa keessan hamaa fi gochawwan keessan hamaa sana irraa deebiʼaa’ jedha, jedhanii itti lallaban sanaa hin taʼinaa. Isaan garuu hin dhaggeeffatan yookaan na hin qalbeeffatan, jedha Waaqayyo.
5 Ko o koutou matua, kei hea ratou? a ko nga poropiti, e ora tonu ana ranei ratou ake aka?
Abbootiin keessan amma eessa jiru? Raajonnis bara baraan jiraatuu?
6 Na, ko aku kupu me aku tikanga i whakahaua e ahau ki aku pononga, ki nga poropiti, kihai ranei o koutou matua i rokohanga e era? a hoki mai ana ratou, mea ana, Ka pera i ta Ihowa o nga mano i whakaaro ai kia meatia ki a matou, he mea whakarite ki o matou ara, ki a matou mahi; ka pera tonu tana ki a matou.
Garuu dubbiin koo fi seerri koo kan ani tajaajiltoota koo raajota ajaje sun abbootii keessan irra hin geenyee? “Ergasii isaan qalbii jijjiirratanii, ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkuma gochuuf murteesse sanatti waan karaa keenyaa fi gochawwan keenyaaf malu nutti godhe’ jedhan.”
7 I te rua tekau ma wha o nga ra o te tekau ma tahi o nga marama, ara o te marama Hepata, i te rua o nga tau o Tariuha, ka puta mai te kupu a Ihowa ki a Hakaraia tama a Perekia, tama a Iro poropiti; i mea ia,
Bara Daariyoos keessa, waggaa lammaffaatti, bultii afuraffaa jiʼa kudha tokkoffaa, jiʼa Shebaaxi jedhamu keessa dubbiin Waaqayyoo gara Zakkaariyaas raajichaa ilma Berekiyaa, ilma Iddoo dhufe.
8 I titiro ahau i te po, na ko tetahi tangata e noho ana i runga i te hoiho whero, a tu ana ia i roto i nga ramarama i te wharua; a i muri atu i a ia ko etahi hoiho, he whero, he kopurepure, he ma.
Ani halkan keessa mulʼataan namicha farda diimaa yaabbatu tokko fuula koo duratti nan arge! Innis mukkeen kusaayee kanneen laga keessaa gidduu dhaabatee ture. Dugda isaa duubaan fardeen diddiimoo, mammagaallanii fi adaadiitu ture.
9 Na ka mea atu ahau, E toku ariki, he aha enei? A ka ki mai te anahera i korero ki ahau, Maku e whakaatu ki a koe te tikanga o enei.
Anis, “Yaa gooftaa ko, wantoonni kunneen maali!” jedheen gaafadhe. Ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa tures, “Isaan maal akka taʼan ani sin argisiisa” naan jedhe.
10 Na ka oho mai te tangata i tu ra i roto i nga ramarama, ka mea, Ko nga mea enei i unga atu nei e Ihowa hei haereere i te whenua.
Kana irratti namichi mukkeen kusaayee gidduu dhaabatee jiru sun, “Kunneen warra akka isaan guutummaa lafaa keessa deemaniif Waaqayyo ergee dha” jedhee naa ibse.
11 Na ka whakahoki ratou ki te anahera a Ihowa e tu ana i roto i nga ramarama, ka mea, Kua haereerea e matou te whenua, nana, kei te ata noho te whenua katoa, kei te marie.
Isaanis, “Nu lafa guutuu irra naannofnee akka lafti guutuun boqonnaa fi nagaa qabdu argine” jedhanii ergamaa Waaqayyoo kan mukkeen kusaayee gidduu dhaabate sanatti himan.
12 Katahi ka oho te anahera a Ihowa, ka mea, E Ihowa o nga mano, kia pehea te roa ou ka kore nei e tohu i Hiruharama, i nga pa o Hura, e mauaharatia nei e koe i enei tau e whitu tekau?
Ergamaan Waaqayyoos, “Yaa Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, ati Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa kanneen waggoota torbaatama itti aarteef hamma yoomiitti hin araaramtu?” jedhe.
13 Na ka whakahoki a Ihowa ki te anahere i korero nei ki ahau, he kupu pai, ara he kupu whakamarie.
Waaqayyos dubbii gaarii fi dubbii jajjabeessuun ergamaa Waaqayyoo kan na wajjin dubbachaa ture sanatti dubbate.
14 Heoi ka mea ki ahau te anahera i korero nei ki ahau, Karanga atu koe, mea atu, Ko te kupu tenei a Ihowa o nga mano, He nui te hae i hae ai ahau ki Hiruharama, ki Hiona.
Ergasii ergamaan Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sun akkana jedhe; “Dubbii kana labsi: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; ‘Ani Yerusaalemii fi Xiyooniif akka malee nan hinaafa;
15 A he tino nui toku riri ki nga iwi e noho humarie ana: he iti noa ra hoki toku riri, a na ratou i whakatetere te he.
ani garuu saboota waan nagaa qaban of seʼanitti akka malee aareera. Ani xinnuma aareen ture; isaan garuu ittuma fufanii hamaa hojjetan.’
16 Mo reira ko te kupu tenei a Ihowa: Kua hoki mai ahau ki Hiruharama i runga i te tohu tangata; ka hanga toku whare ki reira, e ai ta Ihowa o nga mano, a ka whakamarokia he aho ki runga ki Hiruharama.
“Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani araaraan Yerusaalemitti nan deebiʼa; manni koos deebifamee ni ijaarama. Funyoon ittiin safaranis Yerusaalem irra ni diriirfama’ jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
17 Karanga atu ano, mea atu, Ko te kupu tenei a Ihowa o nga mano Tera oku pa e rauroha noa atu i te pai; a tera a Ihowa ka whakamarie i Hiona, tera ka whiriwhiri i Hiruharama.
“Ammas ittuma fufiitii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha, jedhii labsi: ‘Magaalaawwan koo deebiʼanii badhaadhummaadhaan ni guutamu; Waaqayyos Xiyoonin ni jajjabeessa; Yerusaalemis ni filata.’”
18 Na ka maranga ake oku kanohi, a ka kite ahau, nana, e wha nga haona.
Ammas ol nan milʼadhe; kunoo, fuula koo dura gaanfa afurtu ture!
19 Na ka mea ahau ki te anahera i korero nei ki ahau, He aha enei? Ano ra ko ia ki ahau, Ko nga haona enei nana i whakamarara a Hura, a Iharaira, a Hiruharama.
Anis, “Kun maali?” jedheen ergamaa Waaqayyoo kan natti dubbachaa ture sana gaafadhe. Innis, “Kunneen gaanfawwan Yihuudaa, Israaʼelii fi Yerusaalemin gargar bittinneessanii dha” jedhee naaf deebise.
20 Na ka whakakitea e Ihowa etahi kamura ki ahau, tokowha.
Waaqayyos ergasii ogeeyyii hojii harkaa afur na argisiise.
21 Katahi ahau ka mea, I haere mai enei ki te aha? A ka korero tera, ka mea, Ko nga haona enei nana i whakamarara a Hura, i kore ai e ara te mahunga o tetahi: otira i haere mai enei ki te whakawehi i a ratou, ki te whakataka iho i nga haona o nga t auiwi, o te hunga i ara nei to ratou haona ki te whenua o Hura, ki te titaritari i a ia.
Anis, “Isaan kunneen maal hojjechuuf dhufan?” jedheen gaafadhe. Innis akkana jedhee deebise; “Isaan kunneen gaanfawwan akka namni tokko mataa isaa ol hin qabanneef Yihuudaa bittinneessanii dha; ogeeyyiin hojii harkaa kunneen garuu isaan rifachiisuu fi gaanfawwan saboota uummata ishee bittinneessuuf gaanfawwan isaanii biyya Yihuudaatti ol fudhatan kanneenii balleessuuf dhufan.”

< Hakaraia 1 >