< Kaiwhakariterite 21 >

1 Na kua puaki noa ake to oati a nga tangata o Iharaira i Mihipa, i mea ratou, Kaua tetahi tangata o tatou e hoatu i tana tamahine hei wahine ma Pineamine.
Israaʼeloonni, “Nu keessaa namni tokko illee Beniyaamotatti intala isaa heerumsiisuu hin qabu” jedhanii Miisphaatti wal kakachiisanii turan.
2 Na ka haere te iwi ki Peteere, a noho ana i reira i te aroaro o te Atua a ahiahi noa; na rahi noa atu o ratou reo, he nui te tangi.
Sabnis gara Beetʼeel dhaqanii hamma galgalaatti fuula Waaqaa dura taaʼuudhaan sagalee isaanii ol fuudhanii hiqqifatanii booʼan.
3 I mea hoki ratou, Na te aha, e Ihowa, e te Atua o Iharaira, i puta ake ai tenei i roto i a Iharaira; i ngaro ai tetahi iwi i tenei ra i roto i a Iharaira?
Isaanis, “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel, wanni kun maaliif Israaʼel irra gaʼe? Harʼa gosti tokko maaliif Israaʼel keessaa dhabamaa?” jedhanii iyyan.
4 Na i te ata ka maranga wawe te iwi, a hanga ana he aata e ratou, a whakaekea ana he tahunga tinana, he whakahere mo te pai.
Namoonnis guyyaa itti aanutti ganamaan iddoo aarsaa tolchanii aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessan.
5 Na ka mea nga tama a Iharaira, Ko wai o nga iwi katoa o Iharaira kahore i tae mai i roto i te whakaminenga ki a Ihowa? Kua takoto hoki he oati nui mo te tangata e kore e haere ki a Ihowa ki Mihipa: i mea ratou, Ka whakamatea rawatia.
Ergasiis Israaʼeloonni, “Gosoota Israaʼel hundumaa keessaa gosti fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?” jedhanii gaafatan. Namni fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin haa ajjeefamu jedhanii Miisphaatti walii kakatanii turaniitii.
6 A koingo tonu nga tama a Iharaira ki to ratou teina, ki a Pineamine; i mea, Kua hautopea atu tetahi iwi i tenei ra i roto i a Iharaira.
Israaʼeloonni garuu obboloota isaanii Beniyaamotaaf garaa laafanii akkana jedhan; “Harʼa gosti tokko Israaʼel irraa citeera.
7 Me aha tatou ki etahi wahine ma nga mea o ratou i mahue; kua oatitia hoki a Ihowa e tatau e kore a tatou tamahine e hoatu hei wahine ma ratou?
Egaa warra hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya? Nu akka intallan keenya isaanitti hin heerumsiifne Waaqayyoon kakanneerraatii.”
8 Na ka mea ano ratou, Ko tehea o nga iwi o Iharaira kahore nei i tae mai ki a Ihowa ki Mihipa? Na kahore tetahi tangata o Iapehe Kireara i haere ki te puni ki te whakaminenga.
Ergasiis, “Gosti Miisphaatti fuula Waaqayyoo duratti wal gaʼii irratti hin argamin kami?” jedhan. Isaanis akka namni tokko iyyuu Yaabeesh Giliʼaadii gara qubataa wal gaʼiidhaaf hin dhufin beekan.
9 I taua hoki te iwi, a kahore tetahi tangata i reira o nga tangata o Iapehe Kireara.
Yeroo namoota lakkaaʼanittis akka namni Yaabeesh Giliʼaad tokko iyyuu achi hin jirre hubatan.
10 Na ka tono te huihui i etahi tangata ki reira, kotahi tekau ma rua mano, he hunga toa, a ka whakahau i a ratou, ka mea, Tikina patua nga tangata o Iapehe Kireara ki te mata o te hoari, me nga wahine me nga tamariki.
Kanaafuu waldaan sun loltoota kuma kudha lama gara Yaabeesh Giliʼaad ergee akka isaan warra achi jiraatan, dubartootaa fi daaʼimman dabalanii goraadeedhaan fixan ajaje.
11 A ko tenei ta koutou e mea ai, Ko nga tane katoa, me nga wahine katoa i takoto ki te tane, me huna.
Isaanis, “Wanni isin gochuu qabdan kanaa dha; dhiira hundaa fi dubartoota durbummaa hin qabne hunda ajjeesaa” jedhan.
12 A e wha rau nga kotiro i mau i a ratou i roto i nga tangata o Iapehe Kireara, he wahine kahore ano i mohio noa, ara i takoto ki te tane: na kawea ana e ratou ki te puni ki Hiro, ki tera i te whenua o Kanaana.
Isaanis namoota Yaabeesh Giliʼaad keessa jiraatan keessaa dubarran takkumaa dhiirri bira hin gaʼin dhibba afur argatan; gara biyya Kanaʼaan kan qubata Shiilootti argamu sanaattis isaan fidan.
13 Katahi ka unga tangata te huihui katoa hei korero ki nga tama a Pineamine i te kamaka i Rimono, hei karanga ki a ratou, Kua mau te rongo.
Ergasiis waldaan guutuun Beniyaamota kattaa Rimoon bira jiraatanitti waamicha nagaa ergan.
14 Na ka hoki a Pineamine i taua wa; a ka hoatu ki a ratou nga wahine i whakaorangia e ratou i roto i nga wahine o Iapehe Kireara; otiia kihai ano i rato.
Beniyaamonnis yeroo sanatti ni dachaʼan; dubartoonni Yaabeesh Giliʼaad kanneen duʼa jalaa baraaraman akka niitota isaaniif taʼaniif kennamaniif; garuu hunda isaanii wal hin geenye.
15 Na koingo tonu te iwi ki a Pineamine, no te mea kua wahia e Ihowa nga iwi o Iharaira.
Namoonnis sababii Waaqayyo gosoota Israaʼel gidduutti gargari baʼumsa uumeef Beniyaamiif gaddan.
16 Na ka mea nga kaumatua o te huihui, Me aha tatou ki etahi wahine ma nga mea i mahue, kua huna nei hoki nga wahine a Pineamine?
Maanguddoonni waldaas akkana jedhan; “Dubartoonni Beniyaam dhumaniiru; egaa dhiirota hafaniif akkamitti niitota argachuu dandeenya?
17 I mea ano ratou, Kia whai kainga tupu nga morehu o Pineamine, kei moti rawa tetahi iwi i roto i a Iharaira.
Akka gosti tokko Israaʼel keessaa hin badneef Beniyaamonni hafan dhaaltota argachuu qabu.
18 Otiia e kore e taea te hoatu e tatou a tatou tamahine hei wahine ma ratou; no te mea kua oati nga tama a Iharaira, kua mea, Kia kanga te tangata e hoatu ana i te wahine ki a Pineamine.
Nu Israaʼeloonni sababii, ‘Namni intala isaa Beniyaamotatti heerumsiisu haa abaaramu’ jennee kakanneef, intallan keenya niitummaadhaan isaanii kennuu hin dandeenyu.
19 Na ka mea ratou, Nana, he hakari tera ki a Ihowa i Hiro, i tenei tau, i tenei tau, i te taha ki te raki o Peteere, i te taha ki te rawhiti o te huarahi e tika atu ana i Peteere ki Hekeme, i te tonga o Repona.
Kunoo ayyaanni Waaqayyoo tokko wagguma waggaan Shiilootti ni ayyaaneffama; Shiiloon kunis Beetʼeel irraa gara kaabaatti, karaa Beetʼeelii baʼee Sheekemitti geessu irraa gara baʼaatti akkasumas Leboonaa irraa gara kibbaatti argamti.”
20 Na ka whakahau atu ratou ki nga tama a Pineamine, ka mea, Haere ki nga mara waina whanga ai;
Kanaafuu isaan akkana jedhanii Beniyaamota gorsan; “Dhaqaa iddoo dhaabaa wayinii keessa riphaa eeggadhaa.
21 A e kite koutou, na, kua puta nga tamahine o Hiro ki te kanikani, na ka haere atu koutou i nga mara waina, ka hopu i tana wahine, i tana wahine, i roto i nga tamahine o Hiro, a ka haere ki te whenua o Pineamine.
Ilaalaa; yommuu dubarri Shiiloo sirbaaf baʼanitti iddoo dhaabaa wayinii keessaa baʼaatii tokkoo tokkoo keessaniif niitii tokko tokko qabaadhaatii gara Beniyaamitti deebiʼaa.
22 A ka tae mai o ratou matua, o ratou tungane ranei, ki a matou whakawa ai, ko reira matou mea ai ki a ratou, Kia atawhai ki a matou, ara ki a ratou: kihai hoki i riro i a matou he wahine ma tenei, ma tenei, o ratou i te mea e whawhai ana: ehara a no i te mea na koutou i hoatu i tenei wa, e he ai koutou.
Yommuu abbootiin isaanii yookaan obboloonni isaanii nutti himatanitti, ‘Sababii nu yeroo waraanaatti tokkoo tokkoo isaaniitiif niitii arguu hin dandaʼiniif isin isaan gargaaruudhaan dhiifama nuu godhaa; isinis sababii jaallattanii dubara keessan hin kenniniif balleessaa hin qabdan’ jennaan.”
23 Na pera ana nga tama a Pineamine, a tangohia ana e ratou etahi wahine i roto i te hunga i kanikani ra; rite tonu ki a ratou te tokomaha, he mea hopu na ratou: a haere ana, noho ana ki to ratou kainga tupu; kei te hanga i o ratou pa, nohoia iho e ratou.
Beniyaamonnis akkuma isaanitti himame sana godhan; utuma dubarran sirbaa jiranuus tokkoon tokkoon namaa tokko tokko butee akka niitii isaa taatuuf fudhatee qajeele. Ergasiis gara dhaala isaaniitti deebiʼanii magaalaa isaanii haaromfatanii achi jiraatan.
24 Na ka turia atu i reira i taua wa e nga tama a Iharaira ki tona iwi, ki tona iwi, ki tona hapu, ki tona hapu; na haere ana ratou i reira ki tona kainga, ki tona kainga.
Yeroo sanattis ijoolleen Israaʼel iddoo sanaa kaʼanii gara mana isaanii, gara gosa isaanii, gara lammii isaaniitii fi gara dhaala isaaniitti deebiʼan.
25 I aua ra kahore o Iharaira kingi, ko ta ratou i mea ai ko nga mea i tika ki te titiro a tenei, a tenei.
Bara sana Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture; tokkoon tokkoon namaa waanuma isatti tole hojjeta ture.

< Kaiwhakariterite 21 >