< Ekoruhe 11 >
1 Na ka mea a Ihowa ki a Mohi, Kia kotahi atu whiu e whakapangia e ahau ki a Parao, ki Ihipa; muri iho ka tukua koutou e ia i konei: ka tukua koutou, ina, ka tino peia katoatia koutou e ia i konei.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ani amma illee dhaʼicha tokko Faraʼoonii fi Gibxitti nan fida. Ergasii inni asii isin baasa; yeroo asii isin baasutti immoo inni guutumaan guutuutti isin ariʼa.
2 Korero inaianei ki nga taringa o te iwi, a ma te tane, ma te wahine, e tono he mea hiriwa, he mea koura i tona hoa, i tona hoa.
Akka tokkoon tokkoon dhiiraatii fi tokkoon tokkoon dubartii ollaa isaanii irraa miʼa meetiitii fi miʼa warqee ergifatan saba kanatti himi.”
3 A i meinga ano e Ihowa kia paingia te iwi e nga Ihipiana. Ko te tangata nei hoki ko Mohi, i nui rawa ki te whenua o Ihipa, ki te aroaro o nga tangata a Parao, ki te aroaro ano hoki o te iwi.
Waaqayyo akka sabni Israaʼel fuula warra Gibxi duratti surraa argatan godhe; kana malees Museen biyya Gibxi keessatti, fuula qondaaltota Faraʼooniitii fi fuula saba Gibxi duratti akka malee ulfina qabeessa ture.
4 Na ka mea a Mohi, Ko te kupu tenei a Ihowa, Hei waenganui po ahau ka tika na waenganui o Ihipa:
Museen akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani gara halkan walakkaatti Gibxi hunda keessa nan darba.
5 A ka mate nga matamua katoa o te whenua o Ihipa, te matamua a Parao e noho ana i runga i tona torona, a tae iho ana ki te matamua a te pononga wahine i tua i te mira; me nga matamua katoa a nga kararehe:
Ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu sanaa hangafaa jalqabee hamma ilma xomboree ishee midhaan daaktu sanaa hangafaatti ilmi hangafni biyya Gibxi keessaa hundi ni duʼa; akkasumas hangafni horii hundi ni duʼa.
6 A ka nui te tangi i te whenua katoa o Ihipa, kahore he pera i mua, e kore ano hoki e pera e takoto ake nei.
Biyya Gibxi guutuu keessattis wawwaachuu guddaan takkumaa dhagaʼamee hin beekin yookaan deebiʼees hin dhagaʼamne tokko ni dhufa.
7 Otira e kore e oraora te arero o tetahi kuri ki tetahi o nga tama a Iharaira, ki te tangata, ki te kararehe; kia mohio ai koutou e titore ana a Ihowa i waenga o nga Ihipiana, o Iharaira.
Garuu saba Israaʼel keessaa nama tokkotti iyyuu yookaan horii tokkotti iyyuu sareen tokko iyyuu hin duttu.’ Isinis waan kanaan akka Waaqayyo Gibxii fi Israaʼel gidduutti garaa garummaa fidu ni beektu.
8 A e haere ake enei tangata katoa au ki ahau, e piko ki ahau, e mea, Haere koe me te iwi katoa e haere ana i raro i ou waewae; a, muri iho ka haere ahau. A puta ana ia i a Parao, he nui hoki tona riri.
Qondaaltonni kee kunneen hundinuu gara koo dhufanii naa sagadan; ‘Atis, namoonni si duukaa buʼan hundinuus deemaa!’ jedhu; anis ergasii nan deema.” Museenis akka malee aaree Faraʼoon biraa baʼe.
9 A ka mea a Ihowa ki a Mohi, E kore a Parao e rongo ki a korua, kia maha ai aku merekara ki te whenua o Ihipa.
Waaqayyo Museedhaan, “Akka dinqiin koo biyya Gibxitti baayʼatuuf Faraʼoon isin dhagaʼuu dida” jedhe.
10 A meatia ana e Mohi raua ko Arona enei merekara katoa ki te aroaro o Parao: a, i whakapakeke ano a Ihowa i te ngakau o Parao, a kihai ia i tuku i nga tama a Iharaira i tona whenua.
Musee fi Aroonis dinqiiwwan kanneen hunda fuula Faraʼoon duratti hojjetan; Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis akka Israaʼeloonni biyya isaa keessaa hin baane dhowwe.