< 2 Kingi 13 >

1 No te rua tekau ma toru o nga tau o Ioaha tama a Ahatia kingi o Hura i kingi ai a Iehoahata tama a Iehu ki a Iharaira ki Hamaria, a tekau ma whitu nga tau i kingi ai.
Bara mootummaa Yooʼaash ilma Ahaaziyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii sadaffaatti Yehooʼaahaaz ilmi Yehuu Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha torba bulche.
2 A he kino tana mahi ki te titiro a Ihowa, i whai hoki ia i nga hara o Ieropoama tama a Nepata i hara ai a Iharaira. Kihai ena i mahue i a ia.
Inni cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete; cubbuu sana irraas hin deebine.
3 Na ka mura te riri o Ihowa ki a Iharaira, a hoatu ana ratou e ia ki te ringa o Hataere kingi o Hiria, ki te ringa ano hoki o Penehaara tama a Hataere i o raua ra katoa.
Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo Waaqaa Israaʼelitti ni bobaʼe; innis yeroo dheeraadhaaf dabarsee harka Hazaaʼeel mooticha Sooriyaattii fi harka ilma isaa Ben-Hadaadiitti isaan kenne.
4 Na ka inoi a Iehoahata ki a Ihowa, a ka whakarongo a Ihowa ki a ia: i kite hoki ia i te tukinotanga o Iharaira, i tukinotia ai ratou e te kingi o Hiria.
Yehooʼaahaaz fuula Waaqayyoo barbaaddate; Waaqayyos akka mootiin Sooriyaa sun akka malee Israaʼelin cunqurse argee kadhaa isaa dhagaʼeef.
5 Na homai ana e Ihowa he kaiwhakaora ki a Iharaira, a ka puta ake ratou i raro i te ringa o nga Hiriani: a noho ana nga tama a Iharaira ki o ratou teneti, he pera me mua.
Waaqayyos nama isaan baraaru tokko Israaʼeliif kenne; akkasiin isaan harka warra Sooriyaa jalaa ni baʼan. Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma duraatti dunkaana isaanii keessa jiraatan.
6 Otiia kihai i mahue i a ratou nga hara o te whare o Ieropoama i hara ai a Iharaira, heoi haere ana i reira; tu tonu ano te Ahera i Hamaria.
Isaan garuu cubbuu mana Yerobiʼaam kan inni akka Israaʼel hojjetu godhe sana irraa hin deebine; ittuma fufanii keessa jiraatan. Siidaan Aasheeraas Samaariyaa keessa dhaabatee hafe.
7 Kahore hoki i waiho e ia o te iwi ki a Iehoahata, ko nga kaieke hoiho anake e rima tekau, tekau nga hariata, kotahi tekau mano nga hoia haere raro; i huna hoki ratou e te kingi o Hiria, a meinga ana kia rite ki te puehu i te patunga witi.
Loltoota Yehooʼaahaaz keessaa loltoota fardaa shantama, gaariiwwan kudhanii fi loltoota lafoo kuma kudhan malee tokko iyyuu hin hafne; mootiin Sooriyaa warra kaan hunda balleessee akkuma awwaara yeroo midhaan dhaʼanii isaan godhee tureetii.
8 Na ko era atu meatanga a Iehoahata me ana mahi katoa, me ana mahi toa, kihai ianei ena i tuhituhia ki te pukapuka o nga meatanga o nga ra o nga kingi o Iharaira?
Wanni bara mootummaa Yehooʼaahaaz keessa hojjetame biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera mitii?
9 Na ka moe a Iehoahata ki ona matua, a tanumia iho ki Hamaria: a ko Ioaha, ko tana tama te kingi i muri i a ia.
Yehooʼaahaaz abbootii isaa wajjin boqotee Samaariyaa keessatti ni awwaalame. Yooʼaash ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
10 No te toru tekau ma whitu o nga tau o Ioaha kingi o Hura i kingi ai a Iehoaha tama a Iehoahata ki a Iharaira ki Hamaria, tekau ma ono nga tau.
Bara Yooʼaash mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii torbaffaatti Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha jaʼa isaan bulche.
11 A he kino tana mahi ki te titiro a Ihowa; kihai i mahue i a ia tetahi o nga hara o Ieropoama tama a Nepata i hara ai a Iharaira: engari i haere ia i reira.
Inni fuula Waaqayyoo duratti cubbuu hojjetee cubbuu Yerobiʼaam ilma Nebaat kan inni akka sabni Israaʼel hojjetu godhe sana keessaa tokko irraa iyyuu hin deebine; innis ittuma fufee cubbuu keessa jiraate.
12 Na, ko era atu meatanga a Ioaha me ana mahi katoa, me ana mahi toa i tana whawhai ki a Amatia kingi o Hura, kihai ianei era i tuhituhia ki te pukapuka o nga meatanga o nga ra o nga kingi o Iharaira?
Wantoonni bara mootummaa Yooʼaash keessa hojjetaman biraa, wanni inni hojjete hundii fi jabinni isaa, waraanni inni Amasiyaa mooticha Yihuudaa irratti deemsises kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
13 Na ka moe a Ioaha ki ona matua, a noho ana a Ieropoama ki tona torona; i tanumia hoki a Ioaha ki Hamaria, ki nga kingi o Iharaira.
Yooʼaash abbootii isaa wajjin boqotee Yerobiʼaam iddoo isaa buʼee teessoo irra taaʼe. Yooʼaash Samaariyaa keessatti mootota Israaʼel biratti ni awwaalame.
14 Na i te mate a Eriha i tona mate e mate rawa ai: a haere iho ana a Ioaha kingi o Iharaira ki raro, ki a ia, a tangi ana i runga i a ia, ka mea, E toku papa, e toku papa, e nga hariata o Iharaira, e ona kaieke hoiho!
Yeroo kanatti Elsaaʼi dhukkuba duʼaan isa gaʼuun dhiphachaa ture. Yooʼaash mootichi Israaʼel isa ilaaluu gad buʼee isatti booʼe. Innis, “Yaa abbaa koo! Yaa abbaa koo! Yaa gaariiwwanii fi yaa abbootii fardaa Israaʼel!” jedhee iyye.
15 Na ka mea a Eriha ki a ia, E mau ki te kopere, ki nga pere: a ka mau ia ki te kopere, ki nga pere.
Elsaaʼi, “Iddaa fi xiyya wayii fudhadhu” jedheen; innis ni fudhate.
16 Na ka mea ia ki te kingi o Iharaira, Pupuri tou ringa i te kopere: na kua puritia e tona ringa. Na ka whakapa a Eriha i ona ringa ki nga ringa o te kingi.
Elsaaʼi immoo mooticha Israaʼeliin, “Iddaa harkatti qabadhu” jedhe; inni fuunaan Elsaaʼi harka ofii isaa fuudhee harka mootichaa irra kaaʼe.
17 Na ka ki tera, Uakina te matapihi whaka te rawhiti: na uakina ana e ia. Katahi a Eriha ka mea, Koperea: na koperea ana e ia. A ka mea tera, Ko te pere o ta Ihowa whakaoranga, ko te pere e ora ai i a Hiria: ka patua hoki e koe nga Hiriani ki Apek e, a poto noa.
Elsaaʼi, “Foddaa karaa baʼa biiftuu bani” jedheen; innis ni bane. Elsaaʼi, “Xiyya darbadhu!” jedhe; mootichis ni darbate. Elsaaʼis, “Xiyya moʼannoo Waaqayyoo, xiyya warra Sooriyaa moʼatu!” jedhe. Elsaaʼis, “Ati Afeeqitti warra Sooriyaa guutumaan guutuutti ni barbadeessita” jedhee labse.
18 A ka mea ano ia, E mau ki nga pere: a kua riro i a ia. Na ka mea tera ki te kingi o Iharaira, Patua ki te whenua: a e toru ana patunga, ka tu.
Innis ergasii, “Xiyya fudhadhu” jedheen; mootichis ni fudhate. Elsaaʼis “Lafa rukuti” jedheen; mootichis yeroo sadii lafa rukute.
19 Na ka riri te tangata a te Atua ki a ia, ka mea, Kia rima ke he patunga mau, kia ono ranei; penei kua patua e koe a Hiria a poto noa; ko tenei kia toru ano patunga mau i a Hiria.
Namni Waaqaa sunis isatti aaree akkana jedhe; “Ati yeroo shan yookaan jaʼa lafa rukutuu qabda; silaa warra Sooriyaa moʼattee guutumaan guutuutti isaan balleessita turte. Amma garuu yeroo sadii qofa isaan moʼatta.”
20 Na ka mate a Eriha, a tanumia ana e ratou. A ka haere mai nga taua a nga Moapi ki te whenua i te aranga o te tau.
Elsaaʼi duʼee awwaalame. Yeroo sana Moʼaabonni saamtonni birraa birraa dhufanii biyyattii saamu ture.
21 Na, i a ratou e tanu ana i tetahi tangata, ka kite ratou i te taua; heoi maka ana e ratou taua tangata ki te rua o Eriha: te panga o te tangata ra ki nga wheua o Eriha, kua ora, tu ana ona waewae ki runga.
Gaaf tokko warri Israaʼel utuu namicha duʼe tokko awwaaluutti jiranuu garee saamtotaa tokko argan; kanaafuu reeffa namichaa awwaala Elsaaʼitti darbatan. Reeffi sun lafee Elsaaʼi tuqnaan namichi sun duʼaa kaʼee miiluma ofii isaatiin dhaabate.
22 A i tukinotia a Iharaira e Hataere kingi o Hiria i nga ra katoa o Iehoahata.
Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa bara mootummaa Yehooʼaahaaz guutuu Israaʼelin cunqurse.
23 Otira i atawhai a Ihowa ki a ratou, i aroha ki a ratou, i tahuri hoki ki a ratou, he whakaaro ki tana kawenata ki a Aperahama, ki a Ihaka, ki a Hakopa, kihai hoki i mea kia huna ratou, kiano hoki ratou i maka e ia i tona aroaro.
Waaqayyo garuu sababii kakuu Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin galee ture sanaatiif jedhee isaanii arjoome; garaas isaaniif laafee fuula isaa gara isaaniitti deebifate. Hamma harʼaattis fuula ofii isaa duraa isaan barbadeessuu yookaan gatuu hin feene.
24 Na ka mate a Hataere kingi o Hiria; a ko Peneharara, ko tana tama te kingi i muri i a ia.
Hazaaʼeel mootichi Sooriyaa duʼee Ben-Hadaad ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
25 Na tangohia ana e Iehoaha tama a Iehoahata i te ringa o Peneharara tama a Hataere nga pa i tangohia atu i te ringa o Iehoahata, o tona papa i te whawhai. E toru nga patunga a Ioaha i a ia, a whakahokia ana e ia nga pa o Iharaira.
Yooʼaash ilmi Yehooʼaahaaz magaalaawwan inni waraana keessatti abbaa isaa Yehooʼaahaaz irraa fudhatee ture hunda Ben-Hadaad ilma Hazaaʼeel irraa deebisee fudhate. Yahooʼasis yeroo sadii isa moʼatee akkasiin magaalaawwan Israaʼel deebise.

< 2 Kingi 13 >