< 2 Whakapapa 16 >

1 I te toru tekau ma ono o nga tau o te kingitanga o Aha ka haere mai a Paaha kingi o Iharaira ki a Hura, a hanga ana a Rama e ia, kia kaua ai tetahi e tukua kia haere atu ranei, kia haere mai ranei ki a Aha kingi o Hura.
Bara mootummaa Aasaa keessa waggaa soddomii jaʼaffaatti Baʼishaan mootichi Israaʼel biyya Yihuudaatti duulee akka namni tokko iyyuu daangaa biyya Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa hin baane yookaan akka achi hin seenne gochuudhaaf jedhee Raamaa jabeessee ijaare.
2 Katahi ka tangohia katoatia e Aha te hiriwa me te koura i roto i nga taonga o te whare o Ihowa, o te whare ano o te kingi, a hoatu ana kia kawea ki a Peneharara kingi o Hiria, i Ramahiku hoki ia e noho ana; i mea ia,
Aasaanis meetii fi warqee mankuusa mana qulqullummaa Waaqayyootii fi masaraa mootummaa isaa keessaa baasee Ben-Hadaad mooticha Sooriyaa kan Damaasqoo taaʼee bulchaa ture sanaaf ni erge.
3 He kawenata ta taua, he pera me ta toku papa raua ko tou papa: nana, te hiriwa, te koura i hoatu na e ahau kia kawea atu ki a koe. Haere, whakataka tau kawenata ki a Paaha kingi o Iharaira, kia haere atu ai ia i toku taha.
Innis, “Akkuma walii galtee kanaan dura abbaa koo fi abbaa kee gidduu ture sanaatti ammas anaa fi si gidduu walii galteen haa jiraatu. Kunoo ani meetii fi warqee siif ergeera. Akka inni narraa deebiʼuuf dhaqiitii walii galtee Baʼishaan mooticha Israaʼel wajjin qabdu sana diigi” jedheen.
4 Na rongo tonu a Peneharara ki a Kingi Aha, a tonoa ana e ia nga rangatira o ana ope ki nga pa o Iharaira; patua iho e ratou a Iiono, a Rana, a Aperemaima, me nga pa taonga katoa o Napatari.
Ben-Hadaadis yaada Aasaa mootichaa fudhatee ajajjuuwwan loltoota isaa magaalaawwan Israaʼelitti duulchise. Isaanis magaalaawwan Iiyoon, Daan, Abeel Maayimii fi magaalaawwan mankuusa Niftaalem hunda rukutan.
5 A, no te rongonga o Paaha, ka mutu tana hanga i Rama, a kore ake tona mahinga.
Baʼishaanis yommuu waan kana dhagaʼetti Raamaa ijaaruu dhiisee hojii ofii isaa dhaabe.
6 Na ka tikina e Kingi Aha a Hura katoa; a taria atu ana e ratou nga kohatu o Rama, me nga rakau o reira i hanga nei e Paaha; a hangaia ana e ia ki aua mea a Kepa me Mihipa.
Aasaan Mootichis namoota Yihuudaa hunda ni fide; isaanis dhagaawwanii fi muka Baʼishaan ittiin hojjechaa ture Raamaadhaa fudhatanii deeman. Aasaanis Gebaa fi Miisphaa ittiin ijaarrate.
7 I taua wa ka haere a Hanani matakite ki a Aha kingi o Hura, a ka mea ki a ia, Kua okioki na koe ki te kingi o Hiria, a kihai hoki koe i okioki ki a Ihowa, ki tou Atua, mo reira ka mawhiti atu te ope o te kingi o Hiria i tou ringa.
Yeroo sanattis Hanaaniin ilaalaan sun Aasaa mooticha Yihuudaa bira dhufee akkana jedheen; “Waan ati Waaqayyo Waaqa kee dhiiftee mootii Sooriyaa amanatteef loltoonni Sooriyaa si harkaa baʼaniiru.
8 Ko nga Etiopiana, ko nga Rupimi, he teka ianei he ope tino nui ratou, he maha noa atu hoki a ratou hariata, a ratou kaieke hoiho? heoi, i tou okiokinga ki a Ihowa, homai ana ratou e ia ki tou ringa.
Namoonni Itoophiyaa fi Liibiyaa gaariiwwanii fi abbootii fardaa kanneen akka malee baayʼee qaban sun loltoota jajjaboo hin turree? Taʼus waan ati Waaqayyoon abdatteef inni dabarsee harka keetti isaan siif kenne.
9 E kopikopiko ana hoki nga kanohi o Ihowa i te whenua katoa, hei whakaatu i te kaha o tana awhina i te hunga e tapatahi ana o ratou ngakau ki a ia. He mahi kuware tenei nau; na ka whai pakanga koe i nga wa e takoto ake nei.
Iji Waaqayyoo warra garaa guutuun isa amanatan jajjabeessuuf guutummaa addunyaa ni ilaalaatii. Sababii ati hojii gowwummaa hojjetteef kana booddee waraanni sirraa hin caamu.”
10 Katahi ka riri a Aha ki taua matakite, a hoatu ana e ia ki te whare herehere; he pukuriri hoki nona ki a ia mo tenei mea. I tukinotia ano e Aha etahi o te iwi i taua wa.
Aasaan sababii kanaaf ilaaltuu sanatti ni aare; akka malee dheekkamees mana hidhaa keessa isa buuse. Yeruma sanatti Aasaan namoota tokko tokko gara jabinaan ni cunqurse.
11 Na, ko nga meatanga a Aha, o te timatanga, o muri, kua oti te tuhituhi ki te pukapuka o nga kingi o Hura, o Iharaira.
Wanni bara mootummaa Aasaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetame kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffameera.
12 Na i te toru tekau ma iwa o nga tau o tona kingitanga ka mate a Aha i ona waewae; a he tino nui tona mate; otiia i tona matenga kihai ia i rapu i ta Ihowa, engari i ta nga rata.
Aasaanis bara mootummaa isaa keessa waggaa soddomii saglaffaatti dhukkuba miillaatiin akka malee ni dhiphate. Taʼus inni dhukkuba akka malee hamaa kana keessatti illee ogeeyyii fayyaa malee gargaarsa Waaqayyoo hin barbaanne.
13 Na kua moe a Aha ki ona matua; i mate hoki i te wha tekau ma tahi o nga tau o tona kingitanga.
Ergasii Aasaan bara mootummaa isaa keessa waggaa afurtamii tokkoffaatti duʼee abbootii ofii isaa wajjin boqote.
14 A tanumia iho ia ki nga urupa i keria e ia mona ki te pa o Rawiri, whakatakotoria iho ki tetahi takotoranga e ki tonu ana i nga mea kakara, i nga tini mea whakaranu, he mea hanga na te kaiwhakaranu; a nui atu te tahunga i tahuna mona.
Isaanis awwaala inni Magaalaa Daawit keessatti dhagaa cabsee ofii isaatii qopheeffatetti isa ni awwaalan. Wasaasaa urgooftuuwwanii fi shittoodhaan guutame irra isa ni ciibsan; ulfina isaatiifis ibidda guddaa bobeessan.

< 2 Whakapapa 16 >