< 1 Kingi 16 >

1 Na ka puta te kupu a Ihowa ki a Iehu, tama a Hanani mo Paaha; i mea ia,
Ergasiis dubbiin Waaqayyoo Baʼishaaniin mormuudhaan akkana jedhee gara Yehuu gara ilma Hanaanii dhufe:
2 Naku nei koe i whakaara ake i roto i te puehu, a hoatu ana koe e ahau hei rangatira mo taku iwi, mo Iharaira; na haere ana koe i te ara o Ieropoama, a nau i hara ai taku iwi, a Iharaira, hei whakapataritari i ahau, ki o ratou hara;
“Ani awwaara keessaa si kaaseen bulchaa saba koo Israaʼel si godhe; ati garuu karaa Yerobiʼaam deemtee saba koo Israaʼelin cubbuu hojjechiiftee akka isaan cubbuu isaaniitiin dheekkamsaaf na kakaasan goote.
3 Nana, ka moti i ahau nga uri o Paaha, me nga uri o tona whare, a ka meinga tou whare kia rite ki te whare o Ieropoama tama a Nepata.
Kanaafuu ani Baʼishaanii fi mana isaa nan barbadeessa; mana kee illee akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaat sanaa nan godha.
4 Ko te hunga o Paaha e mate ki te pa ma nga kuri e kai, ko nga mea hoki ona e mate ki te parae ma nga manu o te rangi e kai.
Namoota Baʼishaan kanneen magaalaa keessatti dhuman sareetu nyaata; kanneen baadiyyaatti dhuman immoo allaattii samiitu nyaata.”
5 Na, ko era atu meatanga a Paaha me ana mahi, me tona toa, kahore ianei i tuhituhia ki te pukapuka o nga meatanga o nga ra o nga kingi o Iharaira?
Wantoonni biraa kanneen bara mootummaa Baʼishaan keessa hojjetaman, wanni inni hojjetee fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
6 Na ka moe a Paaha ki ona matua, a tanumia iho ki Tirita; a ko Eraha, ko tana tama te kingi i muri i a ia.
Baʼishaan abbootii ofii wajjin boqotee Tiirzaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Eelaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
7 I kawea ano e Iehu poropiti tama a Hanani te kupu a Ihowa mo Paaha ratou ko tona whare, mo te kino katoa i meatia e ia ki te aroaro o Ihowa, mo tana whakapataritari i a ia ki nga mahi a ona ringa, mona i rite ki te whare o Ieropoama, mo tana patu nga hoki i a ia.
Sababii inni akkuma mana Yerobiʼaam taʼuudhaan hojii harka isaatiin Waaqa dheekkamsaaf kakaasee Yerobiʼaaminis ajjeesuudhaan hammina fuula Waaqayyoo duratti hojjete hundaaf dubbiin Waaqayyoo karaa Yehuu raajichaa ilma Hanaaniin gara Baʼishaanii fi mana isaa dhufe.
8 I te rua tekau ma ono o nga tau o Aha kingi o Hura ka kingi a Eraha tama a Paaha ki a Iharaira ki Tirita, e rua nga tau e kingi ana.
Bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa digdamii jaʼaffaatti Eelaan ilmi Baʼishaan Tiirzaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche.
9 Na ka whakatupuria he he mona e tana tangata, e Timiri, rangatira o te hawhe o ana hariata; na i Tirita ia e inu ana a haurangi iho, i roto i te whare o Arata kaitohutohu o tona whare i Tirita.
Garuu qondaaltota isaa keessaa namichi Zimrii jedhamu kan gaariiwwan isaa keessaa walakkaa ajaju tokko isatti malate. Yeroo sanatti Eelaan Tiirzaa keessatti mana Arzaa namicha bulchaa masaraa mootummaa kan Tiirzaa keessaa sanaatti dhugee machaaʼaa ture.
10 Na haere ana a Timiri, patua iho ia, whakamatea iho i te rua tekau ma whitu o nga tau o Aha kingi o Hura, a ko ia te kingi i muri i a ia.
Zimriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa digdamii torbaffaatti ol seenee Eelaa dhaʼee ajjeese. Iddoo isaas buʼee mootii taʼe.
11 A, ka kingi nei ia, tona nohoanga ano ki te torona, patua iho e ia te whare katoa o Paaha: kihai tetahi tamaiti tane i mahue ki a ia, o ona whanaunga, o ona hoa aroha ranei.
Innis akkuma mootii taʼee teessoo irra taaʼeen maatii Baʼishaan hunda fixe. Fira isaa yookaan michuu isaa keessaa dhiira tokko illee hin hambifneef.
12 Heoi huna ana e Timiri te whare katoa o Paaha; ko ta Ihowa kupu ia i korerotia e Iehu poropiti mo Paaha,
Akkasiin Zimriin akkuma dubbii Waaqayyoo kan Baʼishaaniin mormuudhaan karaa Yehuu raajichaatiin dubbatame sanaatti maatii Baʼishaan hunda barbadeesse;
13 Mo nga hara katoa o Paaha, mo nga hara o Eraha, o tana tama i hara nei raua, i hara ai a Iharaira, he whakapataritari i a Ihowa, i te Atua o Iharaira ki a ratou mea horihori.
kunis sababii cubbuu Baʼishaanii fi ilmi isaa Eelaan hojjetanii akka Israaʼeloonnis hojjetan gochuudhaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Waaqayyo Waaqa Israaʼel dheekkamsaaf kakaasaniif taʼe.
14 Na, ko era atu meatanga a Eraha me ana mahi katoa, kahore ianei i tuhituhia ki te pukapuka o nga meatanga o nga ra o nga kingi o Iharaira?
Wantoonni bara mootummaa Eelaa keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
15 No te rua tekau ma whitu o nga tau o Aha kingi o Hura i kingi ai a Timiri ki Tirita, e whitu nga ra. Na i te whakapae te iwi i Kipetono o nga Pirihitini.
Zimriin bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii torbaffaatti Tiirzaa keessatti mootii taʼee bultii torba bulche. Loltoonnis Gibetoon magaalaa Filisxeemotaa bira qubatan.
16 A ka rongo taua iwi i whakapae ra i te korero, kua whakatakoto he a Timiri, kua patua hoki e ia te kingi; heoi meinga ana e Iharaira katoa a Omori rangatira ope hei kingi mo Iharaira i taua ra, i te puni.
Israaʼeloonni qubata keessa turanis yommuu akka Zimriin mootichatti kaʼee isa ajjeese dhagaʼanitti gaafasuma qubata sana keessatti Omrii ajajaa loltootaa sana mootii Israaʼel taasisan.
17 Na haere atu ana a Omori i Kipetono, ratou ko Iharaira katoa, a whakapaea ana e ratou a Tirita.
Omrii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Gibetoon keessaa baʼanii Tiirzaa marsan.
18 A, no te kitenga o Timiri ka horo te pa, na haere ana ia ki te wahi pai rawa o te whare o te kingi, a tahuna ana e ia ki te ahi te whare kingi ki runga ki a ia, a mate iho;
Zimriinis yommuu akka magaalaan sun qabame argetti dallaa masaraa mootummaa seenee masaraa mootummaa of irratti gubee duʼe.
19 Mo ona hara i hara ai, i tana mahinga i te kino i te aroaro o Ihowa, i tona haerenga i te ara o Ieropoama, a i tona hara i hara ai, a hara iho a Iharaira.
Wanni kunis sababii inni fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjechuu fi karaa Yerobiʼaam irra deemuudhaan cubbuu Yerobiʼaam hojjetee Israaʼelootas hojjechiise sana hojjeteef taʼe.
20 Na, ko era atu meatanga a Timiri me tana he i whakatupu ai ia, kahore ianei i tuhituhia ki te pukapuka o nga meatanga o nga ra o nga kingi o Iharaira?
Wantoonni Zimriin bara mootummaa isaa keessa hojjete biraatii fi fincilli inni kaase kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
21 Katahi ka wahia te iwi o Iharaira, kia rua nga wahi: ko tetahi hawhe o te iwi i whai i a Tipini tama a Kinata, ko ia hei kingi; ko tetahi hawhe i whai i a Omori.
Ergasii sabni Israaʼel garee lamatti qoodame; gareen tokko Tiibnii ilma Giinat mootii godhachuuf isa duukaa buʼe; gareen kaan immoo Omrii duukaa buʼe.
22 Otiia i kaha ake te hunga i whai i a Omori i te hunga i whai i a Tipini tama a Kinata; heoi mate ana a Tipini, a ka kingi ko Omori.
Garuu duukaa buutonni Omrii duuka buutota Tiibnii ilma Giinat sana caalaa jabaatan. Kanaafuu Taamniin duʼee Omriin mootii taʼe.
23 No te toru tekau ma tahi o nga tau o Aha kingi o Hura i kingi ai a Omori ki a Iharaira, a kotahi tekau ma rua ona tau i kingi ai: e ono nga tau i kingi ai ki Tirita.
Omriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii tokkoffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha lama bulche; waggoota kanneen keessaa waggaa jaʼa Tiirzaa keessa taaʼee bulche.
24 Na ka hokona e ia i a Hemere te pukepuke, a Hamaria, mo nga taranata hiriwa e rua; a hanga ana ia ki runga ki te pukepuke, a huaina iho e ia te ingoa o te pa i hanga e ia ko Hamaria, ko te ingoa o Hemere, o te tangata nona te puke.
Innis namicha Shemeer jedhamu irraa meetii taalaantii lamaan gaara Samaariyaa bitee magaalaa tokko gaara sana irratti ijaare; magaalaa sanas Samaariyaa jedhee maqaa Saamir abbaa gaara sanaa kan duriitiin moggaase.
25 Na kino ana te mahi a Omori ki te aroaro o Ihowa, kino atu i a te katoa i mua atu i a ia.
Omriin garuu fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjetee namoota isa duraan turan hunda caalaa cubbame.
26 I haere hoki ia i nga ara katoa o Ieropoama tama a Nepata, i ona hara i mea ai ia i a Iharaira kia hara, kia whakapataritari i a Ihowa, i te Atua o Iharaira ki a ratou mea horihori.
Innis karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat hunda irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiisee akka isaan waaqota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Waaqayyoon Waaqa Israaʼel aariif kakaasan godhe.
27 Na, ko era atu meatanga a Omori i mea ai ia me ana mahi toa, kahore ianei i tuhituhia ki te pukapuka o nga meatanga o nga ra o nga kingi o Iharaira?
Wantoonni bara mootummaa Omrii keessa hojjetaman kaan, wanni inni hojjetee fi jabinni inni argisiise kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
28 Na ka moe a Omori ki ona matua, a tanumia iho ki Hamaria: a ko tana tama, ko Ahapa te kingi i muri i a ia.
Omriin abbootii ofii isaa wajjin boqotee Samaariyaatti awwaalame. Ahaab ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
29 No te toru tekau ma waru o nga tau o Aha kingi o Hura, i kingi ai a Ahapa tama a Omori ki a Iharaira: a e rua tekau ma rua nga tau i kingi ai a Ahapa tama a Omori ki a Iharaira ki Hamaria.
Ahaab ilmi Omrii bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti mootii Israaʼel taʼee Samaariyaa taaʼee waggaa digdamii lama bulche.
30 Na i mahia e Ahapa tama a Omori te kino i te tirohanga a Ihowa, hira atu i a te katoa i mua atu i a ia.
Ahaab ilmi Omrii warra isa duraan turan kam iyyuu caalaa fuula Waaqayyoo duratti hammina hojjete.
31 Na, me te mea nei he mea mama ki a ia te haere i runga i nga hara o Ieropoama tama a Nepata, ka tango ia i a Ietepere, tamahine a Etepaara kingi o nga Haironi, hei wahine mana; a haere ana, mahi ana ki a Paara, koropiko ana ki a ia.
Innis cubbuu Yerobiʼaam ilmi Nebaat hojjete sana hojjechuu akka waan salphaa tokkootti ilaaluu bira darbee Iizaabel intala Etebaʼaal mooticha Siidoonotaa fuudhe; dhaqees Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuu jalqabe.
32 I whakaarahia e ia tetahi aata mo Paara i roto i te whare o Paara i hanga nei e ia ki Hamaria.
Innis mana Baʼaal itti waaqeffatamu tokko Samaariyaatti ijaaree iddoo aarsaa tokko achi keessa dhaabe.
33 Na hanga ana e Ahapa te Ahera; a nui atu ta Ahapa i mea ai hei whakapataritari mo Ihowa, mo te Atua o Iharaira i ta nga kingi katoa o Iharaira i mua i a ia.
Ahaab ammas siidaa Aasheeraa dhaabee waan mootonni Israaʼel kanneen isa duraan turan hundi hojjetan caalaa hojjetee Waaqayyoon Waaqa Israaʼel aariif kakaase.
34 No ona ra ka hanga Heriko e Hiere o Peteere: ko tana matamua, ko Apirama, te papa i te timatanga o te whakaturanga, a ko tana whakaotinga, ko Hekupu, te papa i te whakanohoanga o nga tatau; ko ta Ihowa kupu ia i korerotia e Hohua tama a Nunu.
Bara Ahaab keessa Hiiʼeel namichi Beetʼeel tokko Yerikoo deebisee ijaare. Akkuma dubbii Waaqayyoo kan karaa Iyyaasuu ilma Nuunitiin dubbatame sanaatti gaafa inni hundeewwan Yerikoo buusetti Abiiraam ilma isaa hangafatu duʼe; gaafa inni karrawwan isaa dhaabetti immoo Seguub ilma isaa quxisuu hundaatu duʼe.

< 1 Kingi 16 >