< 1 Korintiana 9 >

1 Tsy midada hao iraho? Tsy Firàheñe v’irahoo? Tsy fa nitreako hao t’Iesoà Talèntika? Tsy satako amy Talè v’inahareo?
Ani bilisa mitii? Ani ergamaa mitii? Ani Gooftaa keenya Yesuusin hin arginee? Isin buʼaa hojii ani Gooftaaf hojjedhee mitii?
2 Aa ndra t’ie tsy Firàheñe ami’ty ila’e, toe izay ama’ areo, ie tombo-kalama’ ty maha-Firàhe’ i Talè ahy.
Ani yoon warra kaaniif ergamaa taʼuu baadhe iyyuu isiniif dhugumaan ergamaa dha! Isin Gooftaadhaan chaappaa ergamtummaa koo ti.
3 Inao ty fatoiko amo mandohy ahio:
Deebiin ani warra na qoraniif kennu kana.
4 Tsy aman-jo hihinañe naho hinoñe v’izahay?
Nu nyaachuu fi dhuguuf mirga hin qabnuu?
5 Tsy zo’ay hao ty minday valy mpiato hindre lia ama’ay manahake o Firàheñe ila’eo, naho i rahalahi’ i Talè rey vaho i Kefasy?
Nu akkuma ergamoota kaanii, akkuma obboloota Gooftaatii fi akkuma Keefaa niitii amantu tokko of faana fudhannee deemuuf mirga hin qabnuu?
6 Ke izaho naho i Barnabasy avao ty tsy aman-jo hitroatse amy fitoloña’aiy.
Yookaan anaa fi Barnaabaas qofatu hojii dhiisuuf mirga hin qabnee?
7 Ia ty lahin-defoñe miato amy vara’ey hihotakotake? Ia ty mambole valoboke tsy mikama amo voa’eo? Ia ty mpiarake tsy mandriotse amy lia-raikey?
Namni baasii ofii isaatiin loltuu taʼee tajaajilu eenyu? Namni iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabee ija isaa hin nyaanne eenyu? Namni bushaayee tiksaa aannan hin dhugne eenyu?
8 Mivolañe ami’ty haondatiko iraho, fa toe tsarae’ i Hake,
Kanas ani akka taayitaa namaa qofaanan dubbadhaa? Seerris kanuma dubbata mitii?
9 ie pinatetse amy Hà’ i Mosèy ao ty hoe: Ko mameo ty añombe mandisam-bare. O añombeo hao o ambenan’ Añahareo?
Seera Musee keessatti, “Qotiyyoo midhaan siribsiisuutti jiru afaan hin hidhin” jedhamee barreeffameeraatii. Egaa Waaqni qotiyyoodhaaf yaaduu isaatii ree?
10 Ke itika i nitsarae’ey? Eka! pinate’e ho an-tikañe, soa te hiava am-pitamàñe ty mpiava, naho hitamà ty anjara’e i mpitatakey.
Inni guutummaatti sababii keenyaaf dubbachuu isaa mitii? Eeyyee, kun sababii keenyaaf barreeffame; sababiin isaa inni qotu qotuun isaa, inni midhaan siribsiisus siribsiisuun isaa akka midhaan sana keessaa qooddatu abdachaa hojjechuu qaba.
11 Aa naho añ’ arofo ty niton­gisa’ay ama’ areo, ho raha jabajaba hao ty ha­nifoa’ay ty ho paia’ ty sandriñe?
Nu waan hafuuraa isin keessatti facaafnee yoo waan foonii isin irraa haammanne kun ni guddataa?
12 Aa naho aman-dily hitake ama’ areo ty ila’e, tsy sandrake zahay? Fe tsy rinambe’ay i lily zay, fa mifeake amy ze he’e, tsy mone ho sebañe’ay ty talili-soa’ i Norizañey.
Erga warri kaan mirga gargaarsaa kana isin irraa qabaattanii, nu immoo kan caalu hin qabaannuu ree? Nu garuu mirga kanatti hin fayyadamne. Nu wangeela Kiristoositti gufuu taʼuu mannaa waanuma hunda obsuu qabna.
13 Tsy fohi’ areo hao te mikama amo mahakama’ i anjombaio o mpitoroñe amy Masiñeio, naho mitraok-anjara amy kitreliy o mpiatrake i kitreliio?
Isin akka warri mana qulqullummaa keessa wantoota qulqulluu irra tajaajilan nyaata isaanii mana qulqullummaa irraa argatan, akka warri iddoo aarsaa tajaajilan immoo waan iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamu irraa qooddatan hin beektanii?
14 Natoro’ i Talè ka te ho veloñe amy talili-soay ty mitaroñe i talili-soay.
Akkasuma immoo akka warri wangeela lallaban waan ittiin jiraatan wangeela irraa argatan Gooftaan ajajeera.
15 Fe tsy nirambesako; toe tsy t’ie handrambe izay ty nanokirako, eka hàmake t’ie hikenkañe ta te ho koaheñe o fisengeakoo.
Ani garuu mirga kana keessaa tokkotti illee hin fayyadamne. Kanas isiniif barreessuun koo waan akkasii naa gootu jedhee abdadhee miti. Namni tokko waan ani ittiin of jaju kana na jalaa busheessuu mannaa ani duʼuu naa wayya!
16 Ie taroñeko i talili-soay, tsy eo ty isengeako, amy te nafantoke; eka, hankàñe amako naho tsy taroñeko i talili-soay.
Ani yoon wangeela lallabe of jajuu hin dandaʼu; lallabuun dirqama kootii. Yoon wangeela lallabuu baadhe anaaf wayyoo!
17 Naho satriko i fitoloñañey le ho tambezeñe; fe ndra tsy satriko, tsy mete tsy anoeko avao fa nafantoke amako i fitoroñañey.
Ani yoon fedhii kootiin lallabe badhaasa qaba; yoon fedhii kootiin hin taʼin garuu ani imaanaadhuma natti kenname sana raawwachuu koo ti.
18 Inoñe arè ty tambeko? Te, ie taroñeko i talili-soay, ro atoloko tsi-am-bili’e, soa tsy handrambesako zo amy talili-soay.
Yoos badhaasni koo maali ree? Badhaasni koo, lallaba koo keessatti ani mirga wangeelaan qabutti guutuumaan guutuutti utuu hin fayyadamin kaffaltii malee wangeela lallabuu koo ti.
19 Aa ndra t’ie votsotse am’ iabikey, niondevo am’ ie iabiy, hahareketse ty maro;
Ani nama hunda irraa bilisa taʼu iyyuu nama gara caaluuf buʼaa buusuuf jedhee nama hundaaf of garboomse.
20 Tamo Jiosio iraho, nanao hoe t’ie Jiosy, hahareketse Jiosy; ie ami’ty ambane’ Hàke le anoeko hoe te ambane’ Hake, ndra te tsy ambane’ Hake, hahareketse ze ambane’ Hake;
Ani Yihuudootaaf buʼaa buusuuf jedhee Yihuudootaaf akka Yihuudii nan taʼe. Yoon ofii kootii seera jala jiraachuu baadhe iyyuu, warra seera jala jiraniif buʼaa buusuuf jedhee akka nama seera jala jiruu nan taʼe.
21 ami’ty tsy aman-Kàke ro anoako hoe tsy te aman-Kake, (toe tsy afake amy Han’ Añaharey iraho kanao ambane’ o Hà’ i Norizañeio) soa te ho azoko ze tsy aman-Kake;
Ani utuun seera Waaqaatiin ala hin taʼin, garuu utuman seera Kiristoos jala jiruu, warra seera hin qabneef buʼaa buusuuf jedhee warra seera hin qabneef akka nama seera hin qabneen taʼe.
22 amo maifoifoo iraho manao te maifoifo, handreketse o maifoifoo. Fonga tsikombèko amy ze lafi’e iaby, hahareketse ty ila’e amo sata’e iabio.
Ani warra dadhaboof buʼaa buusuuf jedhee warra dadhaboo biratti dadhabaan taʼe. Ani karaa dandaʼamu hundaan namoota tokko tokko fayyisuuf jedhee nama hunda biratti waanuma hunda nan taʼe.
23 Anoeko ty amy talili-soay, ho mpitraok’ amy voka’ey.
Akkan wangeela keessatti hirmaadhuufis sababii wangeelaatiif jedhee waan kana hunda nan hojjedha.
24 Tsy fohi’ areo hao te songa milay o mpanao tsikaviaviao, fe raike avao ty mandrambe tambe? Milaìsa arè hahagioke.
Dorgommii fiigichaa keessatti akka warri fiigan hundinuu dorgoman, garuu akka namni tokko qofti badhaasa argatu hin beektanii? Isinis akkasuma akka badhaasa argattaniif fiigaa!
25 Toe milie-batañe amy ze he’e ty te hahimbañe amo fifandreketañeo. Anoe’ iereo ty handrambesañe sabakan-drenge ho lo, fa itikañe ka, i tsy ho momokey.
Namni dorgommii keessatti dorgomu hundinuu leenjii cimaa keessa darba. Isaan gonfoo badu argachuuf waan kana godhu; nu garuu gonfoo hin badne argachuuf waan kana goona.
26 Aa le milay iraho, tsy t’ie hañeañe tsy aman-talifireñe; mikomondro, fe tsy t’ie mpamofò-tioke.
Kanaafuu ani akka nama kaayyoo malee fiiguutti hin fiigu; akka nama qilleensa rukutuutti hin lolu.
27 Ampivohoreko ty sandriko vaho ondevozeko, soa t’ie mitaroñe ami’ty ila’e ro tsy haito.
Ani garuu warra kaaniif lallabee akka ofii kootii immoo nama gatame hin taaneef dhagna koo adabee akka inni naa ajajamu nan godha.

< 1 Korintiana 9 >