< Levitikosy 18 >

1 Ary Jehovah niteny tamin’ i Mosesy ka nanao hoe:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 Mitenena amin’ ny Zanak’ Isiraely hoe: Izaho no Jehovah Andriamanitrareo:
“Akkana jedhii Israaʼelootatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
3 Aza manao araka ny fanaon’ ny tany Egypta, izay nonenanareo; ary aza manao araka ny fanaon’ ny tany Kanana, izay ampidirako anareo, ary aza manaraka ny fombany.
Isin waan isaan biyya Gibxi, biyya isin keessa jiraachaa turtan sana keessatti hojjetan hin hojjetinaa; waan biyya Kanaʼaan, biyya ani itti isin galchuuf jiru keessatti hojjetamus hin hojjetinaa. Seera isaanii duukaa hin buʼinaa.
4 Ny fitsipiko no harahinareo, ary ny didiko no hotandremanareo, hanarahanareo azy: Izaho no Jehovah Andriamanitrareo.
Isin seera kootiif ajajamaa; ajaja koos sirriitti eegaa; ani Waaqayyo Waaqa keessanii dha.
5 Ary tandremo ny didiko sy ny fitsipiko; fa raha mahatandrina izany ny olona, dia ho velona amin’ izany izy: Izaho no Jehovah.
Ajaja koo fi seera koo eegaa; namni isaaniif ajajamu isaaniin jiraataatii; ani Waaqayyo.
6 Aza misy mila izay havany akaiky handry aminy ianareo: Izaho no Jehovah.
“‘Namni kam iyyuu fira dhiigaa kam iyyuu wajjin wal bira gaʼuuf itti hin dhiʼaatin; ani Waaqayyo.
7 Aza mandry amin’ izay nandrian’ ny rainao; fa reninao izy, ka aza mandry aminy.
“‘Haadha kee wajjin wal bira gaʼuudhaan abbaa kee hin salphisin; isheen haadha kee ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
8 Aza mandry amin’ ny renikelinao; fa nandrian’ ny rainao izy.
“‘Niitii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun abbaa kee salphisa.
9 Aza mandry amin’ ny anabavinao, zanaky ny rainao, na zanaky ny reninao, na teraka tao an-trano, na teraka tany ivelany; aza mandry aminy.
“‘Isheen manuma keettis taʼu yookaan alatti dhalattu illee obboleettii kee, intala abbaa keetii yookaan haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin.
10 Aza mandry amin’ ny zanakavavin’ ny zanakao-lahy, na ny zanakavavin’ ny zanakao-vavy; fa avy aminao no nihavian’ izy roa.
“‘Intala ilma keetii yookaan intala intala keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni kun si salphisa.
11 Aza mandry amin’ ny zanakavavin’ ny renikelinao, izay teraky ny rainao; fa anabavinao izy; aza mandry aminy.
“‘Intala niitii abbaa keetii kan abbaa keetiif dhalatte wajjin wal bira hin gaʼin; isheen obboleettii kee ti.
12 Aza mandry amin’ ny anabavin-drainao; fa havan-drainao akaiky izy.
“‘Obboleettii abbaa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen abbaa keetiif fira dhiigaa ti.
13 Aza mandry amin’ ny rahavavin-dreninao; fa havan-dreninao akaiky izy.
“‘Obboleettii haadha keetii wajjin wal bira hin gaʼin; isheen haadha keetiif fira dhiigaa ti.
14 Aza mandry amin’ izay nandrian’ ny rahalahin-drainao; aza mila ny vadiny fa vadin’ ny rahalahin-drainao izy.
“‘Wal bira gaʼuuf jettee niitii obboleessa abbaa keetiitti dhiʼaattee isa hin salphisin; isheen niitii obboleessa abbaa keetii ti.
15 Aza mandry amin’ ny vinantovavinao; fa vadin’ ny zanakao-lahy izy, koa aza mandry aminy.
“‘Niitii ilma keetii wajjin wal bira hin gaʼin. Isheen niitii ilma keetii ti; ishee wajjin wal bira hin gaʼin.
16 Aza mandry amin’ ny vadin-drahalahinao; fa nandrian’ ny rahalahinao izy.
“‘Niitii obboleessa keetii wajjin wal bira hin gaʼin; wanni sun obboleessa kee salphisa.
17 Aza mandry amin’ ny vehivavy sy ny zananivavy; aza maka ny zanakavavin’ ny zananilahy, na ny zanakavavin’ ny zananivavy, handry aminy; havany akaiky ireo, ka fahavetavetana izany.
“‘Dubartii tokkoo fi intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin. Intala ilma dubartii sanaa yookaan intala intala ishee wajjin wal bira hin gaʼin; isaan isheedhaaf fira dhiigaa ti; wanni kun jalʼina.
18 Ary aza mampakatra vehivavy ho rafin’ ny rahavaviny izay mbola velona.
“‘Utuu niitiin kee lubbuudhaan jirtuu obboleettii ishee masaanuu ishee gootee hin fuudhin; ishee wajjinis wal bira hin gaʼin.
19 Ary aza mila vehivavy mararin’ ny fadim-bolany handry aminy.
“‘Yeroo dubartiin tokko xuraaʼummaa xurii jiʼaa of irraa qabdutti, bira gaʼuudhaaf jettee isheetti hin dhiʼaatin.
20 Ary aza mandry amin’ ny vadin’ ny namanao, handoto ny tenanao aminy.
“‘Niitii namaa wajjin wal bira geessee isheedhaan of hin xureessin.
21 Ary aza misy ampandehaninao hamaky ny afo ho an’ i Moloka ny zanakao; ary aza manamavo ny anaran’ Andriamanitrao: Izaho no Jehovah.
“‘Ijoollee kee keessaa tokko illee akka Moolekiif aarsaa taʼaniif hin kennin; ati maqaa Waaqa keetii hin xureessin. Ani Waaqayyo.
22 Aza mandry amin’ ny lehilahy tahaka ny fandry amin’ ny vehivavy; fa fahavetavetana izany.
“‘Akka namni dubartii wajjin ciisu ati dhiira wajjin hin ciisin; wanni kun hojii jibbisiisaa dha.
23 Ary aza mandry amin’ ny biby handoto ny tenanao aminy; ary aoka tsy hisy vehivavy hety handrian’ ny biby; fa zavatra fady indrindra izany.
“‘Horii kam iyyuu wajjin wal bira geessee of hin xureessin; dubartiin horii wajjin wal bira gaʼuuf ofii ishee itti hin kennin; kun waan karaa irraa goree dha.
24 Aza mandoto ny tenanareo amin’ izany zavatra izany akory; fa izany rehetra izany no nandotoan’ ny jentilisa ny tenany, izay efa horoahiko eo anoloanareo.
“‘Sababii namoonni ani ariʼee isin duraa baasuuf jiru kunneen haala kanaan xuraaʼaniif isin karaa kanneen keessaa kamiin iyyuu of hin xureessinaa.
25 Ary efa maloto ny tany, ka dia hamaly azy Aho noho ny helony, ary haloan’ ny tany ny mponina eo.
Lafti iyyuu xuroofteerti; kanaafuu ani sababii cubbuu isheetiifan ishee adabe; laftis jiraattota ishee ni tufti.
26 Fa mitandrema ny didiko sy ny fitsipiko ianareo, ka aza misy ataonareo izany fahavetavetana izany, na ny tompon-tany, na ny vahiny eo aminareo
Isin garuu ajaja koo fi seera koo eegaa. Dhalataan biyyaatii fi alagoonni isin gidduu jiraatanis waan jibbisiisaa kana keessaa kam iyyuu hin hojjetin.
27 (fa izany fahavetavetana rehetra izany no nataon’ ny tompon-tany izay talohanareo, ka dia naloto ny tany),
Namoonni isiniin dura biyya sana keessa jiraatanis waan kana hunda hojjetanii akkasiin biyyattiin xuroofte.
28 mba tsy handotoanareo ny tany ka tsy handoavany anareo, tahaka ny nandoavany ny firenena izay talohanareo.
Isinis lafa kana yoo xureessitan, lafti akkuma saboota isin dura turan tufte sana isiniin illee ni tufti.
29 Fa izay rehetra manao izany fahavetavetana izany na dia iray aza dia hofongorana tsy ho amin’ ny fireneny.
“‘Namni wantoota jibbisiisoo kanneen keessaa tokko illee hojjetu kam iyyuu saba isaa keessaa haa balleeffamu.
30 Koa dia tandremo izay asaiko tandremana, mba tsy hisy hataonareo akory izany fanao vetaveta izany, izay nataon’ ny olona talohanareo, ka aza mandoto ny tenanareo amin’ izany: Izaho no Jehovah Andriamanitrareo.
Ajaja koo eegaa; barteewwan jibbisiisoo isin dura hojjetamaa turan sana keessaa tokko illee duukaa buutanii ittiin of hin xureessinaa; ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”

< Levitikosy 18 >