< Deotoronomia 4 >
1 Ary ankehitriny, ry Isiraely, mihainoa ny didy sy ny fitsipika izay ampianariko anareo harahinareo, mba ho velona ianareo ka hiditra sy handova ny tany izay omen’ i Jehovah, Andriamanitry ny razanareo, anareo.
Yaa Israaʼel, ajajawwanii fi seerawwan ani isin barsiisu dhagaʼaa. Akka jiraattanii fi dhaqxanii biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isiniif kennu dhaaltaniifis isaan duukaa buʼaa.
2 Aza ampianareo ny teny izay andidiako anareo, ary aza anesoranareo, fa tandremo ny didin’ i Jehovah Andriamanitrareo izay andidiako anareo.
Ajaja Waaqayyo Waaqa keessanii kan ani isiniif kennu eegaa malee waan tokko illee itti hin dabalinaa yookaan irraa hin hirʼisinaa.
3 Ny masonareo efa nahita izay nataon’ i Jehovah noho ny tamin’ i Bala-peora; fa ny olona rehetra izay nanaraka an’ i Bala-peora dia naringan’ i Jehovah Andriamanitrao tsy ho eo aminao.
Isin waan Waaqayyo Baʼaal Pheʼooritti hojjete ijuma keessaniin argitaniirtu. Waaqayyo Waaqni keessan warra isin gidduudhaa Baʼaal Pheʼoor duukaa buʼan hunda balleesseera;
4 Fa ianareo izay nifikitra tamin’ i Jehovah Andriamanitrareo kosa dia samy velona avokoa izao anio izao.
isin warri Waaqayyo Waaqa keessan qabattan hundi garuu hamma harʼaatti lubbuudhaan jiraattan.
5 Indro, efa nampianariko didy sy fitsipika ianareo, araka izay nandidian’ i Jehovah Andriamanitro ahy, mba harahinareo any amin’ ny tany izay efa hidiranareo holovana.
Kunoo, akka isin biyya dhaaluuf itti galuuf jirtanitti isaan duukaa buutaniif ani akkuma Waaqayyo Waaqni koo na ajajetti ajajawwanii fi seerawwan isin barsiiseera.
6 Koa tandremo ary ataovy izany, fa izany no ho fahendrenareo sy ho fanananareo saina eny imason’ ny firenen-tsamy hafa; fa handre izany lalàna rehetra izany izy ka hanao hoe: Olona hendry sy manan-tsaina tokoa io firenena io
Kunis akka saboonni waaʼee ajajawwan kanaa hunda dhagaʼanii, “Dhugumaan sabni guddaan kun saba ogeessaa fi hubataa dha” jedhaniif ogummaa fi hubannaa keessan sabootatti argisiisaatii akka gaariitti isaan eegaa.
7 Fa iza no firenena, na dia lehibe aza, no mba manana andriamanitra akaiky azy tahaka an’ i Jehovah Andriamanitra amin’ izay rehetra iantsoantsika Azy?
Sabni guddaan akka yeroo nu Waaqayyo Waaqa keenya waammannutti nutti dhiʼaatu sana waaqonni isaanii itti dhiʼaatan kan biraa kami?
8 Ary iza no firenena, na dia lehibe aza, no mba manana didy sy fitsipika marina tahaka izao lalàna rehetra izao, izay ataoko eo anatrehanareo anio?
Sabni guddaan ajajawwanii fi seera qajeelaa akka seera ani harʼa fuula keessan dura kaaʼu kanaa qabu biraa kami?
9 Kanefa kosa mitandrema ianao, ka tandremo tsara ny fanahinao, fandrao hadinoinao ny zavatra izay efa hitan’ ny masonao, ary andrao miala amin’ ny fonao izany, amin’ ny andro rehetra hiainanao, fa ampahafantaro ny zanakao sy ny zafinao izany,
Akka waan iji kee arge hin daganneef yookaan akka hamma ati lubbuudhaan jirtutti garaa keetii hin badneef ofuma eeggadhu; jabaadhuu of eeggadhu. Waan kanas ijoollee keetii fi ijoollee ijoollee ijoollee keetii barsiisi.
10 dia izay hitanao tamin’ ny andro izay nitsangananao teo anatrehan’ i Jehovah Andriamanitrao tany Horeba, fony Jehovah nilaza tamiko hoe: Angony etỳ amiko ny olona, dia hampandrenesiko azy ny teniko, izay hianarany mba hatahotra Ahy amin’ ny andro rehetra hiainany ambonin’ ny tany sady hampianariny ny zanany koa.
Gaafa isin Kooreebitti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii dura dhaabattan, yeroo inni, “Akka isaan hamma lubbuudhaan lafa irra jiraatan hundatti na sodaachuu baratanii ijoollee ijoollee isaanii illee na sodaachuu barsiisaniif dubbii koo haa dhagaʼaniitii namoota walitti qabi” naan jedhe sana yaadadhaa.
11 Dia nanakaiky ianareo ka nitsangana teo am-bodin’ ny tendrombohitra; ary ny tendrombohitra nirehitra afo manakatra ny lanitra, sady nisy aizina sy rahona ary aizim-pito.
Isin utumaa tulluun sun bobaʼaa ibidda hamma wiirtuu samiitti ol baʼee duumessa gurraachaa fi dukkana limixiidhaan haguugamee jiruu itti dhiʼaattanii miilla tulluu sanaa jala dhadhaabattan.
12 Dia niteny taminareo teo amin’ ny afo Jehovah; ny teny ihany no renareo, fa tsy nahita endrika akory ianareo.
Ergasiis Waaqayyo ibidda keessaa isinitti dubbate. Isinis sagalee dubbii sanaa malee bifa tokko illee hin argine; sagalee tokko qofatu ture.
13 Dia nambarany taminareo ny fanekeny, izay nandidiany anareo harahina, dia ny Didy Folo ary nosoratany teo amin’ ny vato fisaka roa ireo.
Innis kakuu isaa jechuunis Ajajawwan Kurnan akka isin isaan duukaa buutaniif isin ajaje sana isiniif labse. Ergasii immoo gabatee dhagaa lama irratti isaan barreesse.
14 Ary izaho nodidian’ i Jehovah tamin’ izany andro izany hampianatra anareo didy sy fitsipika, mba harahinareo any amin’ ny tany izay efa hidiranareo holovana.
Waaqayyos yeroo sanatti akka ani ajajawwanii fi seerawwan biyya isin Yordaanos ceetanii dhaaltan sana keessatti duukaa buʼuu qabdan isin barsiisu na ajaje.
15 Dia tandremo tsara ny fanahinareo; fa tsy nahita endrika akory ianareo tamin’ ny andro izay nitenenan’ i Jehovah taminareo tao amin’ ny afo tany Horeba;
Gaafa Waaqayyo Kooreeb irratti ibidda keessaa isinitti dubbatetti isin bifa tokko illee hin argine. Kanaafuu jabeessaa of eeggadhaa;
16 fandrao manao ratsy ianareo ka manao sarin-javatra voasokitra ho anareo, araka izay endri-javatra na inona na inona, dia sarin-dehilahy, na sarim-behivavy,
kunis akka isin hin xuroofne, akka Waaqa tolfamaa bifa dhiiraatiin yookaan dubartiitiin soofame kam iyyuu ofii keessaniif hin tolfanne
17 na sarim-biby izay etỳ ambonin’ ny tany, na sarim-borona manana elatra izay manidina eny amin’ ny habakabaka,
yookaan horii lafa irra jiraatu yookaan simbira samii keessa barrisu kam iyyuu
18 na sarim-biby mandady na mikisaka amin’ ny tany, na sarin-kazandrano izay ao amin’ ny rano ambanin’ ny tany.
yookaan uumama lafa irra munyuuqu kam iyyuu yookaan qurxummii lafa jala bishaan keessa jiraatu kam iyyuu hin tolfanneef.
19 Ary andrao raha miandrandra ny lanitra ianao ka mahita ny masoandro sy ny volana ary ny kintana, dia izay rehetra eny amin’ ny lanitra, dia ho voataona ianao hiankokoha eo anatrehany sy hanompo azy, izay nataon’ i Jehovah Andriamanitrao ho anjaran’ ny firenena rehetra ambanin’ ny lanitra.
Ati yommuu samii ol ilaaltee aduu, jiʼa, urjiiwwanii fi raayyaa samii hunda argitutti gowwoomfamtee fuula waan Waaqayyo Waaqni kee saboota samiidhaa gadii hundaaf qoodee kennee duratti gad jettee hin sagadin.
20 Fa ianareo no nalain’ i Jehovah ka nentiny nivoaka avy tao amin’ ny memy fandrendreham-by (dia avy tany Egypta) mba ho firenena ho Azy tahaka ny amin’ izao anio izao.
Waaqayyo garuu akka isin akkuma amma jirtan kana dhaala isaa taataniif badaa sibiila itti baqsan jechuunis biyya Gibxiitii baasee isin fide.
21 Ary Jehovah dia tezitra tamiko noho ny aminareo ka nianiana fa tsy hita an’ i Jordana aho, na hiditra any amin’ ny tany soa izay omen’ i Jehovah Andriamanitrao ho lovanao.
Waaqayyos sababii keessaniif natti dheekkamee akka ani laga Yordaanos ceʼee biyya gaarii kan Waaqayyo Waaqni keessan dhaala godhee isiniif kennu sana hin seenne kakate.
22 Fa izaho ho faty amin’ ity tany ity, fa tsy hita an’ i Jordana; fa ianareo kosa no hita ka handova izany tany soa izany.
Ani biyyuma kanatti nan duʼa; ani Yordaanosin hin ceʼu; isin garuu ceetanii biyya gaarii sana dhaaluuf jirtu.
23 Mitandrema ianareo, fandrao manadino ny faneken’ i Jehovah Andriamanitrareo izay nataony taminareo ka manao sarin-javatra voasokitra ho anareo, araka ny endriky ny zavatra izay efa nandraran’ i Jehovah Andriamanitrao anao.
Akka kakuu Waaqayyo Waaqni keessan isin wajjin gale sana hin daganne of eeggadhaa; waaqota tolfamoo Waaqayyo Waaqni keessan isin dhowwe bifa kamiin iyyuu ofii keessaniif hin tolfatinaa.
24 Fa Jehovah Andriamanitrao dia afo mandevona; eny, Andriamanitra saro-piaro Izy.
Waaqayyo Waaqni keessan ibidda gubee balleessuudhaatii; Waaqa hinaafudhas.
25 Raha miteraka sy ho loa-jafy koa ianao, ka efa nitoetra ela teo amin’ ny tany ianareo ary manao ratsy ka manao sarin-javatra voasokitra, araka izay endriky ny zavatra na inona na inona, sy manao ratsy eo imason’ i Jehovah Andriamanitrao ary mampahatezitra Azy,
Isin erga ijoollee fi ijoollee ijoollee keessanii hortanii biyya sana keessa bara dheeraa jiraattanii booddee, yoo xurooftanii fakkii waaqota tolfamoo bifa kamii iyyuu tolchitanii fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti waan hamaa hojjettanii dheekkamsaaf isa kakaaftan,
26 dia miantso ny lanitra sy ny tany ho vavolombelona aho anio fa vetivety foana dia ho fongotra tokoa ianareo tsy ho eo amin’ ny tany izay alehanareo hita an’ i Jordana holovana; tsy ho maro andro eo ianareo, fa haringana tokoa.
akka isin biyya Yordaanos ceetanii dhaaltan irraa ariitiidhaan dhabamtan ani guyyaa harʼaa samii fi lafa dhugaa baatota godhee isinitti nan waama. Iddoo sana yeroo dheeraa hin jiraattan; isin guutumaan guutuutti barbadooftu.
27 Ary Jehovah hampiely anareo any amin’ ny firenen-tsamy hafa; ary ho tonga olom-bitsy izay sisa aminareo any amin’ ny firenen-tsamy hafa izay hitondran’ i Jehovah anareo.
Waaqayyos saboota keessa isin faffacaasa; saboota warra Waaqayyo isaan gidduutti isin faffacaase keessattis muraasa taatanii haftu.
28 Ary any no hanompoanareo andriamanitra asan’ ny tànan’ olona, dia vato aman-kazo, izay tsy mahita, na mandre, na mihinana, na manimbolo.
Isinis achitti waaqota harka namaatiin mukaa fi dhagaa irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan nyaachuu yookaan fuunfachuu hin dandeenye waaqeffattu.
29 Kanefa any ianao no hitady an’ i Jehovah Andriamanitrao ka hahita Azy, raha mitady Azy amin’ ny fonao rehetra sy ny fanahinao rehetra.
Garuu yoo achittis Waaqayyo Waaqa keessan barbaaddan ni argattu; isin yoo garaa fi yaada keessan guutuudhaan isa barbaaddan ni argattu.
30 Raha azom-pahoriana ianao, fa manjo anao ireo zavatra rehetra ireo, dia hiverina amin’ i Jehovah Andriamanitrao ianao any am-parany ka hihaino ny feony;
Yommuu dhiphattee wanni kun hundi sitti dhufutti, baroota dhufuuf jiran keessa gara Waaqayyo Waaqa keetiitti ni deebita; isaafis ni ajajamta.
31 fa Andriamanitra mamindra fo Jehovah Andriamanitrao ka tsy hahafoy anao, na handringana anao, na hanadino ny fanekena tamin’ ny razanao, izay efa nianianany taminy.
Waaqayyo Waaqni kee Waaqa araaraa ti; inni si hin gatu yookaan si hin balleessu yookaan kakuu abbootii keetiif kakate sana hin dagatu.
32 Fa anontanio ange ny andro lasa, izay teo alohanao hatramin’ ny andro izay namoronan’ Andriamanitra olombelona tetỳ ambonin’ ny tany ary hatramin’ ny faravodilanitra manodidina, raha mba nisy zavatra lehibe tahaka izany, na mba efa nisy re tahaka izany.
Waaʼee baroota durii kan utuu ati hin dhalatin dura gaafa Waaqayyo lafa irratti nama uumee jalqabee ture sana iyyaafadhaa; daarii samii tokko irraa hamma daarii kaaniitti iyyaafadhaa. Wanni guddaan akkanaa takkumaa uumamee yookaan wanni akkanaa takkumaa dhagaʼamee beekaa?
33 Moa efa nisy firenena nandre ny feon’ Andriamanitra niteny tao amin’ ny afo, tahaka ny efa renao, ka velona ihany?
Sabni akka keessan sagalee Waaqaa kan ibidda keessaa dubbatu dhagaʼee lubbuudhaan jiraate kan biraa takkumaa argameeraa?
34 Moa efa nanandrana handeha haka firenena ho Azy avy amin’ ny firenena hafa va Andriamanitra amin’ ny fizahan-toetra sy ny famantarana sy ny fahagagana sy ny ady sy ny tanana mahery sy ny sandry nahinjitra ary ny fampahatahorana lehibe, araka izay rehetra nataon’ i Jehovah Andriamanitrareo ho anareo tany Egypta teo imasonao?
Waaqni kam iyyuu takkumaa akka Waaqayyo Waaqni keessan utuma iji keessan arguu biyya Gibxitti isinii godhe sana saba tokko saba biraa keessaa qorumsaan, mallattoo fi dinqiidhaan, waraanaan, harka jabaa fi irree diriirfameen, yookaan hojii guddaa fi sodaachisaadhaan baasee kan ofii isaa godhachuu yaale jira?
35 Hianao no nampahitainy izany, mba hahafantaranao fa Jehovah no Andriamanitra, fa tsy misy afa-tsy Izy.
Isinis Waaqayyo Waaqa taʼuu isaa akka beektaniif wantoonni kunneen isinitti argisiifaman; isa malees kan biraa hin jiru.
36 Avy tany an-danitra no nampandrenesany anao ny feony hananarany anao; ary teo ambonin’ ny tany no nanehoany anao ny afony lehibe; ary ny teniny efa renao avy tao afovoan’ ny afo.
Inni si adabachuuf jedhee samiidhaa sagalee isaa si dhageessise. Lafa irratti ibidda isaa guddicha sitti argisiisee atis ibidda keessaa dubbii isaa dhageesse.
37 Ary satria tia ny razanao Izy ka nifidy ny zanany mandimby azy, dia Izy no nitondra anao nivoaka avy tany Egypta tamin’ ny heriny lehibe,
Inni waan abbootii kee jaallatee isaan booddees sanyiiwwan isaanii filateef ofii isaatiin humna isaa guddaadhaan biyya Gibxiitii baasee isin fide;
38 handroahany eo anoloanao firenena maro izay lehibe sy mahery noho ianao, mba hampidirany anao sy hanomezany anao ny taniny ho lova, tahaka ny amin’ izao anio izao.
kanas akka harʼa taʼee jiru kana saboota si caalaa gurguddaa fi jajjaboo si duraa ariʼee biyya isaanii dhaala godhee siif kennuuf itti si fide.
39 Koa aoka ho fantatrao anio, ka tsarovy ao am-ponao, fa Jehovah no Andriamanitra any amin’ ny lanitra ambony sy etỳ amin’ ny tany ambany, ka tsy misy afa-tsy Izy.
Harʼa akka Waaqayyo ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqa taʼe beeki; garaa keettis qabadhu. Kan biraas hin jiru.
40 Dia tandremo ny lalàny sy ny didiny izay andidiako anao anio, mba hahita soa ianao sy ny taranakao mandimby anao, ary mba ho maro andro ianao any amin’ ny tany, izay omen’ i Jehovah Andriamanitrao ho anao mandrakizay.
Akka sii fi ijoollee kee warra siʼiin duubaatiif toluu fi akka biyya Waaqayyo Waaqni kee bara baraan siif kennutti umuriin kee dheeratuuf qajeelchawwanii fi ajajawwan isaa kanneen ani harʼa siif kennu eegi.
41 Ary tamin’ izay Mosesy dia nanokana tanàna telo any an-dafy atsinanan’ i Jordana,
Yeroo sanatti Museen magaalaawwan baʼa Yordaanos sadii addaan baafate;
42 mba handosiran’ izay nahafaty ny namany tsy nahy ka tsy nankahala azy teo aloha, dia ho velona izy raha mandositra ao amin’ ny anankiray amin’ ireo tanàna ireo:
kunis lafa namni nama ajjeese yoo utuu itti hin yaadin nama ajjeese itti baqatuu dha. Innis magaalaawwan kanneen keessaa tokkotti baqatee lubbuu isaa oolfachuu dandaʼa.
43 dia Bazera any an-efitra, amin’ ny tany lemaka, an’ ny Robenita; ary Ramota-gileada an’ ny Gadita; ary Golana any Basana an’ ny Manasita.
Magaalaawwan sunis kanneen turan: Bezer kan gammoojjii keessa tabba irra jirtu gosa Ruubeeniif, Raamooti kan Giliʼaaditti argamtu gosa Gaadiif, Goolaan kan Baashaanitti argamtu immoo gosa Minaaseef.
44 Ary izao no lalàna izay nalahatr’ i Mosesy teo anatrehan’ ny Zanak’ Isiraely.
Kun Seera Museen Israaʼeloota dura kaaʼee dha.
45 Izao no teni-vavolombelona sy didy ary fitsipika, izay nambaran’ i Mosesy tamin’ ny Zanak’ Isiraely, rehefa nivoaka avy tany Egypta izy,
Qajeelchi, ajajnii fi seerri Museen yommuu isaan biyya Gibxii baʼanitti Israaʼelootaaf kenne kanaa dha;
46 tany an-dafin’ i Jordana, tao an-dohasaha tandrifin’ i Beti-peora, tao amin’ ny tanin’ i Sihona, ilay mpanjakan’ ny Amorita nonina tao Hesbona, dia ilay noresen’ i Mosesy sy ny Zanak’ Isiraely, rehefa nivoaka avy tany Egypta izy,
kunis yeroo isaan Sulula Beet Pheʼoor biyya baʼa Yordaanositti argamtu keessa turanitti taʼe; biyyi kunis biyya Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraachaa turee Musee fi Israaʼeloonni yeroo biyya Gibxii baʼanitti isa moʼatanii ti.
47 ka dia azony ny tanin’ i Sihona sy ny tanin’ i Oga, mpanjakan’ i Basana, dia ny mpanjaka roa tamin’ ny Amorita, izay tany an-dafy atsinanan’ i Jordana,
Isaanis biyya isaatii fi biyya Oogi mooticha Baashaan jechuunis biyyoota mootota Amoorii lamaan baʼa Yordaanositti argaman dhaala godhanii fudhatan.
48 hatrany Aroera, izay ao amoron’ ny lohasahan-driaka Arnona, ka hatramin’ ny tendrombohitra Siona (Hermona izany),
Biyyi kunis Aroʼeer kan daarii Sulula Arnoonii jalqabee hamma Gaara Sihoonitti jechuunis hamma Hermooniitti balʼata;
49 dia ny tani-hay rehetra any an-dafy atsinanan’ i Jordana ka hatramin’ ny ranomasina amin’ ny tani-hay eo am-bodin’ i Pisga.
innis Arabbaa baʼa Yordaanosii hamma galaana Arabbaatti jiru kan tabba Phisgaatii gaditti argamu hunda dabalata.