< 1 Tantara 20 >

1 Ary rehefa niherina ny taona, ka mby amin’ ny andro fandehanan’ ny mpanjaka hiady, dia nitondra ny miaramila rehetra Joaba ka nandrava ny tanin’ ny taranak’ i Amona, dia tonga izy ka nanao fahirano an’ i Raba; fa Davida kosa nijanona tany Jerosalema ihany. Ary Joaba nahafaka an’ i Raba, ka dia nandrava azy.
Birraa keessa yeroo mootonni waraanaaf baʼanitti Yooʼaab humnoota waraanaa qajeelchee biyya Amoonotaa barbadeesse; ergasiis dhaqee Rabbaa marse; Daawit garuu Yerusaalemitti hafe. Yooʼaabis Raabbaa waraanee daaraa ishee godhe.
2 Dia nesorin’ i Davida ny satro-boninahitr’ ilay mpanjaka teo an-dohany, ka hitany fa talenta volamena iray no lanjany, sady nisy vato soa, ary dia nisatrohan’ i Davida. Ary navoakany ny babo azo tao an-tanàna ka be dia be.
Daawitis mataa mootii isaanii irraa gonfoo fudhate; gonfoon sun hamma warqee taalaantii tokkoo ulfaatee dhagaawwan gati jabeeyyiis of irraa qaba ture; gonfichis mataa Daawit irra kaaʼame. Innis magaalaa sana keessaa boojuu akka malee baayʼee fudhatee
3 Ary dia navoakany koa ny olona izay tao, ka nasiany tamin’ ny tsofa sy tamin’ ny fangao-by lehibe sy ny famaky; toy izany no nataon’ i Davida tamin’ ny tanànan’ ny taranak’ i Amona rehetra. Ary Davida sy ny vahoaka rehetra dia niverina nankany Jerosalema.
namoota achi keessa turanis gad yaasee akka isaan magaaziidhaan, gasoo sibiilaatii fi qottoodhaan hojii hojjetan godhe. Daawit magaalaawwan Amoonotaa hunda keessattis akkasuma godhe. Ergasii Daawitii fi loltoonni isaa hundinuu Yerusaalemitti ni deebiʼan.
4 Ary nony afaka izany, dia nisy ady tamin’ ny Filistina tao Gazera; tamin’ izany no namonoan’ i Sibekay Hosatita an’ i Sipay, izay isan’ ny taranaky ny Refaïta, ka dia naetriny ny Filistina.
Ergasii immoo lafa Geezir jedhamutti Filisxeemota wajjin waraanni baname. Yeroo sanattis Siibekaay namichi biyya Hushaa sun Siifaay namicha gosa tokko Refaayin ajjeese; Filisxeemonnis ni bulaniif.
5 Ary dia nisy ady tamin’ ny Filistina indray ary Elanana, zanak’ i Jaïra, namono an’ i Lamy, rahalahin’ i Goliata Gatita, izay nanan-jaran-defona tahaka ny vodi-tenon’ ny mpanenona.
Waraana biraa kan Filisxeemota wajjin godhame keessatti immoo Elhaanaan ilmi Yaaʼiir sun Lahemii obboleessa Gooliyaad namicha Gitii kan somaan eeboo isaa loosaa wayya dhooftuu gaʼu qabu sanaa ni ajjeese.
6 Ary nisy ady indray tao Gata; ary tao nisy lehilahy vaventibe izay enin-drantsana, ka dia efatra amby roa-polo no isan’ ny rantsan-tànany sy ny rantsan-tongony; ary izy koa mba isan’ ny taranaky ny Refaïta.
Ammas waraana Gaatitti godhame kan biraa keessatti namicha hamma wayii gaʼu kan tokkoo tokkoo harka isaa irraa quboota jaʼa jaʼa akkasumas tokkoo tokkoo miilla isaa irraa quboota jaʼa jaʼa walumatti quboota digdamii afur qabu tokkotu ture. Innis sanyii Raafaa keessaa dhalate.
7 Ary nony nihaika ny Isiraely izy, dia nahafaty azy Jonatana, zanak’ i Simea, rahalahin’ i Davida.
Yommuu inni Israaʼelin tuttuqettis Yoonaataan ilmi Shimeʼaa obboleessi Daawit isa ajjeese.
8 Ireo no taranaky ny Refaïta tao Gata, ka matin’ ny tànan’ i Davida sy ny tanan’ ny mpanompony ireo.
Isaan kunneen sanyiiwwan Raafaa warra Gaati keessa turanii dha; isaanis harka Daawitii fi harka namoota isaatiin dhuman.

< 1 Tantara 20 >