< Salamana Pamācības 17 >

1 Sauss kumoss ar mieru ir labāks, nekā pilns nams ar kaujamiem, kur ķildas.
Mana nyaataa dhugaatiin guutame kan lola qabuu mannaa, iddoo nagaan jirutti hurraaʼaa buddeena goggogaa wayya.
2 Gudrs kalps valdīs pār netiklu dēlu un dalīs mantojumu starp brāļiem.
Garbichi hubataan ilma salphaa bulcha; obboloota gidduuttis dhaala qooddata.
3 Kausējamais katls sudrabu, un ceplis zeltu, bet Tas Kungs pārbauda sirdis.
Okkoteen waa itti baqsan meetiif, boolli ibiddaa immoo warqeef; Waaqayyo garuu garaa namaa qora.
4 Netiklis klausās uz blēņu valodām, melkulis griež ausi uz neliešu mēlēm.
Namni hamaan dubbii gowwoomsaa dhaggeeffata; sobaanis arraba balaʼamaadhaaf gurra kenna.
5 Kas nabagu apsmej, tas nievā viņa Radītāju, un kas par viņa bēdām priecājās, nepaliks nesodīts.
Namni hiyyeeyyiitti qoosu kan isaan Uume sana tuffata; kan badiisa namaatti gammadu utuu hin adabamin hin hafu.
6 Sirmgalvju kronis ir bērnu bērni, un bērnu goda rota ir viņu tēvi.
Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha; haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.
7 Ģeķiem nepieder augsti vārdi, nedz lielam kungam melot.
Dubbiin baʼeessi nama gowwaatti hin tolu; hidhiin sobu immoo hammam bulchaa tokkotti haa hammaatu ree!
8 Kam ir ko dot, tam tas ir kā dārgs akmens; kur tik tas griežas, tur labi izdodas.
Mattaʼaan namicha kennuuf miʼa falfalaa ti; inni lafa dhaqu kamitti iyyuu ni milkaaʼa.
9 Kas grēku apklāj, tas iekopj draudzību; bet kas vainu no jauna aizņem, sarīdina radus.
Namni balleessaa namaaf dhiisu jaalala guddisa; namni waan tokko irra deddeebiʼu, garuu michoota walitti dhiʼaatan gargar baasa.
10 Aprāšana vairāk satriec prātīgo, nekā simts sitienu ģeķi.
Hamma gowwaan yeroo dhibba garafamee itti dhagaʼamu caalaa ifannaan nama waa hubatutti dhagaʼama.
11 Dumpinieks meklē tik ļaunu vien, bet bargs vēstnesis pret viņu taps sūtīts.
Namni hamaan fincila qofa barbaada; ergamaan namaa hin naane isatti ni ergama.
12 Labāki lāču māti sastapt, kurai bērni paņemti, nekā ģeķi viņa ģeķībā.
Gowwaa gowwummaa isa keessa jiruun walitti dhufuu mannaa amaaketa dhaltuu ilmaan ishee jalaa fudhatamaniin walitti dhufuu wayya.
13 Kas labu ar ļaunu atmaksā, no tā nama ļaunums neatstāsies.
Nama qooda gaarii hamaa deebisu, hamminni mana isaa keessaa hin baʼu.
14 Ķildu sākt ir kā ūdens dambi izplēst; pirms sāk jaukties, atstājies.
Lola jalqabuun akkuma bishaan cabsanii yaasuu ti; kanaafuu utuu lolli hin hoʼin dubbii dhiisi.
15 Kas bezdievīgu taisno un taisnu pazudina, tie abi Tam Kungam ir negantība.
Waaqayyo waan kana lachuu ni balfa; kunis nama yakka qabu qulqulluu gochuu fi nama balleessaa hin qabnetti muruu dha.
16 Ko palīdz ģeķim maksa rokā, gudrību pirkt, kad jēgas nav.
Sababii inni ogummaa argachuuf fedhii hin qabneef, maallaqni harka gowwaa jiru faayidaa maalii qaba?
17 Draugs mīļo ikkatrā laikā, bet brālis piedzen bēdu dienā.
Michuun yeroo hunda nama jaallata; obboleessi immoo guyyaa rakkootiif dhalata.
18 Tas ir negudrs, kas roku dod galvodams priekš sava tuvākā.
Namni qalbii hin qabne harka dhaʼee waa namaaf kakata; fuula ollaa ofii isaa durattis wabii taʼa.
19 Kas ķildu mīļo, tas mīļo grēku; un kas savas durvis taisa augstas, tas meklē nelaimi.
Namni lola jaallatu cubbuu jaallata; namni karra ol dheeraa ijaarus badiisa waama.
20 Kam nelieša sirds, tas laba neatradīs; un kam netikla mēle, tas iekritīs nelaimē.
Namni yaada hamaa qabu hin milkaaʼu; kan arrabni isaa nama gowwoomsus rakkoo keessa seena.
21 Kas ģeķi dzemdina, tam tas būs par skumjām, un ģeķa tēvs nevar priecāties.
Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; abbaan ilma gowwaas hin gammadu.
22 Priecīga sirds dziedina vainas, bet sagrauzts gars izkaltē kaulus.
Garaan gammadu qoricha gaarii dha; hafuurri cabe immoo lafee gogsa.
23 Bezdievīgais ņem slepeni dāvanas, locīt taisnības ceļu.
Namni hamaan karaa murtii qajeelaa jalʼisuuf jedhee dhoksaadhaan mattaʼaa fudhata.
24 Prātīga cilvēka vaigā ir gudrība, bet ģeķa acis laistās līdz pasaules galiem.
Namni hubataan fuula isaa gara ogummaatti deebifata; iji gowwaa garuu hamma handaara lafaatti joora.
25 Ģeķīgs dēls savam tēvam par sirdēstiem, un rūgtums tai, kas viņu dzemdējusi.
Ilmi gowwaan abbaa isaatti gadda fida; haadha isa deessettis jireenya hadheessa.
26 Jau nav labi, taisno sodīt, ne vēl goda vīru sist taisnības dēļ.
Nama balleessaa hin qabne tokko adabuun gaarii miti; qondaaltota amanamoo rukutuunis sirrii miti.
27 Kas savu muti valda, tam ir samaņa, un kam lēns gars, tas ir prāta vīrs.
Namni beekaan of qusachaa dubbata; namni hubataanis hafuura qabanaaʼaa qaba.
28 Pat ģeķi, kad tik klusu cieš, notur par gudru, un par prāta vīru, kamēr savu muti tur.
Gowwaan iyyuu yommuu calʼisu ogeessa fakkaata; yommuu arraba isaa toʼatus hubataa fakkaata.

< Salamana Pamācības 17 >